Telegram Web
ABDII SABAA
ODUU: Jeneraalonni Iraan 'tarkaanfii cimaa' fudhanna jechuun US Ameerikaa doorsisan Hoggantoonni ol’aanoo waraanaa Iraan hedduun haleellaa US Ameerikaan raawwatteef haaloo bahuuf doorsisaa jiraachuun eerameera. Miidiyaaleen Iraan viidiyoo ajajaa ol’aanaa…
Oduu Ammee

Iraan loltoota Ameerikaa Qaxar keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaa taasiste.

Daawwadhaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
👍382167😭52😁38🤬15🔥14🤯10🆒10👏9🥰6😱5
ABDII SABAA
Oduu Ammee Iraan loltoota Ameerikaa Qaxar keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaa taasiste. Daawwadhaa SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Oduu Ammee

Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Siiriyaa keessa jiru moortaaraan haleelte

Mootummaan Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Qaataar keessa jiru erga haleelee yeroo muraasa booda, halkanuma kana buufata waraanaa Ameerikaa Siiriyaa keessa jirus moortaaraan haleeleera.

Haleellaa buufata waraanaa Ameerikaa Siiriyaa, bulchiinsa dhiha Hasakah keessatti raawwatame hordofuun, naannichatti eegumsi nageenyaa cimuu, Tajaajilli Oduu Iraan Mahir gabaaseera.

As Tuquun Daawwadhaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
426👍86😁28😭25🔥21🤬9💔8👏7🤯1
ABDII SABAA
Oduu Ammee Iraan loltoota Ameerikaa Qaxar keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaa taasiste. Daawwadhaa SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Oppireeshinii buufata Ameerikaa biyyoota Arabaa keessa jiran irratti gaggeesssinu ifatti eegaleera kan jette Iraan haleellaa walduraa duubaa loltoota Ameerikaa Qaxar keessa jiraniifi buufata waraanaa Ameerikaa Siiriyaa keessa jiran irratti taasiste.

Sa’uud Arabiyaan gama isheen haleellaa Iraan Qatar irratti raawwatte balaaleffachuun tarkaanfiin kun Seera idil-addunyaa fi qajeelfamoota ollummaa gaarii kan cabsuudha jette.

Warraanni Waxabajjii 13/2025 Israa’eliifi Iraan gidduutti eegale babal’achuun, Haleellaa Ameerikaan gabbisa Nuukileeraa Iraan irratti taasifte haaloo bahuuf Iraan buufata Ameerikaa biyya Kuwaataar, Iraaq fi Sooriyaatii qabdurratti Misaa'elii roobsiteetti.

Doonaaldi Trump “ Iraan haaloo bahuuf yaaddi taanan balaa guddaaatu ishee eeggata” jedhee ture. Deebiin Ameerikaan taasistus akkaan eegamaa jira.

Manni maree nageenya biyyoolessaa Iraan ergaa dabarseen "Opireeshiniin keenya sodaa kamirraayyuu bilisa, obboloonni keenya Qatar jirtan hin yaadda'inaa" jedheera.

Taatee ta’aa jiru hordofuun Yuunayitid Arab Emireetsii fi Qatar yeroo ammaa naannoo qilleensaa isaanii cufaniiru.

As Tuquun Daawwadhaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
548👍82👏18🤯18🔥15😱12🤬12🥰10😁4💯1
ABDII SABAA
Oppireeshinii buufata Ameerikaa biyyoota Arabaa keessa jiran irratti gaggeesssinu ifatti eegaleera kan jette Iraan haleellaa walduraa duubaa loltoota Ameerikaa Qaxar keessa jiraniifi buufata waraanaa Ameerikaa Siiriyaa keessa jiran irratti taasiste. Sa’uud…
Oduu Ammee

Haleellaa Iraan argamoota Ameerikaa irratti taasiste hordofuun TiraamP “ Iran haleellaa kana daftee beeksisa kennuu isheetiif galateeffadha, kunis lubbuu namaa fi miidhaa kamiyyuu akka durfamee ittifamu taassiseera” jechuun Iraan galateeffatan.

Dabalataan Pirezidaantichi “Iraan amma gara nagaa fi Tasgabbii naannichatti tarkaanfachuu qabdi, Israa’el akkasuma akka gootu nan taassisa.” Jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dubbataniiru.

Ergaa “Baga gammaddan yeroon yeroo nagaati” jedhus fuula miidiyaa hawaasummaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irraa dubbisameera.

Akka Tiraamp jedhanitti “Iraan Dhaabbilee Niwukilaraa isaanii Haleeluu keenyaaf deebii baay’ee laafaa ta’e kennitee jirti, kunis waama nuti eegnedha, akkasumas bu’a qabeessa taatee jirti. Misaa'eloonni 14 dhukaafamaniiru — 13 kuffifamaniiru, 1 ammoo "gadhiifameera" sababiin isaas kallattii sodaachisaa hin taaneetti waan qajeeleef. Ameerikaanoti tokkollee hin miidhamne, miidhaan tokkollee akka hin geenye gabaasuu n koo gammachuu guddaadha.

kana boodas JIBBI akka hin jirre abdii guddaan qaba. Iraan dursitee beeksisa waan nuuf kenniteef galateeffachuu barbaada, kunis lubbuun namaa akka hin badne, akkasumas namni tokkollee akka hin miidhamne taasiseera. Tarii Iraan amma gara Nageenyaa fi Tasgabbii Naannichaatti ce’uu dandeessi, Israa’el akkasuma akka gootu nan jajjabeessa. Dhimma kanaaf xiyyeeffannoo nuuf kennitaniif galatoomaa!”


As Tuquun Daawwadhaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
823😁247👍83👏27🥰26🤯14🕊12🔥11🤗6😱1🆒1
ODUU:

Wolaayitaa Sooddootti balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 3 darbe

Magaalaa Wolaayitaa Sooddootti balaa tiraafikaa muudateen hanga ammaatti lubbuun namoota sadii darbuun himame.

Balaan kun har'a waaree booda magaalattii, naannoo mana amantaa Maariyaam fuuldura, marfata 21 jedhamutti mudateera.

Hogganaan Poolisii Magaalaa Wolaayitaa Sooddoo Komaandara Itti aanaa Habtaamuu Aaffaa EBCtti akka himanitti, namoota balaa Kanaan du’an sadan malees namoota sadirra miidhaa cimaan gahuu eeran.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
302😭271👍38💔37😢18🔥16🤯16👏15😱14🎉4
#Magaalaa_Finfinnee
#Ministry kutaa 8ffaa

Qormaatni kutaa 8ffaa bara 2017 barattoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keeysatti qoramtan hundi karaa link 🔗 https://aa.ministry.et/#/result kanaan seentanii qabxii keeysan ilaallachuu dandeeysu.

As Tuquun daawwadhaa

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
543👍136👏53🤯40😁35🔥14🤩13🥰8🏆5
Ajjefamaniiru Jedhamanii Kan Turan Ajajoonni waraanaa Iraan lubbuun jiraachuun gabaafame.

Hoggantoonni waraanaa Iraan sadii haleellaa Israa’eliin ajjeefaman jedhaman ayyaana injifannoo Iraan ummata waliin osoo kabajanii mul’achuusaanii Anadooluufi miidiyaaleen biyya keessaa Iraan gabaasaniiru.

Israa’el Waxabajjii 13 irraa eegalee jeneraalota Iraan ajjeesuushee kan beeksifte yoo ta'u, hooggantoonni waraanaa Iraan sadan guyyaa kaleessa yeroo Iraan ayyaana injifannooshee kabajju ummata waliin kabajaniiru jechuun maddeen kunniin gabaasan.

Isaan keessaa tokko Ajajaan Raayyaa Qudsi Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa Birgaadeer Jeneraal Ismaa’il Qa'aanii gammachuudhaan ayyaana kana kabajuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa Iraaq gabaasaniiru.

Viidiyoon tajaajilli oduu Iraan Tasniim maxxanse, namoota saganticharratti walitti qabaman keessaa Qa'aaniin akka argamu agarsiiseera.

Ejensichi X irratti Komaandar Qa'aaniin guyyaa injifannoo har’a Teehraan keessatti kabajamerratti argamu jechuun dubbateera.

Jalqaba ji'a kanaa gaazexaan Niwu Yoorki Taayimsi akka gabaasetti, Qa'aaniin hoggantoota waraanaa Iraan olaanoo haleellaa Israa’eliin ajjeefaman keessaa tokko ta’uu ibseera.

Haaluma walfakkaatuun, yeroo sanatti ministira ittisaafi ajajaa humna qilleensaa kan turan Birgaadeer Jeneraal Aziiz Naasirzaadeeh, jalqaba ji'a Waxabajjii keessa haleellaa qilleensaa Ministeera Ittisaarratti raawwatameen ajjeefamaniiru kan jedhame yoo ta'u, garuu ammallee lubbuun jiraachuufi aangoorra jiraachuusaanii dhaabbati oduu Tasniim gabaaseera.

Gorsaan Olaanaan Ayaatullah Alii Kaaminiifi Hogganaa nageenyaa kan ta’an Admiiraal Ali Shaamkaaniillee namoota haleellaa qilleensaa Israa’el Waxabajjii 13, 2025 raawwateen ajjeefamuunsaanii gabaafame keessaa tokko turan.

Admiiraal Alii Shaamkaanii sirna injifannoo kanarratti argamuun injifannoo kana kabajuusaanii dhaabbileen oduu Iraan gabaasaniiru.

As Tuquun daawwadhaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
561😁114👏37🥰21👍20🤯17🫡5🔥1
ODUU:

Paarlaamaan Iraan damee UN Niiwukilaara qoratu wajjiiin hojjechuu dhaabuuf sagalee kenne

Paarlaamaan Iraan damee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta’e Ejensii Anniisaa Atoomikii Idil-Addunyaa (IAEA) Niiwukilaara qoratu wajjiiin hojjechuu dhaabuuf sagalee kennuu, miidiyaan mootummaa biyyattii gabaaseera.

Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohammad Baahar Gaaliibaaf Ejensiin Anniisaa Atoomikii Idil–Addunyaa (IAEA) haleellaa Isaraa'elii fi Ameerikaa hin balaaleffanne, amanamummaa isaas caal-baasiif dhiheesseera jedhan.

Gaaliibaaf, qondaalonni Niiwukilaara Iraan hamma bu'uuraaleen Niiwukilaara wabii argatanitti dhaaba kana tumsuu ni dhaabu jedhan.

Kana malees sagantaan Niiwukilaaraa dhimma nagaa qabeessa ta’eef oolu saffisaan ittuma fufa jedhaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
580👍77👏26😁25🤝25🥰22🤯2
Odeeffannoon barnootaa akka isin hin dabarreef @Abdii_Sabaa_University hordofaa!

@Abdii_Sabaa_University irratti odeeffannoo barnootaa qofa hatattamaan kan argattan ta’a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
436👍178👏44🤯44🔥10😁9🥰2😱2
ODUU:

Tiraamp himannaan malaanmaltummaa Neetaaniyaahuu haqamuu akka qabu himan


Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, himanni malaanmaltummaa ministira muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu irratti dhihaatee hanga ammaa itti fufee jiru akka haqamuuf waamicha dhiheessan.

Tiraamp yaada kana kan dhiheessan dhimma malaanmaltummaa Neetaaniyaahuu sirni Haqaa Israa’el qabatee jiru keessa gidduu seenuudhaan akka ta’e gabaasaaleen eeraniiru.

Tiraamp himannichi Neetaaniyaahuu irraa akka kaafamu kan gaaffatan, erga Israa’elii fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaaburra gahaniiru jedhamee borumtaa isatti.

Pirezidaant Tiraamp barreeffama dheeraa miidiyaa hawaasummaa isaanii “Truth Social” irratti maxxansaniin, michuu isaanii Baha Giddugaleessaa kanaan seenaa Israa’el keessatti goota waraanaa gita hinqabnne jechuudhaanis faaruu itti roobsaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
511😁110👍73🔥15🤗14🤬12🕊12🤯10👏7😭3
#Urgent
#Yuunivarsiitii_Jimmaa
#Komii

Yuunivarsiitii jimmaa koolleejjii fayyaatti barattoonni department Nursing guyyaa kaleeysaa irraa jalqabee manni nyaataa ( Cafe ) akka itti cufamee jiru dubbatan.

Akka barattoonni kun jedhanitti cost Sharing keeysan fayyadamtu jechuun account keeysan nuuf kennaa maallaqa isiniif galchinaa jedhanii account keenya kennineefii turruus hanga ammaatti maallaqaas osoo nuuf hin galchin kaleeysa irraa eegalee Nyaata malee agabuu jirra jedhan.

Rakkoo kana furmaata isaa gaafachuuf qaama Yuunivarsiitichaa bilbilaan irra dedeebinee bilbilluus argachuu hin dandeenye. Dhimmi beelaa dhimma ulfaataadha waan taheef Kanaafuu barattoonni kun furmaata hatattamaa qaamni dhimmi ilaallatu akka nuuf kennu barbaanna jedhan.

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
606😢109👍78😁43🥰39🔥13🤯10🕊7👏6😱2🤬2
#Simannaa
#Barattoota_Kutaa_12ffaa

Guyyaa arraa waxabajjii 20/2017 irraa eegalee Yuunivarsiitiileen barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf deeman simachuu jalqabanii jiru.

Qormaatni seensa dhaabbiilee barnoota ol'aanoo bara kanaa waxabajjii 23 hanga Adoolessa 08 tti kan kennamu yommuu tahu waxabajjii 23 guyyaa wiixataa barattoota saayinsii uumamaatiin kenamuu ni jalqabama.

Qormaaticha fudhachuuf barattoonni kuma 608 kan galmaawan yommuu tahu barattootni kuma 150 tahan online kan qoraman tahuu gabaafame.

Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Dambidoolloo, Wachaamoo fi Waraabeen barattoota simachuu eegalanii jiran.

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
283👍32👏25😁19🕊1
2025/07/14 01:50:24
Back to Top
HTML Embed Code: