tgoop.com/bishaara_4/2225
Last Update:
Mataa keetii wajjiin qabsaawi!!
Qabsoon jabduun kan mataa ifiitii wajjiin qabsaawaniidha. Kan mataa keetii wajjiin qabsooytuutu qabsoo jabduu ja'ama. Bakka yaadde san gahuuf yoo mataa keeti waliin qabsooyteedha. Nama meeqaatu osuma fedhii isaa jala daddeemu kaayyoo isaa biraa hafe, nama meeqa kan mataa isaatii wajjiin qabsaa'ummaan tunuu galuufii diddee jireenya isaan hin malle keessatti kufe. Qabsoo hoggaa ja'an qawwee fudhatanii diinaan loluu qofaa miti; mataan kee kun yoo ati itti fayyadama wallaalte diina kee sitti taha, akkasitti beeka. Ee matuma keetiin baana. Yoo itti qabsooytee kaayyoo kiyya biraaniin gaha jattee murattee lafaa kaate ammoo diina kee osoo hin ta'in daandi guddina jireenya keeti siif ta'a.
Beekkumsa, durummaa, beekkamtiis tehee wantoota kan kan fakkaatan argachuuf hawwita. Garuu taa'anii hawwuu qoftiin akka wanti Kuni tokko hin dhufne numa beeyta. Qabsootti yoo kan galtu taate ammoo yaadoota teessee hawwaa turte san hojiin ni guy-tokko numa mirkanneessita.
Yeroo hedduu akka abjuu qabdu dubbatta maaliif hin qabsooyne ree...!? Abjuu tee dhugoomauu yoo barbaadde (Fight for your dreams) qabaachuu kee bartee jirta taanaan milkeessuuf ifaaji.
Arra ati if laali mee sadarkaa akkam irra jirta ? Sadarkaa Kam irra gahuu barbaadda ? Abjuu ni qabdaa ? Milkeesuuf hoo hawwii ni qabdaa ? Maal godha ree hawwuu qoftiin yoo mataa keetii waliin hin qabsooyne, bu'aa bahii guddaa keessa dabrteeti wanta armaan oliitti si gaafadhe sanitti gahuu dandeessa. Kanaaf mataa keenya waliin qabsaa'uun galma barbaanne san biraan nu gehaa!!
Teesse hawwuu miti, sossohii hojiin mullisi!!🫡
Join👇
@bishaara_4
BY Bisharo Abdi official (Suheyla)
Share with your friend now:
tgoop.com/bishaara_4/2225