Telegram Web
Gaaf-tokko abbaan sooressi tokko ilma isaa fudhatee gara ganda tokkotti imale. Namoonni kaan hagam hiyyeessa akka ta'an itti argisiisu barbaadee, lafa qonna maatii hiyyeessa tokkoo keessatti yeroo dabarsan, Yeroo imala irraa deebi'an abbaan ilma isaan, " imalli akkam ture ?" jedhe gaafate. Ilmisaas" baayyee gaarii ture abbaakoo jedhee deebiseef.
Abbaan: hiyyeessi akkamitti akka jiraatu argitee?

Ilma: eyyee 🤙

Abbaa: Egaa imala kana irraa maal baratte mee natti himi?

Ilma: Nuti saree tokkoo qabna isaan afur qabu , nuti kuufama bishaanii xiqqaa qabna isaan lageen qabu, nuti ibsaa qabna isaan urjii qabu. Nuti nyaata ni bitaanna isaan ni oomishatu. Nuti of eegannoof dallaa qabna isaan hiriyyoota qabu. Nuti Televiijinii qabna isaan maatii fi firoota waliin yeroo dabarsu jedheen.
Abbaan mucaa waan dubbatu dhabee afaan qabate. Achiis ilmi isaa akkas jedheen, "abbaa hammam hiyyeessa akka taane waan natti argiisiifteef galatoomi' jedheen jedhama.😌

Karaa deemaa

@baacoowwan
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
MUU GARAA!

Abbaan damma nyaateef
Ilma afaan hin mi'awuu
Jaarsa ilkaan dhukkubeef
Jaartii afaan hin ajaa'uu
Waan dhukkubeef mitiim
Uummoo waanti aadchisuu
Amala nama baret
Gad nama hin lakkisuu
Kan gaafa qabuhoo
amalaaf boorataa
Molgoon hoo hin taa'uu
maaf ka'ee dhaabbattaa?
""""""""'""''''''''""""""""""""""''''''''''"""'''
Sangaan silaa quufeet
dacheetti dhaadataa
Jabbiin hoo maal taate
Maaltu itti mul'ataa?
@walaloo430
Forwarded from Baacoowwanbot
Galatni kan Tekniloojiiti daataan akka malee dabalee nu rakkisee Ture Amma garuu Tolaan fayyadamuu ni barbaadduu maal eegduree ajajadhaa 🤘
Makmaaksa kana kamtu guuta?

"Jaamtu ni jaamti malee..................ija hin dhiqani"
Anonymous Quiz
10%
Adurree
2%
Hoolaa
88%
Saree
#Ayi_Tiraamp

“Hooggantoonni Afrikaa nama ta’uu isaaniiyyuu nan shakka. Erga Kolonii jalaa baatanii waggaa 50 oli. Garuu ammayyuu Ummata keesaaniif daandii, bishaan, barnoota gaarii kennuu hin dandeenye. Namummaa isaaniii nan shakka. Albuudota Akka Warqii, Diamond, Sibiila, boba'aa,... utuu qabanii sabasaanii hiyyuummaa jalaa baasuu hin dandeenye. Kanaaf nama ta’uusaanii nan shakka. Bulchitoonni Afrikaa Uummatasaanii ittiin ajjeesuuf meeshaa waraanaa ammayyaa’aa biyya alaatii galchu, uummatasaanii akka sareetti tuffatanii reebanii gidirsu. Uummanni isaanii biyyasanatti kabajamanii jiraachuu hin danda’an . Akka mootummaan biyya biraa isaaniif kabajummoo ni barbaadu, kanaaf Bulchitoonni Afrikaa saamtotaafi fi waliin dhooftotadha” pireezidaant Donald J. Trump

#RECORD


@baacoowwan
#kana_dhageessanii?

Namni tokko guyyaatti giddu galeessaan si'a 6_10 fincaa'a!

@baacoowwan
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Amboorraan gadi ilaallaan
Fufaan farda leenjisa
Roondiin eega nan sahiin
Situ halkan na deemsisa
🌹🌹🌹
Osoon taa'ee si eeguu
Barriin natti cufamee
Halkan deemta jedhamee
Milishaadhaan tumame
===
Rifeensi mataa keetii
Dugda keerra gad ciisee
Shoferri otoo si ilaaluu
Konkolaataa gadhiise
🌹🌹🌹
Hatee hatee si ilaala
Paasterri osoo lallabuu
Yoo ta'es kansaa addaa?
Jaalalli cubbuu hin qabu!

~~
Sukkuumee si bareeche
Akka dhagaa sanqallee
Waa mara keen bareedda
Mudaa hin qabduum takkallee
~~~~
Jaalala keetiif jedheen
Waan hin taane hin qabu
Si wajjiniin haasa'aa
Bulee beekaam hagabuu
~

Xobbee hundumti hawwu
Kofaltuu ilkaan adii
Hangan taa'ee si yaadu
Koottuu na fudhuu badi

Kanaachi

Si buteetan hidhama
Karchallee Amboo lixee
ilkaaniin natti kolfaa
Sitoo qalbii koo hate

Qofaa koo naaf hin taane
Na gubde manni kiraa
Galaa naaf fidii koottu
Shaggar walakkaan jira!
⏜⏜ for you my ❤️❤️
(💞. )⏜⏜ miss you 💕
🌺. ╱ ( 💕🌺. )
❤️ ⋱‿.•´✫🖊️═──💕
👇
@walaloo430
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
"Jaalallee koo"
;
Yaa ilillii birraa
Asheeta jannataa
Yaa jaalallee dhugaa
Maal siin jedhu laataa?
Mi'aan jaalala kee
Akka damma daamuu
Nakeessaa mi'aayee
Akkamiin siwaamuu?
Jaalalli kee yoomuu
Nakeessaa hin dhaamuu.
;
Mee maal koo siin jedhuu?
Anoo qubeen dhabee
Anaanoo onneen koo
Tasumasaa cabee
Jaalalli dhugaadhaa
Jismii koo na qabee
Bakka hin qabamne
Barbaadeetan dhabee.
;
Iji rafuu didee
Onnetu na sirbaa
Sammuunis yaada kee
Bu'a dachaaf tabbaa
Miillatu na laafee
Garaakoon dadhabaa
Afaan koo maqaa kee
Waamuudhaaf gaggabaa
Harki koo silkii kee
Yaaluudhaaf dadhabaa
Abdii kootu si'ii
Silaas maalin qabaa!
;
Yoon gales hin rafuu
Ati naaf raftaaree?
Shaggee ikaan baddeessaa
Boru naaf dhuftaaree?
Ijaarrachuuf malee
Dur kabaan muraaree?
Si jaallachuuf malee
Dur taa'aan bulaaree?
;
Dambaliin jaalalaa
Kan nakeessaa burquu
Jaalallee koo isheen
Dhungoodhaan si cinquu.
;
Situ nagammachiisaa
Jaalallee koo dhugaa
Laphee keerran ciisaa
Boraatiin naquuqaa.
;
Onneen sijaallatee
Sagal bibir'ataa
Eessa koo jibbitee?
Ittii kuteen gataa
Kottuu nadhungadhuu
Sammuun na boqotaa.

@walaloo430
#Kana_dhageessanii?



Jaappaan keessatti Daayipperiin kan daa'imman irra caalaatti kan namoota gurguddaa (#Manguddootaatu) baay'inaan gurgurama. Biyyattii keessa manguddoota hedduutu jira.


#kanan_dubbiserraa

@baacoowwan
🧑‍🎓#kana_dhageessanii

👉 || Qorannoowwan akka addeessanitti yoo ta'eef seenaan jaalalaa addunyaa keenyaa 92% kan eegalu Mana barnootaa Sadarkaa lammaffaa keessattidha👩‍❤️‍💋‍👨

#kanan_dubbiserraa

#join_us


@baacoowwan
#kana_dhageessanii?


Namni armaan olitti argitan kun nama harki isaa gara mukaatti jijjiirame dha. dhukkuba kana arguun mataan isaa nama dhukkubsa, darbees kan nama rakkisu yoo ta'u, maqaan saayinsaawaa #tree_man_syndrome jedhama.
sababni dhukkuba kanaa jijjiirama jeneetikii qaamni namaa infekshinii akka hin lolle taasisuun kan uumamudha.

Doktooronni kun jijjiirama autosomal recessive mutation ta'uu amanu. Autosomal recessive jechuun warri nama dhibee kanaan qabame lamaan isaanii mallattoo tokkollee osoo hin agarsiisin dhukkubni kun ni uumama jechuudha.


#kanan_dubbiserraa

@baacoowwan
DUBBII GURGUDDOOTAA GORSAA MURAASA 📖

"Barri galataan eegalame gammachiisaa dha, Guyyaan kadhannaan banamees gaarii dha, Jiruun amantiin taate boqonnaa dha, Hiriyummaan dhiifamaan taatees waartuu (tan hanga dhumaa deemtuu) dha."
Abbaa Shiinoodaa

"Warra angullaa (sammuu) fi hawwii hin qabne jidduutti guddaa tahuurra, warra angullaa (sammuu) fi hawwii qabu jidduutti dadhabaa tahee jiraachuun filadha."
Kaliil Jibran

"Jireenya kee keeysatti wantoota baratamoo karaa hin baratamneen hogguu hojjattu qalbii addunyaa toohatta."
Joorji Waashiingtan

"Qabeenyaa (maallaqaan) hiriyyoota bu'aa horachu malta, Bareedina keetiin hiriyyoota miira horachu malta, Amantii fi naamusa jireenya keetii tiin garuu hiriyyoota jireenyaa horatta."
unknown

"Dadhabbiin keenya guddaan harka laachuudha. Daandiin ittiin milkii argannu guddaan yeroo hunda altokko irra deebi’anii yaaluudhaan."
Thomas A Edison

"Sababni injifannoo ykn milkii koo inni guddaan, takkaa harka hin laanne, sababas hin tarreesine."
Florence Nightingale

"Yeroo cimtee nutti dukkanooyte akka ibsaa arginuuf xiyyeeyfachuu qabna"
Aristotle

"Sa’aa hin ilaalin, waan sa’aan hojjattu hojjadhu. Fuulduratti tankaarfadhu."
Sam Levenson

"Hundi keenya dogongora hojjanne maaliif akka raawwanne ibsa gahaa kannuuf humni nuti baafnu humna ittiin waan gaarii hojjannu caaluun na ajaa'ibsiisa."
Kaliil Jibran

"Wanti sodaachuu qabdu suuta suutaan guddachuu osoo hin tahin, iddoo jirtu dhaabbattee akka hin hafne tahu qaba. Namni tulluu iddoo takkaa gara iddoo biraa siiqsuu dandahu nama nuffii (hifata) malee dhagoota xixiqqaa siiqsuu dha."
Chaaynoota

➧Aniis gorsa tokkoon siif kenna👇
"Namoota kaayyoo fi mullata kee wajjiin hin deemne, Nama si hin jaalanne, Nama garaa garummaa fi mirga ati dhunfaan qabdu siif hin eegne, Nama eenyummaa kee siif hin kabajne (nama si tuffatu), fi kkf wajjiin jaalalaaniis tahee jiruun yeroo tee wajji hin gubin"


Toora FB Abdusalaam Ruduwaan irraa


@baacoowwan
#makmaaksa_Oromoo


"Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe" jedhe jaldeessi.

"Waan hancufti nama oolchitu gaafa kokkeen nama dhukkubdu beekan."



#Makmaaksa_Oromoo

@baacoowwan
Forwarded from Gaachana Sabaa
Account Kana subscribe godhaa isin fayyada daawwadhaa seenaatii!
https://www.youtube.com/@TeacherD27
🇲 🇦 🇶 🇦 🇦  🇫 🇮  🇮 🇱 🇲 🇴 🇴 
🇧 🇮 🇳 🇪 🇪 🇳 🇸 🇴 🇹 🇦 🇦 


#kan_itti_fufe

Sattawaa ➠ bochoola
Qerransa ➠ linchii
Leenca ➠ kubalee
Gafarsa ➠ serro
Arba ➠ dhoblee
Gaala ➠ nyarqoo
Simbirroo ➠ cuucii
Jalddeessa ➠ cakkee
Booyyee ➠ qoqalee
Gogarii ➠ cuucii

#share

@baacoowwan
HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
Photo
"Argitee sirra bineensi ni caalaa" jedheen....!

Mootiin ta'e tokkoo Leencota kudhan qaba ture. Hojjettoota qacaree qabu kamiyyuu balleessaa isaaniif jecha yeroo adabu mooraa leencota keessatti darbatee leencoonni akka nyaatan taasisa ture. Guyyaa tokko hojjettoota keessaa namni tokko yaada mootichi dogoggora jedhee yaade tokko kenne.

Mootichis yaada namichaa tasumaa hin jaalanne. Kanaaf, hojjetaan sun gara leencotaatti akka darbatamu ajaje. Hojjetaan sunis, "Waggaa kudhan si tajaajileera, ati immoo akkas na goota? Maaloo leencota sanaatti na darbachuu kee dura guyyaa kudhan naaf kenni?" Jedhee kadhate. Mootichis "tole"jedhee guyyaa kudhan kenneef.

Guyyoota kurnan sana keessatti namichi hojjetaan sun gara waardiyyaa leencoota kunuunsu dhaqee guyyoota kurnan itti aananiif leencoota tajaajiluu akka barbaadu itti hime.Eegduun tole jedhee, hojjetaan sunis leencota nyaachisuu, qulqulleessuu, dhiquu fi isaaniif kennuu jalqabe. Guyyoonni kurnan sun yommuu xumuraman mootichi namichi sun adabbii isaaf gara leencotaatti akka darbatamu ajaje.

"Tole" jedhanii namicha leencota keessatti darbatan.
Yeroo inni itti darbatamu, leenconni miila hojjetaa sanaa qofa arraabuun dhiisan. Namoonni hunduu kana arguun hedduu ajaa'ibsiifatan! Mootichis waan argaa jiruun burjaaja'ee, "leencota koo maaltu mudate?" Jedhee aare.
* Hojjetaan sunis, "Ani guyyoota kudhan qofaaf leencota tajaajileera, isaanis tajaajila koo hin daganne, naas hin nyaanne. ati garuu waggaa kudhan guutuu si tajaajileen oolmaa koo hunda dagatte, dogoggora koo isa jalqabaa irratti du'aaf na laatte. Argitee sirra bineensi ni caalaa" jedheen qoma dhiibee.
Mootichi dogoggora isaa hubatee hojjetaan sun akka bilisa ba'u ajaje.

* Dogoggora sitti hin tollee tokkoof
seenaa gaarummaan guutame hin balfin.

Maddi kanaan dubbiserraa


@baacoowwan
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Na dhiisi yaa hirribaa
Hirriba abjuu qabduu
Na dhiisi yaa namaa
Kan garaan summii qabdu

Dhiisi Nan jaanjessiinii
Anin barbaadu abjoochuu
Dhiisi hin rakkatiinii
Harki kee Nan hadoochu

Jedheen osoon watwaatuu
Sireerra gangalachaa
Itti dhiisee abjuu kootuu
harkaan nama barbaaddachaa

Doofaa of hin beekne
Kan aadaa isaa gate
Kan mataa isaan beekne
Aadaa ormaatti of gate

Dhiisi yaa namana
Aadaa ormaa beeksisuu
dhiigni gootaa nuuf qabbana
Irbuun isaa gad sin teessisu

Jedhee hirriba adda kutee
Utaalee yeroon ka'u
Maal taate yaa buskutee
Namni akkasin ta'u

Yeroo harmeen naan jettu
Uuufff harmee dhiisimee
Tasa at-kanan abjoottu
Hiikasaa naaf ibsimee
....isheenis....
Kan ati abjootte
Inni quuqqaa garaa
Amma Yoo gabroomte
Barri kun ni Tara

Jettee na jajjabeessitee
Abjuu na dagachiistee
Onnee Koo jabeessitee
Obsas na barsiiste.

@walaloo430
@walaloo430
#makmaaksa_Oromoo



🗣"Waraabessi na nyaate jedhanii sareetti hin iyyatan".

🗣"Waraabessi guyyaa yuuse yeroodhaan beekkachiise".

🗣"Waan lafatti falan gaalatti fe'an".


#Makmaaksa_Oromoo


#join_us


@baacoowwan
Nama kuma tokkoof 57

Sa'aatii 12 keessatti nama 1057 wajjin ejjite.
.
Bony Blue jedhamti.Umuriinshee 25, Moosaajii 'onlyfans' jedhamurratti beekamtuudha. Sa'aatii 12 keessatti qofa namoota 1,057 wajjin waan baalagee gochuudhaan rikordii addunyaa qabatte.
.
Wanta na ajaa'ibe keessaa..dhiirota dhaabatanii dabaree eeggata turan keessaa kanneen sa'aatii 8 ol dhaabbatanii dabaree eeggatanis turaniiru jedha ragaan ba'e.
.
Isheenis dhimma kana erga xumurtee booda namoota irratti hirmaatan galateeffatteetti.
.
Dhiironni bultii ijaarratanii qabanis achi turan jedhan.
.
Dhiirri kanaan dura durbaa wajjin hin ciisin jiru #dingiliinis deemee ture jedhan.
.
Eenyuutu Lakkaa'e?
.
Rikordii addunyaa cabsuudhaaf waan yaaddeef ogeessota 'GUINNESS WORLD RECORD' affeertee achi ta'anii lakka'aa turan.

Lataa Z
@baacoowwan
2025/02/20 20:31:00
Back to Top
HTML Embed Code: