Forwarded from Fursaan Media
Hirmaannaan keessan itti haa fufu.
Akkuma baratame deebii isaa bal'inaan waliif ibsina...
http://T.me/Fursaan_Media

Fursaan Media Obboleeyyan keessaniif share godhaa gama chaaynaalii keennatti affeeraa ...
http://T.me/Fursaan_Media
Telegram
Fursaan Media
« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.

Guyyoota dhufan keessaa Mata dureewwan nu waliin ilaallu.
👉🏻 Sharxii Salaataa
👉🏻 Arkaana Salaataa
👉🏻 Waajibaata Salaataa
👉🏻 Sunnaawwan Salaataa
👉🏻 Waan Salaata balleessan
Bifa gaafiif deebiitiin wal barsiisaa deemna @Fursaan_media Nu hordofa...

GAAFFII 8ffaa
Sharxiin (ulaagaan) Salaataa meeqa ??
Deebii isaa nu eegaa
Sharxiin (ulaagaan) Salaataa meeqa ??
Deebii isaa nu eegaa
DEEBII gaafii 8ffaa
Shuruuxni (ulaagaaleen) Salaataa Sagal.
Shuruuxni Salaataa jechuun wantoota salaanni sirrii ta’uuf dura guutamuu qabanii dha.
Yoo tokkollee isaan keessaa hafe, salaanni hin baddi.
Isaanis:-
1. Islaamummaa qabaachuu.
Salaanni nama Islaamaa malee irraa hin fuudhamtu, Namni Islaama hin taane yoo salaate salaanni isaa fudhatama hin qabu.
2. Qalbii guutuu (Aqlii qabaachuu)
Salaanni nama sammuu hin qabne ykn of wallaale irratti hin dirqamtu, yoo salaates irraa hin fuudhamtu.
3. Waa addaan baafatuu (Umrii Tamyiiza gahuufi waa Beekuu)
Salaanni kan dirqamu namoota tamaanaa gahaniifi waan gaarii fi badaa addaan baasuu danda’an irratti.
4. Haadasa irraa (Xahaaraa) qulqullina qabaachuu
Haadasa guddaa:- waan qaama dhiqachuu dirqamsiisu, waan Akka Janabaa, dhiiga ji'a, dhiiga dhalaa irraa qulqullina qabaachuu:
Haadasa xiqqaa:- waan wudu'a godhuu dirqamsiisu. Hafuurri namarraa bahuu, Fincaan, ....
5. Qaama, Uffata fi Iddoo Salaataa Qulqulleessuu
Qaamni, uffanni, fi iddoo salaatan najisaa irraa qulqulluu ta’uu qaba.
6. Qaama uffachuun Dhoksuu (Owraa sattarachuu)
Dhiiraf: Mul'ii irraa hanga jilba gadiitti dhoksuu.
Dubartootaf: Qaama guutuu harkaa(Shanachaa)fii fuula malee waan jiru uffata bal'aan haguuggachuu
Salaanni yeroo isaa keessatti qofa kan salaatamu, Salaanni waqtii usiitiin ala dursee yoo salaatame sirrii hin taatu.
8. Gara Qiblaa gara galuu.
Salaanni gara Ka'abaatti fuula deebi’uun salaama bakka biraatti Yoo fuula deebi'ee salaatamu Salaanni suni sirrii miti.
9. Niyyata Qabaachuu (Qayyannoo)
Salaata qalbii keessatti niyyaa qabaachuun dirqama.
Shuruuxni kunniin erga guutamtee booda Salaatama, yoo tokko keessaa dhabame salaanni hin guuttamtu.
Namni wahii irraa fayyadamuu dandaha waan taheef Share waliif godhaa barakallaahu fiikum.
©️Fares Muhammed
http://T.me/Fursaan_Media
Shuruuxni (ulaagaaleen) Salaataa Sagal.
Shuruuxni Salaataa jechuun wantoota salaanni sirrii ta’uuf dura guutamuu qabanii dha.
Yoo tokkollee isaan keessaa hafe, salaanni hin baddi.
Isaanis:-
1. Islaamummaa qabaachuu.
Salaanni nama Islaamaa malee irraa hin fuudhamtu, Namni Islaama hin taane yoo salaate salaanni isaa fudhatama hin qabu.
2. Qalbii guutuu (Aqlii qabaachuu)
Salaanni nama sammuu hin qabne ykn of wallaale irratti hin dirqamtu, yoo salaates irraa hin fuudhamtu.
3. Waa addaan baafatuu (Umrii Tamyiiza gahuufi waa Beekuu)
Salaanni kan dirqamu namoota tamaanaa gahaniifi waan gaarii fi badaa addaan baasuu danda’an irratti.
4. Haadasa irraa (Xahaaraa) qulqullina qabaachuu
Haadasa guddaa:- waan qaama dhiqachuu dirqamsiisu, waan Akka Janabaa, dhiiga ji'a, dhiiga dhalaa irraa qulqullina qabaachuu:
Haadasa xiqqaa:- waan wudu'a godhuu dirqamsiisu. Hafuurri namarraa bahuu, Fincaan, ....
5. Qaama, Uffata fi Iddoo Salaataa Qulqulleessuu
Qaamni, uffanni, fi iddoo salaatan najisaa irraa qulqulluu ta’uu qaba.
6. Qaama uffachuun Dhoksuu (Owraa sattarachuu)
Dhiiraf: Mul'ii irraa hanga jilba gadiitti dhoksuu.
Dubartootaf: Qaama guutuu harkaa(Shanachaa)fii fuula malee waan jiru uffata bal'aan haguuggachuu
Salaanni yeroo isaa keessatti qofa kan salaatamu, Salaanni waqtii usiitiin ala dursee yoo salaatame sirrii hin taatu.
8. Gara Qiblaa gara galuu.
Salaanni gara Ka'abaatti fuula deebi’uun salaama bakka biraatti Yoo fuula deebi'ee salaatamu Salaanni suni sirrii miti.
9. Niyyata Qabaachuu (Qayyannoo)
Salaata qalbii keessatti niyyaa qabaachuun dirqama.
Shuruuxni kunniin erga guutamtee booda Salaatama, yoo tokko keessaa dhabame salaanni hin guuttamtu.
Namni wahii irraa fayyadamuu dandaha waan taheef Share waliif godhaa barakallaahu fiikum.
©️Fares Muhammed
http://T.me/Fursaan_Media
Telegram
Fursaan Media
« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Daa'ima xiqqaa sinbirreen inni ittiin taphatu jalaa duute jajjabeessuuf bira gadi taa'ee qalbii isaa tasgbbeesse, ergamaa aalamaa tahuu isaa wajjiin...
Dhugumatti Inni Ergamaa Rahamataati, (Nageenyi fi Rahmanni Rabbii isa irratti haa jiraatu).
اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد ﷺ

irra caalaan hiyyeessaa,kubbaa miilaa daawwata, irra caalaan harka qalleessaa,telvizyiina jala taa’ee diraamaa laalaa bula,irra caalaan harki hujii hin beeknee,eddoo sirbaafi taphaa fedha,irra caalaan nama hujii hin qabnee,siyaasa gara isaa hin beekne irraa dubbataa jiraataa taajjabi.
Qalbi dhabeessi telvizniina guddaa bituuf deema,qalbi qabeessi bitee itti gurguruuf dhaadhessa,gowwaan kophee furdaafi sa’atii guddaa bituuf deema,qaruuteen meeshaa bifa garagaraa fidee jala qabee waliin rakkisa,kaayyoo jiraataniif beekuu dhabuufi uf jalaa dhabamuun, jiruu nama harkaa balleessitii xiinxalli.
Yooo
Shey×xaani diina kiyya jedhaa ufii moggifatanii bulaa,Rabbiin ni sodaadha jedhaa ufii daangaa inni Kaahe diigaa bulaa,wal makee,walitti makamee nama harkaa wal laaqaa jiraa taajjabi.
Jaaloo
Homaan nama sakaalaa argi,Nyaata hinbilchaatin irra,sammuu hin bilchaatintu dhukkubaa beeki.
©Sufiyaan Usmaan
http://T.me/Fursaan_Media
Qalbi dhabeessi telvizniina guddaa bituuf deema,qalbi qabeessi bitee itti gurguruuf dhaadhessa,gowwaan kophee furdaafi sa’atii guddaa bituuf deema,qaruuteen meeshaa bifa garagaraa fidee jala qabee waliin rakkisa,kaayyoo jiraataniif beekuu dhabuufi uf jalaa dhabamuun, jiruu nama harkaa balleessitii xiinxalli.
Yooo
Shey×xaani diina kiyya jedhaa ufii moggifatanii bulaa,Rabbiin ni sodaadha jedhaa ufii daangaa inni Kaahe diigaa bulaa,wal makee,walitti makamee nama harkaa wal laaqaa jiraa taajjabi.
Jaaloo
Homaan nama sakaalaa argi,Nyaata hinbilchaatin irra,sammuu hin bilchaatintu dhukkubaa beeki.
©Sufiyaan Usmaan
http://T.me/Fursaan_Media
Telegram
Fursaan Media
« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Forwarded from Fursaan Media
Hirmaannaan keessan itti haa fufu.
Akkuma baratame deebii isaa bal'inaan waliif ibsina...
http://T.me/Fursaan_Media
Akkuma baratame deebii isaa bal'inaan waliif ibsina...
Fursaan Media Obboleeyyan keessaniif share godhaa gama chaaynaalii keennatti affeeraa ...
http://T.me/Fursaan_Media
Telegram
Fursaan Media
« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Aalima Awwaalle Har’a!!!
Sheikh Abdurrahiim Abuu Bakar Ismaa’il.
Akka lakkoofsa Hijraatti 1382 -waggaa 64 har’aa- Diin barachuuf baalerraa miilaan imalanii Ardii Sa’uudii seenan… Sheikhni gaafa biyyarraa bahanuu Aalima guddaa turan.
Ulamoota isaanirraa achitti Fiqhii qara’an keessaa Sheikh Muhammad Amiin Karroo,Dr Abdushakuur,Dr Abdul Jaliil fi Ulamoota hedduu dha.
Hanga baatii muraasa duraatti osoo ilmii (dhaalmaya Nabi Muhammad -Sallallaahu Aleyhi Wasallam- ) qoodan addunyaa dhumtuu tanaan adda bahan.
Har’a hiriyyootni isaanii hedduun biyyee qabrii keessa ciisu… ulamootni isaaniin hiriyyaa umriin har’a gahan garaan isaanii bobahaa oole…
والشيخ كان همزة الوصل بين قرنين في العلم،وكان سلسلة من السند،وكأنها انقطعتِ اليومَ بوفاته. وقد ألحق الأصاغرَ بالأكابرِ لأنه تجاوز مائة سنة!!!
اللهم أكرم ضيفك
©️Qilleensi Nasrii Bubbise

DEEBII Gaafii 9ffaa
1. Diriiree Dhaabatuu dha
Salaata waajibaa dhaabbatee salaatuun dirqama nama dandahu irratti. yoo hin dandeenne, taa’ee yookiin ciisee salaatuun hayyamama.
2. Takbiiraa Seensaa(Takbiiratul Ihraam)
Salaata jalqabuuf "Allahu Akbar" jechuun dirqama. Niyyaa salaatatti seenuu argamsiisuu waliin, Kun arkaana salaataa keessaa isa jalqabaa ti.
3. Faatihaa Qara’uu.
Salaanni Faatihaan malee guutuu hin taatu, Raka'aa hunda keessattu, Salaata waajibaa tahee sunnaa, Imaama waliin salaatee kophaa salaatee Faatihaa qara'uun dirqama.
4. Rukuu'a gochuu
Rukuu’a jechuun duuyda gadi qabuudhaan harka jilba irra kaa’uu dha.
5. Rukuu’a irraa ol-ka'uu
Rukuu’a irraa of sirreessanii diriiree Dhaabatuu.
6. Sujuuda gochuu humna torban irratti.
Namni sujuuda irratti qaama torban itti fayyadamu qaba, Kallachaafii funyaan, harka lamaan, jilba lamaan fi miila lamaan.
7. Sujuuda irraa ol-ka’uu
Sujuuda irraa ol-ka’anii taa'uu
8. Jidduu sujuuda lamaanii taa’uu.
Sujuudota lama jidduu taa’anii tasgabbiin turuu.
9. Arkaanota hunda keessatti tasgabbiin turuu.
Tasgabbiin (xumaaniinaa) qabaachuu, arkaana hundaa tasgabbiin dalaguun dirqama
10. Tartiibota Arkaanaa
Arkaana hundaa tartiibaan gaggeessuu dha, Arkaana tokko tokko Dura dabarsuun hin tahu.
11. Tashahuda Dhumaatiif taa'uu.
Tashahuda qara'uuf taa'uun Dirqama.
12. Tashahuda xumuraa qara’uu.
Dhuma salaataatti Tashahuda qara'uu, Attahiyyaatu jedhe ykn akkaataa sunnaan ittiin dhufteen.
13. Salawaata Nabiiyyii irratti buusuu.
Taa'uumsa tashahudaa keessatti Nabii Muhammadiin (SAW) irratti salawaataa fi nagaa buusuu. Erga tashahuda jedhee booda
14. Salaammatuu lamaan
Salaata xumuruuf gara mirgaafii bitaatti "Assalamu Alaikum wa Rahmatullah" jechuu, salaanni bifa kanaan xumurama.
#Hubachiisa
©️Fares Muhammed
http://T.me/Fursaan_Media
Arkaanni Salaataa (Rukniwwan Salaataa) 14 dha. Isaanis:

Arkaanni kunniin hojiiwwan bu’uuraa fi dirqama salaataati, yoo hojii kana keessaa tokko dhabame, salaanni hin guuttamu.
©️Fares Muhammed
http://T.me/Fursaan_Media
Telegram
Fursaan Media
« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Forwarded from Fursaan Media (Fursaan)
Seenaa footon tun if duubaa qabdu ni beeytanii?
Mucaan taankii waraanatti dhagaa darbaa jiru khun maqaan isaa "Faaris Odeh" ja'ama, lammii falasxiini, taankin waraanaa ta inni dhagaa itti darbaa jiru tun taankii waraana israa'ili
Footon tun October 29 bara 2000 kheessa waggaa 23 dura gaazixeessaa Associated Press Laurent Rebours khaafamte. Faaris yeroo sanitti umriin isaa waggaa 14 turte
Faaris yeroo hunda waraana Isreal guddaa khana dura dhaabbatee dhagaa itti darbuuf mana baruumsarraa hafuu ture. Akka inni mana baruumsarraa yeroo garii hafu barsiisonni maatii isatti himnaan maatin isaa akka inni gad hin baanef hidhanii manatti hulaa itti cufuu turan, garuu inni yeroo hunda dhokhateeti maskootan behee warra isarra gurguddaa wajjiin waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture
Faaris maatin tiyya yoo na agarte nan dhiiftu je'ee waan sodaatuf cameran akka isa argu hin fedhu, yeroo hunda camera irraa maqeeti waraana gabroofataa biyya isaa kheessa jirutti dhagaa darba. Haati isaa hayyee yoo lola khanarraa hafuu hin feenellee namni sirra gurguddaatu taankii irraa fagaateti lolaa jiraa atis irraa fagaadhuu loli jennaanin an waraana gabroomfataa hin sodaadhu je'ee haadhatti hime faaris
Haaluma khanaan osoo taankii waraana israa'il dura dhaabbatee dhagaa itti darbuu baruma san November 8tti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin isa dhehe. Waan inni taankii waraana israa'iilitti dhihoo jiruuf saahibban isaa nutis yoo achi dhihaanne waraanni israa'il nu dhaha ja'anii waan sodaataniif isaa xiyyitiin dhahamee ciisu itti achi deemanii lafaa khaasuu sodaatan. Haala khanaan faaris bakkuma dhahamee ciisutti dhiiyni hedduun irraa yaa'ee achumatti du'e
Yeroon tun yeroo ummanni falasxiin gabroomfataa ofirraa khuffisuuf fincila mormii gaggeessaa turan kheessa turte. Maqaan fincila khanaa Second Intifada ykn Al-Aqsa Intifada" ja'amuun beekkama
Faarisis lola gabroomfataa biyya isarraa khaasuf eegale khanarratti dura bu'ummaan hirmaatuu ture. Osuma haala khanaan itti jiruu November 1 baruma san kheessa ilma adeera isaa kha maqaan isaa "Shaadii" ja'amu kha umriin waggaa 17 kha yeroo sanitti poolisa falasxiin ture waraanni israa'il dhehee ajjeese. Yeroo tana faaris akka hijaa bahu khakhatee haga duraanii caalaa meeshaa biraa dhabus dhagumaan qabsaahuu itti fufe" Jette obboleettin isaa Anam Odeh hoggaa waa'ee obboleessa isii dubbattu
Faaris awwaalcha ilma adeera isaa dhaqeeti lahdii ilmi adeera isaa itti awwaalamuuf deemu kheessa ciisee laalee lahdin tun ta shaadii qofa osoo hin taane tiyya" je'ee achii deeme jette obboleettin isaa
Torbaan takka booda Ghazzaa bakka karnii ja'amtutti faarisii fi saahibban isaa waraana israa'ilitti osoo dhagaa darbaa jiranii mul'atan, faaris nama hunda dura dhaabbateeti taankii waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture. Akka saahibban isaa himanitti akkuma faaris dhagaa lafaa fudhachuuf gad je'etti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin dhehee ajjeese
United Press International (UPI) akka himetti nama kumaatmaan lakkaayamuutu awwaalcha Faaris Odeh irratti hirmaate, Abbaan faaris ilmi khiyya shahiideedha, yeroo hunda wanni inni barbaadaa ture tana" gaafa hagana hin geenyerraa MASJID AL AQSAAF du'uuf hawwaa ture" jechuun (UPI)tti hime
Ergasii badhaasni gaazixeessitoota ciccimaaf maqaa isaatin waggaraa khennamu uumame, Akkasuma dhaabbata mirga dhala namaatif falmu hedduu kheessatti seenan Faaris Odeh mallattoo qabsoo dhugaa taateeti barsiifamti. Akkasuma footon faaris tun ummata falasxiin biratti mallattoo dura dhaabbannaa diddaa gabrummaa ja'amteeti beekkamti
Tana males footon tun "David and Goliath" moment ja'amteeti addunyaa biratti beekkamti. Akkana jechuun isaanii Nabi Dawuud nama akkaan zaata isarra guddaa qabuun hoggu lolu san osoo kha footon agarsiifamu tehee akkana fakkaata jechuu itti fedhaniiti sociologistoonni addunyaa yeroo fotoo faaris tana qoratanii laalan

Yeroo san kheessa Washington post haadha isaa interview yeroo godhan haati isaa akkana jechuun isaanitti dubbatte: Hoggan footoo isaa arge onneen tiyya bakka dhibatti addaan na facaati, garuu goota ja'amee yaamamuu isaati fi dhagaadhan taankii dura dhaabbatee loluu isaatiif ittiinin boona. Haa tahuu garuu yeron joollee inni wajjiin barataa ture ta mana baruumsaatii baatee deemtu arge booyuu malee waan biraa tanin godhu hin beekhu. Wannin an sodaadhu wanni hundi akkuma duraanitti deebitee duuti faaris du'a bilaash tahuudhan haalan sodaadha. Yoo lolli khun bu'aa takka malee kha asumatti dhaabbatu tehe anumaatu ilma khiyya dhabe malee faa'idaan argamte hin jirtu je'eetin amana" Jetteeti dubbatte haati gootaa.
✍ Ibsaa Habroo
T.me/Fursaan_media
✍ Ibsaa Habroo
T.me/Fursaan_media
Telegram
Fursaan Media
« وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِمَّنْ دَعَا إِلَى اللَّهِ وَعَمِلَ صَالِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ الْمُسْلِمِينَ »
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
Da'awaa, barumsa gara garaa argachuuf chaaynaalii keenna hordofaa.
"لا تُجالِس امرأةً وحدَها، ولو كُنتَ تُدرّسُها القُرآن."
- عُمر بن الخطاب
" Dubartii waliin kophaa hin taa'in osoo qur'aanallee ka barsiistuun taatee "
-Umar Ibnul kaxxaab
@Fursaan_media