Telegram Web
Dhiira akka kormaa lukkuu Abbaa argetti batattisu dadhabne jetti intalli maal ishee godhe laata . please dhiiroch
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Ijoollee Abbaa caalii
Maasaraa abbaake dhaali!!!
Itti cabsii Loli
Wal furi
Maasaricha Isa kiiloo 4
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
#_Jirtuuu_Ijoolleen_Jimmaa_Raaree

Gamanaa Bade Jedhuu
Gamasiis Bade Jedhuu
Daffaaruutu Hate Jedhu

Daffaaruun Bokkaadhaaree
Biyya Waliin Ga'aaree
Sangaan Magaala Botaa
Kuunno Boshaadhaa Qota

Abbaa Alangaa Dhibbakoo
Ati Hin dhufiin Jibbakoo
Maaloo Yaa Firdi Beetii
Dubbiinkoo Harka Keetii
Egaa Yaa Shaambal Baashaa
Dubbiikoo Akkuma Gaashaa

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
#makmaaksa_Oromoo




โœ "Mucaa deenya malee mucaa hin geenyu" jette intalti of tuffatte.


โœ"Wal akkeessee ollaan marqaa balleesse"jette intalti ofiin bultu.


โœ"Ati qoosi kan dhiirsi daa'imaa" jette intalti abbaan manaa ishee jaarsaa.

โœ"Harโ€™allee moo jette haati ijoolleen beeloofne" jennaan isin bakka cidhaatii quuftee waan galteef.



#makmaaksa_Oromoo

@baacoowwan
Maal nagoota?๐Ÿ™„

Duuban nakutta malee
Akka saree sodaattuu
Onnee qabaatteehoo
Fuulan natti hin dhiyaattu

Ejjennaa faana kootii
Taakkuu taakkuun lakkoofta
Guyyaatti maqaa kiyya
Yeroo dhibbaa ol dhoofta

Waanuma summii qofa
Anaaf deessa miixattee
Maqaa meeqa naaf caafta
Duuba kootiin hiixattee

Kana hunda beekeen
Callisee bira taree
Silaa waan gootu hin qabdu
Of dadhabsiisuu malee .

Tisiisafoo olmaadha
Dirreen mana fincaanii
Akkamitti kannisni
ijaajjare iddoo qaanii?
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Hin naaf beekta mitii?

Akkan keessa kootti
Haaloo hin qabanne
Akkan osoon gadduu
Kolfee hin taphanne

Akkan fakkeessuudhaaf
Sin jaalladha hin jenne
Akka siin eebbisee
Uumaan koo naaf kenne

Akkan

Hangam qoramullee
Si ganuu hin dandeenye
Akka abjuun dhuftee
Wal ilaallu teenyee
โคโคโค
Akkan waanta darbe
Deebi'ee hin yaadanne
Akkan siin alatti
Eenyuunuu hin jaallanne

Hin naaf beekta mitii
Moo si yaadachiisuu
Baay'een si jaalladha
Garaan kee si haa ciisu
โคโคโค
Isan

Akka suusii bunaa
Si dhabee mukaawu
Hanqina kee dhiisee
Tola kee lakkaawuu

Akkan haala ilaalee
Sitti hin jijjiiramne
Akkan si filadhee
Onnee koo siif kenne

Akkan si moosise
Warra jiran keessaa
Si yaadachiisuu laa
Dagachuu dandeessa!
โคโคโค

Onnee kiyya keessa
Akka qofaa teessu
Akka tokko taatee
Hanga kumaa geessu

Akkan bulee ka'ee
Waanuma kee yaadu
Si waliin gammadee
Jiraachuu barbaadu
โคโคโค

Kanan ittiin ilaalu
Naaf taatee agartuu
Akka qaama kiyyaatti
Akka na marartu

Akkan

Warra jiran mara
Siin qofa caalchisee
Qabeenya kee godhe
Onnee koo dhaalchise

โœHabtee


#share

@baacoowwan
Namaaf Ofkaltii(Obbaatii) yoo jenne Harreef____jenna?


@walaloo430
Utuma ijaan agartuu
Rakkoo - gidiraa dhibba
Jaalalaafi nagaa malee
Hin beektu haaloofi jibba.
Qabsoon maal akka ta'e
Addunyaatti agarsiistee
Ati siyaasa qofa miti
Namummaa nu barsiiste!

@walaloo430
Maalan sii balleessee
๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿฅณ๐Ÿฅณ๐Ÿฅณ๐Ÿฅณ

Otoo akka hantuutaa
Boolla du'aa naaf qottuu
Muldhistee osoo hin taane
Dhokkattee ana loltuu

Ana miidhuuf jechas
Gatii osoo baastuu
Rafte osoo hin buliin
Badii koo otoo yaaltuu

Na cabsuuf na miidhuuf
Dullaa osoo natti baattuu
Ganamas galgalas
Hamaa osoo naatti yaadduu

Ijaan argaa koo jibbaa
Ilkaanin natti kolfaa
Garaatti hamaa yaadaa
Madaa kiyya horfaa
Ammaa hoo maal jetaa
Sif ta'eraa
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Ani eenyu?

Adiin dhala, gurraachan hoosisa, diimaan guddisa ani eenyu?
Anonymous Quiz
8%
Dinnicha
6%
Sa'a
71%
Qaaraa Ykn Darraa
14%
Qullubbii Diimaa
โœAmaloota shamarran dulloomtee!

1) Suuraa ka'uu jibbiti.
2) Shaarbii uffachuu baay'ifti.
3) Buna hanga 3ffaatti dhugdi.
4) Kophee gogaa irraa hojjatamu uffatti.
5) Kootii(Jaakkettii) malee hin uffattu.
6) Kophee Taakkoo(๐Ÿ‘ก) lafa reebaa deemti.
7) Lakkafaa jinjanaa seeti.
8) Dhiirota ishii gaafatan odeeffatti.
9) Bilbila sagalee ol kaastee haasofti.
10) Amma dhuftee comment jalatti na arrabsiti.

Kana hafe barreessaa!๐Ÿ‘ฉโ€๐Ÿฆฏ

Itti dabalaa

โœOgeettii


@baacoowwan
Amala dhiirota #faa-raa



1) Jimaa qama'uu ulaagaa araadummaa jedhee amana๐Ÿ˜‘
2) Chiikii tokko jaallatee amanamuufii goww--ummaa seha
3) jaalallee isaarra yeroo adda bahu silayyuu isheetu natti maraata malee anoo dhimmashee hin qabu jedhee afuufa. #ihi'i

4) waa'ee fuldura isaa yaaduu caalaa har'uma miidhagee mullachuu irratti xiyyeeffata.

5) jaalallee isaa faana yeroo adda bahu birrii ittiin kaardii siif guute naa deebisi jedhee boo'a.

6) qarshii argatu dhugaatii garaagaraa dhuguutti daaraa botoroo godhaโ˜น๏ธ
7) daandirra taa'ee boroo chiikotaa laalee afaan banaa oola. #nan_sobee?

8 ) Hojii argate hojjechuurra hojii utuu tuffatuu kiisiin isaa lafa onaa taha.

9) dhiirri hundi hunda keessa tahuu yoo baateyyuu 1 keessatti ofii isaa arguu danda'a.

10 faar--aa pro max immoo Isa dhufee komentiidhaan na arrabsudha๐Ÿ˜Ž

โœRehobot

Otooma taphannuu #faaraa kana Oroomessaamee. Dafaa ariifadhaa


#share


@baacoowwan
Maalan beekaree gooftaa
Wanta ati anaaf yaadduu
Har'a nyaadhee buleera
Borummoo wantan nyaadhu?

Wanti jiru uumaa koo
Hunduu harka kee jiraa
Haalli kamiyyuu dhufee
Adda nan baasu sirraa

Nyaadhee kala kaafadhes
Dhabees hagabuu bule
Yoomiyyuu nan si faarsa
Galataa bishiin tuulee

Galatan sii dhiyeessa
Yoo toles toluu baate
Akka haadhaa akka abbaa
Waan hundumaa naaf taate!

Cubbuu meeqa naaf obsaa
Amala koo dandahee
Eenyuyyuu miti gooftaa
Situ har'aan na gahe

Aalfaa fi Oomegaatu si'iim
Kan jalqabaaf kan dhumaa
Osoo at na faana jirtuu
Maal dhabeetan gunguma?

Dur'a bu'aa hundumaa
Kan banu daandii cufaa
Dhaloonni lafaa marti
Si faarsuu itti fufa
โคโคโคโคโค

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
WALALOO DABALLII MINDAA.

Dhalachuu kee malee
hin dhageenyee duute !
Maaliif nu baqatte ?
qalbii keenya fuutee!

Nii dhuftaa dhageenyee
simannaa keef baanee
osoo ol si eegnuu
amajaajii taane!

Makiinaa yaabbattee
fedeeraalaa kaatee
Budaa akkamiitu
daandiitti si nyaatee?

Dhufte kunoo jennee
Gaafa laallu amma kee
Abjuu taate kunoo
Dhufuuf daballiin kee.

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
Gugee garaan taliilaa
Ya shee mudhiin sabbataa
Aarsaan ati naaf taate
Fuuldura koo dhaabbata

Onnee keetu naaf ife
Akka shaamaa bobaatee
Baay'eeman si jaalladha
Baguma kan koo taate.

Ofii kee daartee harmee
Anaan daara na baastee
Naaf jecha gidirfamtee
Imimmaan kee lolaastee

Nama har'aa na goote
Gundoo fi jirbii footee
Akkami nagaa keetii?
Eda sittan abjoote

Osoo ati fuula ifaan
Keessummaa kee simattuu
Osoo qabduu waakkachuu
Itti hin beektu durattuu

Osoo ati amalaan
Teessistee nu gorsituu
Ofii kee shaamaa taatee
Dukkana nuuf ibsituu

Barruu kee eebbifamaa
Rakkoon daaraa fakkeesseen
Osoo ati nu eebbistuu
Harka kee nurra keessee

Osooti
Oliif gadi bututaa
Qaawwa keenya duuchituu
Ofii keetii beela'aa
Of dhiistee nu gurshituu

Bara kee guutuu isaa
Bokkaaf aduu dandeessee
Osoo harka hin kenniin
Kunoo har'aan nu geesse

Mar'immaan qoonqoon miitee
Dugda sabbataan hiitee
Gundoofi jirbii footee
Nama Har'aa na goote

Dhala keef jecha harmee
Guyyaf halkan dhiphattee
Imimmaan lakkuu roobsee
Ijji kee si diimatte

Rakkoof aarri qoraanii
Fuula kee si guggubee
Miidhamni kee jabaatee
Bakka kee na dhukkube

uuuufffff

Na guddisuudhaaf jettee
Guddaa xiqqaa dandeessee
Galata narraa qabda
Baattee asiin na geesse

Ani yoon dogongores
Situ dhufee na gorsa
Harmee koo naa jiraadhu
Si qabaachuun na boonsa

Gaafan nyaara koo guuru
Garaa keetu hin danda'u
Bakka jirtutti nagaa
Nagaan koo si haa ga'u

Warri harmee keessan Jaallattan
Nagaan koo si haa ga'u jedhaan.

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
โœQabeenya Dagatame tokko beektaa?

โ†—๏ธQabeenyi bakka malee kufee fi Dagatame dhala namaati.

โ†—๏ธQabeenyi guddaan addunyaa kanaa dhala namaati.

โ†—๏ธDhalli namaa garuu qabeenya addunyaa ta'ee osoo jiruu addunyaan qabeenya qabdu barbaaduutti yeroo fi bara isaa fixa.

โ†—๏ธDhala namaa malee addunyaan duwwaadha.

โ†—๏ธDhala namaa malee addunyaan balballi ishee cufaadha.
โ†—๏ธSeenaa keessatti albuudni dhala namaa barbaadee argatee hin beeku.

โ†—๏ธGaruu dhalli namaa albuuda barbaadee argateera. Argataas jira.

โ†—๏ธAlbuudni guddaan addunyaa kana bareechuu fi Addunyaa tarkaanfachiisu dhala namaati.
โ†—๏ธQabeenyi Addunyaan qabdu anaafi sidha.

โ†—๏ธNamni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru.
โ†—๏ธLakkoofsa guutuu ta'ee dhalate malee.

โ†—๏ธAddunyaa irratti namni ba'aa ta'ee dhalate hinjiru.
โ†—๏ธBa'aa Addunyaa irraa kaasuuf dhalata malee.

โ†—๏ธAddunyaa kana irratti nama barbaachisaafi kaayyoof dhalate taatee argamuuf waantota 4 kana fuulduraaf qabadhu.

1 Gonkumaa hin Ariifatiin.
2 Gonkumaa hin Dhiphatiin .
3 Gonkumaa Abdii hin kutatiin.
4 Gonkumaa waanta xiqqoof qabamtee karaatti addaan hin dhaabbatiin.

โ†—๏ธDammaqi waan haaraa siin dalagamutu jira.
โ†—๏ธWaanti haaraan siin dalagamu immoo gatii sikaffalchiisu of keessaa qaba.

Maaliif beektaa?
โ†—๏ธBeektonni yeroo baayye akkas jedhu;"Wanta haaraa tokko hojjechuuf mataan isaayyu gufuudha" jedhu.

โ†—๏ธWanta haaraa gumaachuuf dhalatte.

โ†—๏ธQabeenyi biyyi lafaa dagattu dhala namaa yoo ta'ellee gonkumaa qabeenya dagatame taatee hin hafiin.

Share gochuun dagatinaโค

#join_us


@baacoowwan
Hin gaddu maafan gadda.
Waggaa Kuma hin jiraadhuu.
Siitu na miidhe jedhees
Quba namatti hin laadhu.

Qabaadhus of hin tuulu
Rakkina koos Nan baadhaa.
Jireenyaaf fuula hin guuru
Fataa jedheen jiraadha.

America jiraadhee
Sa'aatiin hin hojjedhu
Anis anaaf jireenya
Eenyullee hin komadhu.

Maaf na arguu jibbita
Aniis qooda koon nyaadhaa.
Deeggarsa si hin gaafannee
Dalagadheen jiraadhaa.

Waan tokko naaf hin gootu
Na miidhuus hin dandeessu.
Ani of ta'een hiraadhaa
Sitti of hin fakkeessuu

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
โœAmala nama kophaa galuu.

1) Bakka wacaa hin jaalatu.
2) Ciqicciqii baay'ee jibba.
3) Nyaanni isaa baay'inaan Faffatoo, timaatimii, shiroo, fi indomii....dha.
4) Ganama hirribaa dafee hin ka'u.
5) Ofii isaa irratti 'Sanafiidha'.ykn dhibaa'aadha.

6) Comment jalatti kan hafe barreessa.๐Ÿ‘ฉโ€๐Ÿฆฏ

@baacoowwan
2025/02/23 13:52:59
Back to Top
HTML Embed Code: