Manguddoo umrii 97 kutaa 12ffaa qoramaa jiru.
Manguddoo waggaa 97 Maannoo Maaggasoo, yeroo ammaa Yunivarsiitii Arbaa Minchi, Kaampaasitti Abayyaatti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachaa jiru.
Manguddoon kun yeroo ammaa akka jedhanitti, fedhii barachuu guddaa fi barnootaaf yaada cimaa yeroo dheeraaf qabaachaa turan, amma immoo barachuuf hamilee fi kaka’umsa akka ta’e ibsanii jiru. Dargaggoo kun umuriin isaanii guddachuun barachuu irraa akka isaan hin dhowwin dubbatu.
Manguddoon kun abbaa ijoollee hojjettoota mootummaa ta’anii kan jiran yommuu ta’u, barnoota isaanii itti fufanii barachuuf fedhii cimaa akka qaban ibsanii jiru. Yoo qabxii gaarii argatan ta’e Yunivarsiitii seenanii itti fufanii akka baratanis ibsanii jiru.
Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

❤185👍138😁72👏18😭15😱10🤯7🔥6🥰4🤩3
Doonaald Tiraamp tapha xumuraa waancaa kilaboota addunyaa daawwatuuf akka jiran himaniiru.
***
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tapha xumuraa waancaa kilaboota addunyaa Istaadiyoomitti argamanii akka daawwatan ibsameera.
Walgahii kaleessa taasisaniin tapha xumuraa Istaadiyoomii Meet Laayifitti argamanii akka daawwatanii beeksisaniiru.
Taphni xumuraa waancaa kilaboota addunyaa Kun guyyaa Dilbataa Cheelsii fi Riyaal Maadiriid ykn PSG keessaa kan injiftate gidduutti kan adeemsifamu ta'a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
***
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tapha xumuraa waancaa kilaboota addunyaa Istaadiyoomitti argamanii akka daawwatan ibsameera.
Walgahii kaleessa taasisaniin tapha xumuraa Istaadiyoomii Meet Laayifitti argamanii akka daawwatanii beeksisaniiru.
Taphni xumuraa waancaa kilaboota addunyaa Kun guyyaa Dilbataa Cheelsii fi Riyaal Maadiriid ykn PSG keessaa kan injiftate gidduutti kan adeemsifamu ta'a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
❤181👍37🏆9😁8👏5😨3
Maarkas Raashfoord gara iddoo shaakalaa Kaaringitanitti akka deebi'e gabaafameera.
Taphataan sarara fuulduraa Maan Yuunaayitid Maarkas Raashfoord kanaan dura erga Leenjisaa kilabichaa Roobeen Amooriim waliin wal dhabdee keessa seenaniin booddee, ergisaan Astonviilaaf taphachaa turuun ni yaadatama.
Maan Yuunaayitid erga guyyaa Wiixata gara shaakalatti deebi'aniin booddee, taphattoota kanneen Raashfoord, Saanchoo, Antoony, Gaarnaachoo fi Taayileer Maaleesiyaaf akka kilaba biroo barbaadataniif yeroo boqonnaa kennanii turan, Raashfoord garuu guyyoota lamaan darban kophaa ofii iddoo shaakalaa Maan Yuunaayitid Kaaringitanitti argamuun shaakalaa akka ture gabaafameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA

👏127❤121😢22🥰11👍5😁4
✅Jijjiirraan Viktoor Yokeresh gara Arsenaalitti taasisu rakkoo keessa galeera.
Jijjiirraan Viktor Yokereesh gara Arsenaalitti taasisu irratti dhimma kafaltii irratti osoo walii hin galin gargar bahaniiru, Daarekterri Ispoortii Arsenaal Andiree Beertaan dhimma jijjiirraa taphatichaaf garas imalanii turan Ispoortiing waliin osoo waliigaltee irra hin gahin gara Londan deemi'uun gabaafameera.
Arsenaal Paawondii miliyoona 56 +13 dhiyeessan, Isportiing kaffaltii jalqabaa Paawondii miliyoona 60 barbaaduu jedhameera.
Taphatichi amma booda fedhii Ispoortiingiif taphachuu akka hin qabne beeksiseera, jijjiirraan gara Arsenaalitti taasisu yoo gufate, ergisaan kilaboota birootiif taphachuuf yaada akka qabu gabaafameera.
Mariin kilaboota lamaan gidduutti taasifamu dhaabbateera.
✍️ Record Portugal

😁289❤256😭96👍59😱30👏17🤬12🔥2
Oduu
Ispoortii
Tapha walakkaa xumuraa geeba kilaboota adunyaa eda galgala sa'aa 4:00 booda gaggeeyfame injifannoo PSG'tiin xumurame.
Haaluma kanaan tapicha gareen kubbaa miilaa PSG goolii 4 fi 0'n garee kubbaa miilaa Riyaal Maadrid injifachuun falmii geebaaf taasisuuf dabaruu isaa mirkaneeyfate.
Dilbata geeba gatii guddaa kan kilabni Ramaddii kana keeysa turan hundi moo'achuuf hawwu sana fudhachuuf cheelsii wajjiin falmii cimaa ni taasisa jedhamee eeggama.

👍164❤147😁25💔15🤯9🔥5😢3🥰2👏1😱1
#Remedial_Exam
#Ministrii_kutaa_6ffaa fi
#Ministrii_kutaa_8ffaa
Akkuma beekkamu miidiyaan Abdii Sabaa odeeyfannoo barnootaa wajjiin walqabtan waqtaawoo fi qabatamaa tahan isiniif dhiyeesuun barattoonni keenya rakkoo odeeyfannoon dhabuutiin akkan miidhamneef hojjataa ture ammaas isiniif dhiyeesyuu irratti argama.
Garuu jidduu tana irraa deddeebiin gaafiin bu'aan qormaata sagantaa foiyyeeyfannaa ( Remedial exam ) fi Ministirii kutaa 8ti fi 6ffaa yoom ifooma jettanii irra deddeebin gaafiin nuuf dhiyeeysaa jirtu. Nutiis dhimma kana jala buunee hordofaa jirra waan ta'eef yeroo odeeyfannoon haarayni jirtu dursinee isin biraan geenya hangasittuu obsaafi tasgabbiin odeeyfannoowwan miidiyaa Abdii Sabaa irraa gadi lakkifaman hordofaa isiniin jenna filannaa keeysan @Abdii_Sabaa waan godhattaniif galatoomaa.

❤465👍119👏45🙏28🤯18🥰16💔12🔥9🕊8
ODUU ISPOORTII
Feestivaalii Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa (OSFNA) bara kanaatiif, qophiin bal'aan taasifamuu koree qindeessituu beeksiseera.
OSFNA'n bara kanaa Adoolessa 26 hanga Hagayya 2 bara 2025tti Siyaatilitti adeemsifama.
Feestivaalli Egeree OSFNA Waliin Haa Ijaarru jedhuun adeemsifamu kana irratti uummata Oromoo heddumminaan keessummeessuun bifa addaa fi miidhagaa ta'een sagantichi adeemsifamuuf qophii bal'aan kan taasifame tahuu koreen sagantichaa ibse.
Warri qooda fudhatu gamanumaa itti qophaa'uu akka qabu yaadachiisee, Oromoon sirna isaa kana irratti argamuun ispoortii qofa osoo hin taane Oromoo fi Oromummaa addunyaatti agarsiisuuf gahee ol'aanaa akka qabu himee jira.
Feestivaala Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa(OSFNA) bara kanaa irratti gareewwan 32 dorgommii kana irratti ni hirmaatuu jedhameera.

❤134👍28😁10🕊6👏4❤🔥3🥰1
Waggaa 70ffaa isaatti
Manguddoo waggaa 70 qormaata seensa dhaabbilee barnoota ol'aanoo kutaa 12ffaa fudhachaa jiru.
Obbo Waaree Goobanaa, manguddoo waggaa 70 yoo tahan, yeroo ammaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhachaa jiran keessaa isaan tokkoo dha.
Obbo Waareen magaalaa Suroo Bargudaa ganda keeysa jiraatanitti, ijoollee 7 barsiisuuf yeroo dheeraaf carraaqqii gochaa turan, garuu yeroo tokko mana barumsaa irraa akkan hafne dubbatanii jiru.
“Barnoonni umrii hin daangeessu,” jechuun kan himan Obbo Waareen, sababa garaagaraatiin barnoota isaanii addaan kutanii turan, garuu deebi’anii barumsatti akka deebi’an dubbatan. Haaluma kanaan Taateen akkasii dargaggoota baayyeef fakkeenya gaarii ta'a jennee abdanna.
Maddi : Yuunivarsiitii Bulee Horaati

❤340😁48👍44👏35🔥2😱2
#National_Exam
#Social_Science
Guyyaa 3diif kennamaa kan ture qormaatni kutaa 12ffaa seensa dhaabbilee barnoota ol'aanoo saayinsii hawaasaa marsaa jalqabaa nagayaan xumurame.
Barattoonni guyyoota 3diif qormaata toora internet irrattii fi warqaan qoramaa turan qormaata fixuun gara qe'ee isaanii galuu jalqabanii jiran jechuun dhaabbiilee barnoota ol'aanoo baayyeen beeysisanii jiru.
Qormaatni seensa dhaabbiilee barnoota ol'aanoo saayinsii hawaasaa marsaa 2ffaan guyyaa boruu Adoolessa 04/2017 irraa eegaluun guyyaa lameen boqonnaa darbanii qormaaticha hafeef guyyaa wiixataa kan itti fuufan tahuun himame.
Barattoonni saayinsii hawaasaa qormaata kutaa 12ffaa fudhatan kuma 299 ol tahan akka fudhatan Ministera barnootaatti directoretiin qormaata gabaasuun ni yaadatama.
Suuraan: Dhaabbiilee barnoota ol'aanoo garagaraa irraa fudhatame.

❤320👍48🙏29👏26🤝16💔8🥰4😁3
ODUU:
Birriin Itoophiyaa jijjiirraa sharafa maallaqaa Baankii Raashiyaa keessatti dabalame
Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa odeeffannoo halkan edaa ifoomseen, birrii Itoophiyaa tarree sharafa maallaqaa isaa keessatti dabaleera.
Kana jechuun Birrii gara Ruubilitti, Ruubilii ammoo gara Birriitti jijjiiruun ni danda'ama jechuudha.
Haaluma kanaan baankichi birriin Itoophiyaa 1 Ruubilii Raashiyaa 0.575872n yookaan birrii 100f Ruubilii Raashiyaa 57.5872 akka sharafamu taasiseera.
Baankichi sharafa birrii Itoophiyaa har’aatiif koodii lakkoofsa 230 kan kenne yoo ta’u, gara fuulduraa ammoo sharafa isaa guyyaa guyyaa kan ifoomsu ta’uun ibsameera.
Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa birrii Itoophiyaa dabalatee maallaqoonni biyyoota 12 Baankii Giddugaleessaa Raashiyaa waliin hangi sharafaa qabaachuu qaban murteessuuf guyyoota dura beeksisuun isaa ni yaadatama.

❤227👍54👏11🔥6💯3🥰1
Galii YouTube, TikTok fi qabiyyee dijitaalaa biroo irratti gibirri dhibbeentaa 15 kaawwamuufi.
Wixineen labsii labsii gibira galii fooyyessuuf Itoophiyaatti waggoota 9f hojiirra kan ture yoo ta’u, galii qabiyyee dijitaalaa irraa argamu irratti gibirri dhibbeentaa 15 akka kaffalamu keewwati xiqqaan kaawwameera.
Akka wixinee fooyya’iinsa labsichaa yaadameen galiin miidiyaa hawaasaa kanneen akka:
- YouTube,
- Feesbuukii, .
- Inistaagiraamii,
- TikTok fi waltajjiiwwan biroo
- Odeeffannoo interneetii irratti raabsame
- Daldala interneetii irratti raawwatamu
- Galii ispoonsara irraa argamu fi kkf. irraa argamu, Hammatameera.
Wixineen labsii yeroo ammaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti mari'atamaa jira.
Haaluma kanaanis, namoonni Lakkoofsa Eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) baafachuu, galii isaanii ibsuu fi dirqama gibiraa biroo ba’uuf qophii ta’uu qabu jedhameera.

😁250❤235👍40😭22🤝22👏13🤯11👌11🥰7
ODUU:
Shakkamtoonni karaa seeraan alaa yakka namoota daddabarsuun shakkaman 150 ol to'ataman
Duula sadarkaa idil addunyaatti eegalameen guyyoota 6 keessatti shakkamtoonni karaa seeraan alaa yakka namoota daddabarsuun shakkaman 150 ol to'atamaniiru.
Qondaaltoonni Afrikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Ameerikaa Kibbaa biyyoota 43 keessaa walitti babba'an kumni 15 duula kanarratti kan hirmaataan yoo ta'u, saaxilamtoonni kumni 1 ol adda bahaniiru.
Duulichi yakka gurmaa'aa daddabarsa namootaa seeraan irratti kan xiyyeeffate ta'uu BBCn gabaaseera.
Garichi guddattoota saalqunnamtiif, gochaa yakkaa fi kadhaarratti bobbaasuun itti fayyadamaa turuutu eerame.
Rakkicha qolachuuf duula idil addunyaa eegalameen hanga ammaatti shakkamtoonni 158 to'annoo jala kan oolan yoo ta'u, shakkamtoonni 205 ammoo adda bahuutu himame.
Namoonni gochichaaf saaxilamoo ta'an kumni 1 fi 194 argamaniiru jedhe Interpooliin.

❤121👍29👏7🏆6🥰5😱3
ODUU:
Doonaald Tiraampi miidhaa balaan Lolaa Teeksaasitti qaqqabsiise daawwatan
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi miidhaa balaan Lolaa Teeksaasitti qaqqabsiise daawwataniiru.
Balichi mudachuu akka danda'u akeekkachiifni hin kennamne jedhamuun komii ummataa jiru qulqulleessuu fi miidhamtootaaf deeggarsa taasisuuf daawwannaa kana taasisan jedhame.
Pireezidaanti Tiraampi daawwannaa Teeksaasitti taasisaniin Aanga'oota bulchiinsichaa fi hojjettoota balaa ittisaa waliin mari'achuutu himame.
Balaa Lolaa torbee darbe Kutaa bulchiinsaa Teeksaasitti mudateen lubbuun namoota 120 darbuu fi namoonni 160 ammoo achi buuteen isaanii kan hin beekamne ta'uu BBCn gabaaseera.

❤239👍49💔36😢34😱4🥰3👏2🤯1
ODUU ISPOORTII:
Andiree Onaanaan taphoota gannaa Maan Yuunaayitid qabuun ala ta'e.
Goolii eegaan lammii Kaameruun fi kilaba Maan Yuunaayitid Andiree Onaanaan sababa miidhamaan taphoota kilabichi ganna kana madaallii ga'uumsaaf taphatuun ala ta'uun mirkanaa'eera.
Taphatichi sababa miidhamaan isa muudateen torbaanota ja'aa hanga saddeetii dirree irraa fagaachuu akka danda'u ibsameera, miidhama Onaanaan wal qabatee leenjisaan kilabichaa Roobeen Amooriim goolii eegaan biroo fiduu akka danda'an Telegraph gabaaseera.
Goolii eegaan Astonviilaa fi garee biyyooleessa Arjentiinaa Maartineez irra deddeebiin goolii eegaa maqaan isaa Maan Yuunaayitid waliin ka'aa jiru keessa isa tokkoodha.
Maan Yuunaayitid tapha madaallii ga'uumsaaf ganna kana qabuuf guyyoota muraasa booddee gara Ameerikaatti kan imalu ni ta'a.

❤253👍51😁25😢21👏18👌9🫡9🤝5🤯4💔3🔥1
ODUU ISPOORTII:
Morkiin xumuraa Waancaa Kilaboota Addunyaa har'a Cheelsii fi PSG gidduutti gaggeeffama.
Taphni xumuraa Waancaa Kilaboota Addunyaa har'a injifataa waancaa Koonfiransi Liigii Awurooppaa bara kanaa Cheelsii fi Injifataa waancaa Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa bara kanaa PSG gidduutti taphatamu hawwiin eegama.
Taphni xumuraa kun har'a halkan sa'aatii 4:00 eegalee kan taphatamu yoo ta'u, tapha kana irratti Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Istaadiyeemitti argamuun ni daawwatuun eegama.
Tapha xumuraa waancaa kilaboota addunyaa yeroo jalqabaaf kilaboota Ingiliizii fi Faransaayi gidduutti taphatamu kun xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Dorgommiin waancaa kilaboota Addunyaa Kun bara kana kilaboota 32 hirmaachisuun yeroo jalqabaaf bara kana qopheessummaa Ameerikaan gaggeeffame kun har'a xumura argata.

❤176👍45🔥11👏9