Telegram Web
Yuunivarsitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa, Yuunivarsitii Miizaan Teeppii, Yuunivarsitii Jigjigaa , Yuunivarsitii Hawaasaa , Yuunivarsitii Odaa Bultumiifi Yuunivarsitii Asoosaatti barattoonni lagannaa nyaataafi hiriira balaaleffannaatiin gocha Salaaleetii ta’e akkasumas gochoota Oromiyaa mara keessatti Fiinxaaleyyiin ummata nagaa irratti taasifamaa jiru mormaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Hiriira balaaleffannaa tibbana Barattoota Yunivarsiitiiwwan addaa addaatiin geggeefamaa ture hordofee rakkoowwan hedduun Barattoota irra ga'aa jiraachuun ibsame.

Kanuma ilaalchisuudhaan barattoonni yunivarsiitii Dillaas ba'uuf yaalii kaleessaa galagala taasisaniin barattoonni 8 ol Qaama mootummaatiin qabamaanii mooraa keessaa baafamuun ibsame.

Haa ta'u malee barattoonni fudhataman kunneen hanga hammaa eessa akka geeffaman Kan hin beekkamne yoo ta'u barattoonni kunneen Eebbifamtoota bara kanaa akka ta'anis heerameera.

"Nuti dubbanee Barattoota kanaaf sagalee ta'uu mitii saba mormi isaa citeefuu sagalee ta'uu dadhabnee sodaadhaan oliif gadi baqannee jiraachaa jirra kana malees wayita hammaa kana kaaffeettii naannna'anii eegaa waan jiraniif deemnee ciree nyaachufillee sodaa qabnaa"jedhan barattoonni mooraa yunivarsiitii Dillaa.

Kanaafuu Adaraa qaamnii dhimmichi ilaallatu Barattoota kanaaf furmaata nuuf haa kennuus jechuun barattoonni kunneen haala keessa jiran himan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Kara Deemaa jedhamuun kan beekamu Injinar Daani'eel Gammadaa viidiyoowwan gadadoo uummanni Salaalee keessa jiru ifoomsuu hordofee mootummaan hidhuuf barbaadaa akka jiru OMN fuula miidiyaa hawaasummaa isaan beeksise.

Akka OMN jedhetti “Kaleessa halkan mana jireenyaa isaa humnoonni nageenyaa fi humnoonni tikaa mootummaa marsanii akka bulan dhagahamee jira.”

Dursee miliquunis osoo hin qabamin hafuu OMN gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡
Obbo Taayyee Danda’aan, Ministira Muummee Abiy Ahimad fi Kantiibaa Adaanech Abebee akka ragaatti kan dhiyeessan yoo ta’u, Dhaddacha irratti akka hin argamne himameera

Ragoonni waamicha waan hin arganneef mana murtiitti hin argamne jedhama

Ministeerri Ministeera Nageenyaa duraanii Ministeera Haqaatiin himatamuun mana hidhaa kan jiran Obbo Taayyee Danda’aan Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad fi Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abebee dhaddacha har’aaf beellamame irratti ragaa akka ta’aniif eegamaa turus hin argamin hafaniiru.

Manni murtii himatamaaf ibsa yeroo kennu ragaaleen kunniin waamicha waan hin arganneef akka hin dhiyaannee fi guyyaa irra deebiin murtaa’e Muddee 3, 2017tti akka dhiyaatan ajajni akka kennamu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡
Eebbi kitaaba xiinxalaa siyaasaa obbo Jawaar Muhammad guyyaa harraa taasifamuuf ture dheerateera!

Obbo Jawaar Muhammad Eebba kitaaba isaanii akkaan eegamaa jiru HIN GAABBU, ka jedhu Keeniyaa, Naayiroobiitti guyyaa harraa eebbifamuuf ka ture sababa namooti hedduun hirmaachuuf gaafataniifi yaaddoo nageenyaafi seeftiif jecha guyyaan achi dheerachuu fuula Feesbuukii isaanii irratti eeraniiru.

Guyyaa eebbaas haalli akka mijateen deebisanii ka ibsan ta’uu himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡1
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Weerara "Dhukkuba Sirbisiisaa ajaa'ibaa" kan addatti dubartoota haleelu.

Yugaandaatti "weerarri nama rifachiisu" kan ka'umsi isaa hin beekamneefi dubartoota qofa akka miidhu tamsa’e..

Weerarri lammiileen Yugaandaa ''Vaayirasii Diingaa Diingaa ' ykn “Vaayirasii Shubbisiisaa” jechuun moggaasan kun hanga ammaatti dubartoota 300 miidhuu ogeeyyiin fayyaa himaniiru.

Weerarri kun naannoo Bundibugyoo, jedhamutti kan eegale yoo ta’u. ho’iinsaa qaamaa ol'aanaa fi deemsa dadhabuun mallattoo dhibee kanaa ta'uun itti gaafatamaan kutaa fayyaa biyyattii kan ta’an Dr. Keey Kirootfer himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡
#Komii Barattoota musliimaa

"Nuti Kan gaafanne uuffata seeraa Hijaaba walfakkaataa uffaannee akka barannudha.
Haa ta'u malee rifeensi keessan hin mul'atu yoo ta'e barachuu hin dandeessaan jedhamne"jechuudhaan barattootni musliimaa Aksum dubbatan.

Naannoo Tigiraayitti barattoonnii musliimaa magaalaa Aksum sababa Hijabaa isaaniitiif barnoota isaanii gargar kutanii fuurmaata malee taa'uu isaanii ibsan.

"Nuti uuffata seeraa mana barnoota waliin Wal fakkaatuu haalaa amantaan keenya nu ajajuun hijaaba uffaannee barnoota keenyaa haa barannuu jennetu gaafanne Kan jedhan barattoonnii kunneen haa ta'u malee rifeensi keessan hin mul'atu yoo ta'e barachuu hin dandeessaan jedhamne barnoota keenya irraa fagaannee jirra" jedhan

Qormaata seensa Yunivarsiitii Kan kutaa 12ffaa fudhachuudhaaf guyyaan formii ittiin guutamu guyyaan xumuraa boru ta'uu Kan ibsan barattoonnii kunneen "hijaaba baastan malee hin ta'uu" jedhamuu irraan Kan ka'e barattoonnii musliimaa Kan hin guunne ta'uu dubbatan.

Majliisni maagaalichaa guyyaa har'aa ittiin gaafatamtoota nageenyaa Aanaa fi waajiira bakkaa buutota nageenyaa Naannoo waliin "Qoqqobbiin akka sosocho'u taasistaniittu "sababa jedhuun taa'uu isaanii Kan dubbatan yoo ta'u "kun qoqqobbii mitii"mirga amantaa isaanii gaafatan "deebii jedhu kennuu isaanii ibsaniiru.

Barattoonnii kunneen yeroon isaan  barnoota gargar kutanii turan hanguma dheerachaa dhufu dhiibbaan barattoota irra gahu salphaa waan hin taaneef qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata akka itti kennuu gaafatan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Azarbaajaan Gadda Biyyalessaa labsite

Kaazaakistaanitti kaleessa Xiyyaarri kufuun balaa uumame hordofee Azarbaajaan Gadda Biyyaalessaa labsuun eerame.

Xiyyaarri imaltoota 62 fi hojjettoota xiyyaarichaa shan feete Kaazaakistaan naannawaa Magaalaa Aktaawutti kufuun ni yaadatama.

Xiyyaarri qabeenyaa Azarbaajaan taate kun Raashiyaa Chechiniyaa irraan gara Giroozniitti balali’aa turtee huurrii mudateen kallattii biraaarra akka balali’u taasifamuun balaan kufuu Giroozniitti mudachuuniin eerameera.

Balichaan hanga ammaatti lubbuun namoota 38 darbuu fi namoonni 29 lubbuun baraaramuu CNN gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡
#Ofeeggannoo

Bulchiinsi Nageenyaa Marsaa Odeeffannoo / IINSAAN Telegiraamiin hatamaa jiraachuu beeksise.

“INSA” n guyyaa har'aa daataan Teelegiraamaa hatamaa waan jiruuf fayyadamtoonni of eeggannoo barbaachisu akka godhan dhaameera.

Bulchiinsichi akka ibsetti akkaawuntiin Telegiraamii hedduun karaa liinkiin mala “phishing” jedhamuun “hack “ ta'aa jira.

Kana hubachuu fayyadamtoonni , nama kamirraayyuu (nama beektanis ta'ee kan hin beekne) irraa linkiin isinitti ergamnaan , banuufi odeeffannoowwan kanneen akka bilbilaa akkasumas Koodii ergaa gabaabaa galchuu irraa akka of eegdan IINSAAN akeekkachiisera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡
Halkan harraa wanti suuraan isaa mullatu, kan balali’uufi Harcaatii Hawaarraa bu’e kan fakkaatu kun Samii Itoophiyaa irratti mullateera.

Yeroo ammaa kanas sagalee guddaa dhageessisuun Keeniyaa Moyyaalee qubachuu isaa ragaaleen ni mullisu.

Haga ammaatti qorattootaan wanti gabaafame hin jiru.

Taateen kun Samii Oromiyaa dabalatee naannolee garaa garaatti mudateera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA1 📡
Forwarded from Spider Media
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Dubartoonni gargaartota da'awaa Nabi Muhaammad ﷺ ciccimoodha

Marii daa'iiwwan dubartootaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffame

#Amartemam
#SpiderMedia
https://www.tgoop.com/spidermediaa
2025/01/30 03:28:47
Back to Top
HTML Embed Code: