Telegram Web
393. Osoo Iyyesuus Kiristoos fooniin hin dhalatin duratti, maqaan isaa “Iyyesuus” akka jedhamu ergamaan Waaqayyoo dubbateera. Erga dhalatee booddee maqaa mucichaa “Iyyesuus” jedhee kan moggaase/waame eenyudha?
Anonymous Quiz
39%
A. Ergamaa Gabri’eel
30%
B. Haadhasaa qulqulleettii Durbee Maariyaam
22%
C. Maanguddicha Yooseef
2%
D. Qulqulleettii Saloomee
7%
E. Jaarsicha Simi’oon
7🥰4
394. Mootota gooftaa keenyaaf sagaduu dhufan keessa tokko kennaa Warqii laateef; kun maal ibsuufidha?
Anonymous Quiz
25%
A. Waaqayyo ta’uu isaa.
59%
B. Mootii ta’uu isaa.
11%
C. Nuuf jecha fedhii isaatiin du’a akka fudhatu.
5%
D. Nuuf jedhee akka cuuphamu.
8
395. Moototni ba’a-biiftuu [Seba-segel] gooftaa keenyaaf sagaduu yemmuu dhufanitti kennaa Ixaanaa laachuufiin isaanii maalif dha?
Anonymous Quiz
42%
A. Waaqayyo ta’uu isaa ibsuuf.
23%
B. Mootii ta’uu isaa ibsuuf.
24%
C. Nuuf jecha fedhii isaatiin du’a akka fudhatu ibsuuf.
11%
D. Nuuf jedhee akka du’aa ka’u ibsuuf.
🥰64
396. Moototni ba’a-biiftuu [Seba-segel] sun gooftaa keenyaaf sagaduu yemmuu dhufan sanatti kennaan isaan Karbee/Qumbii laataniif maal ibsa?
Anonymous Quiz
26%
A. Waaqayyo ta’uusaa.
15%
B. Mootii ta’uusaa.
55%
C. Nuuf jecha fedhiisaatiin du’a akka fudhatu.
4%
D. Nuuf jedhee akka samiitti ol ba’u.
10👍1
397. Moototni ba’a-biiftuu [Seba-segel] yemmuu gooftaa keenya haadhasaa qulqulleettii durbee Maariyaamii wajjin argatanitti jalqaba maal godhan?
Anonymous Quiz
80%
A. Lafatti gad gombifamanii sagadaniif.
15%
B. Harka fuudhaa kennaniif.
3%
C. Deebi’anii Heeroodiisitti himan.
3%
D. Na’aanii badan!
5🥰4👍3
398. Moototni ba’a fagoo sadan kennaa “Harka fuudhii” gooftaadhaaf fidan sana eenyuutti kennan?
Anonymous Quiz
33%
A. Maanguddicha Yooseef
52%
B. Haadhasaa Qulqulleettii durbee Maariyaam
8%
C. Qulqulleettii Saloomee
6%
D. Ergamaa Gabri’eel
11
🥰7👍43
400. Yeroo gooftaan dhalate sanatti tiksootni naanna’aa sana jiran gosa beelledaa kam eegaa/tiksaa turan?
Anonymous Quiz
41%
A. Loowwan
13%
B. Harroota
45%
C. Hoolota
1%
D. Re’oota
10👍3
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
Instant View☝️ kan jettu tuquun banadhaa dubbisaa!

Foon Uffachuu Gooftaa Keenya Iyyesuus Kirsistoos

1.1 Jechi Nama Ta’uu Isaa

1.2. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Nama ta’e?

1.3. Iyyesuus Kiristoos Yoom Nama Ta’e?

1.4. Iyyesuus Kiristoos Akkamitti Nama Ta’e?

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

Group : @DeebiiGaaffiiShakkitootaa

Yaada fi gaaffiidhaaf: @YaadgaaffiiBot

https://telegra.ph/Foon-Uffachuu-Gooftaa-Keenya-Iyyesuus-Kirsistoos-01-08
4👍4🥰3👏1
Forwarded from GODOLIYAAS
Iyyasuus

'Maddi maqaa Iyyasuus jedhuu eessa? Hiikni isaa hoo maal jechuudha? Iyyesuus moo Yesuus tu sirriidha'

Maqaan kun duubatti deebinee yoo ilaallu seenaa baroota dheeraa kan qabudha. Kunis bu’uurri maqichaa maqaa Hibruu (Ibraayisxi) ‘Yehoshua/Joshua’ jedhu irraati. Hiikni maqaa kanaas ‘Yahweh saves-Waaqayyoo ni fayyisa/fayyisaadha’ akka jechuuti. Kitaaba Qulqulluu keessattis yeroo jalqabaaf hojiirra oolee kan argannu kakuu moofaa keessatti S.Bah. 17:9 irrattidha. ‘Museen yommus Iyyaasuudhaan, “Namoota fo'adhuutii dhaqii warra Amaaleq loli! Anis bor ulee Waaqayyoo qabadhee gaara gubbaa nan dhaabadha” jedhe’. Maqaan kun yammuu hayyoota 70n (Septuagint) gara afaan Giriikiitti hiikamu sababa sagaleewwan (vowels) hunda maqaa kana keessa jiran afaan Giriik keessaa argachuu hin dandeenyeef kaan keessaa baasuun, kaan immoo bakka buusuun (Greek transliteration) maqichi ‘Iēsous' (I-Suus jedhamee dubbifama) jedhame. Asirratti wanti hubatamuu qabu, hiikaan maqichaa gara Giriikiitti jijjiiramee osoo hin taane maqichatu gara barreeffama Afaan Giriikiitti jijjiirame.  Fakkeenyaaf maqaa Afaan Oromoo ‘Badhaasaa’ jedhu afaan Amaariffaan barreessuu osoo barbaadne “ባዳሳ-Badaasaa” jenna. Sababni isaa qubeen ‘Dh’ afaanicha keessa waan jirreeffidha. Kunimmoo seera afaanii keessatti “transliteration” jedhama.

Egaa Ilmi Waaqayyoo gaafa foon nama uffate maqaa kanaan akka waamamu Qulqulluun Gabri’eel gaafa Dubroo Maariyaamiitti missiraachoo hime dubbateera. “Ilma ni deessa Maqaa isaas Iyyesuus [Yehoshua/Joshua] ittiin jetta” Luq. 1:31. Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaawwan jiran baay’een isaanii maqaawwan eenyummaati; kana jechuun waamichaaf qofa kan oolan osoo hin taane eenyummaa abaluu sanaa illee ni ibsu jechuudha. Fakkeenyaaf Abrahaam, Pheexiroos, Phaawuloos….

Haaluma kanaan Ilmi Waaqayyoo nama fayyisuuf dhufuu isaatiin fayyisaa waan ta’eef Yehoshua-Fayyisaa jedhame. Kunimmoo akkuma olitti ilaalleen gara Giriikitti yoo deebi’u “Iēsous” jedhameera. Isa booda akkuma Kitaabni Qulqulluu Giriik kun Afaan garaagaraatti hiikamaa deemeen maqichis haaluma afaan sanaaf mijatutti waamamaa deeme jechuudha. Fakkeenyaaf afaan Engiliffaatti ‘Jesus’, afaan Amaariffaatti/Gi’iiziitti ‘እየሱስ”; Afaan Oroomootti ‘Iyyasuus; Yesuus’. Asirratti wanti tuqeen darbuu barbaadu, dubbattoota Afaan Oromoo birati yeroo baay'ee falmiin maqichi 'Iyyasuus' moo Yesuus? jedhu ni ka'a; amma falmiin akkasii akka hin barbaachisne hubattaniittu jedheen amana! Garaagarummaan gidduu isaanii jirus yoo baay'ate loqoda ykn adeemsa hiika afaan tokko irraa afaan biraatti taasifamuutiin garaagarummaa uumame ta'uu mala, kanaaf ajandaa falmii ta'uu hin qabu!

Haala kanaan hiikni maqaa Iyyasuus jedhuu fi Iyyaasuu jedhu hiikuma wal-fakkaataa qabu. Kana yoo ibsu barreessaan kitaaba ‘Malkaa Iyyesuus’ buufata isa jalqabaa ‘selaam le zikre simike-nagaan yaadannoo maqaa keef” isa jedhurratti akkas jedha, “…uumaa koo yaa Iyyesuus Kiristoos akkeenya Daawit akkeenya kee kan godhatte, qabeenya keessoo Daawit kan ta’e ati Iyyaasuudha. Gonfoo Maqaa kee mataa isaarratti gonfachuun diina isaa mo’ee biyya ishee gaarii sana dhaale”  Garuu burjaajii akka hin uumneef afaanota hedduu keessatti waamicha irratti garaagarummaa xiqqoo qabu. Fknf Ingiliffaatiin Jesus  fi Joshua; Afaan gara keenyaatiinis Iyyasuus fi Iyyaasuu jedhama, hiikni lamaanuu garuu 'qoricha/fayyisaa' jechuudha.

Lammeessaa T. (Dn)
Mudde 28, 2017

╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮
            @Kalabhiyahu
            @Kalabhiyahu
╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
12🥰5👍4
407. Abbaa fi haati qulqullicha angafta wareegamtootaa Diyaaqon Isxifaanos eenyu?
Anonymous Quiz
36%
A. Simi’oonii fi Haannaa
10%
B. Zakkaariyaasii fi Elsaabeet
34%
C. Haanaaniyaa fi saphiiraa
20%
D. Simi’oonii fi Aqleesiyaa
14
408. Angafti wareegamtootaa Diyaaqon Isxifaanos eessatti dhalate?
Anonymous Quiz
20%
A. Beeteliheem, Yihuudaa
29%
B. Haanos, Israa’el
34%
C. Sooriyaa
16%
D. Iyyerusaalem
9🥰2
409. Gosoota Israa’el kudha lamaan keessaa angafti wareegamtootaa Diyaaqon Isxifaanos gosa kamidha?
Anonymous Quiz
36%
A. Gosa Biniyaam
12%
B. Gosa Daan
20%
C.Gosa Yihuudaa
32%
D. Gosa Lewwii
6👍3
410. Angafta wareegamtootaa Diyaaqon Isxifaanos daa’imummaa isaatti seera ooriitii barsiisee kan guddise eenyuudha?
Anonymous Quiz
16%
A. Qulqulluu Pheexiroos
21%
B. Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa
17%
C. Qulqulluu Naatinaa’el
46%
D. Luba Gamaaliyaal
9
2025/07/13 18:19:24
Back to Top
HTML Embed Code: