Telegram Web
Yaadolee dadammaqiinsaa 12
⊰━━━━━⊱🔴⊰━━━━━⊱

1. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjannee dha".

2. Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuuf nama kan biraa hin balleessin".

3. Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha".

4. Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin".

5. Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate".

6. Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u".

7. Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa".

8. Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan".

9. Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama".
"Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible".

10. Maya Angelou - " Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan".

11. Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte".

12. Muhammad Ali - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godhi".

Gorsa fi barnoota gaarii argachuuf channel keenya join gochuun nu hordoofa!
@Nidarba
@Nidarba
"Milkaa'ina Jachuun Kufaatiin Gonkumaa Nun Mudatu
Jachuu Miti.Milkaa'ina Jachuun Gufuufi Kufaatii Jireenya Keeysatti Nu Mudatan Injifachuudhaan Galma Keenya Guddicha Dhugoomsuu Jachuudha. Milkaa'ina Jachuun Dirreelee Lolaa Maratti Injifachuu Qofa Oduu Hin Tahin Jabaannee Lollee Dhuma Irratti Injifannoo Goonfachuu Jachuudha"

#Idiwiin_C_Biliis

Gorsa fi barnoota gaarii argachuuf channel keenya join gochuun nu hordoofa!
@Nidarba
@Nidarba
Waa'ee kooriyaa kaabaa tana Quba Qabduu?

Kooriyaa kaabaa keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa

Kooriyaa kaabaa keessa tiraafikii durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru

Filannoon Kooriyaa kaabaa waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.

Kooriyaa kaabaa keessatti yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi itti gaafatama.

Namni kamiyyu rifeensa isaa akkaataa mootummaan eeyyamuun qofa sirreeffata. Akka pireedizantii isaanii uffachuun ta’e rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha.

Konkolaataa ykn computerii bitachuuf eeyyama mootummaa argachuu qabda.

Akka biyyaatti TV sadii qofaatu jira.

Kaalendarii isaanii bara 1912 yeroo mootiin isaanii Kim sung 2ffaa dhalatee kaasanii lakkaa’u. Amma akka addunyaa 2022 irra hin geenye bara 111 irra jiru

Dhiirri tokko durba waliin waa’ee jaalalaa kan inni haasa’uu danda’u yoo kan ishee fuudhu ta’e qofaadha. Gaafa guyyaa gaa’ela isaanii bakka awwaalcha Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.

Kooriyaa kaabaa keessa akka biyyoota biroo taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaanamu.

Yeroo mucaan dhalatu maqaa pirezidantii isaanii baasuun hin danda’amu. Yoo osoo pirezidentiin isaanii hin muudamiin dura baasaniif ta’e maatiin maqaa mucaa jijjiiruuf dirqamu.

Biyyattiin rakkoo humna ibsaa waan qabduuf yeroo hundaa akka guutuu biyyaatti halkan ibsaan ni bada.

Maatiin ijoollee barsiifachuuf gara M/B yeroo ergu taa’umsa kennuun dirqama.

Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. Akka sirna impeeriyaaliizimii USA tti ilaalu.

Magaalaa guddoo piyongyang keessa nama eeyyemameef qofaatu jiraachuu danda’a.

Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru. Ni ajjeefamu.

Humni nama baratee 100% dha. Namni hin baranne hin jiru.

Gorsa fi barnoota gaarii argachuuf channel kana join gochuun hordoofa!

@Nidarba
@Nidarba
Carraaqan malee carraan, filatan malee akkasuman, yaadan malee yaaddoon wanti dhufu hin jiru! Karaa kee irraa imali! Doonii galma kee keessa jiraadhu! Of ta'i Kochoo mataa keetiin barrisi! Jireenyi dhimma filannooti; utuu baraaf yeroo qabdu har'a filannoo toli! Gaabbiin jireenyaa sin qorqiin!

Gorsa fi barnoota gaarii argachuuf channel keenya join gochuun nu hordoofa!!!
@Nidarba
@Nudarba
@Nidarba
Salaanni Nuf : Dhamsa Nabiiti (SAW) , bu'uraa amantii keenyati, madda gammachuu, furmaata rakkooti...
Hijaabni ajaja Rabbiti, bareedumsa dubartiiti, gaachana Zinaati,
Barnoonni dirqaama Islaamaati, mirga lammii hundaati kanaaf Hijaabnis ,Salaannis saraara diimaadha akka feete hin tarkanfattu!! Tapha siyaasaas taasuma hin taasifatanu!

Gorsa fi barnoota gaarii argachuuf channel keenya join gochuun nu hordoofa!
@Nidarba
Assalamualaikum warahamatullah Wabarakaatuhu ❤️

Baga geessan! Warra barana Kani baraa hedduu!
تـقبـل الله منـا ومنكـم صالـح الأعمـال
🍬عيدكم مبارك🍬

Iidi Gammachuu Kani milkii, baldhinna Fi Nasrii nuf ha taasisuu! Rabbiin muslimoota Gondaar warra qofa Hardha Mana keessatti salaataanif ha biraamatu Haqaa isiinis ha baasuuf!

Irra deebiin Baga Geessan!!!
Yeroo tokko tokkoo nama tokkoo lama qofa ofibira dhabdee addunyaan tuni waan nama tokkos hin qabne sitti fakkaatti.
wanta sirritti hin hubanne yeroo hunda dinqiisifatta
Wanti guddaan sammuu gaarii qabachu miti haala gaarii itti fayyadamuu malee
BAGA AYYAANA ARAFAA GEETTAN!

Muslimoonni addunyaa kanaa baga ayyaana arafaatiin isin gahe!
Hawaasni muslimaa, maatii fi firoottan koo, hiriyyoonni koo, kan rakkoo fi bal’oo keessa jirtus, kan hidhaa jirtus,kan magaalaa fi daggala jirtus, kan oromiyaa fi biyya ormaa jirtus, baga ayyaana kabajamaa fi jaalatamaa arafaatiin isin gahe!

Ayyaana gaarii isiniif hawwa!
Dhaamsa Abbaan Ilmaaf dhaame! Ni jedheen...

Ilaa ilma koo, fira jechuun nama sitti hin fakkaatin, fira jechuun yeroo dhaa!
Hunduu yeroo yeroon, keetii si jaalatta.
Yeroo yeroon kee hin taane hunduu si jibba!

Ilaa, ilma koo yeroo jechuun, guyyaaf halkan sitti hin fakkatin. Yeroo jechuun, Kan ajajni rabbii itti raawwatuudha!
Kanaafuu yaa ilma koo wanta ta'u kam irrattuu rabbiin galateeffadhuu! Jedheen.

Waluma galatti haali dhufee darbuuf jiru, eenyummaa kee isa dhugaa irratti dhiibbaa uumuu hin qabu, haala kee jijjiruu danda'uu hin qabuu, jedhaniin! 🥰

Akkuma qilleensaaf hiyyeessi hin teene,
haalli taa'ee waarus hin jiru, yeroof malee ni jijjiirama! 🥰
Hubadhu!

Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti. Kuftee ka'uu bari jechuudha malee.

Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti. Dhageeffachuuf gurra laadhu jechuudha malee.

Hin lolin jechuun miira hin qabaatin jechuu miti. Aarii irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti. Dubbii garaatti baachun miidhaa sirraan ga'a jechuudha malee.

Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaaridha jechuu miti. Jibba caala jaalalatu moo'ata jechuudha malee.

Gammadaa ta'i jechuun hundumaa qabaachuu qabda jechuu miti. Waan qabdutti gammadi jechuudha malee.


Gorsa Fi barnoota gaarii argaachuf Link kana gadii tuquun maatii YouTube keenya ta'a!
https://youtube.com/channel/UC4ezuWRbSH38HZUHRMKgLKQ
jecha hayyootaa

1. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha".

2. Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin".

3. Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha".

4. Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin".

5. Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate".

6. Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u".

7. Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa".

8. Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan".

9. Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama".
"Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible".

10. Maya Angelou - " Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan".

11. Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte".

12. Muhammad Ali - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakka'amu godhi.


Gorsa Fi barnoota gaarii argaachuf linkiiwwan kana gadi tuquun na hordoofa!


Tiktok:-
https://vm.tiktok.com/ZMNqaWHq8/

You Tube:- https://youtube.com/channel/UC4ezuWRbSH38HZUHRMKgLKQ

Telegram:- @Nidarba
Jechoota mimmiidhagoo

Waan tahuu qabuuf taha malee waan ati cinqamteef wanni tahu hin jiru.

Gowwaa qofatu gad fageenya galaanaa miila lamaan seenee ilaala.

Ilaalchaafi filannoo ati har'a uumtetu jireenya kee borii murteessa.

Gammachuu kan argattu hanga amantaa keetiini malee hanga galii keetiinii miti.

Namni yeroo fi dhabarraa waan hedduu barata.

Namoonni fuula kee duratti koflan hundi gammadoo waan tahaniif osoo hin taane yoo booyanis dhukkubbiifi
roorroo isaanii namoota isaaniif hubatu waan dhabaniifi.

Gaafa guyyaan dhufe dubbachuufi Galaanni gaafa hir'ate tarkaanfachuun gowwummaa osoo hin taane
tooftaa jireenyaati.


Gorsa Fi barnoota gaarii argaachuf channel keenya join godhaa!
@Nidarba
@Nidarba
Kaleessakee Yaadadhu!
Beekamaa taatus haalli ati keessa jirtu dhaloota akka hingufachiifneef gochakee itti yaadi!

Saadiyoo Maanee jedhama. Lammii Senegaal yoo ta’u, ALA bara 1992 Baanbaliitti dhalate. Baanbalii bulchiinsota naannoo Senegaal 45 keessaa takka. Abbaansaa imaama masgiida guddaa Baanbaliitti argamuu yoo ta’an, oggaa Sa’idoon umriisaa waggaa torba gahu ture addunyaa tanarraa boqotan
Maatii harka qal’eeyii Senegaal keessaa kan argame Maaneen erga abbaansaa boqotanii daa’imummaasaarraa kaasee waan argate mara warreen rakkatan gargaaruun beekama. Hojii arjummaa kanaaf ka’umsa kan ta’eef abbaansaa wayita imaama Masgiida Daakaar turanitti harka qal’eeyyiif waan argatan qooduudhaan beekamtii qabachuusaaniiti.

Ganamumaan arjummaa kan amaleeffate Maaneen harka qal’eeyyii daandiirra jiraatan, kanneen balbala masgiidaafi iddoowwan addaddaa taa’uudhaan kadhatan deeggaruufi gargaaruudhaan beekama.

Maaneen taphataa beekamaa fi hordoftoota hedduu qabu yoo ta'ellee altokkoof ganda dhaloota isaa iyyummaan rakkattu dagatee hinbeeku. Kilaboota jaallatamoo garaagaraatiif taphatullee haala kanfaltii isaa ilaalchisee kan isa yaaddessu hiyyeesota biyyasaa warra harka isaarraa nyaatanii beela ba'uu qaban sanadha.

Mannetii barnootaa, tajaajila neetwoorkii, tajaanila yaala fayyaa, tajaajila kuusaa bobaa'aa fi kan birootiin qee'ee isaatiif harkasaa diriirsaa jira. Doolaarii miiliyoona tokkoofi kuma 700fi 194n hospitaaloota sadarkaasaanii eeggatan sadii magaalaa Baanbaliilitti ijaaruun rakkoo ummatichaa salphisuun gargaarsa irraa eggamu bahaa jira.

Erga Liiverpuul irraa gara Bahermuunikiin cee'ee, torban kana keessa suurri miidiyaa hawaasaarra naanna'u tokko dhaloota ammaatiif barnoota nuuf kenna jedheen yaade. Gareen kubbaa miillaa isaa hundi dhugaatii harkatti qabatanii gammachuu isaanii yoo ibsan, inni garuu ofqabuudhaan sagantaa isaaniitti hirmaate.

Egaa dargaggootni keenya miidiyaa hawaasaa kana irratti walbeeknu ana dabalatee sadarkaan nuti itti jirru maal jennee ofgaafachuu qabna. Beekamtii muraasaa fi beekumsa yartuudhaan walii keenya gammachiisuuf miidiyaa hawaasaa kana irratti jechoota safuu cabsaniin wal faarsaa ykn jajaa oolla.

Ilaa obbolleessako, obboleettiiko beekumsii fi beekamtiin tokko miti, tokko ta'us ykn walfaana si quunnamus kaleessakee hindagatin, haalli ati keessa jirtu waan hindarbine sitti fakkaatee gorsa siif kenname hintuffatin. Beekamtiinis beekumsis ni darba, garuu haalicha keessa teessee wantati gootetu seenaa taa'a. Sikomachiisa ykn si arboomsa. Hidhatakee fi jajjootake gammachiisuuf jettee jechootaa fi gochoota riqicha seenaa gamatti si hambisanii dhalootaf naaffisan irraa of eegi. Godaannisni jireenyaa ati kaleessa hawaasa keessatti ilaalaa guddatte sun mooraa sitti ijaaree si eeguu qaba, atis naannoo fi hawaasakee hindagatin. Isuma kaan yoo dadhabde maatiikeellee hindagatin. Gammaduun hin barbaachisu jechuukoo miti, haaluma gammachuukee ibsattu keessatti dhaamsa dhaloota daandiitti deebisu of harkaa hindhabin. Gochaankee dhaloota gara doggoraatti oofa yoo ta'e irraa ofqusadhu!


@Nidarba
@Nidarba
Osoo wanni si boochisu baay'een jiruu ati dandeessee
kofluun jabeenya.

Namoonni yaada waa'ee keetii qaban dubbatu malee
eenyummaa kee isa dhugaa hin dubbatan.

Jireenyi filannoo baay'ee qabdi garuu hundumaa al
tokkotti filachuun hin danda'amu

Hiikni ati jireenyaaf laattu,Hiika ati eenyummaa keef
qabdu irraa madda.

Baay'achuun dukkanaa mallattoo ifa bariiti.


@Nidarba
@Nidarba
Forwarded from Kitaabilee Afaan Oromoo (Siifan 💔)
Siif Galeeraa!-1.pdf
37.8 MB
Siif Galeeraa!-1.pdf
Forwarded from Lalisaa Indiris
Daaniyaa-1.pdf
300.8 MB
Daaniyaa
#BeeksisaHojii


Waajjirri PSMQN magaalaa Shaggar sekteroota magaalichaaf gitoota hojii duwwaa fi baajataa qabu irraatti beeksiisa baasse wal dorgomsiisee fudhaate hojjeechisuu waan barbaaduuf namoni isiin ilaalatuu dorgomuu dandeessu.

#Share gochuun hiriyoota keessaan biraan gaha.
Namoota hojii barbaadaniif akka qaqqabuuf page maqaa asii gadii Cuqaasuun Maatii Keenyas ta'aa
2024/12/03 10:41:18
Back to Top
HTML Embed Code: