Telegram Web
Forwarded from Orthodox Promotion (Misganu Mulatu)
Guyyaa guyyaan gaaffilee afuuraa kan Mana Kiristiyaanaa keenya Ortodoksii Tewaahidoo argachuu yoo barbaaddan kottaa Channel “Gaaffiidhaan baradhaa!” jedhu kana Join taasifadhaa!
Forwarded from Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (Br/saa Dn Baacaa Nagaasaa(BTH))
'Waqtii Dhukkubbii fi Barnootaawwan mana kiristiyaanaa sanaan wal qabatan'

👉 Kaayyoo:- Kiristiyaanonni dubbii/barumsa amantaa torban kana waliin wal-qabatee ka'u bu'uura irraa akka hubatan taasisuu!

1. Moggaasni guyyoota torbee dhukkubbiiwwani ergaa maalii of keessaa qaba!

2. Torban kana gidiraa Gooftaa keenya irra gahetu yaadatama; Bu'uura kitaabolee qulqullaa'oo irratti nuuf barreeffameen, mee sun akkam ture? Eessaa, yoom jalqabee eessatti, yoom xumure?

3. Yeroo kana hundumaatti Duuka bu'oonni isaa akkam ta'an? Eessa turan? Haati isaa qulqulleettiin Dubroon Maariyaam hoo eessa turte? Gidiraa Ilma isheee akkamitti dabarsite?

4. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gidiraa kana hunda fudhate gaafa jennu maal jechuudha? Waaqni akkamiin gidirfama? Waaqni qaama reebaamu, fannifamu ni qabaa?

5. Jechoonni Torban Gooftaan fannoo irratti dubbate maal fa'a turan? Barumsa fi hubannoo tokkoon tokkoon isaanii of keessaa qaban immoo maali?

6. Kitaabni sirna Dhukkubbiiwwanii torban kana keessa dubbifamu, "Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Kiristoos nama ta'ee gidiraa fudhate; gidiraa isaatiinis nu fayyise" jedha;  gidiraa isaa kanaan akkamitti nu fayyise? Gidiraa kana hoo fedha isaan moo cimina loltoota sanaatiin fudhate? Seexana hoo akkamitti hidhe?

7. Gooftaan keenya "Waaqadhas, namadhas" jenneerra. "Nama ta'uu isaatiinis du'eera" jenneerra. Kanaaf yemmuu inni fannoo irratti Lubbuu fi Foon isaa adda bahe waaqummaan  eenyuu wajjin ture, lubbuu moo foon wajjini?

8. "Kiristoos guyyaa sadaffaatti du'aa ka'e" jenna; sun akkamitti lakka'ameeti?

Torbee dhukkubbiiwwanii keessa Miidiyaa Sootiriyaa(MS) irratti nu hordofaa🙏
Forwarded from Amantaa kee bari/ሃይማኖትህን እወቅ (Mr Dn Bacha Negasa(BTH))
"Torbee dhukkubbiiwanii keessa maaltu dhorkamaa? Maaltummoo eyyemamaa?​​"

Hayyuun hayyootaa Sim'a Koonee Mal'aak/ስምዐ ኮነ መልአክ akka barreessetti.

Kan hiike:- Br/saa Baacaa Nagaasaa(dn)

Torbee dhukkubbiiwwaniitti/በሰሙነ ሕማማት kana raawwadhaa👇

Baga geessan!

Torbeen dhukkubbiiwwanii Waaqni keenya, qorichi keenya, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos addunyaa hundaaf beenyaa ta'ee kennamuu isaa kan itti yaadannu torbee addaati.

Kana sababa godhachuudhaan yemmuu jijjiiramni sirnaa taasifamu ilaalanii kan burjaaja'anii fi torbee kana sirna waaqeffannaa dur raawwatan seeraan hordofuu mannaa, waan seera diigan itti fakkaatee kan dhiphatan waan jiraniif, waan taasifamuu qabu ykn waan raawwachuu qabnun isiniif barreessa!

1. "Maqaa abbaa, kan ilmaa, kan afuura qulqulluu" jennee, fuulaa fi qaama keenya mallattoo fannoo Gooftaatiin mallatteeffachuun hin dhorkamu. Fannoo ilaalchisee kan dhorkame, harka lubootaatii fannoo dhungachuu, hiikamuu fi eebbifamuudha. Kun waan dhorkameef, mallatteeffachuunis dhorkameera jechuun garuu falaasama namoota dhuunfaa yoo ta'e malee kitaaba mana kiristiyaanaa irratti hin barreeffamne. Kanaafuu, Kitaabota dubbisuuf, kadhannaa eegaluuf, soorata eebbifachuuf, akkasumas hojiilee kamiiniyyuu yeroo raawwachuuf akkuma yeroo kaaniitti torbee kanas "Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuuraqulqulluu" jennee mallatteeffachuun ni danda'ama/ni eyyemama. Yeroo nuti maqaa Waaqayyoo waamuurraa dhorkamnu hin jiru waan ta'eef.


2. Torbee kana keessa kadhannaan akka dhuunfaatti dhorkames akka hin jirre beektanii, kadhannaa kanaan dura amaleeffattan ciminaan kadhachuu qabdu. Kadhannaa ilaalchisee torbee kana kan dhorkame kan gamtaa ykn kadhannaawwan akka walii galaatti manni kiristiyaanaa gamtaadhaan geggeessitu(galatoo, cuuphaa/kiristinnaa, fitaatii fi kkf) qofatu dhorkama malre kadhannaan dhorkamu hin jiru. Kitaabolee kakuu moofaa irraa eega hanga kitaabolee hayyootaatti kitaaboleen hunduu ni dubbifamu.

3.  Nagaa wal gaafachuun guyyaa gaafa kamisaa qofa dhorkama malee guyyaa kaan hin dhorkamne. Inni guyyaa kamisaayyuu, Gooftaan guyyaa kana nagaa Yihuudaatiin dabarfamee kennamuu isaa yaadachuuf malee sababa biraa waan qabaateef/cubbuu waan ta'eef miti. Kanaafuu, guyyuma kamisaa sanayyjj namni tasa dogoggoree yoo nagaa wal gaafate akka waan cubbuu hojjeteetti naasisuu/rifachiisuu fi dhiphisuun sirrii miti.

4.  Kitaabolee dhukkubbii fi du'a Gooftaa keenyaa nu yaadachiisan dubbisuu fi dhaggeeffachuun yeroo keenya dabarsuu qabna.

5. Torbee kana gammachuu foonii raawwachuun Yihuudota waliin tokkoomuutti waan lakkaa'amuuf; baay'isanii nyaachuun, baay'isanii dhuguun, uffata miidhagaa uffatanii of faayuun, of kuuluun, haati manaa fi abbaan manaa sireerratti wal quunnamuun(fedha foonii raawwachuun), fi kkf waan hin eyyemamneef irraa fagaachuu qabna. Gidiraa Kiristoos isa qulqulloonni bara isaaniitti yemmuu yaadatan dhiphatan sana nutis yaadachaa, yeroo xiqqoofillee namummaa keenyaan dhiphina Kiristoosiin yaadachuu qabna.

Kan danda'u akka Pheexiroos cubbuusaa yaadachaa, akka Maariyaam Magdalaawiit du'a Kiristoosiin yaadachaa boo'uu qaba. Addunyaa isa dhufutti boo'uj irraa kan nu baraaru har'a cubbuu keenya yaadannee, du'a Kiristoosiin yaadannee boo'uudha waan ta'eef.

6. Yoo nuuf danda'ame mana kiristiyaanaa(mana qulqullummaa) ooluu qabna. Torbeen kun torbee kitaaboleen dhukkubbiiwwan Gooftaa nu yaadachiisan itti dubbifaman waan ta'eef. Garuu, sababoota adda addaatiin mana kiristiyaanaa(mana qulqullummaa) dhaqnee ooluun yoo nuuf hin danda'amne bakkuma jirru taanee sobuudhaan warra sobaan isa himatan, saamuudhaan warra uffata isaa irraa baafatan, nama reebuudhaan warra isa garafan/reeban, namarratti murteessuudhaan warra Kiristoos irratti murteessan, namatti qoosuudhaan warra Kiristoositti qoosan, nama sobuu fi goyyomsuudhaan Yihuudaa isa nagaa sobaa fi goyyomsaatiin Gooftaa dabarsee gurgure fakkaachuu hin qabnu.
👏 #Gadhiifameera👏

Torbee Dhukkubbii Miidiyaa Sootiriyaa Waliin‼️

Torbee Dhukkubbii Gooftaa sababeeffachuun sagantaalee addaa isiniif qopheessine keessaa qophii Dhimbiibbaa keenyaan sagantaa "Dhukkubbii Dubbii Waaqummaatiin" jedhu kan isiniif qopheessine kutaa 1ffaa kana akka daawwattan jaalala Gooftaan isin affeerree jirra. Obboloota keessaniif qoodaa, tajaajilichas jajjabeessaa!

"Gooftaan keenya nama ta'ee gidiraa fudhate; gidiraa isaatiinis nu fayyise"

Tajaajilicha jajjabeessuuf chaanaalii YouTube Miidiyichaa #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna!👇

https://youtu.be/uTaBVNC2SjQ
👏 #Gadhiifameera👏

Torbee Dhukkubbii Miidiyaa Sootiriyaa Waliin‼️

Torbee Dhukkubbii Gooftaa sababeeffachuun sagantaalee addaa isiniif qopheessine keessaa qophii Dhimbiibbaa keenyaan sagantaa "Dhukkubbii Dubbii Waaqummaatiin" jedhu kan isiniif qopheessine kutaa 2ffaa isaa akka daawwattan jaalala Gooftaan isin affeerree jirra. Obboloota keessaniif qoodaa, tajaajilichas jajjabeessaa!

"Gooftaan keenya nama ta'ee gidiraa fudhate; gidiraa isaatiinis nu fayyise"

Tajaajilicha jajjabeessuuf chaanaalii YouTube Miidiyichaa #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna!👇

https://youtu.be/XxsOuj4qQKg?si=4SI0YVFBkoI8HXPP
👏 #Gadhiifameera👏

Torbee Dhukkubbii Miidiyaa Sootiriyaa Waliin‼️

Torbee Dhukkubbii Gooftaa sababeeffachuun sagantaalee addaa isiniif qopheessine keessaa qophii Dhimbiibbaa keenyaan sagantaa "Dhukkubbii Dubbii Waaqummaatiin" jedhu kan isiniif qopheessine kutaa 3ffaa isaa akka daawwattan jaalala Gooftaan isin affeerree jirra. Obboloota keessaniif qoodaa, tajaajilichas jajjabeessaa!

"Gooftaan keenya nama ta'ee gidiraa fudhate; gidiraa isaatiinis nu fayyise"

Tajaajilicha jajjabeessuuf chaanaalii YouTube Miidiyichaa #Subscribe, #Share , #Like fi #Comment akka gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna!👇

https://youtu.be/Z1ubiZyE2Ro?si=bdz9dtyN_CbxiXB-
Iyyesuus Kiristoos Eenyuudha.pdf
51.3 MB
Kitaaba : “Iyyesuus Kiristoos Eenyudha?” Dn Digaafee Daanyaachaw ’tiin!

https://www.tgoop.com/abdiimaariyaamiifinjira
2025/06/27 06:57:55
Back to Top
HTML Embed Code: