Warning: Undefined array key 0 in /var/www/tgoop/function.php on line 65

Warning: Trying to access array offset on value of type null in /var/www/tgoop/function.php on line 65
- Telegram Web
Telegram Web
Share godhaa jirtumoo jaranaa? Barreeffama asiin argattan hunda share gochuu hin dagatiinaa,hiriyyoota keessaniif, group adda addaa irratti, channel qabdan irratti share godhaa maatiin keenyi HUMNA JABAA
" Jireenyi imala malee iddoo ga'umsaatii miti. "

━━━━━━━━━━━
@Humna_Jabaakoo28
#Jecha_takkaan!

➾Jecha takkaan nama ajjeesuu dandeessa. Jecha takkaan lubbuu namaas baraaruu dandeessa.
➾Jecha takkaan hawaasa tokko ijaaruu dandeessa. Jecha takkaan hawaasa guutuu addaan diigu dandeessa.
➾Jecha takkaan abdii namatti horuu dandeessa. Jecha takkaan hamilee nama tokkoo cabsuu dandeessa.

Osoo hin dubbanneen duratti waan dubbachuu qabnu haa tilmaamnuu!🌹🍂

Dubbiidhaan duratti irra deddeebinee haa yaannuu!
👇👇
@Humna_Jabaakoo28
Nama kamiifuu of hin xiqqeessin. Ofiif gatii kenni humna kee eegi. Wantootaa fi namoota jireenya si keessaa xuuxan irratti invast hin godhin!

Namoonni waan baay'ee si gochuu kan danda'an yoo ati isaaniif hayyamte qofa. Kanaafidha daangaa, of jaallachuu, of adabuu fi of kabajuu kan si barbaachisu. Yeroo hunda of filachuu qabda.

Sababa sodaa diduu fi gatamuu keetiin gatii xiqqaa of gochuun namoonni akka waan salphaatti si ilaalan qofa si taasisa.

ATI GATII QABDA!
👇👇
@Humna_Jabaakoo28
Hammi murtookee hamma hubannaakeeti
👇👇
@Humna_Jabaakoo28
Ofitti amanamummaan hojjedhu malee yoo kuftes karaalee kufaatii barte malee kuftee hin hafnee.

@Humna_Jabaakoo28
"#Namoonni cimoon waan hundumaa fi nama hunda irraa baratu, namoonni giddu galeessaa muuxannoo isaanii irraa baratu, gowwoonni deebii hunda durannu qabu". Sooqiraaxis

@Humna_Jabaakoo28
HUMNA SAMMUU
Addunyaa kanarra tolchi (magic) jiru ani hubadhe, sammuutti fayyadamuufi fayyadamuu dhabuudha. Sammuutti fayyadamnaan iddoo biyyaaf dhugaadha. Warra nan danda'a jedhee gamtaadhaan ka'etu addunyaa harkatti galfatee jira. Eeyyee! Mee humna sammuu haa ilaallu. Sammuun madda badhaadhiinati; kan deegaas maddi sammuudha. Sammuun madda hayyummaati; maddi wallaalumaatis. Sammuun gulantaa namummaati, namummaa kan nama dhabsiisus sammuudha.

@Humna_Jabaakoo28
Imala kee kan nama biraa wajjiin wal bira qabuu dhiisi... Daraaraan hundi yeroo tokkotti hin daraaru.
@Humna_Jabaakoo28
Hundaaf yeroo tokkotti hin ta'u.
Hojjedhu.
Amantii qabaadhu.
Obsa qabaadhu.
Suuta jedhi!
Tasgabbaa'ii itti yaadi!
Ilaalcha gaarii qabaadhu!
Hin dhiphatin!
Waan hundumaafuu yeroon jira
@Humna_Jabaakoo28
Namoonni free promotion barbaaddan channaliin keessaan 3k,5k,10k, 15k,ta'e free promotion keenyatti dabalachuu feetan karaa username ko kanaan naaf barreessaa 👇
👉 @Daani28
Jireenya amma jiraacha jirtu kana filatteemo, namatu siif filee jiraacha jirtaa? Namatu siif filate taanan ati jireenya kee jiraacha hin jirtu jechuudha, garuu jireenya ofiike gammachuudhaan jiraacha jirtaa taanan jireenya ofiikee filatte waan jiraachaa jirtuuf jireenyakee jiraacha jirta jiechuudha.

Jireenyi filannoodha malee jireenyatu si filata yookiin namatu siif fila miti.
👇👇 Share godhaa
@Humna_Jabaakoo28
Namoonni old group kan bara 2019,2020,2021 baname qabdan gatii bareedan isin irraa waan binnuuf karaa keessaa nu barreessun nutti gurguradhaa,kan bitaa jirrus yeroo gabaaba qofaafi dafaa gurguradhaa @Daani28
Uf duuba deebitee jalqaba kee jijjiiruu hin dandeessu, garuu bakka amma irra jirtu irraa kaatee xumura kee jijjiiruu ni dandeessa.....!!

👇👇 Share it
@Humna_Jabaakoo28
Dorgommii gaafa seentu cimina dorgomtoota kee ilaalta taanaan salphaatti mo'amta!
Cimina garee faallaa kee dhiisi; humna dorgommii kee si injifachiisu horadhuu dirree seeni!
Dorgommii seentee mo'achuuf wabiin kee qabaachuuf dhabuu kee osoo hin taane ilaacha keeti, kanaafuu ilaalcha sirrii qabaadhu!
Dirree dorgommii seentee moo'uu waan qabduuf moo'atta malee, gareen faallaa kee cimaa yookiin laafaa waan ta'aniif miti!

👇 Share it
@Humna_Jabaakoo28
 
Gatii amanamummaa yoo hin beekne miidhaa gantummaan geessisu yoomiyyuu hin hubattu.

@Humna_Jabaakoo28
Amaloota ani baayʼee of dinqisiifadhu keessaa tokko wanti hundinuu gaarummaa kootiif akka naaf taʼu amantii hin sochoone qabaachuu kooti. Wantoonni akkamitti akka mul'atan yeroon hin beeknettillee wantoota to'achuu hin dandeenyeef yaadda'uu dhiisuu baradheera. Dhumarratti, hunduu akka milkaa'u nan amana.

━━━━━👇👇━━━━━━
@Humna_Jabaakoo28
Namoota abdachuu dhiisi!

Laphee kan nama gaddisiisu namoota baay'ee abdannee namoota sanaan dagatamuudha.Kanaafuu, namarraa hin eegin.Namoota abdachuu dhiisnee gammachuu keenya waaqayyoof laphee keenya keessaa argachuu qabna. Yemmus guyyaa tokko nu gammachiisee guyyaa biraa immoo nu hin gaddisiisu; sababnisaa gammachuun keenya namoota irratti hirkatee jira miti.

Halkan gaarii qabadhaa 🙏

@Humna_Jabaakoo28
Dhiifama gochuu fi dhiifama gaafachuu faajjii amala keetii taasifadhu!

Nama yeroo gaddisiistu akkuma dhiifama gaafattu, namni yeroo si gaddisiisus dhiifama godhi. Namni yeroo si gaddisiisus akka si gaddisiise haa beeku; itti himi!

👇👇👇👇👇👇👇
@Humna_Jabaakoo28
Nuti bu'aa yaada keenyaati. Gaarummaa yaadda yoo ta'e gaarumatu si qunnama. Sammuun kee waan badii yaadaa oola taanaan badiinsi kee dhiyoo jira.Sammuu kee keessa yaanni hangafummaadhaan deddeebi'u maali inni? Ati yaada sanaadha,yaada adda durummaan sammuu kee keessa deddeebi'u sana.

Hiyyuummaatu si sodaachisaa jira taanaan ati hiyyeessa,waan duroomuu irra deddeebiin yaadda yoo ta'e ati sooromuun kee dhiyoodha. Ka'umsi waa maraa yaada waan ta'eef.

Kanaafuu waan yaaddu filachuun jiraanya kee jijjiiruu dandeessa.

👇👇👇👇
@Humna_Jabaakoo28
Yeroo baay'ee namoonni gorsa gaarii qaban warra rakkoo baay'ee qabanidha.

Halkan Boqonnaa qabaadha.
2025/02/17 22:38:14
Back to Top
HTML Embed Code: