Telegram Web
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#LAKKUU_LAKKUU_DHALCHITEEM!

Diddiga garaa dhufe
Kan ilkaannuu hin dhorkinee
Erga maaskiin dhufeemmoo
Ilkaanniyyuu hin kolfinee
Dur seequu walii arga
Namni kolfuu baatullee
Amma maaskiin luugamnaan
Dhabe waan dubbatullee
Dubbiin dur garaa guutu
Amma uuruu bokoksee
Akka hafuura hin baafanneef
maaskiitu qabee dhoksee
Namni afaan haguuggatee
Guungummii wal afeeraa
Miidhaafi miidhamaanis
Adda bahuun hafeeraa
Lakkuu, lakkuu dhalchite
Addunyaan kunoo rakkoo
Hedduu hafuura dhorkiteem
Gadiyyuu qabdee saggoo
Maaskii keessatti hasaasaa!
Homaayyuu hin dubbatinaa!
Bakkuma jirtan turaa
Homaayyuu guddatinaa
Jennaan waan jennu dhabnee
Tole jennee fudhannee
Maaskii gurraan qabamteen
Afaan keenya luugamnee
Hiree uumaan nuuf laate
Keessaa inni kun addaa
Addunyaa keenya marsee
Gammoojjiidhaafi baddaa
Namnis harka galfatee
Maaskii keessaan waa fidee
Kaayyoo luugama uumaa
Kaayyoosaaf oolchaam didee

Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela

Waan Dubbistaniif Galatoomaa!
HORAA BULAA!
Forwarded from Dirree Aartii via @like
Faana fageeffadhee
Naannahee bakkayyuu
Biyyaaf biyyoo biyyaa
Abuuree hundayyuu

Takkayyuu hin garre
Qarree tan si caaltu
Bareedni hundinuu
Takka sin madaaltu

Kennaa isa namumman
Hundumaa dhuunfattee
Gootummaaf arjummaan
Hundaa booji'attee

Gaafa guyyaa xiiqiis
Eenyu kan si dursu
Diina kokkee qabdee
Tokkoyyuu sin tursu

Deddeemee dhufeera
Qarree biyya tootii
Aadaaf safuu isheefis
Bar sumaatu mootii

Awwadaaytu baase
Handhuura Harargee
Gaachana Oromiyaa
Qarree dhiigaan marge

Aadaaf safuu beekti
Sirna Gadaas beekaa
Afaanshees guddisuuf
Fuuldura akeekaa
Daandii bilisummaas
Qeerroodhaaf akeekaa

Qarree Harargee kootii
Sumatu naaf mootii
Diina biyyaa baasuuf
Akeekni kees kootii!.

✍✍✍✍✍
@Shaminasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
Forwarded from Dirree Aartii via @like
Ishee Aamboo jirtu

Yaa jaalallee tantoo
Ishee Aamboo jirtu
Halkaniifi guyyaa
Onneen kan siif dhumtu
~
~
An natti jabaatee
Yaadni kan jaalalaa
Jaalatoo akkami
Akkamtu naaf mala
~
~
Osoo wal hin quufin
Yaa tan adda baane
Miidhama yaadakee
Maaliif naf hin hubanne
~
~
Waa'ee keen abjoota
Hiikoon isaas suma
Kiiloon kiyyaas kunoo
Yaada keetiin dhumaa
~
~
An takkaa hin dagadhu
Waa'ee kiyyaaf keetii
Kophaa cinqamuun koo
An siin qabameetii
~
~
Yaa mootittii tiyya
Ishee Aamboo jirtu
Jiraadhu naaf nagaan
Hundi siif haa guutuu
Aangoo onnee koorraa
Yoomiyyuu hin buutuu!.

✍✍✍✍✍✍
Β©Shamil Nasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo
Yaada qabdaniif @Shaminasir qunnamaa!.
Na dhagahi lukkuu

Anaaf jettee seetee?
Barii kan iyyitu
Subii geblaa tumtee
Kaatee kan na kaaftu.

Ofiif jettee wacca
Atis akka soogiddaa
Barii iyyuu baannaan
Albeenan si gaadaa.

Siitu baasa seetee
Biiftuu bariin qaaqaa
Moo siitu halkan ka'ee
Dukkana naaf saaqaa?

Na dhagahi lukkuu
Yoomuu ilmoo hin dhaltuu
Iyyituu iyyuu baattuu
Barihuun hin haftu......!!

Kan beeku ni beekaπŸ˜”

✍✍Salah Qeeransoo

@bfwalaloo
@bfwalaloo
@bfwalaloo
Channel photo updated
Barichi keenya miti.

Bara haaraa jettee
Inni lafa dhiittu
Keefi kan nam_biraa
Maaf adda hin hubattuu?

Bara isa nam_biraa
Isa warra kolonii
Warra kee sirraa mulqee
Siin qotu akka loonii

Isa gaafa ati dubbatte
Si rukutee si dhaanu
Keetirraa dhugee quufee
Keetirratti farshaanuu
Akka tahe yaa gurbaa
Ati hin beektu edaanuu?

Barri keenya kan Gadaati
Bar_lakkooftuu oromoo
Kan dur abbaa keenya
Ittin tikfatu qomoo

Isa sana malee barri keenya
Inni kun kan Habashaati
Baga geessee kee dura
Kee bari jechuu kooti!.
~~~~~~~~~~~~~~
.
.
.
Horaa bulaa!
Bilisummaaf duulaa!
Gadaaf Aadaa keenyaan bullaa!.
πŸ‘‰Yoo sitti tole namoota jaalattu hundaaf ergi @dhwalaloo akka guddisan godhi!.

Barreessichi;~ Shamil Nasir Mohammedidha.
❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo
Yaada qabdaniif @Shaminasir qunnamaa.
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#HAR'A_KANAN_GAHE
β™‘β™₯β™‘β™₯β™‘β™₯β™‘β™₯

Barri Haarofnaan miti
Rabbi Jennaan malee
Maaltu gargar hiree
Taatee har'aaf kalee

Ani kabajuudhaaf
bara hin Lakkaa'adhuu
"Maaliif jette?" Jedhii
Feetus na gaafadhuu

Barri Huccuu miti
Kan Moofofnaan Bitatanii
Uffatanii ofitti Oolchanii
Kan Xuruufnaan miiccatanii

Barri duruu Hin maraatuum
Kansaa Deemsi fayyaalessaa
Namni garuu moofaa qaba
Gartuu Garaan Albaadhessaa

Walitti qabamni guyyaa
Anaan bira Darbameeraa
An Guyyaa haaraa qofan beeka
Keessa rafees Dammaqeeraa

Guyyaa, guyyaattan kabajeem
Jiraadheetan har'a gahee
Malee bara haaraa yooni jedhe
Maaltu haaraa natti tahee?

Haaraan Kaayyoofi karoora
An baraaf maqaa hin moggaasuu
Afaaniin haaraasaa baanee
Garaa kiyyas hin Rooraasuu

Baga geessan guyyaa haaraa
Raftanii naaf Dammaqxanii
Yeroo Qorraa Bullukkoodhaan
Aduu Bariis Qaammattanii

Ganama ciree nyaattanii
Guyyaas Laaqana Geessanii
Galgala Irbaata nyaattanii
Aftaniis Siree keessanii

Rafanii itti boqotu
Dammaqaniis Hojjetatuu
Guyyaa Haaraa maaf hin jenne
Namni maaliif kan dagatuu?
Baga Bara 2013 Nagaan geessan jedheera
garuu Bara haaraa hin jenne

Waan Dubbistaniif galatoomaa
HORAA BULAA

Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
#Gullalleetti_wal_agarra!.

Maddi Walaabuu calaqqisee,
Birraa birraa urgaa'aa.
Qalloo mudhii leemmanaa,
Siifan gola naanna'aa.
~~
Cilaalo yaa lafa gaaraa,
Baddaan ishee garbuu margaa.
Oromtittii sikkoof mandoo
Akkam godheen ijaan argaa?
~~
Gujiin waamee Ardaa jilaa,
Heeraaf seera gadaa labsee.
Karaa guuteen si galfadhaa,
Caba ormaa sitti obsee.
~~
Na eeggadhu joollummadhu,
Angafni koo Booranaa.
Na hammadhu shaggeekoo,
Kaanee Harargee buunaa.
~~
Carcarirraan naanna'ee,
Si abuuruu jalqabeeraa
Lookoo qarree galamsoo
Na eeggadhu siif dhufeeraa
~~
Fugugi gaarri mullataa
Watar garbuu facaasaa
Jijjigaatti natti koottu
Dirree kootiin sitti hasaasaa
~~
Awaash guutus sirraan hafu
Goofaree koo fiffilachaa
Magaaltittii ilkaan kaarruu
Karrayyittii baasoof dullachaa
~~
Sulultarraan baasee aduu
Rooba malee anga'aa
Magaaltittii ijji kuulaa
An argaa keen dharra'aa
~~
Beenun gallaa salaalumattuu
Nu jibbanis halaalumattuu
Shaggee maayaa sittan obsaa
Sittan ergadha an coqorsaa
~~
Marroo koo yaa marroolee
Si yaadeera halaalattii
Waambaraaf walloo dhaqna
Koottu amma wallaggattii.
~~
Jimma buunaa mee dammee
Qaccee maccaa biyya mootii
Dafii na hammadhuu mee
Iluurraan natti dhaamotaatii
~~
Walisoon farda sooraa
Lafti garbuu baddaadhaa
Sulee labii laga koottuu
Dhufeen si iyyaafadhaa
~~
Aamboo fuullee galgalaa
Caalaan lagaa garmaamaa
Gaafa xiqiif gidiraa
Waddeessattan siwaamaa
~~
Sabbataafi laga xaafoo
Dabaleen fardaan gulufee
Daanga'ee sirraan hafuu
Kunoo qeerroon kee dhufee
~~
Inxooxxoo gubbaa baanee
Hora finfinnee daawwannaa
Naaf koottu mee shaggeekoo
Suuta waliin boqonnaa
~~
Birbirsa gooroo buunee
Waliin qoraan cabsinaa
Bishooftuu loon geessinee
Hora waliin obaafnaa
~~
Hurufa boombii irratti
Dur jabbilee yaasuu
Anumaatu sitti aanaa
Ormi nuuf hin qabu naasuu
~~
Of_ijaarii koottu dafii
Hin diigamnu akka kalee
Caffee afeen si simadhaa
Alangeedhaan of dabaalee
~~
Handhuuratti natti siqi
Jilaan teenyee mana jaarraa
Utubaa jabaa dhaabbannee
Gullalleetti_wal_agarraa!.
~~~~~~~~~~~~~~~~

✍✍✍✍✍✍✍
Β©Shamil Nasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
@orolovechats
Share gochuudhaan karaa hundaan oromummaa keessan bahadhaa!.
Forwarded from Dhaamsa Jaalalaa πŸ’ via @like
GOSOOTA JAALALAA
β—ˆβ—ˆ TYPES OF LOVE β—ˆβ—ˆ
β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†

β—‰ Jaalalli araada (suusidha). Kanaaf guutuu ta'ee hin argamne. Jaalalli si'eessssituu mataa isaa qaba. Ishiin ammuma itti baay'attu fi keessa hir'attu amala jaalalaa jijjiirti. Jaalalli yoo xiqqaate miira, walitti dhiyeenya fi iftoomina walii qabaachuu gaafata. Jaalalli gosuma tokko kan qabu ta'uyyuu haala namaatin gargar hiramuu danda'a.

β—ˆβ—ˆ Jaalala obbolummaa/Affectionate Love

Jaalalli gosa kanaa waliin jireenya fi walitti dhiyeenya irraa madda. Kabaja walii qabaachutu mul'ata. Jaalala hiriyummaati. Darbee gara jaalala biraattis guddachuuf carraa qaba.

β—ˆβ—ˆ Jaalala Ho'aa/Romantic Love

Namoonni gosa jaalala kanaan kufan boca qaama ilaalaniiti. Haala deemichaa, dhaabbii qaamaa, hawwannaa qaama ishii/isaa ilaalanii jaalalatti seenu. Warri jaalala gosa kanaa keessa seenan ulagaalee kan akka sabummaa, amanti fi kan kana fakkaatu dhimma isaanii miti. Boca/shape waan ta'eef namni biraa akka ilaalu hin fedhan. Inaaffan kan guuttamaniidha. Wal dhoksuu barbaadu. Osoo danda'amee wal liqimsanii yeroo ofii barbaadan qofa dirreetti wal baasuu barbaadu.

β—ˆβ—ˆ Jaalala Miiraa/ Passionate Love

Warri jaalala kanaan qabaman warra miiran hogganamaniidha. Garuu kan turu amma miirri sun qorrutti fi walqunnamtii saalaa jalqabaa booda laafaa deemuu danda'a. Sirumaayyuu yoo ture jibbisiisadha.

β—ˆβ—ˆ Logical Love

Jaalala karooran gaggeeffamuudha. Irra caalatti ishiif inni wantoota wal fakka qabaachuu qabu. Umurii, hojii, saba, amantaa fi kan kana fakkatan kan ilaalcha keessa galaniidha. Mi'aa baay'ee qabaachuu baatus hin nuffisiisu. Wanti bitaa namatti galu muraasa.


β—ˆβ—ˆ Jaalala sababaa/Casual Love

Jaalala dhimmi yookin rakkoon wayii walitti isaan fideen uumamuudha. Warra rakkoo, iccitii walii walitti himaniidha. Akka oolmatti hin lakka'amu.

β—ˆβ—ˆ Jaalala Gowwaa/Foolish Love

Waanuma xiqqoo arguudhan warra jaalalaan kufaniidha. Suura isaa/ishii qofa arguudhan, barreeffama qofa yookin sagalee qofa dhaga'uudhan warra jaalalatti seenaniidha. Kan karaa feesbuukii taasifamu fakkeenya gaarii kanaaf ta'uu danda'a.

β—ˆβ—ˆ Jaalala Tarkaanfataa/Possessive Love

Jaalala beekkamtiidhaf taasifamuudha. Nama sirritti beekkamu kan ofii godhachuu kan jibbu hin jiru. Jaalallee nama beekkamaa ta'uuf dhamaatii gaggeeffamuudha. Garuu nama san biratti nu tuffachiisuu hin oolu.

β—ˆβ—ˆ Jaalala Oolmaa/UnSelfish Love

Warri jaalala kanatti seenan warra rakkoo yookin miidhaa wayii irraa nu baraare tokkoof tole jechuudha. Jaalalli nama sanii nu qabee osoo hin taane oolman inni/ishiin nu oole nutti waan ulfaatuf of dabarsanii laachudha.

β—ˆβ—ˆ Jaalala taphaa/Game playing

Daa'imti yeroo dhoqqee keessa gangalattee of daallessitu omaa itti hin fakkaatu. Kuni jaalala jedhamuu baatus fedhii ofii ba'uuf kan taasifamuudha. Dheebuu fedhii foonii ba'uuf kan itti seennamuudha. Gosti jaalala kanaa jechoota hawwatoo fi mimi'aawaniin kan guuttaman kan salphaatti onnee baqaqsanii seenaniidha.

β—ˆβ—ˆ Jaalala duwwaa/Empty Love

Jaalala omaa hin qabneedha. Jaalalli kun waanuma salphaadhan otoo omtuu hin uumamne siifan du'a, siifan maraadhe, si malee jireenyi naaf hin taatu jedhanii sobaan garaa wal guutudha. ☞ @aceekoo


β—ˆβ—ˆ Jaalala Ofittummaa/Selfish Love

Jaalala of jaalannaa irraa madduudha. Amma qabeenyi jirutti qofa kan turuudha. Gaafa waa jiru ho'ee mul'ata. Fayidaa ofii karaa ittiin guutan barbaaduu malee jaalalli hiriyaa keenya baay'ee kan nama dhiphisu miti.

β—ˆβ—ˆ Companion Love

Jaalalli kun hawwii dheeraa kan qabuudha. Irra caalatti kanaaf dubaratu saaxilama. Daftee jaalala ho'aa keessa seenun bultii ijaarrachuudhaf fiigdi. Dhaluudhafis heedduu sardamti. Jaalala ilmoo warra qabaniidha.

β—ˆβ—ˆ Jaalala hanga du'aa/Consummate Love/Enduring Love

Jaalala umurii dheeraa qabuudha. Jaalala uuma fi uumamni jaalatuudha. Jaalalli dhugaan isa kana. Warraa wal jaalatanii amma du'anitti kan itti fufaniidha. Walqixa jireenya ofii keessatti lachuu kan dhama'an. Warra jaalalan kufan osoo hin taane warra jaalalaan ijaarramaniidha.

━━━━━━ THE END ━━━━━━

@orolovechats
Forwarded from Dirree Aartii via @like
Har'i boruu miti
Boruu guyyaa biraa
Guyyaan hin darba
Hin miidhin haadha dhiira

Hin miidhin abbaa kee
Lammii kees adaraa
Saba kee siif wayya
Hin ta'in abbaa garaa
..
..


Muu gadhee sabaa nyaatuuf

@obsiin
❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
* Amaala keen wallaale
###
Kolfaa kee sana
Nyaaran guduunfite
Jaalalan sif qabu
Na harkattii micciite
*
Ammaa torbee tokkoo
Naguuman hasoofta
Silkiiyyuu yoon cuufe
Iyyiitteet dhaadatta
*

Ani mee isumaa sana
Har'aa maltuu ta'ee
Osoon ijan arguu
Bitaaf mirgii wal dha'ee
*
Maaloo gaarii miti
Jaalala qabaadhu
Dubaatte baafattu
Akkaan si abdadhu
*

Akkaaman godhaare
Keessaa koottii wal sakaale
Essaattan bilbilaree
Amaala keen wallaale
*
✍✍✍✍ fayyoo
❀
️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@Walaloonjaalala
@dmwaamaraa
@orolovechats
Forwarded from Dirree Aartii via @like
MEETOO
Asoosama gabaabaa
Kutaa 1ffaa.

Meetoon intala kokkofaltuudha, yeroo hunda seeqa baayyisti. Dhaabbiin ishee dheertuu tahuu baattus hammas gabaabduu miti. Kofli isheefi akkaataan isheen namaa waliin haasoftu dabalatee akkaataan isheen ittiin nama simattu waan nama harkisuuf, namoonni ishee beekan baayyee ishee jaalatu. Keessattuu yeroo ishee waaman akkaataan isheen itti nama jalaa owwaattu baayyee garaa nyaata. Meetoo gaafa ati jettuun ' ooyyee' jechuun ishee dargaggoota qofa osoo hin taane manguddoota miira keessa galcha, waami waami sigodha sagaluma ishee 'oooohh' ittiin jettu san dhaggeeffachuuf.
Intalli kokkofaltuun kun dubra heerumaaf gahe sitti hin fakkaatin, lakkii daa'imas mitii amma harma burtukaana fakkaatu kan qarri isaa lilmoo fakkatu kana as babaafatteet jirti. Yeroo kana kutaa 7ffaa baratti ture kan Caaliifi Ifnaaniin walbaran. Isaaniin kan wal baran yeroo isaan mana Meetoofaa kireeffatanii kutaa 9ffaa barachaa turanitti. Caaliifi Ifnaan naannawa magaalaa isaanii kanarraa xiqoo waan siqaniif mana Barumsaa sad 1ffaa kanuma Meetoon amma itti barachaa jirtu kanatti baratanii gara sad 2ffaatti oldarban. Akkuma dhufaniin mana isaanii kireeffachuun Meetoodhaan walbaranii waliin qayyabachuu eegalan. Meetoon namaan wal baruun isheef salphaadha waan taheef Caaliifi Ifnaaniin hiriyoomfachuu bira darbee arjummaa qabdu waliin qaama tokko waliif tahan.
Yeroo kanadha Meetoon gara dubrummaa guutaa waan jirtuuf akkaataa hiriyootni ishee ittiin barattoota dargaggoota waliin itti dabrsaa jiran ishee butuu hin oolle. Qaamni ishee amma ol qunxuuruufi hawwatamummaan ishees akka namni hundi isheef bakka kennu taasiseera.
Yeroo kana Caaliin ilma abbeera ishee kan kutaa 12ffaa barachaa jiru achuma magaalaa kana keessa kan jiru ishee bira dhufu qabdi. Innis maqaan isaa Sabaaf jedhama. Innis yerootti qorumsa seensa yunibarsiitii qoramuuf waan taheef achuma intala abbeera ishee Caalii bira deemee nyaata nyaata. Nyaata qofa osoo hin taane Caaliifaan barumsi kutaa sagalii afaan ingiliffaati waan taheef galgalas tahe ganama isaan qayyabachiisa.
Yeroo kanadha ijji Sabaaf waan addaa tokko arge, sunis intala bashaasha, hawwattuufi amala qabeettii. Utuu inni hulaa mana caaliifaa dura teessoo wahii fudhatee irbaata nyaachuuf taa'aa jiruu mana keessaa gadi baate...

Kutaa 2ffaan
Itti fufa...

Barreessaan @Shaminasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dmwaamaraa join godhaa!.

Share gochuun miseensa chaanaalii keessan kanaa nuuf guddisaa!.
Forwarded from Dirree Aartii via @like
MEETOO
Asoosama gabaabaa
Kutaa 2ffaa

... Meetoon akkuma amala ishee kan yeroo nama argite jechaan tuquun dubbistu Sabaafiin dubbisuun ishee hin dhibne. Sabaaf taa'ee akka nama waan yeroo dura dubbisee irra deebi'ee yaadutti gadi jedhee yaadaan badeera. Eeyyen akkasuma waan reefu dubbisaa ture yaadachaa jira, akkuma ishee ijaan mildhateen gadi jedhee yaaduu itti fufe. Meetoon hulaa manaa erga baatee booda Sabaaf bira gahuu isaa wanti dubbiseefi qaamni ishee kan isa mildhate sun yaada lama itti tahuun taa'ee harka isaa kan qubeellaan xiqqoon tokko irra jiru qaqqabu itti dhuftee "yaadannoodhaa" ittiin jechuun bira darbite. Jechuun ishee qubeelaan ati harkaan tuttuqaa jirtu kun kan nama jaalattuutii? Akka jettuuti. Innis osoo jecha isheef deebii hin kenniniif callise. Uuhuu!... maal jechuu isheeti, osoo waluu hin barin akkana jechuun ishee maali?... ofiin jechuun isaa hin oolle. Jedhus Sabaaf dubbiin ishee kun isa dhibdus joollummaa qaama ishee laaluun dhimma biraaf miti ofiin jedheetuma bira darbe.
Sabaaf akkuma ganama nyaata nyaateen galgala gara Caaliifaa dhufe. Kunoo Meetoon Caaliifaa bira jirti, asumaan achumatti walbaran. Sabaaf akkuma amala isaa Caaliifi Ifnaaniif qayyabachiisu eegale. Yeroo kana isheenis Caaliifaa biratti dubbisaa waan jirtuuf suutuma suutaan akka Sabaaf ishees qayyabachiisu gaafatte. Sabaafis nama gargaaruun amala isaati waan taheef keessattuu dubartoota gargaaruun akka isaan dandeettii isaaniin waan barbaadan argatan gochuuf beekumsaan isaan dabaaluu fedha. Meetoonis wanta isheetti ulfaatu isatti garsiifatti. Erga inni Caaliifaa biraa bahees Meetoon gara mana maatii isaaniifaatti Sabaaf waamuun hojii manaa hojjechiifatti. Sabaafis akkaataa isheef tolutti isheef galchaa gaafii biraatis itti dabaluun isheef hojjeta. Haalli gaariinifi amalli Sabaaf kun Meetoo waan harkise fakkaata, yeroo inni ishee qayyabachiisu itti hirkatti hirkatuu qofaas miti ija keessa ilaaltiin. Inni garuu haala isheen keessa jirtu kana waan hubate hin fakkaatu, sababnis Meetoon daa'ima amma gara saal_lammeessoo dhufte waan taheef akka waa'ee jaalalaa beektu hin sehuun.
Garuu Meetoon Sabaafiin jaalatteetti, jaalalli xiqqoo qabaaree. Kaayyoon ishee jaalalaa miti, garuu akkuma dura durba taateen sabaafiin arguun ishee akka jalqabbiin kun dhiibee jaalala keessa ishee galche. Jaallatuu bira dabartee hanguma duraan yeroo inni mana caaliifaadhaa bahu isa eegdee waamtu illee hifattee jirti, kanaaf yeroo isa ijaan argite hunda fiigdee bira dhaqxi. Yeroo inni nyaata nyaatus waliin nyaatti, nyaata fuutee afaan keessiif. Meetoon qaamaanis tahe umriin xiqqoo tahuun ishee Sabaaf akka intala dubraatti ishee hin ilaalu, sababni Sabaaf akka yaada isaatti dubartiin yeroo qaamaanis tahe umriin ishee gara 18 geesse akka dubaratti waan hubatuuf. Garuu Sabaaf isheef hubatuu dhabus Meetoon Sabaafiin arguun isheef gammachuu addaati. Keessattuu yeroo isa waliin nyaata nyaattu yeroo isaaf 'gurshaa' kennitu inni deebisee harka ishee baasuuf, ammas yeroo inni hojii manaa dalaguuf kan isaatti hirkattee ija isaa keessa ilaaltu araada itti taheera. Kanaaf guyyaa inni mana isaanii hin dhufin isheef yaaddoo tahaa dhufeera.
Haala kana hunda arguun Meetoo akka jaalala isaatiin qabamte of barte. Kanaaf Meetoon haala Sabaafiif jaalala ishee kan isaaf qabdu kana ittiin ibsitu yaaduu jalqabde...

Kutaa 3ffaan
Itti fufa...
Nu hordofaa!.

Barreessaan;- @Shaminasir

@dhwalaloo
@dhwalaloo
@orolovechats
Share gochuun ni cinaa dhaabbadhaa.
Forwarded from Dirree Aartii via @like
MEETOO
Asoosama gabaabaa
Kutaa 3ffaa.

... Barumsaaf isa barbaadaa keessa garuu isa arguun isheef buufannoo tokkodha. Haala kana keessatti Meetoon Sabaafiin jaalattus inni garuu isheef baruu mitii haala isheen keessa jirtu kana yaadeetuu hin beeku.
Meetoon bakka sabaaf itti dubbisu deemuun dirqama itti taheera, keessattuu isa bira deemuun uffata isaa miicuufii eegalte. Yeroo tokko tokko bilbilaa harkaa isaa irraa fuudhuun sirba jaalalaa dhaggeeffataa sirbiti. Sagalee miidhagaa ishee sanaan sirboota jaalalaa yoo sirbitu, keessattuu sirba Hacaluu Hundeessaa kan "maaliif dallante" kan jedhu baayyee sirbiti. Ammallee sabaaf isheef hubachuu hin dandeenye, haalli kun baayyee ishee dhiphiseera, 'wayi jaalala joollummaa' kana.
Meetoon haala kana keessa osoo jirtuu arra dirree baaftee jaalala isaaf qabdu akka inni baru gocnuuf carraa tokko argatte, sababni Sabaaf baayyee dhukkubsatee jira 'utaalloo' fakkaata. Kanaaf Meetoon Sabaafiin jajjabeessuuf nyaata akkaan tolchitee bakka inni ciisaa jirutti dhuftee isa gaafatte. Wanti kun Sabaafis yaada keessa galchuu hin oolle, sababni osoo Caaliin jirtuu isheen haala nama hawwatuun miidhagdee dubara gahe fakkaattee isa gaafachuun akka inni maaliif jedhu waan taasise fakkaata.
Ta'us garuu Sabaaf dafee akka Meetoon barbaaddu tahuu hin dandeenye. Keessattuu erga dhukkubbii irraa fayyeellee gara mana isaanii otoo hin gorre deebi'a, yoo isheen waamte malee. Isheen garuu akka inni ishee barbaadu waan jaalattuuf baayyee aarti. Haalli kun isheetti hin tolle kaa, inni maaf gubaa jaalalaa namaaf hin barree?.
Meetoon jaalalli sabaaf ishee mana waan godhateef irraa ifduuba deebi'uu waan dandeessu miti. Kanaaf Meetoon yaaddooftee jirti, jaalalli taphaaree?.
Meetoon intalli bashaashni gammadduun, tan nama hunda harkistu amallishee jijjiiramaa dhufeera. Kan dur ganamaafi galgala Sabaafitti maramaa, itti hirkataa, nyaatas wajjiin nyaataa kokkofaltu amala nama biraa filatte fakkaatti. Bashaashummaan ishee dheessee callisa filattee jirti, kan yeroo hunda fuulli ishee ifus garuu amma gurraachoftee kophummaa filattee jirti. Kan dura ganamaafi galgala barnoota Sabaafiin gaafattu amma irraa dheessitee jirti. Sabaaf garuu haalli Meetoon tahaa jirtu kana hin barre, maaliif akka isa dheessitee kophummaa filattees hin gaafanne. Haala kana hunda ishee gaafachuu dhabuun Sabaaf akka Meetoon baayyee miidhamtu taasise. Kan dura kophummaa filatte garuu harra itti dabaluun ishee dhukkubeera. Onnee isheetu Sabaafiin booji'ame waan ta'eef Onneen ishee haalaan dhukkubsatte. Dhukkubsatuu isheefis Sabaaf hin gaafanne, sababni Sabaaf ishee hin gaafatiniif qorumsa biyyaalessaf dubbisaa waan jiruuf yeroo caaliifaa biraa turee bahu kallattumaan gara bakka dubbisa isaa fiiga, kanaafidha. Ta'us kan Meetoon jaalala isaaf kana hunda taatu baruu dhabuun isaa baayyee nama raajessus, sodaan fi safuun dubartiin oromoo Jaalala baafattee afaaniin 'Sinjaladha' jechuu safeeffattu kun siin hin raajeessin. Inni hoo maaf amala jaalalaa wallaalee? Way kaayyoo kana.
Meetoon erga jaalala Sabaafirraa dhukkubsattee guyyaa sadii geessee jirti, kanaaf isatti aarii qabaattuus yaada isaa obsuu hin dandeenye. Kanaaf hiriyaa ishee Caalii waamuun yeroo sabaaf dhufe akka gara koo dhufu godh jetteen. Caaliinis yeroo sabaaf ishee bira dhufee nyaata nyaatu osoo inni gara bakka dubbisa isaa hin deebi'in "Sabaaf ati maaf Meetoo gaafachuu ooltaa?" Jetteen. Innis deebisee "maal taate? hin dhageenyeem? jedheen. Isheenis kofaltee "dhagahuu qabda ture, keessattuu Meetoo moo" jetteenii akka amma gara mana Meetoofaa seenee ishee gaafate itti himte. Sabaafis tole jedhee gara Meetoo deemee ishee bira olseene. Yeroo kana Meetoon siree irra ciisaa jirti, oljettee isa laalte.
.
.
.
Itti fufa....
Kutaa 4ffaaf nu eeggadhaa!
Barreessan;- @Shaminasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dhwalaloo
Forwarded from Dirree Aartii via @like
MEETOO
Kutaa 4ffaa.
Kutaa 1,2fi 3 dursii dubbisi.

...Kan agartes Sabaaf akka tahe barte, Sabaafis dhaqee mataa ishee gubbaa taa'e. Isheenis oljettee isatti hirkatuun teessee "Sabaa maaf akkana garuu, ati lubbuun numa jirtaa?" jetteen. Innis "eeyyen kaa jira kunoo waan dubbisni nu godhe malee" jedheen. Sabaaf waan ariifachaa jiruuf daddafee Meetoo maaltu si dhukkubaa?, maal taatee? Eessatu si dhukkubee? jedheen, isheenis onneetu na dhukkuba, kunoo iddoo kana jechuun harka Sabaaf qabdee harma ishee kan gaafa jibootaa fakkaatu kan amma lafaa ol quuqqatu sana gidduutti gadi qabde. Qaamni ishee akka abiddaa nama guba. Yeroo kana sabaaf ni nahe, akka waan rifatuu tahus qaamni ishee miira isaa sochoose. Sabaafis maal taate jedheen, Isheenis "mukatu narra bu'e muka mooyyee osoon shuummoo tumaa jiruu" jetteen. Sabaaf ija isaa keessa ilaale, isheenis isa ilaalaa jirti. Isheen ija ishee kuula fakkaatu sanaan isa ilaalaa gara siree irra taa'aa jirtuutti quba qabuun "ati osoon ani asirra sikaa'ee jiruu maaf lafatti na harkaa gad deemtaa?" ittiin jetteen. Sabaafis jechi ishee kan isatti gaaffii tahe Meetoon maaf akkana anaan jettee jechuu hin oolle. Akkas isaan jechuun ishee osoon ani bakka guddaa siif qabuu maaf natti garaa jabaatta jechuu isheeti. Innis waan beeke fakkaata, keessattuu kan yeroo mara Meetoon isa arguuf dhiphattu amma sabaafis ganamas tahe galgala ishee dubbisuu eegaleera. Meetoonis erga isaan haala kanaan wal argitee booda babbareeddee isatti muldhachuun isa hawwatuu itti fuftee jirti. Garuu sabaaf akka duraanirra xiqqoo wayyaa tahus ammallee fedhii isheen jaalala isaaf qabdu guutuu hin dandeenye. Isheen garuu haala danda'amu hundaan jaalala ishee himattee jirti. Innis jaalalli ishee akkas isa qabuu baatus garuu haalli ishee kun isas waa keessa fiddee jirti. Galgala erga Caaliifaa biraa nyaata nyaatee booda ishee waliin taphata, kun isheef gammachuu tokko. Otoo jedhanii sabaaf guyyaa tokko gara mana maatii isaa baadiyyaa deeme. Iddoon isaan jiran kun magaalaa Baddeessaati ture kutaa 9rraa kaasee asitti barachaa ture, amma garuu iddoon maatiin isaanii jiran cinaa magaalaa baddeessaa kan karra seensa magaalaa galamsootirra taate ganda Odaa Roobaa jedhamtu deeme. Akkuma inni as maatii isaa bira deemee guyyaa lammataa naannoo gara sa'aatii 11tti bilbila caaliitiin isaaf bilbilte Meetoon. Baayyee waliin haasawanii baayyees waliin taphatan. Tapha kana keessa Meetoon akka isa dhabuu hin dandeenye itti himtee dafii deebi'i si yaadee jetteen. Yeroo kana innis jaalala ishee baruun ishee simatuun of qopheesseera. Sabaafis akkuma isheen jetteen guyyama itti aanu kana gara magaalattii deebi'uun isheen wal argan. Wal arganiis sabaaf dafee fedhii jaalala isaa isheef ibsachuu hin dandeenye.
Haala kana keessa otoo jiranii guyyaa tokko ganama akkuma inni isaan bira dhufeen mobaayila isaa irraa fuute. Innis osoo isherraa hin fudhatin isumarratti dhiisuun gara iddoo dubbisaa isaa dhaqe. Sabaaf ofiif jaalachuu baatullee nama isa jaalatu takka ni qaba ture. Isheenis 'Hawwii' jedhamti. Yeroo kana Hawwiin sabaafiif bilbilte kan jalaa kaase sabaaf otoo hin taane Meetoodha. Meetoonis yeroo maqaa nama bilbilee kana ilaaltu Hawwii jedha. Meetoon erga xiqqoo waliin dubbattee silkii irratti cufte. Meetoon yaaddoftee jirti, edaa ani jaaladhee hin argadhuu ofiin jette...


Kutaa 5ffaan
Itti fufa...

Barreessaan:-.........
Admin @Shaminasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@orolovechats
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~MEETOO~~~~~
.........Kutaa 5ffaa....

Dursa Kutaa 1,2,3fi 4ffaa dubbisaa.

...Meetoon yaaddoftee jirti, edaa ani jaaladhee hin argadhuu ofiin jette. Meetoon amma dura takka nama jaalattee hin beektu, sabaaf jaalachuun isheef jaalala jalqabaati kanaafidha isheef haarawa waan ta'eef kan rifattee akkana jetteef.
Hawwiin sabaafiin jaalattullee inni garuu jaalala dura barnoota jedhee waan amanuuf durumaa isheef bakka kennee hin turre. Amma garuu jaalalli Meetoo onnee isaa dhahee jira. Kan inni yaadaa jirus Meetoo waliin wal argee akkamitti jaalala dhugaa waliif ibsuun gara kaayyoo keenyaa seenna kan jedhudha. Meetoon garuu wanti silkii isaarratti ishee mudatte ishee mataa dhukkubsee jira. Isheenis garaa jaalalaa kan jaalala miidhame sana kichuu akka waan mataa kutanitti bifa aarii rifaatuu qabuun isa eegaa jirti. Innis galgala dhufe, Meetoon tan ijji ishee ofitti nama harkisu amma imimmaaniin guutamtee gara isaa dhufte. Dhuftees waan jettuun wallaalte, innis "maali maal taate Meetoo maaliif akkana taataa" jedheen. Isheenis "silkuma kee narra qabi anatu rakkoo qaba duruu" jechuun bilbilaa isaa isatti darbite. Innis ni nahe, waan jedhu wallaale. Isheen akkasumatti ofirra garagaluun gara mana isaanii ol seente. Innis rifaatuu isaaf Meetoon maal akka taate nama gaafatus dhabe, isherraa baruufis isheerraa karaa hin arganne. Sabaaf jaalalli Meetoo amma onnee isaa lixuus garuu Meetoon dogoggora sanaan isarraa fuula deeffatuuf dhiphatteerti.
Garuu Meetoon daftee nama yeroo jalqabaaf onnee ishee fuudhe kana abdii irraa kutuu dura tooftaa tokko baafatte, deemtee Hawwiin eenyu akka taate baruu filatte. Kanaaf kan isheen jalqaba gaafattes Caaliidha. Caaliinis Hawwii waan beeytuuf itti himte. Hawwiin garuu Caaliifaa bira waan dhuftuuf Meetoo ni beeyti ture. Meetoonis achiin Hawwii qaamaanis barte. Yeroo kana Sabaaf jaalala Hawwii waan hin qabneef harka ofii jala galfachuuf Hawwiin galgalas Caaliifaa bira dhuftee bulti, garuu sabaaf waan fuula dhoowwateef hiriyaa Sabaaf kan ta'e tokko jaala deddeemuu eegalteet jirti hawwiin. Kana kan gooteefis akka Sabaaf hinaafee ishee jaalatuufi ammas sabaaf Meetoo jaalachuu hin oolu waan jedhu shakkuun achiin isa jeeqa waan jedhu yaaddeetu, garuu kun daranuu isa waan aarseef jibbiinsi inni isheef qabu dabale. Kana guyyaa tokko otoo inni Caaliifi Meetoofaa qayyabachiisaa jiruu gurbaa hiriyaa ishee tura kanaa walin mana caaliifaa qabattee itti dhufte. Yeroo kana inni baayyee arrabsuun akka isheen deebitee Caaliifaa bira hin dhufne itti hime. Kana keessa Meetoon wantoota ta'aa jiru laaluun akka sabaaf ishee hin jaalanne barte. Kanaaf Meetoon amma waan sabaafiin hamilee isaa gammachiisaa hojjechuu itti fufte.
Otoo jedhanii Sabaaf Meetoo akka isa jaalatte afaan isheerraa adda baruuf murteesse. Innis ganama tokko gara mana ollaa isaanii tokkotti ishee waame, isheenis dhuftee fuula isaa dura teesse... #ITTI_FUFA.

Guyyaarraa akkan isinii maxxansu yoo barbaaddan hiriyootakee itti affeeri, dabalataanis πŸ‘ godhuun hamilee koo na jajjabeessaa!.

Barreessaan;-.......
Admin-@Shaminasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@dmwaamaraa
πŸ’₯SHAREπŸ’₯
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~MEETOO~~~~~~

..........Kutaa 6ffaa.........

...Meetoon dhuftee sabaafiin fuula isaa dura teesse. Isheenis "maali maaliif na waamte" netteen, yeroo kana Sabaaf callisee hamma sekondii 30 takkaf ija ishee keessa ilaale. Yeroo kana Meetoon onneen ishee isa waan dadhabdeef "Sabakoo ati rabbiin gaafa si uumu na bareechi jettee gaafattemoo" jetteen. Sabaafis deebisee "Meetoo koo ati bar waan ani yaadee dhufu ana dura beektaa, garuu gaafii kee otoo siif hin deebifne waa si gaafachuun fedha" jedheen. Isheenis "hayyee waan barbaaddeef gaafadhu an siif jira" jetteen. Sabaafis harra waa sirraa baruufani, haalli kee kun baayyee waan marareef onneen koo siin butame natti fakkaatte. Kanaaf sijaaladheera waan ta'eef na jaalachuukeen mirkaneeffachuu barbaade" jedheen. Meetoon ni naate, garaa isheetu qabbanaahe. Isheenis "Sabakoo an onneen koo erga siin booji'amee bubbuleera, baayyeen jaalala keetirraa miidhame, ati garuu ji'oota baayyee kana ana hin agarree mitii" jetteen. Sabaafis "si arguu dhabeeti miti Meetoo, yerotti ati daa'ima jaalalaaf ana ni barbaadda jedhee hin yaadne kanaafidha" jedheen. Isheenis "kunoo amma akkan sijaaladhu naaf bari, akka amma duraa osoon ani akkatti sijaaladhuu nama biraa jala hin deemin" jechuun namoota inni waliin taphatufi kan isa jaalatan dubbii qolaatiin akka dhiisu itti himte. Innis ishee jaalachuu isaa erga itti himee booda Hawwiis tahe nama biraa kan fuula kenneefi wajjiin akka jaalalaa dabarsan hunda isheef jedhee akka dhiisu itti himee, isheenis yoo namni ishee jaalatu kabiraa jiraate akka jaalala hamaa keessatti isa hin kuffisne itti dhaammate. Meetoon Sabaafiin waan baayyee jaalatteef keessattuu fuula isaa dura teessee homaa isa dhoksuu hin dandeenye. Nama isa dura ishee ija kaatefi eenyu akka tahes itti himtee garuu ofii akka hin jaalannes himteef. Dursa garuu otoo isheen nama ishee jaalate kana maqaa hin himiniif Sabaaf nama anaan sirritti walbeeknu yoo ta'e ani isaan wal dhaburra siin dhiisuu naaf wayya waan jedheeniif namni isheen amma itti himte kun sirrittis tahuu baatu nama isaan walbeekanidha.
Yeroo kana Sabaaf "Meetooyye ati isuma jaaladhu inni hiriyaa kootidha, walbeekna waan ta'eef inni natti mufachurra ana jechuun isa waan ta'eef isuma jaaladhu" jedheen ishee biraa akka lafaa olka'uu ta'e. Meetoon harka naasuu qabuun harka sabaaf qabdee akka isa biraa hin kaane dhoowwite. Harka isaa qabdee irratti didde, "Sabayyee ani simalee hin fedhu na dhiistee hin deemin" jetteen. Onneen sabaaf akka waan bishaan firiijii keessaa irratti naqanii qabbanoofte. Isheen harka isaa kan bitaa qabattee jilba isaarra miila ishee diriirsitee ija isaa keessa laalti. Sabaafis "Meetoo ani akka dhugaan ana jaalatten ilaala jedheeti malee siin dhiisee deemuu hin dandahu bar" jedheen. Meetoon gaammachuun of wallaalte, itti maramtee hammatte. Erga haala hedduu keessa turanii booda akka nama dammaquu tahanii ija keessa wal ilaaluu jalqaban, achumaan walittu seeqanii waadaa jaalalaa isaan lachuu harka wal qabachuun walmalee waliin jedhanii addaan galan.
Arra booda Sabaaf jaalala Meetootiin boji'amuu isaati. Kan dur Meetoon yeroo inni mana isaanii dhufu isuma arguuf dhiphattu amma immoo isatu akka isheen isa bira dhuftu hawwa. Jaalala kana kaa!. Meetoon hanga ammaa bilbila hin qabdu, kanaaf sabaaf qaamaan taa'ee ishee waliin haasahuudhaaf haalli waan isaaf hin mijanneef kichuu jaalala dhugaa tan onnee isaa keessatti magarte dagaagsuuf bilbiluma isaa irratti bifa 'text' ta'een barreessuun yeroo ishee bira gahu itti kennuun ergaa jaalalaa ishee waliin dabarfata.
Haala kana keessa osoo jiranii guyyaa tokko bakka dubbisa isaatti waame, Meetoonis otoo hin turin dhiqattee miidhagdee dhufte. Garuu Sabaaf hiriyaa isaa tokkoo waliin waan jiruuf Meetoon waan dhufteef bakka gahachuu dadhabdus sabaaf haala gaariin simatee suuta jechuun waa'ee jaalala isaa itti dhaammachuun sirba Aabbush Zallaqaa "itti herregee yaadee
ans si filadheeraa
Tan biraa hin barbaadu
Addunyaa tanarraa" jedhu sana affeeruun gaggeesse...
.
.
.
Itti fufa.

Yaadaaf:- @Shaminasir

@dhwalaloo
@dhwalaloo
@orolovechats
Forwarded from Dirree Aartii via @like
~~~~~~MEETOO~~~~~~

..........Kutaa 6ffaa.........

...Meetoon dhuftee sabaafiin fuula isaa dura teesse. Isheenis "maali maaliif na waamte" jetteen, yeroo kana Sabaaf callisee hamma sekondii 30 takkaf ija ishee keessa ilaale. Yeroo kana Meetoon onneen ishee isa waan dadhabdeef "Sabakoo ati rabbiin gaafa si uumu na bareechi jettee gaafattemoo" jetteen. Sabaafis deebisee "Meetoo koo ati bar waan ani yaadee dhufu ana dura beektaa, garuu gaafii kee otoo siif hin deebifne waa si gaafachuun fedha" jedheen. Isheenis "hayyee waan barbaaddeef gaafadhu an siif jira" jetteen. Sabaafis harra waa sirraa baruufani, haalli kee kun baayyee waan marareef onneen koo siin butame natti fakkaatte. Kanaaf sijaaladheera waan ta'eef na jaalachuukeen mirkaneeffachuu barbaade" jedheen. Meetoon ni naate, garaa isheetu qabbanaahe. Isheenis "Sabakoo an onneen koo erga siin booji'amee bubbuleera, baayyeen jaalala keetirraa miidhame, ati garuu ji'oota baayyee kana ana hin agarree mitii" jetteen. Sabaafis "si arguu dhabeeti miti Meetoo, yerotti ati daa'ima jaalalaaf ana ni barbaadda jedhee hin yaadne kanaafidha" jedheen. Isheenis "kunoo amma akkan sijaaladhu naaf bari, akka amma duraa osoon ani akkatti sijaaladhuu nama biraa jala hin deemin" jechuun namoota inni waliin taphatufi kan isa jaalatan dubbii qolaatiin akka dhiisu itti himte. Innis ishee jaalachuu isaa erga itti himee booda Hawwiis tahe nama biraa kan fuula kenneefi wajjiin akka jaalalaa dabarsan hunda isheef jedhee akka dhiisu itti himee, isheenis yoo namni ishee jaalatu kabiraa jiraate akka jaalala hamaa keessatti isa hin kuffisne itti dhaammate. Meetoon Sabaafiin waan baayyee jaalatteef keessattuu fuula isaa dura teessee homaa isa dhoksuu hin dandeenye. Nama isa dura ishee ija kaatefi eenyu akka tahes itti himtee garuu ofii akka hin jaalannes himteef. Dursa garuu otoo isheen nama ishee jaalate kana maqaa hin himiniif Sabaaf nama anaan sirritti walbeeknu yoo ta'e ani isaan wal dhaburra siin dhiisuu naaf wayya waan jedheeniif namni isheen amma itti himte kun sirrittis tahuu baatu nama isaan walbeekanidha.
Yeroo kana Sabaaf "Meetooyye ati isuma jaaladhu inni hiriyaa kootidha, walbeekna waan ta'eef inni natti mufachurra ana jechuun isa waan ta'eef isuma jaaladhu" jedheen ishee biraa akka lafaa olka'uu ta'e. Meetoon harka naasuu qabuun harka sabaaf qabdee akka isa biraa hin kaane dhoowwite. Harka isaa qabdee irratti didde, "Sabayyee ani simalee hin fedhu na dhiistee hin deemin" jetteen. Onneen sabaaf akka waan bishaan firiijii keessaa irratti naqanii qabbanoofte. Isheen harka isaa kan bitaa qabattee jilba isaarra miila ishee diriirsitee ija isaa keessa laalti. Sabaafis "Meetoo ani akka dhugaan ana jaalatten ilaala jedheeti malee siin dhiisee deemuu hin dandahu bar" jedheen. Meetoon gaammachuun of wallaalte, itti maramtee hammatte. Erga haala hedduu keessa turanii booda akka nama dammaquu tahanii ija keessa wal ilaaluu jalqaban, achumaan walittu seeqanii waadaa jaalalaa isaan lachuu harka wal qabachuun walmalee waliin jedhanii addaan galan.
Arra booda Sabaaf jaalala Meetootiin boji'amuu isaati. Kan dur Meetoon yeroo inni mana isaanii dhufu isuma arguuf dhiphattu amma immoo isatu akka isheen isa bira dhuftu hawwa. Jaalala kana kaa!. Meetoon hanga ammaa bilbila hin qabdu, kanaaf sabaaf qaamaan taa'ee ishee waliin haasahuudhaaf haalli waan isaaf hin mijanneef kichuu jaalala dhugaa tan onnee isaa keessatti magarte dagaagsuuf bilbiluma isaa irratti bifa 'text' ta'een barreessuun yeroo ishee bira gahu itti kennuun ergaa jaalalaa ishee waliin dabarfata.
Haala kana keessa osoo jiranii guyyaa tokko bakka dubbisa isaatti waame, Meetoonis otoo hin turin dhiqattee miidhagdee dhufte. Garuu Sabaaf hiriyaa isaa tokkoo waliin waan jiruuf Meetoon waan dhufteef bakka gahachuu dadhabdus sabaaf haala gaariin simatee suuta jechuun waa'ee jaalala isaa itti dhaammachuun sirba Aabbush Zallaqaa "itti herregee yaadee
ans si filadheeraa
Tan biraa hin barbaadu
Addunyaa tanarraa" jedhu sana affeeruun gaggeesse...
.
.
.
Itti fufa.

Yaadaaf:- @Shaminasir
❀️❀️❀️❀️❀️❀️
@dhwalaloo
@dhwalaloo
@orolovechats
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
Jirra jirtuu jarana
Firaaf Hiriyaan keenyaa
"Maaliif baddan" jettanii
Nun gaafatinaa Beenyaa

Jirra nu galatasaa
hamaan jiraa haa dhabamuu
Ofiisaaf haa simatu
Xiyya nurratti Aggaamuu...
Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
Forwarded from Galaana Walaloo (Umer Abdela)
#SAMMUUN_JAALALA_YAADU
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Qabeenyaafi fageenyaan
Jaalalli hin safaramuu
Gaafa dura uumame
Harka qullaadhaam namuu
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Kaayyoodhaan jijjiiramaam
Karooraan dabaalamee
Hundumtuu seenaa ta'aam
Jaalalaan Awwaalamee
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Rakkinni homtuu hin jiru
Akka jabbiitti gu'aa
Gaafa jaalalli margus
Gadoon rifatee du'aa
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Namni sammuun hiyyoome
Jaalala ni meelessaa
Kan qabuyyuu dhiphisee
Itti hasaasee beelessaa
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Gamni jaalala elmee
Qabee milkii qoraasaa
Albaadhessi kokkolfaa
Godoo cubbuu ol kaasaa
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Sammuun jaalala yaadu
Eessasaatu hiyyeessaa?
Farda farra gammachuu
Malaan qabee kiyyeessaa
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Warri jaalala hin beekne
Okolee jibbaa guutaa
Har'a ka'ee har'a miti
Gaabbiin isaammoo suutaa
πŸ’žπŸ’ƒπŸ•ΊπŸ‘«πŸƒβ€β™€πŸšΆβ€β™‚πŸ‘¬πŸ’ž
Horaa Bulaa!
Liinkii kana Tuquun πŸ‘‰@Abdiifan , Seentanii Join gootanii Chaaneelii Keenya Galaana Walaloo Jedhu Hordofuun irraa Barachuuf itti Bohaaruu Dandeessu! Yaada Qabdaniif πŸ‘‰@UmerAbdela
2024/06/29 12:53:24
Back to Top
HTML Embed Code: