Telegram Web
Warri TapSwap hojjechaa jirtan jabaadhaa. Dhaabbatichi BlockChain "TON" waliin akka hojjetuu fi Airdrop karaa sanarraa akak Excange gochuuf jiru beeksiseera.
TON, TapSwap and BlockChain communities are LIVE on X now talking about Tapswap. You might join on ... https://x.com/i/spaces/1LyGBnnbWanGN
Yeroo baay'ee yaada keenyaan of miina. Namoonni maal naan jedhu? Namootatti maal fakkaadheen mul'adha? Haalli uffannaa koo, bocni qaama koo namoota biratti akkami laata jennee yaada keenyaan of dhiphifna. Isaan kunimmoo mul'ata keenya coolagsiisu, ofitti amanamummaa keenya ajjeesu. Isaawwan kana hunda akka daawwitii xuraa'aattin fudhadha. Amma barbaadde qaama kee qulquleessitee otuu daawwitii xuraa'aa keessatti of ilaaltee xuraawaa taatee ofitti mul'atta. Ofitti fokkifta, of jibbitas. Lammaffuu deebitee daawwitii sana keessatti of ilaaluu hin barbaaddu. Haamileen kee cabeetu fuula kee guurtee of duuba deebita. Maal ani namni fokkataa akkasii jettee jecha nagatiivii ta'e ofitti dubbatta. Ofitti amanamummaan kees ni du'a. Garuu daawwitii sana osuu qulqulleesitee keessatti of ilaaltee ofitti bareedda, caalchiftee of jaalatta, deddeebitee of ilaalta. Sa'aatii of ilaaltu kanas ni seeqxa, seequun kee kunis onnee kee irraa waan ta'eef boqonnaatu sitti dhagahama. Ofitti amanamummaan kee ni dabala. Fuula kee, rifeensakee, boca qaamakee as garagalchitee achi garagalchitee ilaalta. Yeroo kana hundaa ofitti bareedda. Kunneen hundi gatii kee akka beektuu fi mul'ata keetti akka cichituuf si gargaaru.

Egaa wantootnis ani jalqaba kaases isaanuma kana. Namoota keessatti of ilaaltu, namoota waliin ooltu filachuu dhabuun miidhaa akkamii akka qabudha. Filachuu qabda, naannoo kee qulqulleesuu qabda. Hiriyummaa kee qulqulleessuu qabda. Jechoota namoonni siin jedhan hundaan miirrikee hin faalamiin, namoonni waa'ee kee eeyyama kee malee dubbachuu akka hin dandeenyes barsiisi. Namoonni akka kabaja kee sharafan tasumaa hin eeyyamiifiin. Waanta namoonni jedhan hundumaas gara dhuunfaa keetti maxxansitee hin fudhatiin. Namoota waa'umee waliin ooluu, haasawuu fi hojjechuu irraa of dhorki. Barruuwwan beekumsa siif dabalan dubbisi, hojiiwwan maallaqa account kee irratti guddisan hojjedhu, nyaata fayyaa qaama keef filatamaa ta'e filadhuu sooradhu. Yeroo ofiif kennii waa'ee kee waan sirrii ofitti dubbadhu, Yeroo murtaawe murtaaween sosochii qaamaa taasisi, fuula kee fi qaama keetiifis sukkuummaa (Massage) godhiif. Sa'aatiidhuma hojii hojjettee maallaqa argattetti waan gaarii ta'e tokko ofiif godhi. Of badhaasuu shaakali. Isaan kunneen hunduu daawwitii qulqullaa'aatti fakkeeffamu. Akkaataa kanaan nama mu'ataa, nama milkaa'aa, nama of jaalatuu fi nama namootaan jaalatamu taata.

Ifargan Guddataa Itichaa
Coba wayii, yaada galaanarraa!
Adsense maali?
Adsense maali?
------------------
Akkuma beekamu addunyaa kana irratti yeroo ammaa kana internet gubbaatti hojii beeksisaa hojjetamuuf kaffaltii argachuudhaan namootni jireenya isaanii fooyyeeffataa jiru. Kana jechuun kubbaaniyyaan guddichi google beeksisa karaa garaagaraa hojjetamuuf kaffaltii namootaaf kaffalu qaba.
------------------
Namootni kaffaltii kana argatan eenyufaa dha?
1. Namoota Application hojjetatanii tolaanis ta'e gurgurtaadhaan uummataaf dhiheessan. Isaan kun akkaataan isaan itti kaffaltii argatan, google adsense irratti galmaa'uudhaan namni application isaanii download godhatee fayyamu hundi beeksisa second muraasaaf darbee darbee application isaanii irratti mul'atuuf kubbaaniyyaan google qarshii kennaaf.
2. Namoota Website (Marsariitii) qaban. Isaan kunis akkuma warra application qaban sanaatti beeksisa marsariitii isaanii irratti mul'atuuf qarshii argatu.
3. Warra Youtube irratti viidiyoo hojjetee gadhiisu. Egaan warri kun kaffaltii argachuudhaaf ulaagaalee ciccimoo eeguu qabantu jira. Isaan keessaatii warri ijoon:-
A. Viidiyoon youtube irratti gadhiisnu kan nama biraa ta'uu hin qabu. Yoo kan nama biraa gadhiisna ta'e nu jalaatii haqamuurra darbeeyyuu yoo namichi abbaan viidiyoo sanaa himata bane youtube channel keenya nu jalaatii cufsiisuu danda'a.
B. Audio yookaan sagalee viidiyoo keenyaa algorithm ittiin hubatu waan qabuuf muuziqaa namni biraan hojjete sekoondii tokkollee keenyatti dabaluu hin qabnu. Yoo namichi copy right irratti hingaafanne ta'ee fi muuziqaan sun tola ta'erraan kan hafe.
C. Ji'oota 12 keessatti yoo xiqqaate channel keenya watch-time sa'a 4000 yookaan sa'a 4000 namootaan ilaalamuu danda'uu qaba. Yookaan ammoo yoo xiqqaate namoota 1000n subscribe godhamuu danda'uu qaba. Yoo yeroo gabaabduu keessatti subscriber 1000 arganne dirqama ji'a 12 eeguun nurra hin jiraatu.
D. Walumaa galatti dabalata viidiyoon keenya wantoota akka ergaa Jeequmsa kaasan, Daa'imman miidhan, Qullaa namaa mul'isanii fi wantoota wal quunnamtii saalaa waliin wal qabatan qaban, Qabiyyeen isaanii kan miidhamuu namootaa mul'isan, Ergaa sobaa, Doorsisaa fi Mirga namootaa sarbuu waliin wal qabatan qabaachuun irra hin jiru.
--------------------------
Egaan Adsense kana dha kan irratti galmoofnee lakkoobsa herrega baankii irratti galchinee ammoo hamma channel keenya sirrii ta'uusaa fi account keenya sun qoratamutti xiqqoo turree sana booda viidiyoo nuti gadhiisnu irratti beeksisootni dhaabbatoota addunyaa akka filannoo keenyaatti yookaan viidiyoo jalatti, yookaan karaa mirgaa fi bitaadhaan, yookaan karaa hunda, yookaan ammoo guutummaa iskriinii uffisee kan second 5 booda baduu fi button skip jedhu tuqnee cufnu keessaa filannee kan beeksisoota irraatii qarshii akka argannu nu taasisu. Filannoon bakka itti argama beeksisoota kanaa murteessaa dha. Filannoo inni guutummaa iskiriinii uffisu sun qarshii guddaa nuu kennisiisa akka google jedhutti.
--------------------------
Hayyee erga kana hunda jenneetii maaliif yaada hojii uummattanii hojiitti hin dachaataniree? Yeroo fi fedha akkasumas kennaa hojii akkanaa qabdu taanaan viidiyoolee kanneen akka qoosaa, biyya lafaa wal barsiisu, barnoota garaagaraa kennuu, fayyaa, beekumsa walii galaa, oduu, qophii bashannanaa walii galaa fi kan kana fakkaatan kan qalbii namoota baayyee hawwachuu danda'an irratti yoo hojjettan qarshii guddaa argachuu dandeessu. Fakkeenyumaaf kaasuuf namootni youtube irratti yeroo kana oduu garaagaraa dabarsanii fi sirboota wellistoota irraa bituudhaan channel isaanii irratti mul'isan qarshii Itoophiyaatti ji'aan miiliyoonaan galii argachaa jiru. Hubadhaa baasiin keessan baayyee xiqqaa dha. Fakkeenyaaf namni dhuunfaan tokko afaan Amaariffaan oduu deemee funaanee miidiyaa warra gurguddaa caalaa dabarsuudhaan subsciber 290,820 qabaachuudhaan ji'aam doolaara kuma kudha lama yookaan qarshii itoophiyaa 346,920 ol yookaan walakkaa miiliyoonaa jechuu kan nu dandeessisu argataa jira. Internet gubbaatti qofa taa'ee viidiyoo hojjetee gadhiisuudhaan kun. Kanaaf yaada fudhatamuu danda'u qabadhaatii nuffii malee irratti hojjedhaa.
Kaameeraa dandeenyaan kan qulqullina viidiyoo gaarii waraabu bitadhaatii oduu yookaan sagantaa bareedaa hamma channel keessan beekamtii argatutti walitti aansuudhaan hojjedhaa. Galatoomaa!!!
Use this chatbot. It is Afaan Oromoo Chatbot developed by @benasphy ... click this link - @Afaankoo_bot
AJAB.pdf
5 MB
Gumataa Kitaaba

📖 MATA-DUREE KITAABICHAA: "AJAB!"

📖 BARREESSAN: AMAJJII GAMMADOO

📖 QABIYYE KITAABICHAA (GENREs): Saayinsii, Seenaa, Kolfa, Teknoolojii,Qosaa fi Wantoota Ajaa'ibsiisoo

📖 LAKKOOFSA FUULOTA: 53

📖 BARA MAXXANSAA (PUBLISHED ON): Sadaasa 24, 2015 (29/05/2021), Bishooftuu, Oromiyaa, Itoophiyaa

🔱 M/B Bultii Addaa Waldaa Misomaa Oromiyaa

📖 WAA'EE KITAABICHAA ⤵️

Kitaabni kun kutaadhaan kan gargar qoodamedha. Isaanis wantoota ajaa’ibsiisoo, saayinsii, seenaa, bineensotaa, Oromo,Qosaa fi k.k.f of keessatti qaba.

🔗 KITAABA IRRA ⤵️

Ummatni Kuushii Dh.K.D. naannoo bara 4000 baha Afrikaa hanga Galaana Diimaatti (Red Sea), Kaaba Afrikaa Morookoodhaa hanga biyyoota Atilaantikiitti, Arabiyaa irraa hanga Mesoppotaamiyaa, Awurooppaa fi Giddugala Eeshiyaa akka turan ni himama.

© "PDF"iin kun akka isiiniif "Post" godhamuu hayyama nama barreesse irraa waan arganneef, maqaa Uummataa oromoo dhaan ni galateefanna

Dubbisuu Fi #Share Gochuun Dirqamaa! Afaan Keenya Haa Guddisnuu!

BE CHAIN READER👇
@weirdo_jr
Harlin - Fullee Hegeree.pdf
1.4 MB
Gumataa Kitaaba

📖 MATA-DUREE KITAABICHAA: "Harlin - Fullee Hegeree"

📖 BARREESSAN: Amajjii Gammadoo

📖 QABIYYE KITAABICHAA (GENREs): Seenaawwaan Gaggaababoo, Gorsa, Galma, Kayyoo, Dhaanga Milkii

📖 LAKKOOFSA FUULOTA: 78

📖 BARA MAXXANSAA (PUBLISHED ON): Addoleessaaa 21, 2024, Nagele Arsi, Oromiyaa, Itoophiyaa

📖 Yuunivarsitii Finfinnee irraa

📖 WAA'EE KITAABICHAA ⤵️


"Harlin - Fullee Hegeree" keessa imala yeroo jalqabdu, addunyaa seenaa booji'amaa kan nama bashannansiisu qofa osoo hin taane barumsa gatii guddaa qabu keessatti cuuphamta. Seenaawwan kun akka foddaa muuxannoo dhala namaatti kan tajaajilan yoo ta’u, injifannoo, qormaataa fi yeroowwan jireenya keenya bocan irratti ibsaafi gorsaa gahaa kan kennan ta’a. Karaa seeneffama kanaan dubbistoonni gadi fageenya miiraa fi muuxannoo dhala namaa akka qoratan, Imalaa isaanii irratti immoo ofii isaanii fi namoota biroo irratti hubannoo gadi fagoo akka argatan affeeramaniiru.

Harlin yeroo saaxnu fi Gahee jireenya keenyaaf qabu yeroo hammannu nu waliin ta'aa.
Softwarota kana namoonni barbaaddan keessaan na dubbisaa!
Nan booha nan dhoowwinaa
Imimmaan koottan obsaa
Dhukkubsate jettanii
Naaf hin fidiinaa qorsaa
Dhukkubnikoo isheedhaa
Kuulaniikoo naaf gorsaa,
Jiruu naaf haa salphistuu
Buna naaf haa danfistuu!

© Ifargan Guddataa Itichaa
Jireenya keessan keessatti gadi of deebisuu, ija laafuu fi sodaachuu hin shaakaliinaa. Yerooma kamittuu akka gaariitti of qabaa, carraa argattan maraanuu huccuu keessan kan hundarra wayyu uffadhaa, maalaqa qabdan ofii keessanirratti invest godhaa, nyaata gaggaarii fayyadamaa, bifa gaarii qabaadhaa. Carraawwan gaggaariin namoota miidhaganii of qabanii, onnee guutuudhaan jiraatanirra qubatti. Ija jabummaa fi ofitti amanamummaan guyyaa keessan simadhaa. Kana hin gootan taanaan namni waan tokkotti illee filannoo keessa isin hin galchu. Ofii keessanii of qabaa wallaaltanii addunyaan dugda natti gatte hin jedhiinaa.

Waanan xiinxalee fi dhugaa irraa coba xiqqoo! Guyyaa gaarii qabaadhaa!
Hojiiwwan Graphics Design waliin wal qabatan hundaafuu Ifargan Designs (@ifargandesigns) dubbisaa.
Hojiiwwan Graphics Design + Print waliin wal qabatan kamiyyuu Ifargan Designs dubbisaa. Hojiiwwan akka....
💻 Qola Kitaabaa
💻 Barruuwwan akka Magazine fi Galaalchaa
💻 Poosteroota Miidiyaa Hawaasaa
💻 Loogoo
💻 Diizaayiniiwwan akka kofiyaa fi shurraabaa
💻 Biraandiingii guutuu dhaabbataa
💻 fi Kanneen kana fakkaatan
Dabalataanis dhaabbilees ta'ee namoonni dhuunfaa weebsaayitii CMS ta'ee Fully managed hojjechiifachuu barbaaddan nu dubbisaa.
💻 WordPress-based website
💻 Company management website
💻 Mobile Application
💻 fi kkf
Nu argachuuf
💻 091 977 8608
💻 https://www.tgoop.com/ifargan
Portfolio Keenya ilaalaa
https://ifargandesigns.adamabkchurch.org
2024/12/22 02:31:04
Back to Top
HTML Embed Code: