Telegram Web
Qarshiin gammachuu siif hin bittu, Garuu Baskileetarra teessee booyuurra Laambergiinii keessatti booyuu wayya 😁

#Qarshii
اللهم بشرنى بما يتمناه قلبى ❣️آمىىىىىىىن🤲
Har'i halkan ajaa'ibaa ture. Ustaaza akkaan jaalannu Canada, Alberta 🇨🇦irraa Ustaaz Jafer wajjiin yeroo ajaa'ibaa qabaachaa turre.

My Team Kureeth wlh hedduun isiniin boona. Ustaazni gorsa ajaa'ibaa nuu kannee, Gaafii deebii ajaa'ibaa erga goonee boodaan gara sa'aa lamatti waan dhihaatu wajjiin turree adda baane.

Maa Shaa Allah, tabaarakallah ☝️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Wanti Saud Arabiyaatti dhiheenya tahaa jiru gaafa Abuu Jahlii fi Abii Lahb jiranuu hin taane.

Addunyaarratti mul'attee addunyaan isii arguuf Daansii fi nadhoo qullaa yaatu biyya kabajamtutti afeeranii ka'abaa background godhatanii dannasuu kan itti fakkaatte hoggantoonni saud arabiyaa baay'ee dogoggoraa jiran. Rabbiin isaan haa qajeelchu.

Waa Islaamaa !!
Wanti Rabbi biraa dhufe marti bareedaadha. Kanaafu yeroo hunda #Alhamdulillaah
Forwarded from Kureeth Institute 🌏
Gareen Kun garee Kureeth ja'ama.
Kana dura keessummoota hedduu dhuunfatti dhiheeffatanii muuxannoo garaagaraa walirraa qooddachaa turan.

Keessummaan tanaa dura dabran kan akka Ustaaz Mu'az Nezif, Ustaaz Ammaar Sheikh Amin, Ustaaz Jafer beyan fkkf ture.

Ammaan booda garuu public goonnee hawaasarratti Keessummaa afeerree #Live dhaan isinis waan feetan gaafachaa waliin bohaaraa beekumsa walirraa fudhanna.

Kitaabota osoo dubbisuu baanneewuu Kessummoonni dhufanii #qaaccessa nuuf godhan jireenya keenyaan wal bira qabnee muuxannoo irraa qooddanna.

Jireenya namoota beekkamoo qofa osoo hin taane beektotaa asirratti finnee irraa waa qooddanna.

Taraa itti aantu Ustaaza ajaa'ibaa kitaaba ajaaibaa wajjiin isinitti dhufna nu eegaa.
Stay tune ... ⏰️
@Kureeth
Audio
Sebaha Mohammad yeroo kitaaba من مشكلات الشباب discuss gootu 🎙

@Kureeth Team
Amna Kaayyoo
Dhiheenya kana qorannoowwan adda addaatin garagalchutti jira. "Dubartootaa fi gaggeessummaa" mata duree ja'urratti.

Ani qorannoo tanaan duratti dubartiin gaggeessummaa maatii ishii qofarratti ni geessu ja'eetin amana.

Qorannoo tana boodaan yaada kiyya nin jijjiiraa fi hin jijjiiruu waliin laalla

Mee isin akkamitti yaaddan "Dubartii gaggeessituu/Hooggantuu ta'uurratti" yaanni keessan maali? @Na4Je
Amni Kureeth 'otaa itti fufee jira. Amna kaayyoo isaanii Afraffaarratti Ustaaza gameessa Sochii da'waa afaan Oromoo keessatti qooda leencaa qabu. Khaxiiba aja'ibaa Ustaaz Hakim Hassanii wajjiin turra.

Sagantaan teenya Kitaaba 'Fiqh Of Socail Media' Irratti hundooyti. Ustaazni nama soshaal miidiyaa irratti dhiibbaa gaarii uumaa jiran keessaa tokko waan ta'aniif Kitaabichaa wajjiin wal qabsiisnee Gaafii fi deebii ajaa'ibaa isaa wajjiin goona.

Ustaazni Nov 27 guyyaa Arbi'aa galgala [Telegram Platform: Kureeth Institute] irratti #Live_Stream 'dhaan yeroo bareedduu wajjiin dabarsina. Namuu hirmaachuu dandeessan.
@Kureeth
Jemal Sheikh Bakri
#Amna_Kaayyoo #7th_Round_Reading_Session #Kureeth_Institute #Nov_27 @Kureeth
Soshaal miidiyaa irratti namoonni seenaa isaanii fokkotaa, Suuraa isaan jibbisiisaa, Story isaan kan hin tolle hin maxxansaan.

Carraa tokkicha hooteela guddaa seenanii nyaata gatiin qaalii yoo nyaatan Stories irratti maxxansan, Reels isaanirratti vidiyoo godhatan, Tiktok isaanirratti share godhan.

Namoonni isa hordofan ammoo waanuma namni sun yeroo mara hoteela guddaa akkasii fayyadamu itti fakkaata.

Fakkeenyaaf gaafa Ramadaanaa yoo fudhatte, guyyaa tokko rakkoo jabduudhaan Large family gathering godhanii, table nyaataa guddaa qopheessanii nyaata garaagaraa qophesssaanii Photo fi Video waraabbatanii San booda soshaal miidiyaa isaanii irratti gad lakkisan.

Nuti waanuma isaan yeroo mara jireenya isaanii akkasitti dabarsan nutti fakkaata.

Biyyoota tokko tokko deemaan Exotic Car kireeffatanii Keessaa taa'aanii oofaa, gubbaatti bahanii suuraa ka'anii "Range Rover" or model makiinaa sanii bold godhanii Suuraa fi videon Sooshaal miidiyaa isaanirratti gad dhiisan.

Nuti ammoo waanuma makiinaan sun kan isaanii ta'e nutti fakkaata. Namni marti jireenya bareedaa jiraachaa jira ani hoo maalii? Gaafiin jettu nu kessatti uumama.

Jaarsaa jaartii Honey moon / شهر العسل isaaniidhaa khabajuuf biyya biraa deemanii Suraa Jaalalaa babbareedduu adda addaa gad dhiisan.

Nuti ammoo waanuma jireenyi isaanirraa guutamee yeroo mara jaalaluma akkasiitiin wajjiin jiraatan nutti fakkaata.

Tarii isaan waggatti yeroo takka wal jaalatan ta'a kha waggaa guutuu, waliin oodaa, wal lolaa bahan jachuu.

Dhiibbaalee soshaal miidiyaa fi qoricha akkaataa itti fayyadama isaa qajeellotti wajjiin haasoyna. Kitaaba 'Fiqh of Social media' jedhu bu'ura godhachuun Ustaaz Hakim Hassanii wajjiin yeroo bareedduu dabarsina in shaa Allah

#Amna_Kaayyoo
#7th_round_reading_session
#Kureeth_Institute
#Nov_27
@Kureeth
Namoota yeroo wahii akkaan si biratti jaalaatamaa turan, yeroo biraa ammoo akkaan si biratti jibbamaa tahuutu mala. Kanaaf jaalala khee daangeffachuun si barbaachisa. Humnaa ol hin jaalatin, humnaa ol hin jibbin

#Jaalala_vs_Jibba
Wantoonni Rabbiin naaf kanne innaa heddumminaa, wantootan hin qabne akkan irraanfadhu na godhe. #Alhamdulillaah
2024/11/28 03:55:33
Back to Top
HTML Embed Code: