Telegram Web
Yeroo

namichi hiyyeessi tokko qarshii baay’ee akkuma arge yeroo
karaa irratti jissaa deemu yoo argite maal jetta? Fayyaa jiraa namichi kun jettee hin
yaadduu? Sababni isaas qabeenya waan qisaasessaaruuf. Garuu na amani ati yoo yeroo gubda
ta’e isa caalaa gowwaan akka keeti hin jiru. Sababni isaas inni qarshii darbe sana deebi’ee
fudhachuu ni danda’a ati garu yeroo darbe san deebisuu hin dandeessu

Join and share
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
Namoonnii baay’een dubbisuun yeroo qisaaseessuu itti fakkaata. Garuu akkas miti; ‘social
media’ irratti sa’aatii 24 hanga irra ooltu kitaaba tokko daqiiqaa 24f yoo dubbifte faayidaa
guddaa qaba. Yeroo kana jedhu warroota ‘social media’ beekkumsa adda addaa irraa
argatuuf fayyadaman kanneen ilaallatuu miti. Game taphachuu cadhisanii deemaa ooluu kun
hundi yeroo gubuu qofa osoo hin taane of gubuudhas. An garu yeroo kana jedhu wantoota
kanneen inumaa hin godhinaa osoo hin taane hammaan ta’uu qaba jechuu kooti. Akkasumas
rakkoolee kanneen irraa an qulqulluu ta’ee osoo hin taane waan irraa baradhee jiruuf.
 Anis dhumarratti wanti jechuu barbaadu yeroo keessan sirritti fayyadamaa. Sababni isaas nuti
hunduu waan duunuuf waan hin dune kan uumaa fi uumama biratti gaarii ta'e tokko hojjannee du’uu qabna
Share gochuu hin dagatina

Join and share
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
Garaachi beela'e , boorsaan duwwaa ta'e, fi yaadni cabe barannoo jireenyaa ba'eessa ta'e si barsiisa
Dhugumatti gammachuu dhugaa ta'e argachuuf sirriidhumatti rakkina keessa darbuun barbaachisaadha.

Share gochuu hin dagatina

Join and share
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
Gonkumaa barachuu hin dhiisin jireenyi si barsiisuu waan hin dhiifneef

Share gochuu hin dagatina

Join and share
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
Milkaa'uuf fuula bareedu[ beautiful face] yookiin qaama jabaa [ heroic body] qabaachuu sin barbaachisu .
Wanti barbaachisu garuu sammuu ogummaa qabu fi
Dandeettii ittiin hojiitti hiikanidha

Namoonni baayyeen milkaa'ina waanuma isaanitti ifetti hiikkachuun waan hamaa karoorsanii ittiin milkaa'uuf yaalu ati garuu milkaa'ini kee waaqayyon biratti gaarii ta'uusaa qori ilaali waanuma uumaa fi uumama biratti gaarii ta'e hojjedhu .
Share gochuu hin dagatina

Join and share
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
"Addunyaa kana irraa bakki qabeenyi guddaan itti argamu bakka awwaalaati."
— Myles Murnoe
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namoonni baay'een mul'ata isaan keessa jiru osoo ittiin hin hojjatin du'an. nama muraasa kan mul'ata isaa baree hojiitti jijjiire.

⁃ "Addunyaa kana irraa qabeenyi guddaan bakki itti argamu biyyoota gaasii uumamaa qaban bira miti, yookiis biyyoota albuuda akka diyaamandii, pilaatiyeemii, warqii fi meetiin yookiis kan biroon badhaadhan biratti miti.

⁃ "Addunyaa kana irraa bakki qabeenyi guddaan itti argamu bakka awwaalaati."

⁃ Mul'anni ammana hin jedhamne kun isaan faana du'ee bakka awwaalchaa jira."

ERGAA:
▷ Eeyyen dhugaa jedhe mul'ata uumaan itti kenne ittiin osoo hin hojjatin dachee kana irraa kan darban lakkoofsa hin qaban. Anaan garuu kan na dhiphisu kan warra mul'ata isaanii qabatanii du'anii osoo hin taane kan warra qabatanii du'uuf jiraniiti. Ammayyuu mul'ata meeqatu du'aaf kaadhimamee jira laata? Waaqayyootu beeka.

▷ Kanaaf mul'ata keenya beeknee gara waan qabatamaatti jijjiiruu danda'uu qabna. Wanti ulfaatan garuu mul'ata ofii beekudha.

▷ Mul'ata si keessa jiru eenyuyyuu hin beeku. Garuu tilmaamuu danda'a. Kan inni ittiin tilmaamus fedhii hojii kee ilaaleeti. Kana jechuun yoo barreessi si godha ta'e namni kun barreessaa ta'uu danda'a, yoo wantoota garaagaraa walitti qabuun kalaqa yaalta ta'eef namni kun nama kalaqaa ta'uu hin hafu yoo kan biraa dalagdees akkasumatti si ilaalee mul'ata kee tilmaamuu danda'a namni. Garuu sirriitti kan of beeku si'i. wanti akka ati waan tokko hojjettuuf keessa keetii si xuxxuqu inni mul'ata keeti. Kanaaf mul'ata kee adda baasii bari!

▷ Erga barteen booda isa hojiitti jijjiri! Akka kootti inni kun baay'ee ulfaatadha garuu ni danda'ama. Maaliif jettee?

▷ Anaaf addunyaa kana irraa wanti baay'ee ulfaataan waan hojjechuuf uumaman hojjechuu danda'uudha. maarree hojjechuu danda'uun maal cima hojjechuu dadhabuudha malee, jechuu dandeessa. Hojjechuu dadhabuun salphaadha. Mul'ata ofii kan beekan muraasa waan ta'aniif.

▷ Hojjechuu danda'uun garuu aarsaa nama gaafata. hanga aarsaa lubbuutti illee deemuu danda'a. Eenyu egaa hanga kanatti mul'ata isaaf jedhee kan 'risk' gurguddaa baatuu? Isaan kan mul'ata isaanii hojiitti jijjiran.

➥ Kanaaf atis aarsaa mul'anni kee si gaafatu kaffaliitii mul'ata kee hojiitti jijjiri!

Share gochuu hin dagatina

Join and share
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
Yeroo tokko tokko namoonni callisan waan dubbatan baayyee qabu garuu jireenya namaatiif of eeggatu malee .

Share gochuu hin dagatina

Join and share
@galaajireenyaa
@galaajireenyaa
OFII GALUU FI OFIIN GANUU!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namootni addunyaa kana irra jiraatan jireenya isaanii keessatti waan lama ta’uu malu.

➀. Akkaataa jiraatamuu qabutti jiraachuu danda’u.

➁. Akkaataa jiraatamuu hin qabnetti jiraachuu danda’u.

➲ Jireenyi nuti addunyaa kana irra jiraannu akkaataa jireenyaa nu irraa barbaada. Jirraaf jiraanna osoo hin taane, jireenya jiraanna. Jireenyi immoo jireenya dhugaa irra dhaabbatedha. Jireenyi dhugaa irra dhaabbate gaafa gaarii qofa hin gammadu. Gaafa hamaas bu’aa bahii jiruu fi jireenyaa ilaalee, yaadee daandii furmaata kennuu kan danda’udha. Jireenya jiraachuu jechuun jireenya gammachuu qabu, jireenya rakkinaa hin qabne, jireenya bu’a bahii hin qabne, jiraachuu jechuu miti. Jireenya gaarii fi hamaan itti wal jijjiiru jiraachuudha. Yeroo kana immoo gaarii isaas hamaa isaas, madaalaa, isa furmaata barbaaduuf furmaaata kennaa deemuudha.

➲ Bu’aa bahii jiruu fi jireenya addunyaa kanaa keessatti warri isaaniif galee akkaataa jiraatamuu qabutti jiraatanii darban warra #ofii_galaniidha. Ofii galuun kaayyoo uumamaniif beekanii, kaayyoo sanaaf jiraatanii darbuudha. Warri kun seenaa biraa gatii qabu. Warri ofii galan gaafa gaarii argatan dhiichisanii gaafa hamaa immoo hin gaddan. Gaafa gaariis akkaataa qabannaa isaa beeku. Gaafa hamaas akkaataa itti keessa darban beeku! Warri ofii galan kun jireenya har’aa caalaa kan borii abdatu.

➲ Har’a waan fedhe keessa iyyuu yoo jiraatan abdii isaanii borii abdatu malee hin yaadda’an. Garuu yaadanii yaada qopheessu. Isa qopheessanis, fiixaan baasuuf hojjetu. Warri jirraaf jiraatanii, hiika jireenyaa osoo hin hubatiin darbani immoo warra #ofii isaanii #gananiidha. #Ofganuun immoo haala ilaalanii kaayyoo ofii gatuudha.

➲ Warri ofganan seenaa biraa gatii hin qaban. Warri of ganan, gaafa gaarii dhiichisaa, gaafa hamaa boo’aa dabarsu. Waan godhan kamiyyuu ofitti amanamummaa isaaniitiin osoo hin taane haala ilaalanii raawwatu. Warri of ganan kun yeroo hundumaa bakka tokko jiraachuu irra odeeffannoo dhaan bakka bakkatti godaanu.

➲ Faayidaa wajjin kufanii ka’u. Faayidaa argannaan wanti ta’e haa ta’u malee isaaniif dhimma miti. Kaayyoo isaanii faayidaatti jijjiirratu. Faayidaaf jedhanii ofganu, nama ganu, dhugaa ganu. Warri akkasii kun jireenya isaanii har’aa malee kan boriif abdii hin qaban. Kaayyoon isaaniis har’uma jiraachuudha. Warra ofii galaniifis warra ofgananiifis immoo guyyaan isaan gatii hojii isaanii isa isaan madaalu argatan qophaa’ee jira!
Galatoomaa!
BEEKUMSA KUFAATII!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Dhalli namaa jalqabatti, kan inni bakka gaariif mijataa keessaa baheef beekumsa kufaatiin isaaf kenne irraa ka'uuni.

Gorsa kufaatii (Failure mentor)
➲ Seexanni dhala namaa jalqabumarraa ka'uun kufaatii jannata keessatti dubartii gorsite. Beekumsa kufaatiif seexanni Hewaniif sammuutti qicceen, isheenis abbaa manaa isheef hirte! Beekumsi kufaatii isa kufaa sana irraa dhaalame sun lamaan isaanii dhaaba Edenii ala isaan taasise. (Um. 3:4...)

➲ Yeroo hedduu, waan daangaa darbe osoo hin raawwatin dura qaamni ijaan hin argamne beekumsa nuu kenna, fakkeenyaaf!
○ Ati yoo uffata kana uffatte in bareedda.
○ Ati yoo akkasitti jiraatte in boqotta, sammuun kees in bashannana.
○ Ati yoo waan sammuun kee si ajaje raawwatte of taataa fi kkf ilaaluu dandeenya.
○ Durumaa kaafnee nuti, wanta tokkorraa yoo waa arginneen ala, achirrattis beekumsa dabalataa (Orientation) yoo fudhanneen ala waa'ee sanaa waan hin beekneef gochuuf itti hin jarjarru. Erga qaamni tokko kufaatiirratti odeeffannoo dabalataa bareechee nuuf qoodeen booda garuu waan sila nutti asaafame sana taanee argamna.

➲ "Beekumsi kufaatii yeroo gara sammuu keenyaatti seenu, beekumsa milkaa'inaa dhagahuuf yeroo hin qabnu."

➲ Beekumsi milkaa'inaa maalii! (What is knowledge of achievement?)
Osoo itti beeknee, beekumsi milkaa'inaa isa Waaqayyo jaallatu qofaadha, innis osoo waa nurratti hin ta'iin dura, osoo qolli keenya yookaan gogaan keenya nuttii bahee, qilleensi nun dhahiin dura isa nutti dubbatamudha. Kanaaf fakkeenya guddaa Hafuura Qulqulluu fudhachuun salphaadha. Hafuurri qulqulluu beekumsa kufaatiirra ittiin darban sammuu namaa keessa waan kaa'uuf dhalli namaa hallayyaa cubbuutti hin dhidhimu.

Addunyaa beekumsa kufaatii dhaggeeffachaaf hordofaa adeemu keessatti, beekumsi milkaa'inaa yeroo baay'ee gurra hedduu keessatti bakka hin qabu. Kanaafi hunduu beekumsa seexanni kuffisuuf gurratti qiccu, dhaggeeffachuuf hunduu (earphone) godhatee kan safuu cabsee waan seexanni inni kufaan sun ajaju dhaga'ee raawwatuuf!

Obboleessaa/Obboleettii!
➲ Qaamni tokko jira, innis yookaan isa kufaatiif si kudhaamu yookaayis immoo isa milkoominatti si akeeku, lamaan isaanii keessaa gara ati itti luuccoftu garuu lubbuu kee du'a oolchuu danda'a.

➲ Si'a tokko tokko inni/isheen waan fedhii ishee raawwatti eenyuuniyyuu hin dhageessu kan jedhamutu jira. Achi keessatti garuu ani waa nan arga, isheen nama dhagahuu dhiiftee beekumsa kufaa dhageessu kun ishee seexanni du'aaf leenjifachaa jirudhaa laata jedhee.

➲ Waan nuti dhagahaa oollu, shallaggiin isaa kufaatiittis milkoominattis kan nu geessu, yoo waan dhageenyu sana sirritti beekne qofaadha.

#Dargaggoo_(Dear youths!)
➲ Yeroon kun yeroo addunyaa mataa keenyaa keessa jirru nutti fakkaatee waan kufaarraa kufaa dhaggeeffannee kukkufaa deemna yoo ta'e, in sobna malee sammuun keenya nu jalaa (xalafameera) sammuun gorsa hamaan sakaalame bakka hin taanetti kufaatiin nu gahee deebi'a.

➲ "Wanti hundi dhowwaa hin qabu, garuu wanti hundi nama hin gargaaru akka macaafni Qulqulluu jedhu."

➲ Yeroo waan hamaa raawwannu tarii eenyutu anarratti mirga qabaatee na dhorkaa jennee of tuulummaa seexanni nu #talaalteen dhiitofnee waan goonu gochuu dandeenya, garuu nun fayyadu!

➲ Kan nu hin gargaarre irrattis balaasaatu heddummata.
Bara hamaa kanatti seexana nama salphisuuf baaterraa (orientation) fudhatanii addunyaa miiraa keessa cululuquun salphina hamaafis nama saaxila.

➲ Maddi beekumsa keenyaa, kan nuti ittiin har'a deemaa jirruufii waan argines ittiin raawwannu kan eenyuu akka ta'e osoo beeknee gaariidhaan dhaamsa kooti.
Nuhaagargaaru.
√√√√√√√√
Gammachiis Caalaa bakaree
BÃGÅ GËÊSSÀÑ / MËRRY ÇRÏSTMÁS
🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄🎄

Mucaa nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irraa jira; maqaan isa, "Gorsa, dinqii, Waaqayyoo- jabaa, abbaa bara baraa, angafaa nagaa in jedhama.
Isa 9: 6

💖🎄❤️💖🎄💖🎄💖🎄
Baga Ayyaana dhalachuu gooftaa keenya yesus kiristoosin nagaan geessan.
Jιrєєиуα
▬▬▬▬▬▬▬▬
▷ Ʀakkina qaba.
▷ Baldhina qaba.
▷ Salphina qaba.
▷ Ulfina qaba.
Isaan kanatu walitti dabalamee Jireenya hiika qabu nuu fida.

➛ Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.
➛ Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.
➛ Kufaatiin isa ta'uuf dhalatte osoo hin ta'in hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama.

➥ Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

RAKKINNI YAADNI HAARAAN KEESSA KEETII AKKA BURQU GODHA!

● Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima.

● Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee.

● Namni mul'ataa milkaa'uudhaaf rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Galaajireenyaa
@Galaajireenyaa
Uumɑmɑ Irrɑɑ Hɑɑ Bɑrɑnnu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Uumɑmni nɑmɑ Bɑrɑchuu dɑndɑ'uuf bɑrsiisɑɑ ɑjɑɑ'ibɑɑti.

➲ Abbɑɑn ilmɑ isɑɑ xiqqɑɑf mɑgɑɑlɑ deemee uffɑtɑ yoo bituuf mucɑɑ isɑɑ hɑrkɑ qɑbɑtee mɑnɑɑ bɑhɑ.

➲ Abbɑɑn Tɑrkɑɑnfii gɑɑfɑ eegɑlu ilmi suksukuu eegɑlɑ. Abbɑɑnis ilmis Kɑ'umsiifi gɑ'umsi isɑɑnii tokko.

➲ Abbɑɑn gɑɑfɑ tɑrkɑɑnfɑtu ilmi suksukuun Qɑjeelfɑmɑ nɑmɑɑtiin miti.

➲ Ilmi ɑkkɑ suksukuuf bilbilli bilbilɑmes hin jiru. Wɑɑn itti himɑmes hin turre.

➲ Gɑruu uumɑmni wɑɑ gurrɑtti hɑsɑɑsuu hin oolu. "ɑbbɑɑn kee sirrɑ guddɑɑ wɑɑn tɑ'eef qixɑ isɑɑ mɑgɑɑlɑ gɑhuuf suksukuu si bɑrbɑɑchisɑ" jedhee wɑɑn itti himɑme fɑkkɑɑtɑ.

➲ Jireenyis ɑkkɑsumɑ; wɑrri guddɑtɑn yoo tɑrkɑɑnfɑtɑn nuti immoo suksukuu dɑrbees fiiguu yoo hin yɑɑlle ɑddunyɑɑn nu gɑttee fɑgɑɑchuun ishee hɑqɑ. Dhugɑɑ hin hɑɑlɑmne!

➦ Wɑɑn beektɑniifi dubbistɑn dhɑlootɑɑf hɑɑ dɑbɑrsinu Wɑliin bɑrɑnne wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈
@galaajireenyaa
OF GUDDISUU!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaa fi dheerina isaa ni safara.

Magaalaa keessa yeroo deemtan iddoo hedduutti waan ittiin hanga ofii safaran argattu.
Namuu itti goree of ilaala. Keessattuu dargaggeessi hangam akka qaamni isaa dabale ilaaluuf yeroo hedduu hanga isaa safara. Kana biraan immoo boca qaama isaa eeguu fi jabaa ta'ee of arguuf sochii
qaamaa hojjeta.

Kana qofa miti qaama isaa guddisuuf nyaata illee hanga humni isaa dandeessise filatee nyaata.

Xiyyeeffannoon kun hunduu qaamaan guddaa fi boca gaarii qabaatanii guddina barbaadan argachuufi.

➢ Akka saayinsiin jedhutti ilmi namaa guddate (developed) ta'e jechuuf qaama biratti yaadaan, miiraan, hawwaasummaa fi dandeettii sammuun guddachuu qaba jedha. Sirriidha.

➢ Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

➢ Barnoota sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaa fi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

➢ Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin wal simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

➢ Sammuun dhala namaa barnoota sirriin gabbatee jiruu fi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta'a.

➢ Maarree guddinni dhala namaa sirrii akka ta'uuf, sammuun barnoota sirriin misoomee dagaaguu qaba.

➢ Hamma kana hin argannetti garuu dhamaatii gatiif hiika hin qabne, jireenya furtuu malee gad dhiisii ta'ee fi yaada hin hogganamneen raafamuudhaaf saaxilamna.

➢ Dandeettii ofii mirkaneessuun, cimina jajjabeessuu fi hanqina ofii irraa barachuun of guddisuuf mala jalqabaa ta'a.

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
ABDII HIN KUTIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ofitti hin gaddin! Abdii hin kutin! Wanta addaa karaa keetiin qofa raawwatamutu si harka jiraatii ka'ii ammuma hojii eegali!

Dhuguman siin jedha amani wanti adda ta'e kan karaa keetiin qofa danda'amu jira. si jechuun suma malee namni biraa bakka si hin bu'u.

Hir'ina kee lakkaa'uu dhiisi! Cimina kee lakkaawwadhu! Daangaa ofiif keesse keessaa cabsii bahi! Ni dandeessa. Eeyyeen ni dandeessa.

Yaaltee dadhabdee? Ammas irra deebi'ii yaali!
Hir'ina kee sitti mul'atee abdii kuttee? Ati nama gahaa dha. Sammuu keetti himi! Karoorsii ammuma itti adeemi! Galma gahiinsi sitti dhihoodha
#Dhugaa_filadhuu_mo'i!
~
Dhugaan karaa jireenyaati! Madda gammachuu dorgee hinqabnedhas. Eeyyeen, onnee dhugaan guute caalaa bakki gammachuun itti argamu hinjiru. Bakka dhugaan jiru ifatu jira; ifa keessas sodaan hinjiru. Dhugaan of himaa miti, garuu gohaan isaa yoomuu ni dhagaahama.
Eenyuyyuu dhugaa haalee balleessuufis yoo dhama'e, dhugaa bakkaa hin dhabamsiisu. Qal'aa jabaataa, gabaabaa dheeraa, arii'atamaa jiraataadha- dhugaan! Dhugaan calaqqee yeroo miti; haalaafi bakkaan hin jijjiiramu, qilleensaan hin raafamu. Kanaafi namni jireenyasaa keessatti dhugaa moosifatu kan mo'aa jiraatu! Dhugaan injfataadha!

Sobni waccuudha; boqonnaa malee ofitti nama waamti! Irratti hirmaachuuf haala mijataa namaaf dhiyeessiti; garuu waamichi waamicha gara salphinaa, qaaniifi badisaati. Kanaafuu, dhugaa hordofuun hammam yoo ulfaateyyuu gad hin dhiisiin! Dhugaa ofitti aanfadhu, ofitti si aanfataatii! Dhugaan mo'aadha waan ta'eef, filadhuunii mo'i!
"Namoonni hedduun Jireenya gaarii jiraachu hawwu garuu Aarsaa inni gaafatu immoo kaffaluu hin barbaadan kun immoo osoo waan nyaatamu hin qabaatin gosa nyaata filachuu waliin wal fakkata."
Gammachuun kee si wajjin jirti.

Nama gammaduu barbaadeef gammachuun yoomiyyuu isa waliin jirti.gammachuu ofirraa achi butanii ilaaluun sirrii miti.gammachuun keessoo kee si waliin jirti.

Yeroo kamuu haala kamuu keessa teessee gammaduu ni dandeessa.gammachuun haalonni hundi erga nuuf mijatee booda kan argannu osoo hin taane,haalonni akka nuuf mijatuuf qabsoo goonu keessatti argama.

Namni tokko gammaduu kan qabu sababa waan yaade argateef qofa osoo hin taane waan yaade argachuuf dadhabuu isaattillee gammaduu qaba.

Kanaafuu jaaloo koo jiruu keetti gammadi.rakkoo kamuu keessa jiraattulle gammadaa ta'i.seekoondiin tokko gammachuu malee ala akka sijalaa darbu hin eeyyamiiniif.yeroo kamuu,eesssayyuu teessee gammaduu ni dandeessaa hubadhu.

Join
@Galaajireenya
The owner of this channel has been inactive for the last 11 months. If they remain inactive for the next 28 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
2024/09/29 13:34:39
Back to Top
HTML Embed Code: