Telegram Web
Forwarded from Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH))
"Fannoo isaatiin nageenya buuse!" Qol. 1:20

✍️ Jaallatamtoota maatii Waaqayyoo, hordoftootni channel kanaa fi kanneen barreeffama kana dubbiftan hundi keessan Baga Kabaja Yaadannoo Ayyaana Fannoo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan bara 2017 ykn marsaa 1732ffaa nagaan isin ga'e nu ga'e!

Barreeffamni kun bara darbe kan maxxanfame, irra deebiidhaani.

"INSATANT VIEW" kan jettu tuquun seenaa dubbisaa👇👇👇






"Fannoo isaatiin nageenya buuse" Qol. 1:20 – Telegraph
https://telegra.ph/Fannoo-isaatiin-nageenya-buuse-Qol-120-09-27
👍76🤩4🥰2
Forwarded from Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (Mr Dn Bacha Negasa(BTH))
"Dhaalli isaanii Waaqayyodha." K.D 18:2
"ርስታቸው እግዚአብሔር ነው።" ዘዳ.18፣2

Nama Waaqayyo dhaala isaaf ta'e addunyaan isaa dhugaadha ykn dhugaan addunyaa isaati. Addunyaan hunduu kan Waaqayyooti. Nama dhaalli isaa Waaqayyo ta'e hunduu kan isaati. Mucaan hamaa taanaan dhaala abbaa isaarraa ni buqqifama. Dhaala keessa hin galu. Seera Waaqayyoo keessaa baanee fedhii foon keenyaa raawwachuuf yoo tattaafanne dhaala Waaqayyoo keessaa baana. Yoo seera Waaqayyootiin geggeeffamne garuu, dhaalli keenya isa ta'a.

*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e hin sobu.
*.  Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e nama hin hamatu.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e sanyummaa hin leellisu.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e jibba hin qabaatu.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e haaloo hin qabatu.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e kasoomaadha.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e gara laafessa.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e garraamiidha.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e garaadhaaf osoo hin taane, dhugaadhaaf jiraata.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e  galata gati-dhabeessaa ni jibba.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e nama hundumaa akka mataa isaatti jaallata.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'ehin loogu.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e jiraataadha.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e homaas, hoomas hin sodaatu.
*. Namni Waaqayyo dhaala isaaf ta'e nama hin arrabsu.
*.
*.
*.
*.
*.
Isinis itti guutaa!
Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH)
Fulbaana 17, 2017 Finfinnee.
👍11🥰2💔2
Jecha sagalee Waaqayyo dubbate kana yaadatti haa qabannu!

“Waaqayyo Gooftaan: ‘Yeroon ani biyyatti beela fidu tokko dhufa; innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti. Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha galaanaa gara galaanaatti, kaabaa gara baʼa biiftuutti jooru; garuu hin argatan.’ jedhe!” (Amo.8:11-12).
16😢8😭7
Forwarded from Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (Mr Dn Bacha Negasa(BTH))
Maaliif akkas hin goonuu?🤔
(Yaada irratti kennaa!)

Kitaabni kun kitaaba jireenyaati. Dhalli namaa akka ittiin jiraatuuf Waaqayyo biraa kan kenname dha. Qajeelfama jireenya keenyaa qabatee kan jiru kitaaba murteessaadha. Kan kitaaba kana fudhannu hundi kitaaba kana wajjin wal baruu qabna. Maarree, akka kitaaba kanaan wal barruuf, seera uumamaa irraa eegallee hanga mul'ata Yohaannisitti karoora qo'annaa fuullessaa maaliif hin eegalluu?

Akkaataan ittiin qo'annu akkasi👇

1. Kutaa kitaaba qulqulluu tokkoof (Fakkeenyaaf, seera uumamaatiif) guyyaa 7 ykn torbee tokko kennina. Kana jechuun, kutaa kitaaba qulqulluu tokko torbee tokkotti dubbifnee xumurra jechuudha. Torbee itti aanu immoo, kutaa itti aanu.

2. Guyyaa guyyaatti kan dubbifne keessaa wanti ifa nuuf hin taane yoo jiraate asirratti gaafachuu.(Gaaffii isa kana miseensa hundatu waan ifa isaaniif hin taane gaafata).

3. Jimaata jimaata guyyaa gaaffii taasifannee isa dubbifne keessaa gaaffii wal gaafanna.(Gaaffii isa kana kan baasu ykn gaafatu to'attoota Chaanaalii kanaa qofa).

Osoo akkas goonee waggaa kana kitaaba qulqulluu marsaa tokko dubbifnee xumurra. Achi booda irra deebinee, irra deddeebinee dubbisuudha. Akkasittiin kitaaba jireenyaa kana waliin wal barra.

Kanaafuu, namootni yaadni kun bareedaadha jettan, kan isiniif mijatu yaada keessan nuuf qoodaa🙏


Hub:- Warroonni kitaaba qulqulluu isa hardcopy hin qabne, softcopy bilbilarraa fayyadamuu dandeessu🙏
29👍18🔥1💔1
Forwarded from Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH))
"Kitaaba kana nyaadhu" Hiz. 3:1

Kottaa dhaloota dubbisu haa horruu!
Kottaa kitaaba jireenyaa waliin wal baraa!

"Karoora kitaaba qulqulluu duubbisuu(The project of reading Bible)" jedhu, kan yeroo darbe isin gaafanne irratti hedduun keessan fedhii akka qabdan nu beeksiftaniittu. Kanaafuu, bor (Onkoloolessa 2, 2017) irraa eegallee Seera Uumamaa itti haa fufnu. Guyyaatti Boqonnaa 5 dubbifna. Fkn bor Seera Uumamaa Boqonnaa 1 hanga Boqonnaa 5tti dubbifna jechuudha.

Namn sagantaa kana hirmaatu qabxiiwwan kurnan armaan gadii hordofuu qaba.👇

1. Kitaabni qulqulluun afuura qulqulluudhaan waan barreeffameef, yeroo dubbifnu kadhannaa godhannee sodaadhaan dubbisuu, akkasumas akka hubannutti suuta dubbisuu.

2. Erga dubbisnee booda guyyaa guyyaatti galgala sa'aatii 1:00 irraa eegallee, kutaa kitaaba qulqulluu dubbifne sana keessaa gaaffii wal gaafachuu.

3. Kutaa kitaaba qulqulluu tokko guutummaa isaa dubbifnee erga xumurreen booda(fknf:- Seera uumamaa dubbifnee erga xumurreen booda) gaafii kudhan kudhan baafnee wal madaaluu.

4. Erga dubbisuu jalqabneen booda, namni akka adda hin kunneef wal jajjabeessuu/wal gorsuu fi wal kakaasuu, haamilee waliif ta'uu.

5. Yeroo dubbifnu, kutaa kitaaba qulqulluu keessaa bakka ifa nuuf hin taane yaadannootti qabachuudhaan barsiisota gaafachuu.

6. Kitaaba qulqulluu dubbisuuf subaa'ee galuu yoo baannellee, kitaaba qulqulluu dubbisuuf waadaa ofiif gallee hanga xumurrutti dubbisuu.

7. Sagaleen Waaqayyoo qajeelchaa jireenya keenyaa waan ta'eef, yeroo dubbifnu waan hubanne tokko gara jireenyaatti osoo jijjiirree gaariidha.

8. Qabxii lakkoofsa 1ffaa irratti akkuma caqasne kitaabni qulqulluun, Afuura qulqulluudhaan waan barreeffameef nu eebbisa. Kanaafuu, hammam yoo beeknellee irra deddeebinee yoo dubbifne gaariidha.

9. Torbanitti guyyaa tokko(jimaata galgala), gaaffii barsiisotni nuuf baasan hojjechuu.

10. Namootni erga nuti jalqabnee booda walakkaatti dhufan yoo jiraatan, jalqabaa eegalanii dubbisanii nu haa qaqqabani. Ykn immoo bakkuma nuti jirruu eegalanii nu waliin dubbisanii, yeroo xumurru immoo isa isaan darbe deebi'anii haa dubbisani.


Hub:- Barreeffamni "Sirna jireenyaa" jedhuu fi maxxansoonni tokko tokkos ittuma fufu, wal cina deemsifna jechuudha.🙏

Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH)
36👍7
2025/07/14 18:29:08
Back to Top
HTML Embed Code: