Telegram Web
Fooyya’insi labsii miidiyaalee irratti taasifameefi uggurri dhaabbilee sivilii irra kaa’ame,dirree dimokiraasifi sivilii duraanuu rakkisaa ture caalmatti kan hammeessu ta’uu dubbatu ogeeyyin seeraa BBCn dubbise.Mootummaan MM Abiy waggoota jahaan darban keessatti fooyya’iinsi seeraa dhaabbilee sivilii, miidiyaaleefi dhaabbilee dimokiraasii irratti taasise wantoota ittiin leellifamaa ture keessaa tokkoodha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/w5FCzJM
Filannoo waliin walqabsiisee mootummaa Federaalaa waliin atakaaroo keessa kan galte hanga tokko akka walabaati kan of ilaaltu naannoo Jubaalaand hariiroo mootummaa Federaalaa waliin qabdus ta’e tumsa taasistu addaan kutuu beeksifteetti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/nhixpY9
Walitti aansuun kann moa’a ajiru Maanchester Siitiin Liigicha dursaa kann jiru gara dirree Liiverpuul deemee taphata. Maanchster Siitiin tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaarratti 3 fi 0n dursaa oolee daqiiqaa 75 booda sadii itti galuun walqixa bahuun isa gubaa jira jedha xiinxalaan kubbaa miilaa Kiriis Saatan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zldrE35
Awustiraaliyaatti hojjetaa wiirtuu kunuunsa daa’immanii kan tureefi daa’immanni gudeeduun nama hamaa jedhamuun maqaan kan mogga’eef namni kun ijoollee durbaa 70tti siqan gudeeduufi miidhaa saalaa irratti raawwachuun hidhaa umurii guutuun adbame.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/6adqAK8
Walitti aansuun kann moa’a ajiru Maanchester Siitiin Liigicha dursaa kann jiru gara dirree Liiverpuul deemee taphata. Maanchster Siitiin tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaarratti 3 fi 0n dursaa oolee daqiiqaa 75 booda sadii itti galuun walqixa bahuun isa gubaa jira jedha xiinxalaan kubbaa miilaa Kiriis Saatan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zldrE35
Tiraamp baatii Amajjii keessa erga aangoo qabatanii booda omishaalee Meksikoo fi Kaanaadaarraa gara US seenan hunda irratti taarifa akka kaa’u erga beeksisaniin booda lamaan isaanii jalqaba torban kanaa bilbilaan dubbatan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/pexvNj8
Falmii cimaa torban hedduu fudhateen booda Jimaata darbe miseensonni paarlaamaa UK seera ga’eessota dhukkubsatan kanneen ji’a jaha keessatti du’uu danda’an jedhamee eegaman jireenya isaanii akka addaan kutan gargaaru raggaasisaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/WbK9IvU
Gareen finciltoota Sooriyaa keessa jiran biyyattii keessatti magaalaa guddoo lamaffaarratti argamtu Aleeppoo keessa bakkawwan hedduu to’achuu isaanii garee mirgoota namoomaa Sooriyaa hordofu (SOHR) jedhamu ibse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/zmrOLY8
2024/11/30 10:53:23
Back to Top
HTML Embed Code: