Telegram Web
Politikaa fi Dipilomaasiin yoo yeroo yerootti haarayaa hin deemne achumee taati. Siyaasnii fi dipilomaasiin waliin jiraatu. Yoo miidhaman yeroo yerootti yaala barbaadu. Yeroo yerootti dhidhiibbaa barbaadu. siyaasni fi dipilomaasiin haromfamaa deemuun dirqama. Kaleessa gaaffii polotikaa kuta kutaan gaaffataa turte yoo ta'e har'a gaafficha bakka tokkotti gaafachuuti qabda. Fakkeenyaaf gaaffii dhimma Finfinnee, Dirre Dawaa, naannoo Hararii Matakkal, fi fkfn. Gaafileen kun bakka tokkotti deebii argachuu qabu. Gaaffii Polotikaatiif gaaffiin bulchiinsa gaarii deebii hin ta'u. Gaafiin keenya yoomessa qabaachuu qaba. Deebiin keenyas akkasuma. Biyya gaafannee kutaa magaalaa tokkof gatii baasuun nurra hin jiraatu. Gatiin hundi Oromiyaa keessatti hammatama. Biyya keenyaaf dipilomasii keenya haaromfachuuti qabna. Hiriirri dipilomasii keenyaa inni kaleessaa harkifataadha yoo ta'e tarree dipilomasii saffisaa hiriiruutu barbaachisa. Qabsoo addunyaan itti jirtu qabsoo akkamiti kan jedhu mala dhahuunis barbaachisaadha. Hojii kaleessa hojjenneef danqaa kan ta'e galmi keenya maaliif dheerate kan jedhuufis mala dhahachuun gahee Hayyoota Oromoo fi qabsaa'otaati.

Barruun armaan gadii kun waan xiqqoo hubannoo dabaltu qabdiiti dubbisaa!

ABU MOHAMMAD AL JULAANII(AHMAD AL SHARAA)

Ahmad Al Sharaa maqaan qabsoo isaa Abu Mohammad Al Julaanii jedhamuun beekama. Bakki dhaloota isaa naannooTulluu Golan jedhamutti yoo ta'u magaala Damasqootti guddate. Abu Mohammad yeroo jalqabaaf Al Qaa-yidaatti makamuun waggoota muraasaaf qabsoo geggeessuu itti fufe. Bara 2006 suuftota Ameerikaa harkatti kufuun xumura bara 2011 mana hidhaa irra gadi dhiifame. Erga mana hidhaatii bahee warraaqsi isaa bulchiinsa Bashir Al Asad irratti akka xiyyeeffatu taasise. Itti fufee bara 2012 deggersa Al Qaayidaatiin sirna gita bittaa Asaad lo-luuf jaarmiyaa Adda Al Nusra uume. Kana gidduutti Al Baghdadi garee Al Sharaan sirna gita bittaa Asaad ittiin weera-ruuf ijaare Al Nusra fuudhee garee Islaamaan walitti makuuf karoorsee ture Al Sharaan morme. Kunis garee Al Bag-dadii fi Al Sharaa gidduutti waraa-na uume. Bara 2016tti Al Sharaan hariiroo gurmuu Al Nusraa fi Al Qaa-yidaa gidduu jiru addaa kute.

Abu Mohammad Al Julaanii(Al Sharaan) erga hariiroo Al Qaa-yidaa fi jihaa-distoota irra adda of baaseen booda garee isaa qabatee bulchiinsa Siiriyaa Asaadiin hoogganamu irratti qabsoo isaa jabeessuun seera qabeessummaa biyyoota Addunyaa barbaaduu itti fufe.

Abu Mohammad Al Julaanii (Al Sharaan) Al Nusra jaarmiyaa Hay'at Tahrir Al Sham jedhamuun walitti makuudhaan ijaaree hooggana ta'ee tajaajilaa ture. Naannowwan waraa-nan to'atan keessatti qeeqa uummataa fudhachuun hojiirra oolchuu, tajaajila uummatichaaf barbaachisu tokko tokko kennuun hojii qabsoo itti fufan!

Abu Mohammad Al Julaanii namni polotikaa jiha-distootaa moggeessuun qabsoo isaa sirna abbaa irree irratti taasise. Sababa kanaanis garee IS-IS waliin lo-la jabaa geggeessuun lol-ltoota 3000 ol walirraa galaa-fatan. Sana booda gareen isaas xiyyeeffannoo isaanii sabboonummaa sooriyaa irratti akka taasisaniif isaan jajjabeessuuf barsiisuu itti fufe. Gareen Al sharaas Al Qaa-yidoota caalee garee cimaa jedhamuun sodaatamuu jalqabe. Garee Siiriyaa keessa isa guddaas jedhame. Mootummoota warra lixaa wajjiin wal waraa-nuu dhaabuun fuula isaa kaayyoof daandii milkaa'inaa isaa irra godhate. Bara 2015 qabsoon Al Nusraa warra lixaa waraa-naa akka hin taanee fi bilisummaa Sooriyaaf qabsoo akka taasisaa jiran Aljeezeraa irratti fuula dhokfatee dubbatee ture. CIAn Alsharaa ajjee-suuf yeroo hedduu gaaddee itti milkaa'uu dadhabdus tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa baaseen ajjee-chaa CIAtti bishaan dhangalaasee biraa kute. Ameerikaan Abu Mohaammad Al Julaanii nama dabarsee natti kenneef doolara miliyoona 10n akka laattu ibsitee turte. Boodarra garuu tooftaan qabsoo Al Sharaa qabsoo adduyaa waliin wal simateef jila itti ergitee jajjabeessite. Ergasii namni kun murxuxxee ta'ee argame. Bara 2024 Ji'a adoolessaa irra eegalee opireshina inni weera-rtoota Asaad irratti geggeessa opireshina milkaa'aa jedhamee weeddifameef.
Aleppoo irra ka'ee guyyaa kudha tokkotti(11) Damasqoo gahe. Ji'a muddee keessa abbaa irree fi caasaa isaa biyya isaa keessa gugsee baase.

Ahmad Al Sharaan nama warraaqsaati, nama siyaasaati. Lolt-uudha. Ajajaa waraa-naati. Tika waraa-naati. Waan hojjetu hunda irratti gahoomaa ta'ee hojjetaa ture. Amma mootummaa Siiriyaa isa dargaggeessa ganna 43ti.

Waan Al Sharaan hojjete dubbatamee kan dhumu miti. Qabsoo uummata Siriyaa abbaa irra walaba baasuu keessatti gahee leencaa taphateera. Qabsoo akka baha giddu galeessatti ija hawaasa addunyaa biratti badaadha jedhamu toora qabsiisuun qabsoo sabboonummaa fi abbaa biyyummaa godhee Siriyaanota mataa ol qabachiisuu yaaleera. Milkaa'inni isaaf garee isaa immoo of haaromsuu ilaacha siyaasaa fi dippilomaasii isaaniiti. Al Sharaan hanga ammaatti waan gatii baasetti milkaa'eera. Kan hafettis akka milkaa'u hawwii kooti!
#Kibba_Lixa_Shaggar
PPn RIB heddumminaan aanaa #Ammayyaa turte gara #Silkaambaatti dabarsitee qubsiisuuf sochii hamaa gochaa waan jirtuuf jaallanii fi qeerroon naannoo sana jirtan jala bu'uun hordfaan dhaamsa keenya!
Galmii qabsoo keenyaa bilisummaadha.Haa turuu, haa dhiyaatuu malee waaqaa gaditti humnii hanqisuu danda'uu hin jiru. Riphee lolaan balleessuuf yaaluun qabsicha daraan jabeessuudha. Riphee lolaan durayyuu humna roorroo fi rakkinna keessatti dhalate. Rakkoon fedheyyuu akka nu hin injifachuu hin dandeenyeef dursinee rakkinna firoomfanne. Kanaafuu gonkumaa akka isin nu hin dandeenne addeesinee isanitti himna.

Wantii isan dandeettan yoo jiraate baajetaa fi yeroo gubuu qofa. Sochii Keeniyaa ilaaltanii wacuu osoo hin taane ofii sochii duratti taasisaa yoosi immoo wal argina. Kun dhaadannoodha. Jabbiloonni PP osoo gurrii isan jibbuu fudhadhaa.
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Empire Ethiopia gooticha waliin lolaa waan dadhabdeef biyyoota ollaatiin na birmaadha jechuutti kaate.
Sunniin gurraaleen warrii nyaatte
hin bullee  hangaa taanaatu
nama hin dhibduu.
Itti muddii jajjabee πŸ’ͺ🏻πŸ₯°πŸ‘‡πŸ»πŸ˜
Barrii kuni baraa empire waan qabattu dhabdeedha.
Itti muddaa qerroof qarreenis
#WBON_DURATTI

α‹¨α‹αˆ½αˆ΅α‰΅αŠ• αŠ’αˆα“α‹¨αˆ­ αˆˆαˆ˜α‹°αˆ­αˆ˜αˆ΅ αŒ€αŒαŠ“α‹ αˆ αˆ«α‹Šα‰³α‰½αŠ• αŠ₯αŠ•α‹²αˆ… α‰ αŒ€αŒαŠ•αŠα‰΅ αŠ₯α‹¨α‹°αˆ¨αˆ›αˆ˜αˆ° α‹­αŒˆαŠ›αˆ....
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
β€Œ‎Eebbifamtoota Jajjabee Zoonii Kibba bahaa
Baga milkooftan!
K/Abiyyii Qumaaricha Nyaatame Jira.
==============================
Giddu kana dhimma Keeniyaa waliin lola qinda'aa gochaa akka jiran namu quba qaba.
Waraanaa qabu ammoo gole Oromiyaa keessaa walitti qabuun gara Finfinneeti fe'aa jira.
Adeemsi PP'n itti jirtu kibbaa irraa yeroo WBO humnaan rukunnu humni WBO gidduu gala jiru birmannaaf booda deebi'a yaada jedhu qabataan jiru.
Akka yaadamee utuu hin taane humni WBO kibbaa lola waloo irratti baname haala aja'iiban irra aana jira.

Kanumaan wal qabatee Leencichi adeemsa PP'n itti jirtu dursee wan beekuf qumaara PP biyyeeti dabaluun karoora isarraa utu hin maqiin yaaddoo tokko malee duula cichoomina Kaayyoo akkuma itti fufeeti jira.

Injifannoon Abbaa Haqaaf
Oromiyaan Biyya
=============
Ergaa Keessoo

Akkawunti Keessan sirritti ilaalama waan ta'eef mee milishoota aanaa Ejeersa lafoo kabineen Keenboon Kabbadaa fi Girmaa Dabal jedhaman ummata nagaa maqaa waraana bilisummaa oromootin saamaa Turan suni gafaa guyyaa Amajjii 25/2025 qabamanii jiru.

Haa ta'u malee Jiraattonni Naannichaa akka waan isaan Leenjii dhaaf Bakka Biraatti ergamanii jiraniitti waan quba qabaniif Bilxiginnaan Iccitii ishii dhokfachuuf jecha "Leenjiif ol ergine jirra" jettee Kijibaa adii dhugaa irraa Fagaate Maatii fi Jiraattota naannichaa Sodaachiisti.
Kanaafuu Jaal Iccitii kana Maxxansiif siin jenna.
Waraannii bilisummaa Oromoo (WBO)n Zoonii giddu galaa barnoota siyaasaa kan qondaalummaa akkasumas Barnoota Fayyaa (Doctor) Barsiisuun Ebba isaa bifa kanaan xumuree.
Of kenninsaa gaariif Amilee jabaan gara dirqama isaa itti aanutti bobbaasee jira.
Keenya Oluuma
IUOf
Shororkeessummaa gara Peresedaantummaa !

Perezidaantin Faransaay Emanuel Makroon hoogganaa sooriyaa haara'a Ahmad Al-sharaa gara biyya isaanii akka dhufu affeeran‼️

Waggaa Lamaan dura moggaasa maqaa shoorarkeessummaatin addunyaa irratti kan yaamamu Ahmad Al-sharaan hardha maqaa kabajaa perezidaantummaa argatee addunyaa hundarratti dinqisiifannaa addaa goonfate.

Hojii kee kutannoo fi cichoominaan yoo hojjeette hunduu si hawwa.

OROMIYAAN BIYYA
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
"Eeyyee! USAID cufnee jirra. Dhaabbanni gargaarsa idil-addunyaa kun biyyoota Afrikaa dadhaboo fi gargaarsaan akka beela’an godheera.
Biyyoonni Afrikaa aadaa of danda’uu fi of danda’uu akka horatan barbaanna.
Donald Trump Dhimma USAID irratti dubbii taasisan irraa.
Tarkaanfii WBO Zoonii Lixaa

ONM-ABO Guraandhala 7, 2025

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Duula Cichoomina Kaayyoo itti fufsiisuun WBOn Zoonii Lixaa ganama har'aa Guraandhala 7,2025 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Seertumii bakka Gaawwaa jedhamutti humna weerartuu PP uummata Oromoo gooluuf deemtu irratti dhukaasa banuun du'aa fi madoon adabuun afur harkaan  qabee qawwee fi hidhannoo irraa hiikuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof.
Waan keessa jirru seenaa armaan gadii kana waliin wal bira qabdanii akka ilaaltan abdii guddaan qaba.

1) Waan poolisiin impaayera kanaa dhala namaa irratti raawwatu
2) Manni murtii waan inni hojjetu
3) Milishaan waan inni hojjetu
4) Seerota nam tokkee guyya guyyatti labsamanii hojiirra oolan
5) Wantoota manneen hidhaa keessatti raawwatamaa oolan
6) Wantoota qabeenya uummataa irratti raawwataman
7) Saam-chota seera qabeessaa fi seera maleessa
8) Qaamota mootummaa irratti waan raawwatamaa oolan
9) Sababoota qaala'insaa........fikkn ilaaluu dandeessu

Barruu kana akka dubbiftan isin affeerara!

================================
Firaansiskoo Maasiyaas Nguema Yookaan Francisco Macias Nguema

Namni kun pirezedantii Iquwatoriyaal Giinii ture. Ikuwaatoriyaal Giinii keessa saba guddaa Esangui jedhamu irraa dhalate. Bara 1968 hanga kufaatii isaa 1979 tti hojiiwwan inni hojjete ajab nama jechisiisa. Firaansiskoo Maasiyaas Nguemaa abbaa irree isa gara jabeessa Daadaa fi Bokosaafaa caaludha. Abbaan irrummaa isaa hanga marataadha jedhamutti qubni itti qabameera. Jalqaba irratti waaqeffannaa dhuunfaa ol ka'ee weeddifamuu fi paartii hojjettoota biyyaalessa tokkummaa(PUNT) jedhamu hundeeffachuun bara 1972tti pirezedantii uumrii guutuu ofii isaa labsate!

Michummaan isaa duraa Ispeen turte. Boodarra erga labsii pirezedantummaa isaa labsateen booda michummaa isaa gamtaa Sooviyet, Kuubaa fi Kooriyaa kaabaa godhate. Sababni isaas Ispeen aangoo kiyyarratti shira xaxaa jirti oduu jedhu hordoftee. Battalumattu sarbama mirga namoomaa ulfaataa raawwachuu isaa hordofee namoonni kuma kudhanii olitti lakkaa'aman biyyaa baqatan. Amajji 1969tti ministeera dhimma alaa kan ta'e Atanasio Ndongo Miyone jedhamu biroo ofii isaatti waamee karaa foddaa gamoo irra darbachuu ajjee-se. Kana qofa miti erga gamoorra darbateen booda suura kaasee dhiqsiisuun albema keessa ol kaa'e. Ergaa wal dhibdeen bulchiinsa isaa fi Ispeen gidduu akkuma itti fufetti ta'e. Hordoftoonni isaa Ispeen irratti akka lo-la jalqaban labse. Akkasuma meeshaaleen waraa-naa Ispeen Ikuwaatoriyaal Giinii keessa jiru akka dhuunfatamu ajaja dabarse. Qabeenya achi keessa qaban hunda akka dhiisan dubbate. Mootummaan Ispeen yeroo sanatti lammiileen isaa Ikuwaatooriyaal Giinii keessatti argaman 7000 ol fi eegdonni sivilii isaa akka gadhiisan bahan ajaje.

Bara 1969 Maasiyaas Nguemaan mormitoota 186 Istaadiyoomii biyyattii keessatti argamu kan Malabo jedhamu keessaatti namoonni 150ni akka rasha-naman taasise. Namoota 36 hafan immoo boolla qochisiisee morma isaaniiti gadi awwaa-lchisuudhan goondaa diddiimoon akka nyaataman taasise. Kana boodadha kan maraatummaan namichaa ifatti mul'ataa adeeme. Gaafatama mana maree bakka bu'oota uummataa fi mana murtee haqe. Dhaabbata mootummoota gamtooman biyyatti keessa jiranis nii ari'e.

Bara 1971tti namni hundumtuu qa-wwee mukaatiin leenjii waraa-naa akka fudhatan ajaja dirqamsiisaa dabarse. Waxabajji 18 bara 1971 labsii baase. Labsiin isaas mootummaa mormuun akka nama adabsiisu, namni mootummaa mormee argame adabbii du'aa akka adabu raggaasise. Kaabinoota isaa arrabsuu yookan mufachiisuun murtii hidhaa waggaa 30 akka adabsiisus baase. July 14, 1972 labsii paartii walitti cafaquu baasee, raggaasise. Paartii bara jireenya isaa hoogganu godhee lafa kaayyate. Isa waliin hooggansa kana kan itti fufsiisu milishaan, fi eegdonni warra sanyii isaati. Gareen milishaa isaa kun yeroo sanatti dhugaatiin machaa'uun abbuma argan hidhaa, saa-maa fi ajjee-saa turte. Yeroo sanatti itti aanaa ministeeraafi ajajaan waraa-naa ilma obboleessa isaa Teodoro Obiang Nguema Mbasogo ture. Maasiyas Ngueman nanneen amantaa biyyattii keessa jiran hundi suura isaa akka mana sagadaa keessatti fannifatan taasise. Yeroo waaqa galateeffatan maqaa isaas akka galateeffatan taasiseera. Qeesiin ajaja kana hin raawwanne du'aan akka ada-bamu ajajeera. Miseensi paarlamaa biyyyattii akka rasha-naman , ministeeronni biyyattii akka rashan-aman taasiseera. Sababni isaas na kuffisuu yaadu jedhee sammuu isaatti yaaduufidha. Kana qofaa miti miseensa maatii ofii isaallee rasha-neera.
Mana hidhaa beekamaa mormitoonni itti dara-aman Block Beach jedhamu kan ilmi namaa jiraatti itti guraa-ramu ijaarratee qaba. Manni hidhaa Block Beach jedhamu kun akka Imimmaan Oshwitzitti ilaalama. Mana hidhichaa ilma obbolessa isaatu hooggana. Mana hidhaa Bloch Beach keessatti hidhamtoonni namummaan irraa mulqamee akka bineensaatti ilaalamu. Itti roorrifama, kabaja namummaa isaaniitu iraa fuudhama. Gidiraa isaaniitti hooggantoonni bashannanu. Hidhatoonni beela'anii akka ajjee-faman tasifameera. Abukaattoonni hidhamt-ootaa hidhamt-ootaaf darar-amni itti ulfaachuu irraan kan ka'e murtii du'aa gaafataniiruuf. Gareen mana murtii milishaa kaangaaroo jedhamu hammeenyi akka malee hammaachuu hordofee abbootiin murtii biyyattii biyyaa baqataniiru kan milishaan qabaman uleen tum-amanii- ajjee-famaniiru. Kan Block Beachitti qabamee darbatames jira. Dubaroonni abbaa warraa isaanii fuulduratti milishootan gudee-damaniru. Ilmi bboleessi Maasiyaas Ngemaa Obiang gocha hidhamtoota irratti milishootan raawwatamu kanatti akka bohaaraa tures beekamee. Yeroo sanatti inni hooggana mana hidhaa Block Beach ture.

Uummataan basaa-stota Ispeen saaxiltanii natti dabarsuuti qabdu jedhe. Nama basaa-stota Ispeen saaxileef beenyaa akka kaffaluufi gulantaa aangoo akka dabalu dubbate. Namni nama hin beekne walii haasaa taasisee argame hidhaan yookan du'aan akka adabamu dubbate. Basaa-sa Ispeen akka eeggataniif yadeeti. Biyya sana keessatti jecha "Hayyuu" jedhu fayyadamuun hin danda'amu. Namni fayyadame nii geggeeffama. Namni sammuu qabu isa biratti akka diin-aatti ilaalama.

Firaansisko Ngemaan 1974 irraa eegalee beeta mangistii isaa dhiisee gara naannoo baadiyyaa iddoo dhaloota isaa Mongomoo jedhamutti bahuun viillaa dallaa ijaaruun boollaa gadi fagoo hojjechiisee dhokatee jiraachuu jalqabe. Bakki sun kaampii waraa-naati. Iddoo kanatti Firaansisko Maaasiyaas Ngemaan waraa-naan marfamee utuu jiraatuu bakka jiraatu kanatti hidhatoota 300 ta'an gariin keessa ajjee-saa daraa-raa ture. Yeroon kun yeroo biyyattin sadarkaa dhumaarra geessedha. Guyyaa guyyaatti mana kana keessatti nama ajjee-saa oola. Barnoonni dhuunfaa akka diig-amu ajaje. Waggaa isaatti guutummaatti dhaabsise. Dhumarratti amantaa kiristaanaa seeraa ala taasise. Maakiyaas malee waaqni biraa hin jiru jedhe. Namni amantii kiristaanaa fayyadamu akka farra mootummaatti ilaalame. Itti fufuun hooggana baankii giddu galeessaa ajjee-suun waan baankicha keessa jiru guutummaatti fudhatee gara Mongomootti geeffate. Ogeeyyii istaatiksii ajjee-se, uggaamsee hidhe. Hooggansi istaatiksii Daayirektera Inistituuti Istaatiksii Ikuwaatoriyaal Giinii Antooniyoo Ndongo sababa daataan deemogiraafii gadi bu'aadha jedhameef qaama isaa kukk-uchiisee ajjee-sise. Hojjeettoonni mootummaa miindaa malee akka tajaajilan taasise, miindaa kan argachuu qabu poolisii fi waraa-na qofa akka ta'u taasise.

Bara 1976 irraa eegalee Maasiyaas Ngemaan daa'imman umuriin isaanii waggaa 7 hanga 14 gidduu jiran hundi leenjii waraa-naa akka fudhata, akkasumas namni dide kamiyyuu akka hidhamu ykn rash-anamu ajaje. Sodaa kana irraa kan ka'e namoonni 100, 000 ol ta'an baqattummaaf saaxilamaniiru. Qaamni seera baastuu harka sadii keessaa lama ajjee-famaniiru. Ministeeronni 10 ajjee-famaniiru. Warra biyyaa bahu dhorkuuf daandiin biyyattii keessa gara biyya ollaatti geessu akka qotaman taasiseera. Yeroo bulchiinsa isaatti Ikuwaatooriyaan giiniin hafee maqaan ishee maqaa maatii isaa "Dachau" waamamteetti.

Bara 1979 gara jalqabaa kophaa isaa viillaa Mongomo isaa baadiyyaatti ijaarrate keessa kophaa dabarsuu jalqabe. Hojiin waan hin jirreef eegdonni isaa beela'uu hordofee bineensa adamsanii soorachuu eegalan.

Walakkeessa Ebla 1979 haati manaa isaa ijoollee ishee fudhattee yaalaaf gara kooriyaa kaabaa deemte. Baruma kana dhaabbanni mootummoota gamtooman isa balaaleffachuu itti fufan. Ganna sana Maasiyaas Ngeeman maatii ofii ajjee-suutti gadi taa'e. Erga qondaaltota hedduu rasha-ne booda ilma obboleessa isaa Teodoro Obiang Nguema Mbasogo aangoo irra ari'e.
Tedoro Obiang Nguema Mbasogon fongolcha irratti raawwate, Maasiyaas Ngemaanis kaampii waraa-naa baadiyaa jiru taa'ee fonqolchi magaalaatti akka geggeeffame dhaga'e sana booda manicha dhiisee gara biyya ollaatti baqachuu eegala. Utuu fagoo hin imaluun bosona Riyoo Muunit jedhamutti baqachuun achumaan karaa kaasaan qabamee bakkichatti dhokatee shankoraa fi akaayii qamadii nyaataa ture. Akka tasaa jaartiin tokko agartee warra isa barbaadaa turanitti himte. Achitti doolaara miiliyoona 4 waliin qabame. Waan na raaju immoo doolara miiliyoona dhibba tokko ool mana isaa baadiyyaa jiru keessatti gu-bee baqate. Maallaqichi maallaqa inni baankii biyyoolessaa irra humnaan saam-eedha. Firaasiskoo Maasiyaas Ngeemaa qabamee hagaya 18,1979 mana murtiitii waraa-naatti dhiyaate. Ragaas irratti funaanuu eegale. Adoolessa 24 Manni murtii waraa-naa Firaansiskoo Ngemaa fi namoota kudhan irratti murtii kenne. Dhaddachi bitaaf mirgaa ilaalamee xumurameera. Maasiyaas Ngemaanis waan himatame kamirrattuu sodaa akka hin qabne ifatti mul'ateera. Maasiyaas Ngemaa irratti abbaan alangaa murtii du'aa murteesse. Namoota shan irratti adabbii hidhaa waggaa 30 dabarse. Kana hafanis hidhaa wal fakkaatuutu itti murtaa'e.

Adoolessa 29,1979 sa'atii walakkaa irratti manni murtichaa murtii isaa kennuudhaan himatamtoonni jaha Maasiyaas Ngemaa waliin murtii du'aan akka adabaman, akkasumas qabeenyi isaanii akka fudhatamu, murtiin darbe.

Ammas Maasiyaas Ngemaan murtii du'aa jala taa'ee mana maree waraa-na fi warra isa ajjee-suuf qaww-ee nyaachifatanii jira doorsisuu itti fufe. "Inni warra isa ajjee-suuf jiru irratti afuurri isaa deebi'ee haaloo akka isaan irratti bahatu kakatee" itti hime. Sababa kanaanis lolt-oonni Ikuwaatoriyaal Giinii rasaa-saan isa rukutuu didan. Sana booda lolt-oota biyya ollaa Morokoo irraa fidanii maallaqa kaffaluun Maasiyaas Nugemaa fi garee isaa jahan ajjee-san. Firaansiskoo Ngema waggaa 55ffaatti du'an adabame.

Ammas biyya sana bulchaa kan jiru ilma obboleessa isaa, isa yeroo inni aangoo irra turee ajaja waraa-na walii galaafi hooggana mana hidhaa Block Beach Tedoro Obiang Ngeuma Mbasogonidha!
Booji'aa Caalii tiin
2025/02/17 02:31:46
Back to Top
HTML Embed Code: