Paartiin Bilisummaa Ummata Tigraay garee Dr. Debretsion G/Mikaa'eliin durfamu itti aanaa dura taa'aa dhaabbatichaa Geetachoo Raddaa dabalatee miseensonni koree giddu galeessaa 16 hojiirraa ari'amanii itti gaafatamummaa jaarmiyaa irraa kaafamuu beeksise.
Walgahii Fulbaana 6/2017 gaggeeffame ilaalchisee ibsa fuula sadii qabu dhaabbatichi baase keessatti:-
1. Obbo Geetaachoo Raddaa
2. Gorsa Obbo Yene
3. Prof. Kandiyaa G/Hiyoot
4. Dr. Hagos Godiffee
5. Aadde Almaz G/Tsadiq
6. Obbo Redaayi Halefom
7. Aadde Juuliyeet Kahsaayi
8. Obbo Isaayyaas Taaddasaa
9. Obbo Solomon Masho
10. Obbo Shishaayi dagachuu
11. Dr. G/Hiwet G/Her
12. Obbo Raskuu Alemau
13. Obbo Haftuu Kiroos
14. Obbo Birhaanee G/Yesuus
15. Obbo Rufaa'eel Shifaree
16. Obbo Negaa Asefaa
Miseensummaa fi itti gaafatamummaa jaarmiyaa irraa ari’amaniiru.

Iyyattoota Yunivarsitii Finfinneetti barachuu barbaadan hundaaf!
Iyyattootni bara 2017 Yuunivarsiitii Finfinneetti baasii mootummaa fi dhuunfaan sagantaa idilee guyyaa, digirii jalqabaatiin barachuu barbaaddan galmeen Hanga Fulbaana 13/2017 akka ta'e ibseera.
Bara 2017tti sagantaa idilee digirii jalqabaatiin Ministeera Barnootaa irraa Yunivarsitii Finfinneetiif ramaddiin akka hin jirre ni beekama.
Yuunivarsiitii Finfinneetti baasii mootummaa(Scholarship) fi kaffaltii dhuunfaatiin barachuu kan barbaaddan hundi Qormaatni Seensaa(UAT) fi ulaagaalee biroo guutuun dirqama dha.
Haaluma kanaan marsariitiiwwan yuunivarsiitii Finfinnee
(www.aau.edu.et ykn https://portal.aau.edu.et) yookiin online (https://stuoexam.astu.edu.et) Ulaagaalee iyyannoo bal’aa marsariitii irratti bahe guutuudhaan galmaa’uu akka dandeessan ibsameera.
• Guyyaan galmee hanga Fulbaana 13/2017 qofaadha.
• Guyyoonni qormaata seensaa gara fuulduraatti marsariitii fi miidiyaa hawaasaa irratti ni ibsama.

Barreessaan Olaanaa #IGAD Warqinaa Gabayyoo #Moqaadishoo galan
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Warqinaa Gabayyoo (PhD) har’a Fulbaana 16, 2024 #Somaaliyaa, Moqaadishoo galuu isaanii ibsame.
Warqinaa Gabayyoon Moqaadishoo yeroo gahan Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Mo’aalim Fiiqiin kan simataman yoo ta’u, turtii isaaniin aanga’oota olaanoo Somaaliyaa waliin akka mari’atan IGAD beeksiseera.
Daawwannaan barreessaa olaanaa IGAD kun dhaabbatichi hariiroo Somaaliyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo qabaachuu agarsiisa kan jedhe IGAD, “Somaaliyaa bira darbee naannichatti nagaa, tasgabbii fi badhaadhina mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessa” jedhe.

Tokkummaa fi birmadummaa biyya Somaaliyaa akka kabajamu gochuun yoomiyyuu ejjennoo isaa ta'uu jaarmiyaan Tumsa Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) ibse.
Barreessaa Olaanaa IGAD kan ta'an Dr Warqinaa Gabayyoo wayita Somaaliyaa daawwatanitti ejjennoo jaarmiyaasaanii kana mirkaneessan.
Daawwannaan duree IGAD kun yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaatee jirutti dhagahame.
Dr Warqinaa Gabayyoo marii Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa waliin gaggeessan irratti IGAD jalqabumarraa birmadummaan Somaaliyaa kabajamuu akka qabu ejjennoo qabatee akka ture ibsan.
Yaa'iin dureewwan biyyoota miseensa IGAD Amajjii darbe gaggeeffame ''tokkummaan daangaa fi birmadummaan biyya Somaaliyaa haa kabajamu jedhee murtee dabarseera. Ammallee ejjennoo keenya akkasuma,'' jedhan.

Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota 200'f barnoota bilisaan kennuuf ta'uu beeksise
Yuunivarsiitiin Finfinnee Barattoota qormaata kutaa 12ffaa 2016 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan 200 dorgomsiise barnoota bilisaan kennuuf ta'uu beeksiseera.
Barattoota kanneeniif tajaajila Kaafee fi Doormii bilisaan kan kennu ta'uu eereera.
Yuunivarsiitichi burqaa barattoota ga'umsaa fi beekumsaa qabanii ta'uuf murannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.
Steps for Application of the scholarship
1. Go to https://portal.aau.edu.et
2. Click on 'Apply for Admission'
3. Fill basic information
4. For sponsorship choose 'Government Scholarship'
5.For Other Reason menu write “more than 500 and above” and attach Your Grade 12 result document.

Yeroo barataa Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa ture yeroo torba cuubeen waraanamee ture.
Laaptooppii isaa fi pirojektota hojjetaa ture hundaa dhabe. Lubbuun isaa garuu du'arraa oolte. Bara 2011 dippaartimantii Siivil Injiineriingiidhaan qabxii 4'n xumuree medaaliyaan eebbifame. Digiri lammaffaatii hanga PhD medaaliyaan xumure.
Ijaarsa istaadiyeemota Waancaa Adunyaaf Kaataar hojjetaa turte irratti hirmaateera.
Amma saayintistoota adunyaa %2 tahan keessaa tokko jedhameera. Kun seenaa Dr Taaddasaa Gammadaati.
Du'a irraa ooluun hanga saayintistii adunyaa tahuutti.

Muddamni cimaan Gaanfa Afrikaa keessatti mudate sababoota waldhabdee walirra dhufan lamaafidha: Inni tokko Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu kan jiru yoo ta’u, inni biraan ammoo Itoophiyaafi Masirii gidduu kan jirudha.
Dhiyeenya kana dubbii aanga’oonni Somaaliyaafi Itoophiyaa walitti deebisan cimaa dhufeera. Kun ammoo walitti bu’iinsa kallattiin ykn karaa biraatiin gaggeeffamu kaasa soda jedhu uumeera.
Akkas taanaan humnoota Masiriifi Itoophiyaa Somaaliyaa keessa buufatan gidduutti walitti bu’insi kallattiin akka jiraatu gochuu keessatti carraa olaanaa qabaata jedhamee sodaatama.
Haata’u malee, iyyanni Somaaliyaan Fulbaana 16 IGAD akka gidduu seenee araarsu dhiyeeffatte ejjennoon ishee laafaa dhufuun mallattoo agarsiisudha.
Tarkiin muddama biyyoota lamaan jiru akka tasgabbaa'uuf walitti isaan fiduuf yaalteetti.

-6021388216365598018_121.jpg
75.3 KB
Masriin si'a lammataaf meeshaalee waraanaa gurguddoo gara Somaaliyaa ergite
Qondaaltonni Somaaliyaa doonii meeshaa waraanaa Masrii irraa yeroo simatan (Suuraa: Abdulqaadir Mohaammad Nur/X)
Fulbaana 23/2024 – Dooniin fe’umsa waraanaa Masrii kaleessa Fulbaana 22, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddoo fi misaa’elii farra xiyyaara waraanaa fe’e buufata doonii Moqaadishootti buufachuu qondaalli Somaaliyaa beeksisan.
Ministirri Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nur fuula X isaanirratti dooniin meeshaa waraanaa fe’e kun buufata doonii Moqaadishoo gahuu suuraa waliin mirkaneessaniiru.
Abdulqaadir barreeffama X isaanirratti maxxansaniin, “Somaaliyaan sadarkaa eenyuyyuu waliin qunnamuuf eeyyama qaama biraa gaafattu darbeera.Dantaa mataa keenyaa ni beekna, michoota fi diina keenya keessaa ni filanna” jedhan.

Somaalilaand meeshaa waraanaa #Masrii irraa gara Somaaliyaa ergameen yaadda'uu ibsite
Mootummaan bulchiinsa of bulchuu labsite Somaalilaand Masriin meeshaalee waraanaa gurguddoo gara Somaaliyaatti ergite "nageenya Gaanfa Afrikaa hammeessa" jechuun baay'ee isa yaaddeessuu ibse.
Ibsi kun kan laatame dooniin fe’umsa waraanaa Masrii kaleessa Fulbaana 22, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddoo fi misaa'elii farra xiyyaara waraanaa fe’e buufata doonii Moqaadishoo gahuu hordofeeti.
Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliland ibsa baaseen, “bulchiinsi Moqaadishoo meeshaalee waraanaa guddaa akkasii haala bu’a qabeessa ta’een bulchuu ykn eeguuf dandeettii waan hin qabneef, meeshaaleen waraanaa kun garas ergamuu isaatiin baay’ee nu yaddeesse jirra” jedhe.
Itti dabaluudhaan, naannawaa tasgabbii hin qabne kana keessatti meeshaan waraanaa seenuun dorgommii meeshaa waraanaa uumuu akka danda'u ibseera.

Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Taayyee Astiqesillaasee ergaa meeshaa waraanaa haaraa Masriin dhuma torbee darbee gara Somaaliyaatti ergite ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.
Taayyeen, dhiyeessiin meeshaa waraanaa humnoota alaatiin taasifamu nageenya laaffataa kana daran hammeessee, dhumarratti ammoo harka shororkeessitoota Somaaliyaa keessa seena jedhan.
Akka dhaabbati oduu mootummaa Itiyoophiyaa gabaasetti, Taayyeen yaada kana kan kennan, Tokkummaa mootummootaatti dhimmootii nageenyaa fi siyaasaaf itti aantuu muummittii barreessituu kan ta’an Roozmarii Dekaarloo waliin Niiw Yoorkitti ennaa wal arganitti.
Yaada Taayyee ilaalchisee deebiin hatattamaa Somaaliyaa irraa hin kennamne, garuu ministirri Ittisaa Abdulkaadir Mohaammad Nuur suuraa Isaabuu fi kan ajajaan waraana Somaaliyaa Jeneraal Ibraahim Sheek Muhiyaaddin buufata doonii Moqaadishootti doonii alaabaa Masrii of irraa qabdu irraa ennaa meeshaan buufamuu ilaalaa jiraachuu isaanii fuula feesbuukii isaanii irratti maxxansaniiru.

Somaaliyaan meeshaalee waraanaa gurguddoo garagaraa Masirii irraa akka argatteefi dabalataanis yeroo itti aanu eeggacha jiraachuu aanga’aan Somaaliyaa tokko mirkaneessan.
Osoo maqaan isaanii hin eeramiin BBC Somaaleetti kan dubbatan aanga’aan kun guyyoota darban keessa dooniitiin fe’amanii ulaa galaana Moqaadishoo kan qaqqabe meeshaalee waraanaa kana mootummaan Somaaliyaa kan hidhatu ta’uu eeraniiru.
Meeshaaleen waraanaa gara Somaaleetti ergaman kunneen misaa’eloota farra xiyyaaraa, madfiiwwafi meeshaaleen waraanaa xixiqqaa ta’uu aanga’aan kun dabaluun ibsaniiru.
Meeshaan waraanaa guddaa kun karaa ulaa galaanaa Moqaadishootiin gara Somaaliyaa galuu isaa ilaachisuun sabaa himaaleen biyyattii gabaasaa kan jiran yoo ta’u, fuula miidiyaalee hawaasaa garagaraa irrattis suuraawwan kana agarsiisanis qoqqodamaa jiru.

This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Iraan Israa'el irratti misaa'ela dhukaasu eegalte.
Iraan galgala kana Israa'el irratti misaa'ela bilaastikii roobsaa jirti.
Gaazexaan Times of Israa'el akka gabaasetti hanga ammaatti misaa’eloonni 200 ol Israa’el irratti dhukaafamaniiru.

#DV2026
Iyyanni Viizaa (DV) US Diversity (DV) bara 2026 har'aa irraa eegalee banaa ta'a.
Bara baajataa 2026'f carraa viizaa (DV) hanga kuma 55 ta’u qophaa'ee jira.
Iyyachuuf kaffaltiin hin barbaachisu.
Ameerikaan namoota kumaatamaan lakkaa’aman Itoophiyaa dabalatee biyyoota adda addaa irraa karaa Diversity Viizaa (DV) akka fudhattu beekamaadha.
Har'aa odeeffannoo bal'aa isiniif dhiyeessina.
https://dvprogram.state.gov/

DV Guutuun eegalameera!!
Ministeerri Dhimma Alaa U.S.A har'a sagantaa waggaa Diversity Visa (#DV) / "Green Card Lottery" jedhamuun beekamu iyyattoota Ameerikaa keessa jiraachuu fi hojjechuu barbaadaniif baneera.
Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa ibsetti sagantichi har’a Roobii Fulbaana 22 irraa eegalee hanga Onkoloolessa 26, 2017 xumurama.
Sagantaa amma jiruun Ameerikaan lammiilee biyya alaa tilmaamaan kuma 55 ta’aniif kaardii magariisaa/Green card/ ni kenniti.
DV galmaa’uuf/iyyachuuf #kaffaltiin_akka_hin_jirre ibsameera.
Walumaagalatti Itoophiyaa dabalatee biyyoota hedduu irraa iyyattoonni DV guutuuf ulaagaa guutan kuma 55 sirna keessootiin akka tasaa filatamu.
#Qajeelfama barbaachisaa, ulaagaalee fi iyyachuuf marsariitii sirrii kana hordofaa: https://dvprogram.state.gov/
Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets iyyattoonni DV iyyachuuf #kaffaltiin barbaachisu waan hin jirreef gowwoomsitoota irraa akka of eeggatan dhaamsa dabarseera.

"As Finfinneetti miti kirkirri lafaa kan uumame. Dambalichi lafa jalaa imalee as ga’e malee kirkirri kan mudate Awaashitti yommuu ta’u Rekter Iskeeliidhaa 4.9 ta’a" - Dr. Eliyaas Leewii
Yuunivarsiitii Finfinneetti Daarektarri Ji'oo Fiiziksii fi Saayinsii Hawaa Doktar Eliyaas Leewii Televijiinii biyyalessaaf ibsa kennaniin
"Akka odeeffannoo hanga ammaatti argameen kirkirri lafaa kun kan mudate as Finfinneetti osoo hin taane, Awaashitti.
Garuu lafa jala deemee as Finfinneefi bakka adda addaatti dhagahamee gamoo raase.
Iskeelii Riiktarii 4.9 kan ta’u kirkirri Awaashitti mudate kun gaara Fantallee jedhamurraa hanga naannoo Matahataatti kan dheeratudha.Odeeffannoon hanga ammaa jiru kana fakkaata.
Ummanni tasgabbaa'uu qaba. Sirriidha, dhaga'amuu danda'a garuu dhiheenyatti miti
Odeeffannoo dabalataa akkuma arganneen isin beeksifna. “ Jedhan.
Kirkirri lafaa kun Itoophiyaa bakkoota garaa garaatti dhaga’amaa akka jiru jiraattoonni miidiyaa himaa jiru.

Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii barattoota bara barnootaa 2016 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii ifoomeera.
Haaluma kanaan:-
Barattoota dhiiraa Saayinsii Uumamaa fi Haawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 204,
Barattoota Shamarranii Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,
Barattoota dhiiraa naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 192,
Barattoota Shamarranii naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 186,
Barattoota dhiiraa sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 238,
Barattoota Shamarranii sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 224 ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

Somaaliyaa, Ertiraafi Masriin 'Itoophiyaarratti wal tumsuuf' waliigalan
Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuud, kan Masrii Abdul fattaah al Siisii fi kan Ertiraa Isaayyaas Afawarqi
Hooggantootni Masrii, Somaaliyaa fi Ertiraa, kan sadanuu Itoophiyaa waliin rakkoo keessa galan, magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraatti walgahaniiru.
Yaa'iinsaanii kun raawwatamuu ilaalchisee ibsi Asmaraarraa bahe ''birmadummaa kabajuu...tokkummaa daangaa biyyoota naannichaa eeguu'' yaada jedhu qaba.
Yaadni kun Itoophiyaa ilaallata. Keessumaa sochii ulaa galaanaa argachuuf jalqabdeen dhibdee Somaaliyaa waliin galte wajjin walqabata. Ammoo ibsichi ifatti maqaa Itoopphiyaa hin dhoofne.
Dhibdeen Itoophiyaa waliin ji'oota dura eegale Somaaliyaan michummaashee Masriifi Ertiraa waliin akka jabeessitu dhiibeera. Masriifi Ertiraan ammoo yeroo dheeraaf biyyoota Itoophiyaa waliin rakkoo qabaniidha.

Balaa Ibiddaa Markaattoo Naannawaa Shaamaa taraa jedhamutti mudate to'achuuf hojjetamaa jira jedhame
Balaa Ibiddaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa Markaattoo Naannawaa Shaamaa Taraa jedhamutti mudate to'achuuf hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa magaalichaa beeksise.
Balicha to'achuuf konkolaattoonni Ittisaa Balaa fi ogeeyyiin bobbaafamuu Ogeessi Hariiroo Ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon ibsaniiru.
Ka'umsii fi miidhaan balichi qaqqabsiise qulqullaa'ee ummataaf kan ifoomu ta'uu Obbo Nigaatuun FBCfi himaniiru.

Filannoo Ameerikaa kana keessatti bakkeewwan murteessoo fi sagalee guddaa qabu jedhamanii adda ba'antu jiru.
Wayita sagaleen lakka'amu bakkeeewwan kunneen dhiibbaa akkami akka geessisaniif ijji namootaa kutaalee swing states ykn sagalee guddaa filannoo kana murteessu jedhamee eegamu irra jira
Filannoo pirezidaantii keessatti, kutaaleen biyyaa namoota baay'ee qaban qabxii dabalataa, ykn sagalee filannoof gatii qabu. Guutummaa US keessatti walumaa galatti sagalee filannoo 538tu dhiyaate
Kan injifate kaadhimamaa 270 fi isaa ol argate ta'a.
Kutaaleen biyyaa torba filannoo kanaaf furtuu jedhaman sagalee wa'ligalaa filannoo 93 gidduu qabu.