tgoop.com/bishaara_4/2092
Last Update:
Karoorri qabattee manaa baate galma sii gahuu dandaha,garuu immoo,imala kufaatii tahuu malaa irra deebi,ii laali.
Eeeee!
Barattoonni afurii wal-gahanii,barsiisaa isaanii soban,qormaata seenuuf qophii gahaa waan hin godhiniif jecha,mala baasanii barsiisatti bilbilan.
Barsiisaa isaaniitiin,yaa barsiisaa keenna,osoo qormaataaf dhufaa jirru,konkolaataan yaabbanne nu harkaa dhaabbate waan taheef,qormaata har'aa dhaqqabuu hin dandeennu,rakkoo irra jirra jedhanii itti bilbilan.
Barsiisaan isaanii erga dhaggeffate booda,hayyee guyyaa qormaataa isinii jijjiiree jira,torbaan dhufu qoramuu dandeettu jedheenii dhiise.
Torbaanitti warra guyyaa sana qoramerraa gaafii sirritti funaananii,deebii qo'atanii,abshaalahanii dhufan.
barsiisaan hunda isaanii nagaa gaafatee,kutaa adda addaa seensisee,waraqaa qormaataa itti raabse.
Gaafiin qormaatichaas akkas jedha turee argi!
Torbee gafa konkolaataan yaabbattan isin jalaa rakkatte sana,maqaa konkolaataa yaabbattanii himi,halluu konkolaataa sanaa ibsi,baayyina nama isin wajji konkolaataa keessa jiruu himi,saa'aa konkolaataan itti rakkoo keessa galtee himi,bifaafi hojjaa dheerina konkolaachisaa sanaa ibsi,daandii konkolaataan irratti dhaabbatte ibsi,yoo gaaffii keessaniif deebii wal-fakkaataa deebisuu baattan, hundi keessanuu kuftanii jirtuu beeki jedha.
Yaaa!
walii galanii soban malee,walqixa dhugaa jirtu ibsuu waan hin dandahiniif,hunduu wal_fudhatanii kufan.
Jaaloo
Kan si wajji sobe hundi,si wajji daandii dheeraa qaxxaamura seetee dhugaa irraa hin maqin,inni har'a siif rage,boru sirratti raguun isaa shakkii tokko hin qabuu beeki,imala kee gabaabsataa deemi malee,konkolaataa dogongoraa yaabbatte taanaan,daftee irraa bu'uu baradhu.
Nyaata hin bilchaatin irra,sammuu hin bilchaatintu summiidha.
BY Bisharo Abdi official (Suheyla)
Share with your friend now:
tgoop.com/bishaara_4/2092