Telegram Web
Sarara Baaburaa Itiyoo-Jibuutii irra miidhaan xiqqaan dhaqqabe

AMN Onkoloolessa 03, 2017

Sararri Baaburaa Itiyoo-Jibuutii naannawa Awaashitti miidhaan xiqqaa keessummeessuu Hoji raawwachiisaa olaanaan Waldaa Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaan beeksisan.

Hadiidni baabura meetira 15 dheeratu biyyeen liqimfamuufi bakka muraasatti cituu ibsameera.

Maddi miidhaa kanaa qoratamaa akka jiruufi ogeeyyiin dhaabbatichaa suphaa taasisaa akka jiran Injinar Taakkalaan eeraniiru.

@QarooPost
Dhaabbatni Meettaa Feesbuuk Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun sagantaa muuxannoo maamilaa fooyyessu hojiirra oolchuufi

Hoji raawwachiistuu olaantuu Itiyoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruun Dhaabbata Meettaa Feesbuukitti Daayirektara Tumsa Tarsiimawaa Baha Guddugaleessaafi Afriikaa kan ta'an Viikaas Meenon waliin mari’atan.

Dhaabbileen lameen muuxannoo fayyadama daataa maamiltootaa fooyyessuu fi dhimmoota tarsiimowaa irratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

@QarooPost
Finfinneetti lafti heektaara 14.3 caalbaasii liiziitiin gugurtaaf dhiyaate

Magaalaa Finfinneetti iddoo qarqara misoomaatiif gadhiifame dabalatee lafti heektaara 14.3 ta'uu caalbaasii liiziitiin gurgurtaaf dhiyaachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Odeeffannoon biiroo bulchiinsa lafaa magaalattii ifoomse akka agarsiisutti, caalbaasiin kuni Onkololeessa 08 hanga 21, 2017 ALI kan turuudha.

Iddooleen caalbaasiif dhiyaatan kunneen kutaalee magaalattii Araadaa, Yakkaa, Nifaas Silk Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo Aqaaqii Qaallittii, Addis katamaa, Lammii Kuraa, Lidataa, Gulalleefi Booleetti argamu.

"Iddoowwan misooma qarqaraatiif qulqulleeffaman dabalatee bakkeewwan garagaraa 285 yookiin iddooleen misoomaa heektaara 14.3 caalbaasiif dhiyaataniiru," ibsichi jedhe.

Bulchiinsi magaalichaa bara 2016 ALI iddoolee misoomaa akkasii marsaan sadiin caalbaasiin hawaasaaf dhiyeessuu eereera.

Maddi: Addis Standard
@QarooPost
BRICS gochaa Israa'el Gaazaa irratti raawwachaa jirtu ifatti balaaleffate

Yaa'ii 16ffaa geggeessaa kan jiru gareen BRICS gochaa Israa'el Gaazaa irratti raawwachaa jirtu akka balaaleffatu ifatti beeksise.

Waraanni kun hatattamaan akka dhaabbatus BRICS waamicha dhiyeesseera.

Israa'el lola Gaazaatti taasisteen lammiileen Paalaastaayin kuma 43 ol lubbuu dhabaniiru.

Yaa'ichi labsiiwwan garagaraa UNf dhiyaatan irratti mari’achuunis raggaasiseera.

@QarooPost
Mirga Wabii hawwasummaa Nama Dhaabbata dhuunfaa keessa hojjetuu kana quba qabduu?

Namni dhaabbata dhuunfaa keessa hojjatu mirgoota wabii hawaasummaa maalfaa qaba?

Hojjataan dhaabbilee dhuunfaa keessa qacaramee hojjatu guyyaa 45 booda mindaa isaa irraa ji'a ji'aan buusii sooramaa dhibbeentaa 7 ni kaffala.

Dhaabbanni dhuunfaa Hojjataa sana qacare, akkasumas buusii sooramaa dhibbeentaa 11 dhumarratti bara sooramaatti hojjatichaaf kaffalam u akka muruuf labsiin murtaa'ee irratti hojjatamaa jira.

Bu'uruma kanaan;

Dhaabbilee dhuunfaatti yoo xiqqaate namni waggaa 10 tajaajilee fi tajaajila isaa sababa gara garaan addaan kute, barri sooramaa isaa yoo gahe mirga kaffaltii sooramaa argachuu qaba.

Turtii waggaa 10tti dhiyaatuuf dhaabbata dhuunfaa keessa namni tajaajile, sababa rakkoo fayyaa mirkanaa'een tajaajila addaan kutuuf yoo dirqame barri sooramaa gahees dhiisees guyyaa tajaajila addaan kuterraa eegalee mirga kaffaltii sooromaa argachuu qaba.

Namni tajaajila kennaa osoo jiru miidhaa hojiirratti uumamuu maluu kamiinuu hojii isaa itti fufuuf hin danda'u yoo ta'e, akkasumas hojii gara biraas hojjachuu akka hin dandeenye boordii hakimootaatiin yoo mirkanaa'e mirga kaffaltii sooramaa guyyaa hojii dhaabe irraa eegalee itti fufiinsaan ji'a ji'aan kaffalamuu harka dhibba keessaa harka tokko ni qabaata.

Miidhaan irra qaqqabe irraa yoo fayye kaffaltii miidhaa kan al tokko qofa kaffalamu ni argata.

Dhaabbata dhuunfaa keessa namni waggaa kudhanii gadi hojjatee garuu barri sooramaa isaa itti gahee ykn sababa fayyaan hojii irraa yoo gaggeeffame kaffaltii tajaajilaa ykn kaffaltii hanqina fayyaa ni argata.

Namni dhaabbata dhuunfaatti qacaramee hojjatu gaafa lubbuun addunyaarraa boqote kaffaltiin sooramasaa mindaa bu'ureeffate bakka buutota_ maatii isaaf ni kafalama.

Hojjataan dhaabbilee dhuunfaa umuriin isaa waggaa 60 guute kamuu soorama ni baha.

Dhaabbaticha keessa waggaa 25 fi sanaa ol tajaajilee umriin isaa waggaa 55 gaafa gahu irraa eegalee fedha isaan sooroma bahuu fi kafaltii sooramaas eegalsiifachuu ni danda'a.

Mirgoota sooramaa gubbaatti eeraman kanniin fi kanneen hafan biroo kabachiisuuf bulchiinsi wabii hawaasummaa hojjattoota dhaabbilee dhuunfaa hundaa'ee hojiirra jira.

Etv Afaan Oromoo
@QarooPost
Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi maallaqaan adabaman.

Yakka Haasawa jibbiinsaa tamsaasuufi walitti bu’iinsa kakaasuun kan himataman Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi Birrii kuma 20 adabaman.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimmoota Heeraafi Heera Mootummaa ramaddiin Lidataa, Obbo Taadiyoos Taantuun yakkoota itti himataman sadiin adabbii cimaan adabe.

Manni Murtichaa yakkamaan kun abbaa ijoollee 6fi maanguddoo umrii waggaa 70 ta’uu isaanii yaada adabbii salphisan dhiyaatan tilmaama keessa galchuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi Birrii kuma 20'n akka adabaman itti murteesse.

Maddi: FBC
@QarooPost
Israa'el Iraan irratti haleellaa qilleensarra bante

Humni Ittisaa Israa'el Teeraaniifi bakkeewwan murteessoo Irsan gara garaa irratti haleellaa milkaa'aa geessisuu hime.

Iraan gama isheen dhukaasawwan Israa'el gariin qolachuu ibsuun, buufatawwan waraanaashee bakka sadii jiran miidhamuu eerte.

Yeroo haleellaa Israa'el kanatti naannoon qilleensaa Iraaniifi Iraaq cufamaniiru.

Pirezidaantiin US Joo Baayiden Israa'el giddu gala Nuukilaraa fi Boba'aa haleeluurraa akka ofqusattu akeekkachiisaniiru.

Iraan gama isheen haleellan kun Israa'eliin gatii guddaa kaffalchiisa jette.

Maddi: BBC
@QarooPost
Somaaliyaan dippiloomaatonnii Itoophiyaa sa’aatii 72 keessatti biyyichaa akka ba'aniif ajaje

Somaaliyaan dippiloomaatonnii Itoophiyaa dhimmoota keessoo isaan hin ilaalanne keessa seenan jechuun sa’aatii 72 keessatti biyyichaa akka ba'aniif ajaje.

Namni Somaaliyaatti dhimmi kun isaan ilaalatu Alii Muhammad Adaan, sa’aatii odeeffannoon kun tamsa'e irraa ka'ee sa’aatii 72 keessatti dippiloomaatonnii Itoophiyaa biyyichaa akka ba'aniif ajajni darbuu ibsan.

Ali Muhammad dippiloomaatonnii Itoophiyaa dhimma keessoo somaaliyaa keessa seenan jedhan malee dhimmicharratti waan jedhan hin qaban.

@QarooPost
#Ameerikaa 

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa guyyaa boruu sagaleen kennamuuf duulli nafiladhaa har'a raawwata.

Filaannoon Ameerikaa kun ummata biyyattii qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti filannoo xiyyeeffannoo olaanaa qabuudha.

Doonaald Tiraampiifi Kamalaa Hariis Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf duula filannoo guyyaa dhumaarra gahaniiru.

Guyyaa Dilbataa Hariis uummata deeggarsaaf baheef dubbii goote keessatti waraana Gaazaatti xumura gochuuf wan dandeessu hunda akka gootu himte.

Tiraamp gama isaan waliin dhahuu adeemsa filannoorratti gaggeeffamaa jira jedhu ragaa osoo hin dhiyeessiin komate.

Oduun sobaa fi waliin dhahuun filannoo Ameerikaa burjaajii hamaa uumuu BBCn gabaaseera.

Filannoon guyyaa boruu kan gaggeeffamu ta'a.

@QarooPost
Dhalataan Itoophiyaa Doonaald Tiraamp waliin Rippaablikaanotaaf dorgome Mikaa'el Yaadataa eenyu?

Filannoon Ameerikaa bara 2024 guyyaa har’aa gaggeeffame namoota dorgomaan keessaa inni tokko dhalataa Itoophiyaa kan ta'e Mikaa'el Yaadataati.

Mikaa’el kan jiraatus naannoo inni itti dorgames magaalaa Meeriilaand keessatti.

Mikaa’el ijollummaasaatti gara Ameerikaatti imale. Garuu rakkoodhaan akka biyyaa hin baane hima.

Yeroosaatti sirnaan fayyadamuun qabeenyas horatee siyaasa biyyattiis hubatee rakkoowwan ijaan argu hedduu sirreessuuf akka siyaasa Ameerikaa keessa seenuu murteesse dubbata.

Mikaa'el diinagdeedhaanis hin komatamu. Siyaasa gaggeessuuf harka namaa ilaalee akka hin beeknes dubbata.

Mikaa’el gama barnoota isatiinis barnoota Injinaratiin (Ph.D) isaa hojjechaa jira. Amma hojii ijaarsaa kan hojjetu ta'ee, kubbaaniyyaawwan ijaarsaa qabu Afrikaa keessattis babal'isuun bu'uura isaa kan ta'e Afrikaa fayyaduuf hojjetaa akka jiru hima.

Itoophiyaa keessatti hojiiwwan ijaarsaa gurguddoo hojjechuuf karoora qaba. Ammoo irruma caalaa dargaggootaaf carraa hojii mijeessuu akka fedhu Mikaa’el himeera.

Mikaa’el kubbaaniyyaawwan lama qaba. Kubbaaniyyooni kunniin bara ALA bara 2008 fi 2019 achuma magaalaa Meeriilaand keessatti kan hundaa’e yoo ta’u akkuma duraa duubaan Delta Engineering Group LLC kan jedhamu hojii dizaayinii fi to’annoo (supervision) hojjetu fi Kilimanjaro Constrution kan jedhamu ammoo hojii kontiraaktaraa hojjetu.

Injinar Mikaa’el jalqaba biyya ollaa Itoophiyaa taate, Keeniyaa, irraan eegaluun ijaarsa daandiiwwan gurguddoo magaalaa Naayiroobii fi Zaambiyaa keessatti hirmaachuu isaa himeera.

Injinar Mikaa’el akka jedhetti Itoophiyaa keessatti mootummaan jijjiiramaa amma biyya bulchaa jiru erga dhufee yeroo isaa harka caalu gara biyyaatti dedeebi’uun hojiillee hedduu hojjechaa jira.

Yeroo ammaa eeyyama konistiraakshii baafachuun gara fuuldurattis biyya isaa kessatti hojii gurgudda hojjechuuf karoora bal’aa akka qabu gaaffif deebii BBC waliin taasiseraatti himeera.

Maddi:- BBC
@QarooPost
Guyyaa har'a Fiilmiin Afaan Oromoo Mata dureen isaa Finnaaf jedhamu Tele Tv irratti lakkifamuuf walii galteen mallatteeffameera. Finfinnee, Hoteela Goolden Tuulippitti kan gaggeeffame sagantaan walii galtee mallatteessuu kun Tele Tv fi Miiltoo Pictures gidduutti raawwatamuun Fiilmiin Finnaaf Fiilmii Afaan Oromoo isa jalqabaa Tele Tv irratti lakkifamu ta'eera.

Tele Tv irratti kanaan dura Fiilmota Afaana Anaariffaa nuraasni kan lakkifaman yemmuu ta'u, Afaan Amaariffaatti aansee Fiilmii Tele Tv yaabe isa lammataas ta'eera. Fiilmiin Finnaaf sagantaalee badhaasaa gara garaa irratti kaadhimamuu irra darbee badhaasota hedduu fudhachuun isaa ni yaadatama.

Adeemsu kunis damee Fiilmii Afaan Oromoof dadammaqiinsa ni uuma jedhamee amanama. Sagantaa akana irrattis ogeessonni Fiilmii hedduun argamaniiru. Miseensota Fiilmii Finnaaf akkasumas Jaalattoonni fi Dinqisiifattoonni Fiilmii Oromoo baga gammaddan baga gammanne.

Tele Tv buufadhaa
https://teletv.et/download yookaan https://www.teletv.et

#TeleTv
#Finnaaf
@Fiilmiin

@QarooPost
Yaa'iin Addunyaa Beelarraa Bilisa gichuu jedhu guyyoota lamaaf finfinneetti geggeeffamaa ture xumurame

Yaa'iin "World Without Hunger" /Addunyaa Beelarraa Bilisaa/ magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adawaatti haala gaariin geggeeffame kan xumuramuu isaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Yaaddannoon Injifannoo Adawaa guyyaa eebbifame irraa eegalee wal-gahiilee fi konfarnsiilee Afrikaa fi idil-addunyaa akkanaa guguddaa keessummeessuun magaalaa Finfinnee giddu-galaa koonfarnsii fi hawwataa taasisuun gahee guddaa taphachuu irratti kan argamu ta’uus himan.

Finfinnee giddu-gala Tuurizimii, Konfaransii akkasumas hawwataa taasisuuf hojiiwwan hojjenneen bu'aa buusanii konfaransiilee guguddaa Afrikaa fi Idil-addunyaa keessummeessuu eegaluu keenyatti gammadnee jirra jedhan kantiibaa Adaanech ergaa gama marsaa hawaasaa isaaniitiin dabarsaniin.

Jabaannee wayta hojjennu deebisee harka baay'ee akka nuuf kanfalu kuni mul'istuu tokkoodha jechuunis eerani.

Konfaransiileen kunneen magaalaa Finfinneetti akka adeemsifaman kan karoorsan, kan hojjetanii fi qaamolee keessummeessan hundas maqaa bulchiinsa magaalichaatiin galateeffataniiru.

@QarooPost
Siitkoomii Maatii Ilaalaa
Kutaa 7ffaa

https://youtu.be/jKKf2spKyyc?si=3rucGYOGHHcJOHDN
Birriin tiriiliyoonni 3.25 karaa #Teeleebirriin daddabarfamuu ibsame

Appilikeeshinii Itiyoo Telekoom waggaa sadii dura Caamsaa 2021 gara hojiitti seene ‘Teeleebirrii’ hanga ammaatti Birrii tiriiliyoonni 3.25 daddabarsuu Itiyoo-Teelekoom beeksise.

Itiyoo Telekoom sirna daldala dijitaalaa fi mala gabaa elektirooniksii irratti bakka bu’oota indaastirii omishaa fi qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

Marii kana irratti hojii raawwachiistuun dhaabbatichaa Firehiiwoot Taammiruun akka ibsanitti, Itoophiyaatti Teeleebirriin daddabarsa maallaqaa dijitaalawaa saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Yeroo ammaas fayyadamtoonni appilikeeshiniichaa miiliyoona 51.3 qaqqabuu eeruun, appilikeeshinichi erga hojiirra ooluu eegalee Birrii tiriiliyoonni 3.25 ittiin daddabarfamuu dubbataniiru.

Itiyoo Teelekoom ‘Dijitaal Itoophiyaa’ galmaan ga’uuf tattaaffii eegaleen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

@QarooPost
2025/06/16 14:12:53
Back to Top
HTML Embed Code: