Telegram Web
πŸ‘ŒJireenya keetin gammadii jiraadhu.
⚑️Hiraartuus,gammaduus duniyaan numa dhumti waan ta'e jireenya keetti gammadii jiraadhu.
Jireenyaan gammaduun namoota baayyee biratti wal dhaba gariin jireenyaan gammaduu kana qabeenyafaa likkitti qabaachu,ilmaan fi k.kfdha itti fakkaata siif san tahullee osoo qabeenya hin qabaatin jireenya kee gammachuu arkachuu ni dandeeysa.
Gammachuun duraa jireenya keetin gammaduuf nama kaayyoo qabu tahi gaafa kaayyoo qabaatte ammoo kaayyoo kee galmaan gahuuf laffa'ii gaafa laffaate ammoo firii laffaati teeti yoo argitu bagaan jiraadhe guyyaa kana arge jachuun kee waan hafuu miti.
Jireenya keetti gammaduun siif hiikaa qaba dhugaan siin ja'a rakkoon namoota baayye kan arraa addunyaa guutu shoorar keeysaa jiru keessa tokko kana kanaaf ati nama ta'e nama eegu hin ta'in nama bu'a qabeessa akka taate addunyaa kanaaf bu'aa akka qabdu of amansiisi.
Gaafas jireenya keetti itti gammaduun salapha.
kanuma Ergaan itti fufa.......
@Biqiltuuu
Yaadaaf,Gaaffiif,HundaafπŸ‘‡ @BarisaaaBot
Kana dura jireenyi duniyaa waan hedduu nama barsiisa gaafa ja'an namni hedduun dhugaa baanta/baana jechuu malee hikka jecha kanaa namni laale muraasa .
Ati jecha kana hubattuu hubachu baattu gaafa jireenya jalqabde arkuu dandeeysa.
Jireenya jalqabuun wanta kaayyeeyfattee saniif gaafa sochii taasistu wanti hundi labbaa sitti galti kan beeytuufi kan hiin beeyne jidduu sanirraa garuu yoo hin baratin waanti jireenyi nama barsiifti jattuuf hin jirtuti mataa osoo raasu baatte ! jireenyi kun namoota bayyeedha waliin walitti sifiduu dandeeya gaafa namoota dila sani wajjiin walitti dhufte garuu isaan kun akkasii,inni sun akkanaa,kun maaf hin sirraanne jattee oolantummaa mullisuu hin barbaadin guyyaa tokko walitti buinsii argamee imala keeysanirraa bu'uu dandeeysa waan ta'ef. Walumaa galatti namni imalli jireenyaa waa isa hin barsiisin nibaraa ......
Abshiraa atiis huluma baruu teeysaa..
Ergaan itti fufa...
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
😏 An hinbeeku nama tokko tokko yaada siin mari'atee yaada kee gizee itti himtu waan itti himte san namoota biraairratti hojjatee akka waan ifii godheetti if olfuudha eee nama akkanaa tahuurra yoo dheeysite baayyee bareeda.
@Biqiltuuu
Narraa fagaattee kophummaa filattee?
Jaalattee odoo hin tahin dirqamtee achi qubattee?
Odoo cabsitee cabsachuf, akhooytee waaddachuuf carraa qabduu anaaf jattee beelaan qabsoo qabuu filattee?
Atii hidhaa jiruuf aniin as jiruus tasgabbii dhabnee?
Qaamaaniin hiikkaa jira malee qalbiin si waliiniin hidhamee?
Bakkuma jirtuu "Eee" jatte sagalee tee tan beelti laaffiste saniin maaf na jalaa hin dubbattu daaddaakhoo😰

Yerootuu yeroo fida.
Baraatuu bara fuudhatee baraan dabra. Kaleeysa jireenya dhuunfaa kee jiraattee akkam akka tahu laaltee qabsotti seenuu filatte. Kaleeysi seenaa tahee tare. Arriis yoo lubbuun hafne seenaa taheeti tara. Kamtu haqa qabaa, kamtu dhara qabaa guyyaaf haa galatuu malee maraa qabateeti dhufuuf jiraata✊

#Daaddaakho nagaa naaf tahi Humaallee dadhabu si yaduuf siif kadhachuu hin dadhabu
Ati keeysa kooti sin dagadhu. Eenyulleen si gatu ani sirraa hin fagaadhu. Eega Rabbiitii siin if garre siin if barre. Nagaa naaf tahi. Ija naa waliin boochee, naaf booche yoomuu hin dagadhuutii❀️
@Biiflee1 @Biqiltuuu
Wanni bitatanii uffatan.. qaaloyte ammoo rizqiin harka rabbiiti jirti...

Tokko warra salafaatin akkas ja'e..."meeshaan bitannu nutti qaaloyte .."
* Istikfaara godhuudhaan rakisheeysaa ja"en.*
Sababaa dilii teenyarra araarama barbaaduutin Rabbiin nu razzaqa waan ta'ef.

Gurbaan tokko gabaree tokkoon akkaas ja'e ..." Daabboon takka diinara taate akkami jannaan gabartichi waan aja'aibaa ja'een."
Walahi osoo firiin xaafii takka diinaraan bitamte wanni na yaachisu hin jiru..ani akka rabbiin na ajajettin isa gabbara
Rabbiinis akka beellama naaf seenetti na razaqa ja"eti deebiseef..!!

#namoonni gara salamaa binu diinaar dhufaniiti isaan ja"an..
" yaa abaa haazim meeshaan nutti qaaloyte hin agartuu..??"
Duuba maaltu isin yaachisa.??
Rabbiin yeroo rakisha nu sooru..yeroo qaalitiis isaatu nu soora ja"en..!!


Ψ§Ω„Ψ­Ω…Ψ― Ω„Ω„Ω‡ Ψ―Ψ§Ψ¦Ω…Ψ§Ω‹ وابدا..
Ω‚Ω„ Ω„Ω† ΩŠΨ΅ΩŠΨ¨Ω†Ψ§ Ψ§Ω„Ψ§ Ω…Ψ§ ΩƒΨͺΨ¨ Ψ§Ω„Ω„Ω‡ Ω„Ω†Ψ§..
ΩˆΩ…Ψ§ Ω…Ω† دابةٍ في Ψ§Ω„Ψ§Ψ±ΨΆ Ψ§Ω„Ψ§ ΨΉΩ„Ω‰ Ψ§Ω„Ω„Ω‡ Ψ±Ψ²Ω‚Ω‡Ψ§ ΩˆΩŠΨΉΩ„Ω… Ω…Ψ³ΨͺΩ‚Ψ±Ω‡Ψ§ ΩˆΩ…Ψ³ΨͺΩˆΨ―ΨΉΩ‡Ψ§..

@Biqiltuuu @Biqiltuuu
"Ani Leensii ijaa siif jijjiira!, Ifa ka siif kennu garuu Rabbi!"- jedhe Dr Jacob
Mucaan xiqqaan armaan olitti waahe isaa dubbistan kun jiraata godina arsi lixaa, aanaa Nansaboo yoo ta'u rakkoo duumessaa'uu leensii ijaa(moora ijaa) waliin dhalate waan ta'eef hanga waggaa 12ttu hin argu ture.

Manneen yaalaa gara garaas deeme yaala hin arganne. Gaaf tokko hospitaalli walii galaa fi koollejjiin meedikaala nageellee arsi ogeessota biyya alaa irraa fiduun rakkoo kana bilisaan yaaluuf akka jiru raadiyoo irraa dhagahanii Maatiin
fidan. Haa ta'uu malee rakkoon kun yoo umrii waggaa tokko keessatti hin yaalamin akkuma
umriin dabaluun carraan fayyuu gadi bu'aa deema waan ta'eef yaalamees carraan jiru xiqqoo akka ta'e ogeessi maatiif ibse.

Dhuma irratti Dr Jakob(kan yaalu) akkas je'eetu itti himi naan jedhe "Ani leensii ijaa siif jijjiiraa, ifa ka siif kennu garuu Rabbii" jedhe. Boodas tajaajilli baqaqsanii yaluu erga godhamee leensiin namtolcheen jijjirameefi booda yeroo jalqabaatiif maatii isaa fi addunyaa tana arge.
😍Kanaaf nuti waanuma dandeenyu haa goonu, bu'aan xumuraa garuu harka Rabbiiti jira waan ta'eef hin yaada'inaa.
😍Ergaan itti fufa...!
Copy from Dr Belayneh Leta
@Biiflee1 @Biqiltuuu
✍Jiruun haasidummaan guutamtu hin jirtu.
Haasida tahuun kee faayda sitti fakkaatullee maayyiinsaa garuu rakkoo guddoo tahe sitti mullachuu dandaha.
Heddu namni kan waan obboleeysi arkate guufu itti tahee karatti isa hambisu mee sihaa gaafadhu maal arkatte mee gizee isatti miqqanyaa taate yaada isaa harkaa kuffiftu? Ifi hin nyaanne obboleeysallee hin nyaachifne Rakkoo nama keenya baayyee harkaa qabdu mee hanguma dandeenyutti waliif toltuu haa yaannu.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
✍ Nama dhaamsa irraa fudhattu laalladhu.
Hundii maqaan isaa #dhaamsa tahuus garuu inni tokko dhaamsa yoo ta'e inni khaan sitti #dhaamsu ta'a jechuudha.
Ilmi namaa nama isa gorsu yoo hin qabaanne yeroo inni karaarraa bahutti nama karaa irratti isa deebisutti haajama tahuus namni siif yaade yaada siif dhiheeyse karaairratti si deebisu kun eenyu atummaan
tilmaami.
Garii osoo isarra dhaamsa barbaaddu dhaamsa biraa sirraa arkatee deema waan ta'ef.
If olfuudhuf osoo hin ta'in nama ifiifuu bakka hin jirreerraahin dhaamsa eegadha yoo jatte bar dubbii hin fakkaanne.
kanaaf nama dhaamsa irra fudhattu laalladhu ergaan hundi ergaa mitii sitti gabaa.
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
πŸ’₯ osoo namaaf ifaa tahuu dandeenyu ifaa sanuu han qanne.
ifaa namaaf taana jannee baane ifaan malee gallee kaayyoon ganama baaneef gannee galgala tan biraatiin galle.
#Ayii Dargaggummaa akkanuma qabdaa sa ati yoon dhagahu namuu #waayuma kee faarsaa inni jarsoomeef inni da'ama jiddu Maqaan kee lafa bu'uu .
Bu'aan kee bayyatee #addunyaafis ta'e ifaa.
An kan nadhibu isa tokkoof karaa isa kaanif riqicha tahuu keetu nadhiba?
Yeroon itti #namoonni baayyeen addunyaaf ifaa tahan yeroo dargaggummaa tana anaaf ati garuu fedhiif malee waan #feenuuf bitamuu dadhabne!
Ergaan itti fufa......

@Biqiltuuu @Biqiltuuu
የ12αŠ› ክፍል αˆα‰°αŠ“ α‹¨αŠ«α‰²α‰΅ 29 α‹­αˆ°αŒ£αˆα’

የ12αŠ› ክፍል αˆƒαŒˆαˆ­ αŠ α‰€α αˆα‰°αŠ“ α‹¨αŠ«α‰²α‰΅ 29 α‰€αŠ• αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαˆ°αŒ₯ α‹¨α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆšαŠ’αˆ΅α‰΄αˆ­ αŠ αˆ΅α‰³α‹ˆα‰€α’

αŠ¨α‹¨αŠ«α‰²α‰΅ 22 αŠ₯ሡከ 24 α‰€αŠ• 2013 α‹“.ም α‹¨α‹²αŒ‚α‰³αˆ αˆ˜α‰³α‹ˆα‰‚α‹« α‹­αˆ°αˆ«αŒ«αˆαˆ α‰₯ሏልፒ

α‹¨αˆα‰°αŠ“α‹ ገለጻ α‹¨αŠ«α‰²α‰΅ 26 α‰€αŠ• α‰°αŠ«αˆ‚α‹Ά αˆα‰°αŠ“α‹ αŠ¨α‹¨αŠ«α‰²α‰΅ 29 αŠ₯ሡከ αˆ˜αŒ‹α‰’α‰΅ 2 α‰€αŠ• 2013 α‹“.ም α‹΅αˆ¨αˆ΅ αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαˆ°αŒ₯ም αˆšαŠ’αˆ΅α‰΄αˆ© α‰ αˆ°αŒ α‹ መግለጫ αŠ αˆ΅α‰³α‹α‰‹αˆα‘α‘

በቀαŒ₯ታ (αŠ¦αŠ•αˆ‹α‹­αŠ•) α‹­αˆ°αŒ£αˆ α‰°α‰₯ሎ α‹¨αŠα‰ αˆ¨α‹ αˆα‰°αŠ“ α‰ α‹ˆαˆ¨α‰€α‰΅ αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαˆ°αŒ₯ም α‹¨α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆšαŠ’αˆ΅α‰΅αˆ© α‹ΆαŠ­α‰°αˆ­ αŠ’αŠ•αŒ‚αŠαˆ­ αŒŒα‰³αˆαŠ• መኩαˆͺα‹« αŒˆαˆαŒΈα‹‹αˆα‘α‘

α‰΅αˆαˆ…αˆ­α‰΅ αˆšαŠ’αˆ΅α‰΄αˆ­ α‰ αˆα‰°αŠ“ አሰጣ጑ αˆ‹α‹­ αˆˆα‰°αˆαŒ αˆ¨α‹ αˆ˜α‹˜αŒα‹¨α‰΅ በይፋ α‹­α‰…αˆ­α‰³ αŒ α‹­α‰‹αˆα’

@tikvahethiopia @Biqiltuuu
πŸ’₯πŸ…“πŸ…—ΓƒπŸ…›Γ˜Γ˜πŸ…£ΓƒΓƒπŸ…•:
Namoonni Tokko Tokko Barachaa Jiraatu. Namoonni Kaan Immoo Ni Jiraatan Malee Hin Baratan.
Dogoggorri Guddaan Dogoggora Tokkicha Yeroo lama irra deebi'aniiHojjachuuudha.

@Biqiltuuu @Biqiltuuu
β˜†Dandeeytii dubbattee nama hubachiisuu, falmitee nama fudhachiisuu yoo Rabbiin siif kanne hadaraa soba odoo sobatti beeytuu dandeeytii qabdutti fayyadamtee namarratti wal hin fakkeeysin❗️

β™‘Danddeytii Rabbiin siif kanne tanaas akka waan ifii argattee seetee namarratti daangaa hin darbiniin
β™‘Waan siif kanne deebisee sirraa fudhachuun Rabbitti hin uulfaatuu beekhi.
@Biqiltuuu
😏Wanti guddaan #fuula nama irraa duroomudha.
Namni hundi fuula nama irraa duroomu ni jaalata.
Tahuus garuu namoonni baayyeen sbabaa hojii isaani #tuffachuurra kan ka'e irakattoota ja'amanii waamaman.
Ni dhageeysa ati hojii akka abaluu qabaachuun siif murteeysaa miti bar hojuma haa taatu wanti ati gootu sun. Gizeen ja'u hojjadhu qullaa gali jechuu koo miti hojjatte tan bu'a irraa argattu jechuu kooti.
Kanaaf aadaa hojii jallachuu yoo qabaatte fuula nama hundaarraa oftiiysu dandeeysa ykn harka namoota waa qabanii keeysatti kuufte nama ichii ol siqabu dhabda.
Arra irra baayyeen keenya hojii harka keenyaan hojjannee nyaannurra kan namni biraa hojjatee nuuf kannuutu nutti tola ta'a kun garuu hanga yoom itti nu fufsiisa.
tarii namni san nu hifachuu danda'a kanaaf ati yeroo hunda qabsa'a ta'i.
πŸ‘‚halkan jirurraa toofta itti nama #falaxxuu baasa ooluun nama hin fayyaddu sitti gabaa.
#Ergaan itti fufa.....
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
Akkana tahuun kee nama gammachiisa! !!
Nama #namummaa saatin kabajii .kabajaa isaan maltu kanniif adiis haa ta'u ykn gurraacha bifaan hin qoodin.
gubbaa namaa ykn bifa,qabeenya, fikk osoo hin taane nama tahee uumamuun saatu kabajaa guddaa qaba. "even" ilma namaa kan nama tuffattu dhiisi atuma kan xiqqoo bifa ykn qabeenya sii kanninaan niin #boona ja'u dhiisi Rabbii guddaa si argamsiise birattu ilma nama tahuu saatif Rabbiin khabajee. Qur'aanaan dubbatte dhaqii laali namni quraana beeku suuraa (Ψ₯Ψ³Ψ±Ψ§Ψ‘) "Israai" fuula 689 Aayata 69 - 80 baani laali.
Ati hoo ree? #Adduma teetun!
Mee hin ajaaibin dubbi tana waanin arkeef waanin dhagahe malee siif hin kaayu an beekhi.
ani obboleeysa kee kan siif yaadu malee hammenya kee hin barbaadu kanaaf nama namummaa isaatin yoo kabajne, jallannee atu nama tahuu dandeeysa kana hin ta'u taanaan atu nama tahuu kee of shakki nama jechuun harka 2 fi miila 2 qabatteef miti kan nama taatu nama akka keeti innis nama akka kooti waan ta'ef kabajaa #namummaa kannuufin qaba gaafa jatteedha sif galee mitii?
#Gaaridha .
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
πŸ‘ Hanaga jiraannu kana gaaruma haa hojjannuu mee gaariin gaarumaan bakka buuti
Hayyee
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
@Biqiltuuu
🌹Jaalala torbaanii ! πŸ’”

"Bareedduu tiyya Addunyaa tanarra Aadamirraa kaasee haga arraa nama si gahu hin garre, an si malee jiraachuu hin dandahu, ati ruuhee tiyya, siif ja'ee waan feete niin dhaba, sagalee tee yoon hin dhageenye halkan naaf hin bariyu, guyyaan naaf hin dhihu, ati waa mara naaf caalta, namni si naaf madaalu ardii tana gubbaa hin dhufne, niis hin dhufu, yeroon maqaa kee yaamu hancufaatu na hudha, niin salaata yeroon ja'ellee siitu na dura dhufa, masjiida keeysa taa'eetillee sumaan yaada..." jattee intala takka faarsuun haraam callaa. Eeega isiin qaama khee kullii dilana hoggantee isuma gabbaru jirtaahuukhaaπŸ˜’

#Obboleeysa kiyya paakeejii qar10 hidhattee wanti ati intala sobamtuu akka teetii tana Jachoota shirkii kanaan itti waccuuf hin jiruutii Rabbii kee sodaadhu !
#Humni jaalala teeysaniituu torbaanuma tokkoo torbaan tokkoof jattee daangaa dila kana hin darbin ! Torbee booda isinuu wal hifattanii😊
Arraata haga inni jiidha qabu kana Jabbaariin faarsuuf yaali
@Biqiltuuu
✍,,,,,,Naaf qeebali,,,,,,πŸ‘‡πŸ‘‡

β˜†Bareedaa ormaarra fokkotaa keetu sitti aana. Haga barri siif dabree jireenyi keeysa jirtu sirra darbuutti bareedaa ormaa laaltee fitti hin qaanfatin, if hin tuffatinπŸ‘
#Odoo qarshii yaabbii dhabdee miilaan imaltellee fayyaa qabaachuu keetti booni.
#Odoo waan nyaattu dhabdee bishaan dhuuydee bultellee bishaan dhuguuf dandahuu kee saniin fitti gammadii Rabbiin galateeyfadhu. Meeqaatuu odoo gamoo maal fakkaatu keeysa jiraachaa jiruu fayyaa haga kee kana qabaachuuf hawwaa jiraatii.

β˜†Gamoo ormaa irra mana keeysan isa citaa irraa jaarameetu siif gaha. Santu gamoo ormaa irra siif caala.
β™‘Qarshii 1000 guyyatti harka namaa eeydee, qalbii cabaa fudhattu irra qarshii 10 tan xaartee dafqa keetiin argattuutu siif sifaa'aa, santu gammachuu qalbiif qaamaa argamsiisa.

β˜†Bareedaa ormaa bira dhaabbatte bareeddee mullachuuf yaaduu irra fokkotaa kee bira dhaabbatte akka fakkaattu fakkaachuutu irra siif jiraπŸ˜’
β˜†Jaalakoo❗️ keetu keeti guyyaan arraa ni taraa qalbii hin cabinii waan qabduun dureeysa irra gammadaa tahiitii jiraadhu.
🌽Eenyummaa kee isa fafakkeeysaatiin namatti dhiyaattee jaalatamuu irra eenyummaa kee isa dhugaatiin itti dhiyaattee jibbamuu filadhu...
❗️,,,,,,,,,,,,,, @Biqiltuuu ,,,,,,,,,,,,,❗️
Nama osoo hin ta'in bineensa wajjiinuu jiraachun ni danda'ama kha warri keenya ja'u san dhuugadha.nama itii beekhutti!
Ati nama bira kuttee amla kee bineensa fudhchiisu akka dandeeysu ni beeyta? Eee ati yoo tahu baattelle warri amalasaani bineensa gaara fudhachisan jiru.
Duba ati osoo namni #bineensa gaara amala isaa fudhachiisu ati khee akkamitti saahiba kiyyaa/tiyyaa fi an afaan wal wallaalle jatta ? Rakkoon sibira malee nama biraa bira akka hin taane yoo hubatte ammalle sirreeysuuf carraa ni qabda.
"""""""" @Biqiltuuu """""""""""""
β™‘Yeroo namaan dorgomtu waan takka if gaafadhu.
"Ani eenyu? Karoorri koo maali? Wantiin irratti namaan dorgomaa jiru kun kaayyoo kiyya moo kaayyoo isaati? Kaayyoo tiyya dhiisee kaayyoo isaaniirratti isaaniin dorgomuun kiyya kun eeysaan na gaha?" Ja'iitii if gaafadhu.

♀Hamiilee tee daangeeysii kaayyoo tee qofarratti goradhu. Waan argituufii dhageeysu cufa kaayyoo tee seetee irratti namaan dorgamtee injifachuu qofa hin hawwin.

β˜†Kaayyoon kee yeroof hiikaa waan hin qabne sitti fakkatuus gaafa guyyaan isaa gahetti bakka isaa irratti barbaadamaan isuma tahuu beekhi❀️
@Biqiltuuu
😍: Baduuf miti haala jiruutu kana taheef malee sila ergaa koon isiniin iyyaafadha ture tahuus akkaan kuteen badee hin hafne deebi'e warroota yaada kannattan mara yaada keessan argeen jira galatooma jechuu fedheeti......
πŸ˜” Talisa namaa hin ta'in.
Talisa yoo jannu kana waan salphaa fakkaatullee jireenya nama daangeeysuuf ykn akka ati ifaaje barbaachisu hin goonef kan si dhoorkuudha.
Nama bayyeedha yeroo ati maaf akkana hin goone maaf akkana hin taane yeroo jattuun dantaa siin ja'u kaniin gaafadhu nama san dantaa jechuun maal akka taate beekta mee jechuun dura?
Namutuu sila jireenya isaani kana foyyeeysu ni fadha inumaa akka itti fooyyeysullee ni beekha waan #talisummaan isa goote malee!
Hanga yoom duba dargaggeeysuma talisa /talistittii taate deemta akka namaatti barattee bakka hin geenye daldaltee daldalaan hin milkooyne jidduma kana taau siif wayyaaree ? Mee filaadhu ijji abbaarra beeytu #budaadha ja'an ummanni keenya.
Yeroo kamuu nama gaditti tahuu feeta taanaan talisummaa tee itti muddi jechaa keeysa bahu gaaridha .
Ergaan itti fufa""""""""""
@Biqiltuuu @Biqiltuuu
2024/11/23 13:26:40
Back to Top
HTML Embed Code: