Telegram Web
Yeroo hundaa waan ati kadhachuu hin dagannee,ija waan gaarii argu,garaa dhiifama gochuu danda'u, sammuu waan yaraa dagachuu danda'ufi lubbuu kee amantaa ishee gatuu hin qabne.

@Situusii
@Situusii
Nama hundumaa Kabaji. Hiriyyota kee,Maatii kee,warra uffata hodhan,warra Mana ijaaran,warra Mana kee keessa hojjetan hundumaa fi kannen biroo hundumaa. Namni hunduu Badhaasaa gaarii godhanii si yaadatuu.
Kun waan xiqqaa fakkaatee sitti mul'achuu danda'a,garuu hanga dhumaatti warra eeggataniif kennaa ta'ee hafa.
Wanan kana dura sittti himee yaadatte ??. Nama amala qabeessa ta'i.


@Situusii
Warra Jaallattu malee warra si jaallatan waan hin beekneef hunda hin amaniin.

@Situusii
Garaamummaan kee akka rooba samii irraa gadi roobuu haa tahu,kan nama kam iyyuu addaan baasee irratti hin roobne.
@Situusii
Namoonni waliigalan Cimina isaanii malee dadhabina isaanii ol kaasanii hin dubbatani.

@Situusii
Abjuu kee Milkeessuuf Kufaatii ilaaltee hin sababeessiin,kufaaatiinis qaama milkaa'iina keetiti waan ta'eef.

@Situusii
Ati mo'ataa akka taatee namni sitti himuu hin barbaachisu.


@Situusii
Albeen nama daba hin qabneef si'a kuma yoo qarameyyuu namni dhugaa qabu albee isa hin ilaallanneen hin waraaanamu.

GOOTA

@Situusii
Gorsa Abbaa kee hin tuffatiin

Maatii harka qalleeyyii tokkotu ture gurbaa dhiiraa tokko qabu turani. Gurbaan kun abbaa isaatiin akkas jedhe. Yaa abbaa koo! hundumti keenya as teenyee beelaan dhumuu irra mana namaatti galeen hojii hojjeedha jedhe. Abbaan isaas dhiisi nu gattee hin deemiin jedheen. Gurbichis darqama deemuun qaba jedhe. Abbaanis dirqama taanaan koottu waan si gorsa jedheen . Gurbichis tole jedhee taa'e. Abbaanis 1ffaa irratti; Yaa ilma koo! Mana dhaqxee galtutti natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin jedheen. 2ffaa irratti; Yaa ilma koo! lafa deemtu hudumaatti nan ariifadhe jettee buna danfe dhiistee hin deemiin. Gorsi koo kanuma nagaan dhaqi jedheen.

Mucichis deemee mana namaatti erga galee yeroo muraasa jiraaten booda baay'ee waan bareeduuf haati manaa gooftaa si waliin ciisuun barbaada jetteen. Gurbichis tole jechuuf jedheet gorsa abbaa isaa isa 1ffaa; Yaa ilma koo! natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin isa jedhu yaadateet lakki kun gonkumaa hin ta'u jedheen

Giiftiinis baay'ee waan aarteef galgala gooftaan gallaan hojjetaan keenya kun na qabateet ani iyyinaan na gadhiise baqate jetteet gooftaatti himatee. Gooftaanis kana yeroo dhaga'u baay'ee waan aareef tooftaa ittiin hojjetaasaa kana ajjeesu barbaaduu jalqabe.

Abbaan manaa ykn gooftaan kun saawwa akka isaaf tiksaniif baadiyyatti namatti kennatee ture. Akkas jedheet warra saawwa isaaf tiksanitti nama erge. Namoota laman gara keessanitti erga. Isa dura dhufe ajjeesaa. Isa 2ffaa irratti dhufe saawwa itti naaf kenna jedhe. Isaan booda hojjetichaan dhaqiitii saawwa baadiyyaadhaa naaf fidii koottu jedheen. Hojjetichis ajaja gooftaa fudhatee deemsa eegale. Osuma inni deemaa jiruu bokkaan tokko roobnaan mana namaatti gore. warri mana sunii buna akaawu jalqabaniiru. Bokkaan caamnaan deemuuf ka'e. Warri mana sunii buna dhugi jedhaniin mucichis lakki nan ariifadha jechuuf ka'eet gorsa abbaa isaa isa 2ffaa Yaa ilma koo! nan ariifadha jettee buna danfee dhiistee hin deemiin jedhu yadateet tole jedheet taa'ee.

Erga buna isaa dhugee booda dhaqee saawwa fudhee gara manaatti deemuu eegale. Yeroo inni saawwa oofee mana gahu gooftaan baay'ee naheet eessa turte ? jedheet gaafate. Hojjetichis abbaa kootu yeroon manaa ba'u Akkas jedhee na gorsee. Natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin. Nan ariifadhe jettee buna danfe bira hin darbiin naan jedhe. Gorsa abbaa koo eeguuf iddoon bokkaa baqadhetti buna dhugi naan jennaan buna dhuguufan taa'e jedheen.

Gooftaanis waan lamatti baay'ee gadde. 1ffaa Akka saawwa fuudhuuf 2ffaa irratti kan ergame ilma gooftaa ture. Yeroo hojjetichi buna dhuguuf taa'e sun ilmi gooftaa bira darbee saawwa fuudhuu dhaqeet qooda hojjeta sunii ajjeefame.
2ffaa immoo soba haadha manaa isaatti baay'ee gadde. jedhama.


@Situusii @Situusii
'Nagaa jechuun jiraachuu dhabuu wal-dhabbii miti; nageenyi dandeettii wal-dhabbii uumamu karaa nagaatiin furuuti'.

Ronald Reagan

@Situusii
@Situusii
Jaallachuufis ta'ee jaallatamuun dura of ta'ii argami! aangoo guddaan ati qabdu of ta'uudha. Maalif yoo jette, homtuu si ta'uu hin danda'u!"

@Situusii
@Situusii
@Situusii
Dubbii Hayyootaa
"Namoota Ajajuu baayifta yoo ta'e;namoota sana Jaallachuuf yeroo hin argattu"

Maazer Tireezaa

"Nama Dhugaa dubbatu Caalaa namni jibbamu hin jiru"

Pilaatoo

@Situusii
@Situusii
Galma Jaalalaa
Milkaa'ina qalbii
Kuufama weelalaa
Keesa naaf jirta
Hawwii kiyya dhaalaa
Imala koo guuraa
Qalbiin na yeelalaa
Qalbii koo qabadhu
Ani sumaan geeraraa

Milkii
Gorsa Abbaa kee hin tuffatiin

Maatii harka qalleeyyii tokkotu ture gurbaa dhiiraa tokko qabu turani. Gurbaan kun abbaa isaatiin akkas jedhe. Yaa abbaa koo! hundumti keenya as teenyee beelaan dhumuu irra mana namaatti galeen hojii hojjeedha jedhe. Abbaan isaas dhiisi nu gattee hin deemiin jedheen. Gurbichis darqama deemuun qaba jedhe. Abbaanis dirqama taanaan koottu waan si gorsa jedheen . Gurbichis tole jedhee taa'e. Abbaanis 1ffaa irratti; Yaa ilma koo! Mana dhaqxee galtutti natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin jedheen. 2ffaa irratti; Yaa ilma koo! lafa deemtu hudumaatti nan ariifadhe jettee buna danfe dhiistee hin deemiin. Gorsi koo kanuma nagaan dhaqi jedheen.

Mucichis deemee mana namaatti erga galee yeroo muraasa jiraaten booda baay'ee waan bareeduuf haati manaa gooftaa si waliin ciisuun barbaada jetteen. Gurbichis tole jechuuf jedheet gorsa abbaa isaa isa 1ffaa; Yaa ilma koo! natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin isa jedhu yaadateet lakki kun gonkumaa hin ta'u jedheen

Giiftiinis baay'ee waan aarteef galgala gooftaan gallaan hojjetaan keenya kun na qabateet ani iyyinaan na gadhiise baqate jetteet gooftaatti himatee. Gooftaanis kana yeroo dhaga'u baay'ee waan aareef tooftaa ittiin hojjetaasaa kana ajjeesu barbaaduu jalqabe.

Abbaan manaa ykn gooftaan kun saawwa akka isaaf tiksaniif baadiyyatti namatti kennatee ture. Akkas jedheet warra saawwa isaaf tiksanitti nama erge. Namoota laman gara keessanitti erga. Isa dura dhufe ajjeesaa. Isa 2ffaa irratti dhufe saawwa itti naaf kenna jedhe. Isaan booda hojjetichaan dhaqiitii saawwa baadiyyaadhaa naaf fidii koottu jedheen. Hojjetichis ajaja gooftaa fudhatee deemsa eegale. Osuma inni deemaa jiruu bokkaan tokko roobnaan mana namaatti gore. warri mana sunii buna akaawu jalqabaniiru. Bokkaan caamnaan deemuuf ka'e. Warri mana sunii buna dhugi jedhaniin mucichis lakki nan ariifadha jechuuf ka'eet gorsa abbaa isaa isa 2ffaa Yaa ilma koo! nan ariifadha jettee buna danfee dhiistee hin deemiin jedhu yadateet tole jedheet taa'ee.

Erga buna isaa dhugee booda dhaqee saawwa fudhee gara manaatti deemuu eegale. Yeroo inni saawwa oofee mana gahu gooftaan baay'ee naheet eessa turte ? jedheet gaafate. Hojjetichis abbaa kootu yeroon manaa ba'u Akkas jedhee na gorsee. Natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin. Nan ariifadhe jettee buna danfe bira hin darbiin naan jedhe. Gorsa abbaa koo eeguuf iddoon bokkaa baqadhetti buna dhugi naan jennaan buna dhuguufan taa'e jedheen.

Gooftaanis waan lamatti baay'ee gadde. 1ffaa Akka saawwa fuudhuuf 2ffaa irratti kan ergame ilma gooftaa ture. Yeroo hojjetichi buna dhuguuf taa'e sun ilmi gooftaa bira darbee saawwa fuudhuu dhaqeet qooda hojjeta sunii ajjeefame.
2ffaa immoo soba haadha manaa isaatti baay'ee gadde. jedhama.


@ImalaMilki4
Channel name was changed to «GumaatAartii»
Channel photo updated
"Haalota gaarii hin taane keessa darbuuf of qopheessuun jireenya GAGGAARIIF of qophessudha".

Maarki Maansaan.

@ImalaMilki4
2025/02/19 22:46:43
Back to Top
HTML Embed Code: