Telegram Web
Haaraa kan muudaman hoogganaan olaanaa yeroo waraanaa Iraan ajjeefaman.

Raayyaan Ittisaa Israa’el hogganaa waraanaa Iraan fi ajajoota waraanaa ol’aanoo sirnichaa keessaa tokko kan ta’e Alii Shadmaniin ajjeefamuu beeksise.

Ajajaan kun haleellaa xiyyaaraa waajjira muummee isaa giddugala Tehran irratti raawwatameen ajjeefamuun gabaafameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
122😢110👍25😁17🔥9😱5🫡4👏3🤯3🥰1
Ajjeefamaniiru jechuun holola adeema tureef Hoogganaan amantaa olaanaa Iraan Ayaatulla Kameeniin fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti “ "Gargaarsa Allaah fi injifannoo dhiyoo" (Qur'aana: 61:13). Rippabilikni Islaamaa fedha Allahtiin sirna Ziyoonistii ni injifatt.” Jechuun lubbuun jiraachuu isaanii mullisan.

Tibba kana waraansa Iraaniifi Israa’el gidduutti adeemsifamaa jiru irratti holola ajjeefamuu hoogganaa amantaaa olaanaa Aayatullaa adeema kan ture yommuu ta’u maxxansa isaanii kanaan lubbuun jiraachuun isaanii barameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
221😁52👍20👏7
ABDII SABAA
ODUU: Israa'el haleellaa TV Iraan irratti raawwatteen namni du'uun gabaafame Israa'el haleellaa TV Iraan irratti raawwatteen namni du'uun gabaafameera. Haleellaa Israa'el gamoo TV mootummaarratti raawwatteen hojjentaan isaa du'uu dhaabbanni Televizhinichi…
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Haleellaa Tel Aviv TV mootummaa Iraan irratti raawwatte hordofuun, Tehran haleellaa ''dambalii sagalffaa'' Israa'el irratti banatteetti.

Saayireenni Tel Aviv fi guutuu Israa’el keessatti dhaga’ameera .

Angawoonni Israa’el Jimaata irraa eegalee haleellaa misaa’ela Iraan raawwateen yoo xiqqaate namoonni 24 ajjeefamanii fi dhibbaan lakkaa’aman madaa’uu gabaasan.

Iraan gama isheetiin haleellaa Israa’el raawwateen yoo xiqqaate namoonni 224 du’uu fi 1,000 ol madaa’uu dubbatteetti.

Viidiyoo armaan olii daawwadhaa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
126💔24😱5🤯4🥰1
ODUU:

Tiraamp walgahii G-7 addaan kutanii biyyatti deebi'an.

Muddamni Iraanii fi Israa'el hammaachaa dhufeera pirezidaant Doonaald Tiraamp yaa’ii biyyoota G-7 Kanaadaatti taa’ame otoo hinxumuriin addaan kutuudhaan biyyatti deebi’an.

Haleellaan Israa'el fi Iraan gidduutti hammaachuun kan isaan yaaddesse Tiraamp, dhimma kanarratti dursa kennanii mari'achuuf gara Waashingitanitti deebi'uuf akka dirqaman himan.

''Deebi'uun qaba, sababni isaa ifa'' jedhan Tiraamp. Wayita deebi'an ammoo Waayit Haawusitti Mana Marii Nageenya Biyyaalessaa waliin mariitti akka seenan ajaja dabarsuus ibsan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
253😁48👍29🥰14👏3🤯1
ODUU:

Taphni Guutuu Itoophiyaa marsaa 6ffaan har'a magaalaa Jimmatti eegalame

Taphni Guutuu Itoophiyaa marsaa 6ffaan har'a magaalaa Jimmatti eegalameera.

Sirni baniinsa dorgomichaa har'a bakka Ministirri Muummee Itti aanaa Tamasgeen Xurunaa, pirezdaantii Itti aanaan mootummaa naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii fi keessummoonni garaa garaa argamanitti eegalameera.

Dorggommicha irratti Ispoortessitoonni 4500 ol naannoolee hundaa fi bulchiinsa magaalaa lama irraa walitti dhufan hirmaataa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
123👍101😁13🔥8👏7🥰5🤯4😨4🕊2
ABDII SABAA
Haleellaan misaa’ela Iraan har’a Waajjira Muummee Mossad Herzliya, Kaaba Tel Aviv keessatti argamu Haleele. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp lammiileen Iraan Tehran gadhiisanii akka bahan dhaaman.

Israa’elii fi Iraan guyyaa 5ffaaf walitti aansuun waraana keessa kan turan yoo ta’u, Israa’el magaalaa guddoo dabalatee magaalota biroo irratti haleellaa raawwachaa kan turte yoo ta’u, Tiraamp lammiileen Iraan Teehiraan gadhiisanii akka ba’an akka dhaamanm

Miidiyaa hawaasaa irrattis namni hundi hatattamaan Tehran gadhiisuu akka qabu dubbateera.

Prezdaant Doonaald Tiraamp waldhabdee Israa’el fi Iraan deemaa jiru gidduutti imala walgahii garee torbaa Kanaadaatti gaggeeffamu gabaabsuun gara Waashingitanitti deebi’aa jiru.

Tiraampiin alattis, torbee kana Kaanaadaa magaalaa Albertaatti konfiraansii G7 irratti kan argaman Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon imala isaanii akka gabaabsan Fox News gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
315😁37👍28😢25🥰12👏4🤯4🤩4🕊1
ABDII SABAA
Haleellaan misaa’ela Iraan har’a Waajjira Muummee Mossad Herzliya, Kaaba Tel Aviv keessatti argamu Haleele. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Tikni Warraaqsa Iraan dhaabbata nageenyaa Israa'eel haleeluu ibse

Waldhabdeen Israa’eel fi Iraan har’a guyyaa 5ffaa isaa kan lakkoofsise yoo ta’u biyyoota lamaan irra miidhaan hedduun gaheera.

Waldhabdee kun har’a ganamas kan itti fufe yoo ta’u, Iraan misaa’ela 30 gara Israa’elitti darbachuun ishee gabaafameera.

Waraannni Iraan waajjira nageenyaa Israa’el haleeluu isaas Maddeen waraanichaa ibsaniiru.

Gama biroon Israa’eel magaalaa Teehiraan iddoo adda addaa rukutuu akka itti fuftetti kan jiru ta’uu Sky News gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
474😭88👍36😁28😱15🤬8👏3💔3🔥1
ODUU:

Hoogganaan Iraan eessa akka jiran beeknus akka ajjeefaman hin barbaannu- Doonaald Tiraampi

Hogganaan Iraan Ayaatoolaah Alii Haamiiniin eessa akka jiran beeknu iyyuu ammatti akka ajjeefaman hin barbaannu jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.

Pireezidaanti Tiraampi hogganaan Iraan eessa akka jiran sirriitti beekna haa ta’u malee ammatti akka ajjeefamaniif fedhii hin qabnu jedhaniiru.

Lammiilee nagaafi loltoota Ameerikaa irratti haleellaan miisaa’elaa akka raawwatamu kan hin barbaanne ta’uus ibsaniiru.

Obsi keenyi dhumaa jira jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Tiruuz irratti ergaa dabarsaniiru.

Walitti bu’iinsi Iraaniifi Israa’el guyyoota shan lakkoofsise hammaatee itti fufuu ibsamaa jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
263😁172👍34👏26😢21😱20🔥8🕊7
ODUU:

Iraan calaltuu boba'aa Israa'el guddicha Hayfaatti argamu haleelte

Iraan calaltuu boba’aa Israa’el guddicha Hayfaatti argamu, kan guyyaatti boba’aa barmeela kuma 200 ol calalu Dilbata halkan misaa’ela balistikiitiin rukuttee faayidaadhaan ala goote.

Israa’el Dilbata darbe calaltuu boba’aa Iraan lama haleeluu ishee hordofeeti, Iraan gocha Israa’el kana haaloo bahuuf calaltuu boba’aa Israa’el kana ruktuun ishee kan himame.

Calaltuun boba’aa kun Israa’eliif boba’aa dhibbeentaa 60 kan dhiheessu akka ta’e eerameera.

Amma calaltuun boba'aa kun guutummaatti cufamuu isaa Rooyitars gabaaseera.

Gama biraadhaan ammoo Iraan eda halkan naannoowwan humnoota waraanaa Israa'el, misaa'eloota 'Hayippar Soonik' jedhamaniin haleelteetti.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
379👍110😭48👏32😁30😢5🤯3😱1
#Oduu_Gaddaa

Eeybaaf guyyaan sadi osoo hafuufii du'aan adunyaa tana irraa boqotee.

Barataa Gammadaa baayyisaa tolaa jedhama dhalatee kan guddate Godina wallaga lixaa Magaalaa najjootti ture. Gammadaan kaayyoo isaa milkeeysee galuuf kiilomeetira baayyee qaxxaamuruun lixa Oromiyaa irra baha oromiyaatti kan argamtu Yuunivarsiitii #Dirree_Dhawaatti muummee Industrial Engineering barachuun #Exit_exam fudhatee akka ture Yuunivarsiitiin dirree dhawaa beeysie. Tahuus garuu yeroo baayyee dhibee onneetiin dararamaa ture waan taheef karaa miidiyaa abdii sabaa beeksifamee gargaaramaa turuun ni yaadatama. Haa tahuu malee wax 10/10/2017 guyyaa keeysaa naannoo sa'aa 9:00 lubbuun isaa adunyaa tanarraa akka dabarte Yuunivarsiitichi beeysise.

Eeybaaf guyyaan 3 osoo hafuufi gadda akkasii mudachuun baayyee ulfaata. Miidiyaa @Abdii_Sabaa gadda itti dhagahame ibsaa maatii firoota fi hiriyyoota akkasumaas jaalattoota isaa maraaf jajjabina hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
😢476😭470247💔42😱41👍19🥰6👏4🤯3
ODUU:

Qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa kennuuf qophiin xumurame-Ministeera Barnootaa

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kennuuf qophiin barbaachisu xumurame jedhe Ministeerri Barnootaa.

Daayirektarri Olaanaan Tajaajila Madaallii Qormaataa Dooktar Isheetuu Kabbadaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif akka ibsanitti, qormaaticha milkaa’inaan xumuruuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan biiroolee barnootaa naannoolee, dhaabbilee barnootaa olaanoo, qaamoolee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin tumsaan hojjetamaa jira jedhan.

Qophiin qormaataa fi bu’uuraalee misoomaa qormaatichaa xumuramuus himaniiru.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Waxabajjii 23-hanga Adoolessa 8, 2017tti kennama.

Barattoonni kuma 600 ol qormaaticha ni fudhatu.

Kanneen keessaa kumni 100 fi kumni 50 Onlaayiniin qoramu.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
233👍27😱15🥰7😁7🔥4🤯3👏2
ODUU:

Tiraamp Iraan “haal-duree tokko malee” harka akka kennattu gaaffatan

Pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan “haal-duree tokko malee” harka akka kennattu gaaffchuun isaanii himame.

Tiraamp Teehiran haal-duree tokko malee harka akka kennitu gaafatanis, Iraanii fi Israa’el haleellaa misaa’elaa haaraa wal irratti banuu isaanii hordofee namoonni kumaatamaan lakkaawwaman magaalaa Teehiraanii fi magaalota gurguddoo Iraan keessaa biroo baqachaa akka turan miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

Waraanni Israa’el akka jedhetti, Roobii kana ganama sa’aatii lamaan jalqabaatti Iraan misaa’eloota Iraan lama gara Israa’elitti furguggifteetti.

Kana hordofees magaalaa Tel Avivitti dhohiinsi dhagahamuudha kan eerame.

Pirezidaant Doonaald Tiraamp haleellaa Israa’el dhaabbilee Niikulaaraa Iraan irratti raawwattutti makamuu fi dhiisuu itti yaadaa jiraachuun isaanii himameera.

Iraan immoo misaa'ela haaraa gara Israa'elitti dhukaasuu beeksifte.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
253👍34💔13😱12🤩9🔥7🏆5🤯4🙏4🥰2👏2
ODUU:

Piriimiyer Liigiin Ingilaand Hagayya 10 bara 2017 eegalama

Dorgommiin Piriimiyer Liigiin Ingilaand Hagayya 10 bara 2017 eegalamuudhaan Caamsaa 16, 2018 akka xumuramu bulchiinsi liigichaa beeksiseera.

Sagantaan taphoota Piriimiyer Liigii Ingilaand bara 2025/ 26 har'a ifoomeera.

Haaluma kanaan Shaampiyooniin Liigichaa bara darbee Liivarpuul tapha baniinsa Liigichaan dirree isaarratti Barnimaawuz waliin taphata.

Arsenaal ammoo torbee 1ffaan Hagayyaa 11 dirree isaatiin ala Oltiraafoorditti Maanchister Yuunaayitid waliin taphata.

Bara kana Liigichatti kan guddate Liids, torbee 1ffaan Evartan waliin, Barnileen Tootenhaam waliinii fi Sanderlaandi Weestihaam waliin taphata.

Wolves Maanchister Siitii waliin, Cheelsin Kiristaalpaalaas waliinii fi Niiwkaastil Astoonviilaa waliin taphoota torbee 1ffaa kanneen birooti.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
387👍87🏆20❤‍🔥19🥰15🔥4😭4👏3🤯1
ODUU:

Ameerikaan walitti bu’iinsa Israa’elii fi Iraan gidduu seente taanan balaa olaanaan uumamuu danda’a jedhan Ayaatoolaahii Alii Hamiinii.

Walitti bu’iinsa Israa’elii fi Iraan gidduutti gaggeeffamu keessatti Ameerikaan hirmaannaa waraanaa taasiifte taanan balaa olaanaan uumamuu danda’a jedhan Hogganaan Iraan Ayaatoolaahii Alii Hamiiniin.

Pireezdaantiin Ameerikaa Iraan saffisaan akka harka laattu yaadachiisuu hordofee Hogganaan biyyattii Ayaatoolaahii Aliin Hamiiniin Iraan salphaatti harka kan laattu akka hin taane yaadachiisan .

Walitti bu’iinsa Israa’elii fi Iraan guyyaa 6ffaa qabateen misaa’eelonni baalaastikaa 400 gara Israa’eelitti dhukaafamuun bu’uuraalee misoomaa magaaloota Teel Aaviivi  fi Haayifitti argamanirra miidhaan qaqqabeera.

Israa’el gama isheen haleellaa qilleensarraa fudhatteen buufata Niwuukilaaraa Iraan dabalatee dhaabbilee murteessoo biyyatti barbaadessuu itti fufteerti.

Walitti bu’iinsi biyyoota lameenii jiraattoota Teehraaniifi Teel Aaviivitti sodaa olaanaa uumeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
478👍87🥰76😭58😁42🔥20🕊9👌7👏6
ODUU:

Iraan misaa'elotashee gara Israa'elitti dhukaasuu miidiyaalen Iraan gabaasaa jiru.

Akka gabaaa miidiyalee kanaatti, misaa'elonni kun sirna ittisaa Israa'el miliquun qilleensa Israa'eel seenaa jiru.

Humni Waraana Israa'el gamasaan waa'ee haleellaa Iraan kana homaa osoo hin jedhin Iraanirratti haleellaa gaggeessaa jiraachuu beeksise.

Sirni ittisaa Israa'eel misaa'elota Iraan dhukaastu hedduusaa kan qolatu ta'us hundumaa qolachuu hin dandeenye.

As Tuquun Daawwadhaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
585👍94😢51👏43😁41😭34🔥16🤬16🥰2🤯1
2025/07/14 15:33:29
Back to Top
HTML Embed Code: