Telegram Web
Ministirri muummee Abiy Ahmad Prof Kindayyaa Gabrahiwot deetaa ministiraa,  ministeera barnootaa gochuun muudan.

prof . Kindayyaan muudama kana dura bulchiinsa yeroo Tigraay keessatti Itti gaafatamaa waajjira Traansfoormeeshinii misooma hawaasummaa mootummaa naannoo Tigraay turan. 

Har’a Ministir deetaa gorsaa  Ministeera barnootaa   ta’uun ministira muummee Abiyyi Ahmadiin muudamuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
 
Prof. Kindayyaan waraana Tigraay dura Preezdaantii Yunivarsiitii Maqalee turan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
👍470😁8851👏13🔥11🕊10😱9🏆4💔3
"Barattoonni bilbila mana barumsaa akka hin fidne gochuuf sochiin eegalameera" - Pirofeeser Birhaanuu Naggaa

Ministeerri Barnootaa barattoonni bilbila gara mana barumsaa fidanii akka hin fidne duula eegaluu beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeeser Birhaanuu Naggaan waa’ee raawwii fi karoora damee barnootaa irratti hoggansa isaanii jalatti karoorfame irratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii keessatti torbee dhufu waajjiraalee barnootaa waliin mariin akka gaggeeffamu akeekaniiru.

Yeroo kana keessattis barattoonni bilbila isaanii gara mana barumsaatti akka hin fidneef hojiiwwan hojjetamaa jiran ilaalchisee yaada isaanii ibsaniiru.

"Yoo waliigaltee irra geenye, bara dhufu irraa eegalee barattoonni mana barumsaatti bilbila isaanii fidanii akka hin dhufne kan taasifamu ta’a" jedhan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
👍962😁314142😢60😱44👏31🤯26😨26🥰25💔17🤝13
#GGO

Eebla 15 | Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo!

Eebla 15 bara 1980 hooggantoonni qabsoo bilisummaa Oromoo 11 ta’an hojii diploomaasiif gara Soomaliyaa deeman hidhattoota Soomalii mootummaa Ziyaad Barree mormuuf, kan mootummaa Dargiin deeggaramuun bakka takkati ajjeeffaman.

Hidhattoonni Soomaalii kun hooggantoota Oromoo amantaan addaan baasanii warra amantaa Kiristaanaa hordofan ajjeessanii warra amantaa Musiliimaa hordofan dhiisuuf kan yaalan ta’ullee hooggantoonni Oromoo garuu nuti Oromoodha yoo nu ajjeestan walumaan nu ajjeessaa malee adda hin baanu jechuun akka waliin wareegaman seenaan ni addeessa.

Seenaan gootota kanaa Oromoon amantaa adda addaa, siyaasaa adda addaa, ilaalcha adda addaa hordofullee tokkummaa Oromoof aarsaa akkamii akka kaffalu ragaa guddaadha.

Hardhahoo?

Baga guyyaa yaadannoo goototaan isin gahe!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
👍619175👏33😭26🫡18🥰8🤯3😱2
ABDII SABAA
#GGO Eebla 15 | Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo! Eebla 15 bara 1980 hooggantoonni qabsoo bilisummaa Oromoo 11 ta’an hojii diploomaasiif gara Soomaliyaa deeman hidhattoota Soomalii mootummaa Ziyaad Barree mormuuf, kan mootummaa Dargiin deeggaramuun bakka…
#Kana_Beektuu_Laata!!!

Qabsaa'ota Oromoo Achi Buuteen isaanii Dhabaman!!
1.Jaal Nadhii Gammadaa
2.Jaal Baqqalaa Dawwaanoo
3.Hayyuu Dabbasoo Guyyoo
4.Jaal Lammeessaa Booruu
5.Jaal Yooseef Bantii
6.Barsiisaa Kabbadaa Hurrisaa
7.Jaal Baroodaa fikkf.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
698😭451👍306💔131😢63👏24🥰23😁20😱18🤗12🤯11
Maallaqi sobaa faca’aa jira.

Poolisiin magaalaa Finfinnee maallaqi sobaa faffaca’aa jiraachuu ibsuun hawaasni of eeggannoo barbaachisaa akka taasisu hubachiise.

Poolisiin magaalaa Finfinnee Hawaasni maallaqa sobaan akka hin gowwoomfamne of eeggannoo gochuu qaba jedhe.

Wayita biittaafi gurgurtaa raawwatu hawaasni maallaqa sobaan akka hin gowwoomfamne of eeggannoo gochuu qaba kan jedhame yommuu ta’u, Gochoonni waliin dhahuu tibba ayyaanaa waan dabalaniif hawaasni of eeggannoo taasisuu akka qabu Itti gaafatamaan hariiroo uummataa Poolisii Magaalaa Finfinnee Koomaandar Maarqoos Taaddasaan dhaamaniiru.

Wayita bittaafi gurgurtaa raawwatan filmaata kaffaltii diijitaalaa fayyadamuun filatamaa ta’uus kaasaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
👍33439😁33😭12🔥10👏8🥰5🕊5🤯4😨4🙏3
2025/07/14 13:01:33
Back to Top
HTML Embed Code: