Telegram Web
Isa qabnu irratti haa xiyyeeffannu!

Bara duriiti jedhama. Namicha ogeessa, akkanuma waa beekuu danda'u tokkotu muka jala taa'ee kadhata godhata ture. Yeroo kadhannaaf ol jedhu kana, mukicha irraa imimmaan fuula isaatti gad cophuu eegale. Kadhannaa isaa xumuratee yommuu ol ilaalu, quuroo tokko mukicharratti arga. Quuroon kun akka malee boo'aa jira. Imimmaan fuulasaatti cophaa ture edaa quuroo kana irraati.

Yeroo kana argu namichi, "Yaa Quuroo nanaa, maal taatee boossa? Maaltu si mudate?" Jedhee gaafatan. Quurichis; "Gammachuu dhabeen jira. Namni na argu hunduu na ajjeessuuf dhagaa natti darbata. Yeroo damee mukaa irra taa'us, namni na argemoo na hin argine jedheen dhiphadha. Maaliif akka akkas namni na jibbu hin beeku. Kanatus gammachuu na dhorkata. Jireenyis na jibbisiisee jira" jedha, mataa buusee.

Yeroo kana namichi ogeessi waa beekuufi waan inni jedhu raawwachuu danda'u sun akkana jedhaan; "Ani ogeessadha. Waan barbaadde siif gochuu nan danda'a, waan garaakee natti himadhu." Quurichis, "Gooftakoo, yoo eeyyamakee ta'e gara daakkiyyeetti na jijjiiri" jechuun itti himata. "Akkuma ati jette gara daakkiyyeetti sin jijjiira. Garuu sanaan dura, daakkiyyee bira deemtee hammam gammadduu akka isheen taate adda baafatta" jedhaanii namichi.

Quuroon kunis, barbaachaaf balali'ee qajeele. Barbaacha yeroo dheeraan boodas, daakkiyyee sana argate. Itti dhiyaatee akkana jedheenii; "Ati baay'ee miidhagduudha. Miidhaginakeen cinatti namoonni baay'ee si jaallatu. Umama baallee qaban keessaa kan akkakee gammadoon tasumaa hin jirani."

Yeroo kana dhageessu daakkiyyeen; "Mee na dhiisi! Maal kootu bareeda amma. Halluu lafa guute keessaa adiin na uume uumaan! Koochoo ittiin balali'uu hin dandeenyes naaf kennee, naachi yoom na nyaata jedhee osoon yaadda'uu gammachuu isa kami kan ati odeessitu? Simbirroota keessaa kan hunduma caalaa gammaddu yoo barbaadde gara Piikookii deemi. Isheen halluu garagaraan kan faayamteefi baay'ee kan hawwattudha. Paarkii keessatti arachuus dandeessa." Daakkiyyeetu jedhaanii.

Akkuma daakkiyyeen akkana jetteen  piikookii barbaachaaf gara paarkiitti balali'ee qajeele, quuroon sun. Achis gahee gara piikookiitti dhiyaachuun, "Piikook yaa ishee halluu gosa garagaraan faayamtee uumamte nanaa, ati uumama addaa ilmaan namaan jaallatamtedha. Carraa qabeettiidhas! Simbirroota keessaa kan akkakee gammachuu qabus waan jiru hin se'u!" Jedha.

Piikookiin kunis akkanaan deebii deebifti; "Namaan jaalatamuunkoo maal naaf godhee? Umuriikoo guutuu paarkii keessatti natti cufamee akkan hidhamaa ta'u na godhe malee! Faaya meeshaalee garagaraafis akkamitti akka barbaadan osoo beektee al takkaafuu nan hawwitu ture. Ani garuu hawwiinkoo, aluma takkaa osoon akkakee kana ta'ee balal'eema du'ee nan du'en jedhaa amma!"

Quurichis waan dhagahe kana ajaa'ibsiifachuun balal'uun qilleensarra asiif achi deddeebi'uu eegale.


•~~> Yeroo baay'ee xiyyeeffannoo keenya waan qabnurra osoo hin taane, waan hin qabneefi kan keenya hin taanerra godhanna. Haala kanaan gammachuu keenya gaaffii jala galchina. Gammachuun dhugaan garuu waan qabnu irratti xiyyeeffachuun dhufa. Akkasiin dorgommii yookaan birqabni hin barbaachifne jireenya keessaa bakka dhaba. Waan qabaniif bakka kennuu keessa waan dhaban argachuuf of qopheessuutu jira. Akkanuma, uuumaa isa waan qubnu sana nuuf kennes galateeffanna.

Kanaafuu, waan qabnu irratti xiyyeeffannee waan hin qabneef ifaajuu wayyan jedha.

          Galatoomaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!

       Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Amenti Bonja was born and raised in a place called Qile Doyo in Eastern Shoa. The primary school has studied at Qile Doyo primary school.

He learned his lesson in high school. After that when he studied medical at Jimma University, he got DV and went to America.

He went to America and got his first degree in engineering from Georgia institute of technology. Even though he is an engineer, his interest in literature has translated George Orwell's famous book 'Animal Farm' to Afan Oromo and presented it to readers for free.

For the readers 👇
https://drive.google.com/file/d/1ziOT000IxWOBiv1gIl6PfudDXvt84A2K/view?mibextid=Zxz2cZ
Do you like science? What about technology? Interested in research ideas, and methodolies? Here, join this channel now: Century research consultancy 🙏
Dhibaa'ummaa!
------------------

Namoonni dhibaa'oon hojjettoota gaarii miti. Hojii hundumaa karaa salphaan hojjechuuf yaalu. Hojiin karaa salphaan hojjetame immoo bu'aa xiqqoo qaba. Isaan guyyaa har'aa sa'aa meeqan hojjedhe jedhu malee, sa'aan hojjedhe keessatti hojii bu'aa hagamii qabun hojjedhe hin jedhan. Nama isaan hoogganu hin qaban taanaan immoo, tasumaa dalagaa hin dalagan. Hoogganaan namoota akkasiif barbaachise malee namoota itti gaafatamummaa isaanii haalaan bahuu danda'aniif miti.

Addunyaan kun namoota itti gaafatamummaa isaanii amanamummaan bahuu danda'aniif bakka guddaa qabdi. Garuu hojjettoota dhibaa'ootu, namoota akkasiitti gaaddisa uuma.

     ------------
     @ifargantech
SEEROTA_KITAABA_WALALOO_BARREESSUU_KEESSATTI_EEGAMUU_QABAN_MURAASA.pdf
366.4 KB
Maqaa: seerota kitaaba walaloo barreessuu keessatti eegamuu qaban muraasa
Fuula: 6 in A5
Barreessaa: Ifargan Guddataa
Forwarded from Ifargan Technologies (Alex)
HIRIYAA.pdf
614.8 KB
Kitaaba Asoosamaa
Maqaa: Hiriyaa
Fuula: 62 in A5
Size: 614 KB
Barreessaa: Ifargan Guddataa
It looks like something exciting is gonna appear from a google. That is bard. Try bard.google.com👌. Actually it is not working now. It is on its development state. It must be brothers of ChatGPT. Anyways, we welcome it! Google forever! @ifargantech @ifargantech
KANA BEEKTUU LAATA? (Dubbisaa!!)
-------------------------------------------------------------
Namni suura irratti argitan kun Alexander Graham Bell jedhama. Saayintist biyya Scotish Magaalaa Edinburgh yoo ta’u March 3 bara 1847 dhalatee August 2 bara 1922 addunyaa kanarraa boqote.
Alexander Graham Bell, Saayintistoota gurguddo biyyattii keessaa nama tokko yoo ta’u, bara isaa sanatti Hojii isaa irratti dhibbaa guddaa kan geessisaa ture keessaa haati isaa fi haati manaa isaa duudaa/deaf(kan gurri hin dhageenye) ta’uu isaaniiti. G.Bell waa’ee maatii isaa kanaan osuu baay’ee dhiphatuu dhumarratti waan tokko murteesse. Innis meeshaa akka isaan dhagahuu danda’an isaan godhu hojjjechuu ture. Akkuma yaades Hojii isaa ni eegale.
Haa ta’u malee dubbiin isaa kallattii biraa qabachaa dhufe. Osuu meeshaa kana hojjechuuf yaaluu adeemsa bilbilli haasawaa(Telephone) ittiin hojjetamu qalbifate. Kanumaanis bara 1885tti yeroo jalqabaaf bilbila sirrii hojjechuu danda’eera.

#HELLO” n jecha Afaan kamiti?
----------------------------------------------------

Seenaan ‘Hello’ bakka lamatti qoodamee himama. Kunis isa dhugaa fi tilmaama sobaa kan jedhamudha.
Akka tilmaama sobaatti:-
Yeroo Alexander Graham Bell yeroo jalqabaaf bilbila hojjetetti haadha manaa isaatt bilbile. Haati manaa isaas maqaan ishee “Margaret Hello” jedhamti ture. Innis haadha manaa isaatti yeroo bilbiletti yeroo jalqabaaf “Hello” jedheen. Kanumarraa ka’uunis jechi hello jedhu fayyadamtoota biratti beekamtii argate jedhu.
Akka raga qabatamaatti garuu akka armaan gadiiti.
Bilbila kan hojjete Alexander Graham Bell ta’ullee, seenaan HELLO garuu Saayinstistii biyya Ameerikaa Thomas Edison(Nama Ampuulii hojjete) bira deema. Thomas Edison, yeroo jalqabaaf Ajaa’ibsiifannaa(Surprise) isaa ibsachuuf “#Hullo!” jedhee ture. Margaret garuu haadha manaa Obboleessa Alexander Graham Bell turte. Alexander Graham Bell garuu jechi “#Ahoy” jedhu bilbilaaf akka itti fayyadamamuuf yaadee ture.(Ahoy jecha doonii galaanaa irratti wal waamuuf itti fayyadamamudha.) Alexander Graham Bellis jecha kana kan filateef, sagaleen jecha kana dubbachuuf bahu fageenya dheera deemuu akka danda’u waan itti amaneef ture.
Thomas Edison garuu, namoonni bilbila haasawuuf jecha “Hello” jedhu fayyadamuu akka dhaabaniif kaampaanii “District Telephone Company of New Haven” jedhamuuf xalayaa barreesse ture. Haa ta’u malee fayyadaminsi jecha hello jedhuu addaan cituu hin dandeenye. Jecha Hello jedhu kanas Hullo, hallo, holla, hola, halloo, etc. jennee wal jala jijjiirree akka itti fayyadamuun danda’amu himeera.

------------------------
Madda: Kitaaba, Wikipedia fi kanan dubbiserraa.

@ifargantech @ifargantech
WAAN FOKKISAA
-----------------------------
Amaloota namootaa rakkisoo ta'an keessaa jibbisiisaan kan akka hamma gahaniin olitti of fakkeessuuf yaaluu kufaatiif nama saaxiluu fi namootaan akka tuffatamnu, akka jibbamnu nu godhu hin jiru.
Namoonni araada amala kanaa qaban addunyaa keenyarra danuutu jiru. Namootaan yeroo walbaran eenyummaa isaanii isa dhugaa dhoksanii kiiloo ofii hamma hin barbaachifneen ol olkaasanii of himatu. Haala Kanaan nama waliin walbaruu jechuun , guyyuma walbarte sana nama sana waliin gargar baate jechuudha.

Gurbaa dargaggeessa tokkotu gaggeessaa waajira tokkoo ture. Gurbaa gaggeessaan kun nama baay'ee mukaa'aa fi hojii hin jaalannedha.
Akkuma amalasaa guyyaa tokko osuu inni hojii tokko malee callisee biiroo isaa keessa taa'uu balballi biiroosaa rukutame. Innis daddafee bilbila funyoo biiroosaa olfuudhee sagalee olkaasee haasawuu eegale.
Osuma haasawuu "Eenyu? Olseenaa!!" Jedhee haasawaa isaatti deebi'e. Akkas jedhee haasawa "Anaan kan hirriba na dhorkataa jiru kana mitii? hojii kana guyyaa muraasa keessatti xumuruu qabna. Anis jabaadhee hojjetaa jira" jedha.

Namtichi mana seene sunis hamma inni haasawa isaa xumurutti obsee eegaa ture. "Nagaa ta'i!" Jedhee haasaa isaa xumureetu, "dhiifama dhimma ariifachiisaa tokkorrattin haasawaa turee. Maal sigargaaru?" Jedheen. Namtichis "Bilbilli biiroo keessanii addaan citee, faayidaan ala ta'ee jira. Isa siif sirreessuufin dhufe" jedheen.

#SALPHINA!!
Bilbila hin hojjenneen sobee haasawaa oole.

Barattoonni tokko tokko osuu GAME taphatanii ykn osuu waa biraa biraa dalaganii gaafa namni balbala isaanii rukutu dafanii waanticha achi darbatanii, dabtara qabatanii ka'anii balbala nama jalaa banu. #cimaa_of_fakkeessuu!! Tish....

Egaa amalli kun amala badaadha. Hariiroo nuti namoota waliin qabnuufi amanamummaa keenya laaffisa. Nama baadiyyaa lafa networkn hin jirretti sobee bilbila gurratti qabatee haasawaa deemu baay'een arge. #gurrisaa_haa_cituka!!

Uummata qashtii isin akkana hin ta'iinaaka!!
Daqiiqaa tokko keessatti follower Facebook keessanii hamma feetanitti ol guddifachuu barbaadduu? Hamma feetan! Video Afaan Oromoon qophaa'e kana ilaalaatii sirnaan itti fayyadamaa. Ethical Hacking!
Namootni channel telegram host gootan, logologo miidhagaa gatii salphaadhaan hojjechiifachuu barbaaddu taanaan na quunnamaa. staff @ifargandesigns kan isiniif raawwatu yoo ta'u, @ifargan irratti barreessuun ajajachuu dandeessu. Odeeffannoo dabalataaf linklink kanaa gadiin na quunnamaa.
Forwarded from Ifargan Technologies via @dooxbot
YOUTUBE - dubbisaa qoodaa! *

YouTube social media yoo sirnaan itti hojjetame galiin irraa argamuu danda'udha. Namni tokko youTube waan banateef qofa kaffaltiin kaffalamuufii hin eegalu. Ulaagaawwan inni guutuu qabu ni jira jechuudha. Ulaagaawwan kunnenis:-

1. Subscriber 1000 fi isaa ol qabaachuu. (1K irraa ka'ee monetized taasifama)
2. Public watch hour 4000... kana jechuun ji'a 12 keessatti viidiyoowwan channel sanarra jiran saatii 4000 daawwatamuu qabu jechuudha. Viidiyoo nama tokkoo bantanii download qofa gootanii yoo dhiiftan nama sana waan fayyaddan hin qabdan jechuudha. Hamma xumuraatti YouTube irratti Online daawwachuu qabdu.

Ergasii booda monetized ta'a. Yeroo kana dhaabbata Google Adsense jedhamutu beeksisa garaagaraa video channel sanaa irratti gadhiifachuun - kaffaltii kaffalaaf jechuudha.

🎯 CHANNEL nama oromoo ta'e tokkoo fayyaduuf maal gochuu qabnaa?
1. Subscribe gochuu
2. Video isaa like gochuu(kun namoota danuun jaalatamuu isaa waan agarsiisuuf namoota danuuf recommended ta'ee Home youTube isaaniirratti bahaaf)
3. Hamma dhumaatti video isaa daawwachuu
4. Ads viidiyoo sanarratti dhufu hamma dhumaatti daawwachuufii(kun nama aarsuu danda'a. Garuu hamma dhumaatti daawwachuun abbaa channel sanaaf qarshiidha. Sababni channel irratti kaffaltiin jiraateefis isa kana)

Kana hunda gochuuf maal qabaachuu qabnaa?
1. Email qofa. Email qabaannaan application youTube baniitii login irratti godhi. Achiin booda waa hunda gochuu dandeessa.

#ComeOn:- namooti email hin qabne, qabaachuuf fedha kan qabdan karaa keessaa na dubbisaa.

#Dhaamsa
Artistoonni keenya gatii dadhabbii isaanii argachaa hin jiran. Osuu amantiin wal hin qoodiin hojii isaanii haa daawwannuuf. Download hin godhiinaa - erga hamma dhumaatti daawwattanii booda garuu gadi buufachuu dandeessu.

Facebook irratti immoo Link isaa share godhaa malee viidiyoo sana download gootanii ol hin fe'iinaa. Akkas ta'ee yoo argitan report godhaa. Comment waliif barreessuun illee gaariidha. Haa ta'u malee comment irratti jechoota Spam ta'e fayyadamuun abbaa youTube channel sanaarratti dhiibbaa qaba.

🎯 Jechoonni Comment youTube jalatti spam ta'an kan akkamiitii?

1. Jechoota Afaan Ingliffaa qeenxee kan ta'an. Fakkeenyaaf:- good, like, woooow, nice fi kkf hin fayyadamiinaa.

2. Jechoota keyword ta'an. Fkn:- sub, subscribe, comment, share fi kkf

Jechoota kana youTuben hin jaalatu. Public watch hour nama sanarraa hir'isa. Kunimmoo adabbii guddaadha.

Uummata koo, Oromoo, beekumsa karaa youTube kana qofaa miti. Kanaa oli. Mee dubbisaa... wal haa fayyadnu. YouTube walii subscribe waliif haa goonu. Viidiyoo walii haa daawwannu.
Galatoomaa.

#Koottaa_mee!

🎯 Channel IFARGAN TECH isin eeggataa jirawoo seenaa subscribe godhaa maatii naaf ta'aaka. Channel kiyya subscribe naaf gochuuf kunoo Link armaan gadii cuqaasaa seenaa. Galatoomaa.
HAPPINESS.pdf
660.4 KB
NEW PDF BOOK
Name: HAPPINESS
(What is exactly happiness is?)
Page: 20
Size: A5
Language: English
Author: Ifargan Gudeta
(In collaboration with bard)
https://www.bard.google.com
Size: 660 KB
Price: Free
----------------------------------------------
@ifargantech @ifargantech
2025/06/28 21:45:27
Back to Top
HTML Embed Code: