Telegram Web
SIRNA KABAJA HUNDEEFFAMA WAGGAA 5FFAA

Isa haala hundumaa keessatti nama gargaaru, Waaqayyoof galaanni guddaan haa ta’u! Adeemsa waggoota shanan darban kana keessatti maatiin, hiriyoonniifi namoonni keennaa Waaqaa taatan na bira dhaabachuun na deggeraa turtan hundumtuu guddaa galatoomaa, mul’atni keessan isiniif haa milkaa’u! Addatti namoonni jibbaafi inaaffaarraa ka'uun hamaa gurguddaa nurratti yaaddaniifi raawwachuuf yaaltan, maqa-balleessiif garee jibbaa qindeessuun hamma humna keessanii nu miidhuuf hojjecha turtan, milkaa’ina dhaabbata keenyaa keessatti ga'e guddaa waan taphattaniif hedduu galatoomaa!

Adeemsi waggaa shanii kun hedduu ulfaataafi kan nama nuffisiisu ta'us, humnaafi jajjabina Waaqayyo nuuf kenneen as geenyeerra. Hundeeffama dhaabbata keenyaa leenjitoota marsaa 10ffaa wajjiiniin haala ajaa’iban kabajne; rakkoowwan kaayyoo ofii milkeessuu keessatti nama mudatu, jireenya dabarsinerraa qoodneefii, Induustirii Aartii Oromoo keessatti akkamitti akka dhiibbaa uumaan kallattii laannee, yoo Waaqayyo jedhe sirna kabaja hundeeffama waggaa 10ffaarratti hundumtuu milkaa’ee, hore ijoollee isaa wajjiin akka deebine wal-arginuuf wal-eebbisnee addaan baane!
Sirna kabaja hundeeffama waggaa 5ffaa suuraan!
Bidiru Art Institute pinned «SIRNA KABAJA HUNDEEFFAMA WAGGAA 5FFAA Isa haala hundumaa keessatti nama gargaaru, Waaqayyoof galaanni guddaan haa ta’u! Adeemsa waggoota shanan darban kana keessatti maatiin, hiriyoonniifi namoonni keennaa Waaqaa taatan na bira dhaabachuun na deggeraa turtan…»
Sirna kabaja hundeeffama waggaa 5ffaa.
Waaqni kan waggaa 10ffaan nu haa ga'u!
# 2016_SUMMER_COURSE
Inistiitiyuutiin Aartii Bidiruu damee Naqamtee, leenjii gannaaf ogummaawwan armaan gadi irratti galmee eegale jira.
1. Leenjii Ogummaa Fiilmii
- Taatummaa Fiilmii( Film Acting)
- Barruu Fiilmii(Script Writing)
- Qopheessummaa Fiilmii( Directing For Film)
2. Leenjii Ogummaa Kaameeraa
- Viidiyoo waraabuu (Videography)
- Suuraa kaasuu (Photography)
3. Leenjii Ogummaa Iditiingii
- Iditiingii Viidiyoo (Video Editing)
- Iditiingii Suuraa/Footoo (Photo Editing)
4. Leenjii Ogummaa Kompitaraa
- Basic Computer Skill/ICT
5. Leenjii Ogummaa Gaazexeessummaa
- TV & Radio Host (Journalism)
6. Engineering Software ( AutoCad,Revit, Archi Cad )
# Yeroo_Leenjii:-
1. Idileen (Regular)
2. Galgala (Night),
3. Dhuma-Torbee(Weekend)
#Bakki_Galmee:- Biiroo Inistiitiyuutii Aartii Bidiruu( Naannoo Kabalee 07/ Sheeli- Gamoo Geejibaa darbee)
#Odeeffannoo_dabalataaf:- 0910117973 / 0925794246
#BIDIRU_ART_INSTITUTE
# Meet_Your_Passion_here.
(Bakka itti abjuu keessan dhugoomsitan!)
#2016_SUMMER_COURSE
Leenjitoota Gannaaf simannaan taasifameera!
Galmeen amma iyyuu itti fufee waan jiruuf koottaa galmaa’aa!

Inistiitiyuutii Aartii Bidiruu- Bakka itti abjuu keessan dhugoomsitan!
#0910117973/0925794246
#Bidiru_Art_Institute
# Meet_Your_Passion_here.
2024/06/30 22:21:45
Back to Top
HTML Embed Code: