ABDII SABAA
Asbeks Giddugala Aappii Teelegiraamaa (Telegram App Center) irratti Tarraa’uun Beekkamtii Argate. Waltajjiin dijitaalaa saffisaan guddachaa jiru kan fayyadamtoonni yeroo fi dandeettii isaaniin maallaqa akka argatan gargaaruufi tajaajiloota hedduu kennuuf…
Qarshii 10,000 Injifadhaa!
Asbeks badhaasa garaa garaa kennuun hojjettoota isaa jajjabeessa. Amma immoo, nama marsaa kana tokkoffaa ta’eef qarshii 10,000 ulaagaa tokko malee badhaasa!
Marsaan kun adda – ulaagaa tokko malee, namni 1ffaa ba’e ni injifata. Namoonni Sadarkaa 2 haga 50ffaa akkuma duraatti qarshii isaanii baafachuu danda’u. Ammallee eegallaan carraan injifachuu keessanii ballaadha!
Viidiyoo Ergaa injifattoota marsaawwan darbanii! 🫴
🔵 https://www.tgoop.com/ABDII_SABAA/18032
🔵 https://www.tgoop.com/ABDII_SABAA/18160
Injifachuuf 1ffaa ta’uu qofa gaafata!
Eegalaa – Asbeks kuufachaa Qarshii 10,000 mo’adhaa!
Eegaluuf @asbeksplatform hordofaa!
Akkaataa itti eegalan
@asbeksplatform seenuun maxxansa jalaa hidha Start Now jedhu cuqaasuun Asbeks eegaltu. Akka Asbeks keessan isiniif banee bakka “Earn Asbeks” jedhu tuqxu sanbooda wanta isiniif dhufu cuqaastu! Sanbooda Asbeks keessanitti deebitu.
Bifa kanaan erga Asbeks walitti qabattanii Claim ka jedhu tuquun Asbeks kuufattan galmeeffattu.
Sadarkaan keessan hamma Asbeks qabdaniin osoo hin taane amma isin “Earn Asbeks” click gootaniin “Reward Clicks” keessaniin isiniif kaawwama!
Eegalaa https://www.tgoop.com/tapps_bot/center?startapp=app_asbeks
CARRAA GAARII!
#Asbeks Waliin Fuulduratti!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

❤311👍46😁18👏17🥰11🤯11🔥6
ODUU:
PSGn yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifate
Tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin kilabiin Firaans PSGn kilaba Itaalii Intar Miilaan goolii 5 fi 0n moo’achuun seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifateera.

❤408🏆61👍32👏29🔥15🥰9🤯9😁5🤩4
Komii Barattoota yunivarsiitii Wallaggaa main campus
Barattoonnii Yunivarsiitii Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti argamu keessatti baratan Barattoonni shamarranii 'Remedial' baratan irra deddeebbiin yaaliin dirqisiisanii gudeeduu fi bilbila irraa fudhatanii deemuu mana fincaanii kessatti irra ga'aa jiraachu himan.
Dubartoonni hedduun gudeedamanii bilbilas hatamanii jiru kan jedhan barattoonni kunneen Ijoolleen maqaasaaniif sodaatanii cal jedhan hedduu ta'uu dubbatu.
''haaluma wal fakkaatuun guyyaa Wiixata darbees barattuu tokko halkan keessaa sa'aa 3tti mana fincaaniitti itti seenee gudeeduuf wayita yaalu ofirraattii qabdee osoo wal daddarbatanii haguuggaan fulasaa waan lafa bu'ee fuulli isaa mullateef intala ajjeessuuf qullaashee lafarra gottotee gara alaa baasuun gara lagaatti gadi buusee ajjeesuuf osoo yaalu barattoonni birmataniifii bilbila ishee qofa fudhatee deeme'' jechuun barattoonni kunneen himan.
Namni kunis Waardiyyaa yunivarsiitichaa ta'uu isaa kan ibsan barattoonni kunneen isheenis fuula isaa arguushee dubbatti.kana malees kopheen isaas achitti kan hafee yoo ta'u namoonnis kopheen sun kansaa ta'uu mirkaneessaniiru. Innis erga guyyaa sanaatii eegalee hojii hin seennes jechuun haala uumame kana himan.
Dhimmuma kana ilaalchisuudhaan Barattoonni hiriira ba'anii kan turan yoo ta'u polisiin ijoollee bittinsee jira. yunivarsiitichi maqaa isaaf jecha waan kana dhoksuuf yaalaa jiras jedhan.
"Barattuun taateen kun ishee muudate Dubbii kana gara qaama dhimmichi ilaallatu qaama seeraa biraan akka geenyeef sodaachisaan garaa garaa ishee qaqqabaa jira.Dubbiin kun Ajjeechaa fi Dirqisiisanii gudeeduu ta'ee osoo jiruu ukkaamsuun Barattoota kanaaf yaaddoo guddaa ta'ee jira''jechuudhaan barattoonnii kunneen yaaddoo qaban dubbatan
''Maaloo humna qabdan hundaan shamarran keenyaaf sagalee nuuf ta'aas jedhan.

👍644❤442😭166😢114💔68😱42😁30🤗24🫡23🤯16🥰15
komii Barattoota Yunivarsiitii Amboo kaampaasii Hacaaluu.
Barattoonnii yunivarsiitii Amboo kaampaasii Hacaaluu rakkoo hanqina bishaan dhugaatii fi dhiqannaa isaan muudateef furmaata barbaannaa jedhan.
Barattoonni kunneen Rakkoon kun erga isaan muudatee guyyoota 10 n kan lakkofsise ta'uus himan.
Kanaafuu qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata akka itti nuuf kennu barbaannas jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Barattoonnii yunivarsiitii Amboo kaampaasii Hacaaluu rakkoo hanqina bishaan dhugaatii fi dhiqannaa isaan muudateef furmaata barbaannaa jedhan.
Barattoonni kunneen Rakkoon kun erga isaan muudatee guyyoota 10 n kan lakkofsise ta'uus himan.
Kanaafuu qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata akka itti nuuf kennu barbaannas jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤510👍149👌30😭27😁24👏22💯20🔥6🤯5
ODUU:
Filannoo biyyaalessaa 7ffaa gaggeessuuf hojiileen qophiin duraa eegalamuun ibsame.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf hojiileen qophiin duraa eegalamaniiru jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.
Boordichi hojiilee qophiin duraa filannoo marsaa 7ffaafi dhimmoota kaan irratti midiyaaleef ibsa kennaa jira.
Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Meelaatewarq Hayiluu ibsa isaaniin, hojiileen qophiin duraa hojjetaman bara 2018 filannoo gaggeessuuf karoorsuuni jedhan.
Boordichi qorannoo filannoo marsaa 7ffaa ilaalchisuun gaggeesseen karoora tarsiimawaa waggoota shanii qopheesuu kaasanii, muuxannoowwan galtee ta’an argamuufi dhimmoota fooyya’uu qaban irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin taasifamuu hubachiisaniiru.
Wixinee labsii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyaateen adeemsi filannoo tuttuqaarraa bilisa karaa ta’een akka gaggeeffamuuf karoorri qabameera.
Hojiin buufataalee filannoo haalaan adda baasuufi to’achuu dandeessisu hojjetamaa jiraachuufi naannolee garaagaraatti hojiin buufataalee filannoo kuma 12 adda baasuu hojjetamuu kaasaniiru.
Qormaanni raawwachiistota buufata filannoo karaa onlaayinii kennama jedhan.
Wayita filannoo maanuwaaliin oppireeshinii sochii tokkoon tokkoo ogeessa agarsiisu qophaa’uus ifoomeera.

❤256😁90👍35🥰10🤯9🔥7🆒5😢3😱2
ODUU:
Qormaanni naannoo kutaa 6ffaa boru akka eegalamu eerame.
Naannoo Oromiyaatti qormaanni naannoo kutaa 6ffaa guyyaa boruu eegala jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa. Barattoonni kutaa 6ffaa kumni 700 fi kumni 69 fi 176 qormaata kana kan fudhatan ta’uu Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon Miidiyaaf ibsaniiru.

❤270👍59👏17🙏13🏆3😱1
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
Yadaaf qeeqa akkasumas komii qabdan barattoonni karaa @Abdii_SabaaSupport dhiheessaa.

❤165👍59👏15🤯9💘9
ODUU:
Biyya keenyaa Itoophiyaatti namni jalqabaa dhibee Maariyyee Jaldeessaan du’e kan galmaa’e yoo ta'u namoonni dhibichaan qabaman jaha gahaniirus jedhame.
Itoophiyaatti namoota dhibee Maariyyee Jaldeessaan (Mpox) qabaman keessaa namni jalqabaa lubbuun isaa darbe tokko mirkanaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksise. Namoonni dhibee kanaan qabaman jaha gahuunis himame.
Akka gabaasa Ministeera Fayyaa fi Inistitiyutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa baasan jedhutti, Itoophiyaa keessa hanga ammaatti namoota 6 dhibichaan qabamuu isaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, isaan keessaa shan yeroo ammaa yaalarra jiru.
Akka gabaasni kun jedhutti namni haaraa dhibee kanaan qabamees ta’e kan dandamate kan hin jirre yoo ta’u, namni haala yaaddeessaarra jiru jiraachuu hin gabaafamne.
Akka Ministeerri Fayyaa ibsetti, hanga ammaatti namoota dhibeen kun irra jiraachuu shakkaman 15f qorannoon laabraatoorii gaggeeffameeras jedhan.

❤231😢36😭22👍20😁5🤝5👏1
ODUU:
Yuukireen haleellaa Dirooniitiin xayyaarota waraanaa Raashiyaa mancaasuun himame
Yuukireen haleellaa Diroonii buufataalee xayyaarota waraanaa irratti gaggessuun Raashiyaarraan kasaaraa guddaa gahuu beeksifte.
Haleellan diroonii buufataalee xayyaarota waraanaashee irratti raawwatamuu Raashiyaanuu amanteetti.
Yuukireen oppireeshinii "Spider Web" jedhamuun moggaaste kana raawwachuuf waggaa tokkoo ol irratti hojjataa turte.
Biyyattiin kanaan dura haleellaa garaa garaa daangaa Raashiyaa keessatti raawwatteetti.
Akkuma waraanni eegalee tureen doonii waraanaa Raashiyaan ittiin boontu Moskova jedhamu haleeluun dhidhimsitee turte.

❤406👍75😁26🤯23👏22🔥16💯12💘7🥰6
ODUU:
Obbo Taayyee Danda’aa mana jireenya isaanii irraa humnoota nageenyaan to’atamuun isaanii dhagaahame.
Deetaan Ministira Nagaa duraanii Taayyee Danda’aa, himannaa lamaan irraa bilisa jedhamanii kan turan deebi’ee falmiin akka irratti gaggeeffamu Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa ajaja erga dabarse sa’aatii muraasa booda to’annoo jala oolan.
Abukaatoon isaanii Obbo Abarraa Niguus maamilli isaanii har’a waaree booda naannoo sa’aatii 10:00 mana jireenya isaanii irraa to’atamuu dubbate “Ganama naannoo sa’aatii 5:00 waliin dhaddacha turres” jedhan.
Akka abukaatoon kun jedhanitti, hidhaan kun “ajaja manni murtii har’a dabarse waliin walqabatee kan raawwatame miti.” Poolisoonni federaalaa gara mana jireenyaa Obbo Taayyee dhufan to’annoo jala oolchuu isaanii dura “waajjira keessatti isa haasofsiisuu akka barbaadan” itti himuu isaanii dubbatan.

❤277😢80👍35💔27🕊12😭11🤯8👏5
ABDII SABAA
#500k SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#500k
#ODUU_GAMMACHIISAA
#Baga_Gammaddan_Baga_Gammanne
Miidiyaan @Abdii_Sabaa ummata Oromoo guutummaa addunyaa irra jiraniif aarsaa guddaa kaffaluun odeeffannoo dhugaa ta'e qofa soqee, qoree, sassaabuun bifa kanaan dura hin baraminiiniin ariitiifi si'aa'inaan halkaniif guyyaa osoo hin jedhin dhiheessaa kan tureefi dhiheessaa jiruudha.
Imalli miidiyaan @Abdii_Sabaa waggoota muraasa irra as dabarre kana keeysa dhaadannoo "SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA" jedhu qabatee imala isaa ummata baldhaa biyya teenyaa odeeyfannoo qulqulluu tahe biraan gahuu addatti saba oromoo fi barattoota oromoof sagalee tahuu beekkamtii argachaa dhufee guyyaa arraa hordoftoota 500k horachuu dandahee jira.
Miidyaa @Abdii_Sabaa adda wanti godhu mara ija tokkoon ilaaluu , haqummaafi amanamummaa, yommuu tahu kaayyoon isaa guddaan akka sabaatti miidiyaa guddaafi giddu gala ta’e dhaabuun hanqina roga miidyaatiin ummata keenya biratti uumamaa ture guutuudha. Addatti miidyaan Abdii Sabaa sagalee barattoota oromoo kan yuunivarsiitiilee biyyattii garaagaraa keeysatti barachaa turaniifi barachaa jiraniif rakkoolee isaan mudatu qaama dhimmi ilaallatutti dabarsuun sagalee ta'uun akka fala argatu dhiibbaa maaliinuu bakkan buufamne godhaa ture ammaas gochaa jira.
Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa xiqqaa guddaa, barataa barsiisaa, hoogganaafi hoogganamaan marti akka madda odeeffannoo haqaatti giddu galummaan itti fayyadamuufi miidiyaa erga hundeeffamee tokkummaa sabaa, mirga ummataafi haqaaf dhugaa diriirsuuf tattafataa jiru ta’uu ummati ragaa ba’uufiifi miidiyaa miidiyoota jiran irraa marartii sabaaf qabuuf galateeffamudha.
Keeysattuu rakkoolee dhaabbilee Barnootaa olaanoo keessatti ilmaan oromoofi saboota biroo mudatan irratti kan xiyyeeffate miidiyaan Abdii Sabaa akkuma dhaadannoo isaa hawaasa Abbaa, haadha, obboleessa fi ollaa ta'uun fala barbaaduu irra darbuun maatiifi barattoonni wal irraa fagaatanii jiraniis gaafa rakkoo gama miidiyaa kanaan akka waan walbira jiraniitti odeeffannoo qulqulluu dhiheessuun rakkinoota isaan qabaniif kallattii furmaata itti argatan haala mijeessaafii kan jiruufi mijjeeysaa kan tureedha. Kun hundi milkaa'uu kan danda'es yeroo xiqqaa keessattidha.
Karoorriifi kaayyoon Miidiyaa Abdii Sabaa kun fiixaan ba'aa jiraachuu kan mullisus namoonnii Afaan keenya Afaan Oromoo hin dhageenye dhibbantaa 25% ta'an miidiyaa kana hordofuu isaaniiti. Namoonni afaan Oromoo hin dhageenyeyyuu jaalalaafi kabaja miidiyaa kanaaf qaban haala kanaan agarsiisaa jiru. Kun kan duraa caalaa hamileedhaan miidiyaan Abdii Sabaa akka biyyaatti miidiyaa guddaa fi madda odeeffannoo qulqulluu tahee akka tajaajiluufi caalmatti akka hojjatu taasisa.
Qulqullina odeeffannoofi qindaa’ina eeruu irratti hundaa’uun taatee dhugaa guutuu biyyattiitti ta’uufi yaada furmaataa tokkummaa ummataa eegu kamuu gabaasuun daran fooyya’uun kan itti fufu ta’uu yeroo ibsus gammachuu guddaan.
Hojjettoonni Miidiyaa Abdii Sabaa halkaniifi guyyaa miidiyaa Oromoo addunyaan fakkeenyummaa irraa fudhachuu danda'u hundeessuuf dadhabe hifadheera osoo hin jedhin tattaaffii cimaa taassisaa jiru.
Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
Qulqullina odeeffannoofi qindaa’ina eeruu irratti hundaa’uun taatee dhugaa guutuu biyyattiitti ta’uufi yaada furmaataa tokkummaa ummataa eegu kamuu kan gabaasnu ta’a.
Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa Walabaati, miidiyaa sabaati.
Bakki miidiyaa bakka itti akka sabaatti itti kufnee turredha, miidiyaa kanaanis lafa kufnee ni kaana.

❤666👍131👏38🎉26🔥23🙏17🤬15🕊13🥰12🫡11🤯9
ODUU:
Ministeerri muummee Dooktar Abiy Godina Hadiyyaatti ijaarsa misooma Koriidarii mandara moodeela baadiyyaa eegalchiisan
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Hadiyyaatti ijaarsa misooma Koriidarii mandara moodeela baadiyyaa eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirra odeeffannoo kaa’aniin, hojiiwwan misoomaa tola ooltummaa gannaa magaalaatti eegalaman baadiyaa waliin walitti hidhuuf hojii hojjetamu keessaa tokko kan ta’e hojii misooma koriidarii baadiyyaa eegalchiisaa jirra jedhan.
Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Hadiyyaa Aanaa Leemmoo Ganda Dubaanchootti sagantaan eegalchiisa misooma Koriidarii Mandara Qonnaan bulaa Moodelaa geggeeffamuus ibsaniiru.
Dooktar Abiy ergaa isaaniin, manndaroonni moodelli kunniin ijaaramuun qonnaan bulaan hojii qonnaa hojjechaa jireenya fooyya’aa akka jiraatuuf kan dandeessisanii dha jedhan.

❤264😁77👍32🤯10👏5
ODUU:
Manni Marii Bakka Bu'oota Uummataa labsii sadii raggaase
Manni Marii Bakka Bu'oota Uummataa bara hojii 4ffaa, walgahii idilee 33ffaa taa’een, labsii sadii qoratee raggaaseera.
Labsiiwwan sadan raggaafaman keessaa inni tokko akkaataa balfa gogaa gatuun danda’amu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, labsiiwwan hafan lamaan ammoo waliigalteewwan liqiiti.
Waliigalteewwan liqii kunneenis damee qonnaa fi eegumsa fayyaa dubartootaa fi shamarranii fooyyessuuf gargaaran irratti kan xiyyeeffatan ta’uun ibsameera.
Manni Marichaa labsiwwan dhiyaatan sagalee guutuun raggaaseera.

❤245👍46😁23👏13😱9🤬3🔥2
ODUU:
Naayijeeriyaatti balaa lolaa muudateen namoonni 700 ol du'uu akka hinoolle himamaa jira.
Kamisa darbe rooba cimaa Naayijeeriyaa, magaalaa Mookaawaatti roobee lolaa hamaa uumeen, baayyinni namoota du’anii 200 ol ta’u jedhamee ture hanga 700 gahuuyyuu akka hinoolle himamaa jira.
Bulchaan naannoo Mookaawaa obbo Muhammadu Aliyyuu akka jedhanitti, tatamsa’ina dhibee daddarbaa ittisuuf namoota balaa lolaa Kanaan awwaalaman qotanii baasuudhaan yeroo dhihootti sirna awwaalchaa raawwachuun ni eegalama.
Giddugaleessa Niijarittis rooba cimaadhaan balaa lolaa muudateen namoonni 500 ammallee achi buuteen isaanii dhabamuun eerameera.

❤252😭108😢75👍15🥰12👏6🔥2
ABDII SABAA
ODUU: Manni Marii Bakka Bu'oota Uummataa labsii sadii raggaase Manni Marii Bakka Bu'oota Uummataa bara hojii 4ffaa, walgahii idilee 33ffaa taa’een, labsii sadii qoratee raggaaseera. Labsiiwwan sadan raggaafaman keessaa inni tokko akkaataa balfa gogaa gatuun…
Feestaalii abbaa qarshii 1 qabatanii argamuun qarshii 2000 hanga 5000 adabsiisuu akka danda'u himame.
Manni Marii Bakka Bu'oota Uummataa bara hojii 4ffaa, walgahii idilee 33ffaa taa’een, labsii taassiseen Feestaalii abbaa qarshii 1 qabatanii argamuun qarshii 2000 hanga 5000 adabsiisuu akka danda'u himame.
Dhimma kanaan walqabachuu Gaaffii miseensa paarlaamaa irraa ka'een "hubannoon hawaasa keenyaa gadi bu'aa waan ta'eef, yoo barbaachises adabbiin madaalawaa miti, adabuun duratti oomishni akka hin dhiyaanne taasisuun hin danda'amuu???" gaaffii jedhuuf
"Fkn Maanguddoon takka feestaala qarshii tokkootiin daabboo qarshii lamaa ykn sukkaara qarshii kudhanii qabanii yoo argaman qarshii 5000 kafalchiisuun waan ulfaatuuf gara qarshii 2000 tti gadi buusuun akka kaffalan taasifamu" jechuun deebiin kennameera.
Daldalaafi raabsaa Feestaala kana gurguru irratti immoo qarshii 50,000 hanga 200,000 tii fi hidhaa waggaa shaniin adabama.
Labsichi yeroo Gaazexaa Repoorteraa irratti maxxanfamee kaasee biyyattii guutuutti hojiirra kan oolu ta’a.
Dabalataan Walgahii idilee 33ffaa kana irratti labsiiwwan akkaataa balfa gogaa gatuun danda’amu fi labsiiwwan Waliigalteewwan liqii damee qonnaa fi eegumsa fayyaa dubartootaa fi shamarranii fooyyessuuf gargaaran irratti kan xiyyeeffate ture.

😁451❤368😭57👍41🤩20🤯19😱17🥰13😢9👏5😍4
#Iyyaafannoo
Akkuma suuraa irratti mullatu iyyataan kun Kadir Mohammed Aliyyii kan jedhamu yommuu tahu dhalataa godina H/Bahaa Aanaa gooroo guutuuti. Kadir fi hiriyyaan isaa carraa hojii barbaacha manaa bahuun finfinnee dhaqanii osoo galaa jiranii konkolaataa #Dream jedhamu kan magaalaa harariifi finfinnee jidduu hojjatuun imalaa erga turan booda yeroo laaqanaaf bu'an akka boorsaa isaanii kan dookumantiin barnootaa hundi keeysa jirtu dhaban dubbatu.
Boorsaa kana keeysa Dookumatiilee kutaa 8ffaa irraa jalqabee hanga Teempoo Eeybaatti akkasumaas kan hiriyyaa isaa passport fi Chek kafaltii passport akka keeysa turte dubbatan.
Ragaalee barnootaa document tana namni arke karaa miidiyaa @Abdii_Sabaa ykn bilbila asii gadiitiin eeruu akka nuuf kennitan ykn qunnamtan isiniin jenna. galatoomaa.
Lakk.....0926862353
Lakk.....0910034509

❤466👍77😢62💔29🔥16👏13👌9🥰3🤯2