Warning: Undefined array key 0 in /var/www/tgoop/function.php on line 65

Warning: Trying to access array offset on value of type null in /var/www/tgoop/function.php on line 65
- Telegram Web
Telegram Web
Hojii teetitti amani !

Yeroo hundaahuu hojii teetti amanuu qabda. Shabaabummaan yeroo itti humna qabdu waan ta'eef, humna tee bakka hin taanetti hin qisaasin. Yeroo qabdu hunda hojiidhaan dabarsi.

Sa'aatii 24 qabna. Ummata adii(Faranjii) fi ummata gurraachaaniis waluma qixa qabna. Kuni kennaa Rabbiin kheenya {S.W} wal qixxeysee nuuf kenneedha. Garaagarummaa kan uumu garuu akkaataa nuti itti fayyadamnu qofa.
Dubartii...... Sadi👇

1, Hisaabaa ala shaashaa jachuu feeti, wanti isiin yaadduufii wanti isii gammachisu shaashaa jachuu qofa. Waan biraa takkafillee xiyyeeyfanna kana caalu hin kannitu. Ilmaan yeroo dhaltees(deeysees) akkaatuma isaan shaashaa itti ja'aniifii uffata babbareedaa uffatanii ilmaan gandaa irra boonanii ittiin mullatan #qofaatu isii yaachisa.

2, Hedduu Rabbiin gabbarti, waan biraa takkallee "0"n baayyistee jirti, soomanuu, salaatuu, zikrii godhuu yaaddi yeroo cufa. Abbaa mana isii kana jiraachuu isaatuu dagachuu feeti. Jannata santu isitti mullata. Barnoota haqa abbaa manaa hin baranne. Abbaan manaa akkaataa isii irraa hedduu wanti fadhii isaarraa itti hanqate akka jirutti yaada.

3, Allaahaa haalaan qaalii gooti, wanta halaal malee wanti haraam takkalleen akka jireenya isiitti hin seenneef waan dandeeysu gooti. Haqa abbaa mana isii seeraan barattee jirti, itti daleeydiisi . Yeroo abbaa mana isiitii waliin yeroo waliif kannanii gad taa'an haalaan isa bashannansiifti, isa gammachiisuuf waan hunda ni gooti, yeroo inni haraamatti isii yaame dura dhaabbatti. "Beelaan manatti haa dhumnuu malee qarshii haraamaa nutti hin fidin" jattiin. Yoo hojii dhabee Rakkate harka qullaa manatti gale illee isiitu na cinqa jachuu irraa hin sodaatu, sodaa isiitiif haraamatti hin Seenu. Amaluma isiitiin "logica" isaa keeysatti eyduu itti goote, ta ijaan hin mullanee😅
Yeroo cufa gammadaadha.... Dubartiin yeroo ilmii barattee, waan baratte sanitti hojjattee Rabbii isii sodaatte haala kana horatti. Dubartii faxina akkanaa tana odoo isiin dhokhattee boolla keessa jiraatte illee inni(Allaahaan) waa hunda quba qabu hiree isii ni bareechaaf Insha'Allah🥰

🎙️....@alfalahdawagrp🍃
Karoorri qabattee manaa baate galma sii gahuu dandaha,garuu immoo,imala kufaatii tahuu malaa irra deebi,ii laali.

Eeeee!
Barattoonni afurii wal-gahanii,barsiisaa isaanii soban,qormaata seenuuf qophii gahaa waan hin godhiniif jecha,mala baasanii barsiisatti bilbilan.

Barsiisaa isaaniitiin,yaa barsiisaa keenna,osoo qormaataaf dhufaa jirru,konkolaataan yaabbanne nu harkaa dhaabbate waan taheef,qormaata har'aa dhaqqabuu hin dandeennu,rakkoo irra jirra jedhanii itti bilbilan.

Barsiisaan isaanii erga dhaggeffate booda,hayyee guyyaa qormaataa isinii jijjiiree jira,torbaan dhufu qoramuu dandeettu jedheenii dhiise.

Torbaanitti warra guyyaa sana qoramerraa gaafii sirritti funaananii,deebii qo'atanii,abshaalahanii dhufan.

barsiisaan hunda isaanii nagaa gaafatee,kutaa adda addaa seensisee,waraqaa qormaataa itti raabse.

Gaafiin qormaatichaas akkas jedha turee argi!
Torbee gafa konkolaataan yaabbattan isin jalaa rakkatte sana,maqaa konkolaataa yaabbattanii himi,halluu konkolaataa sanaa ibsi,baayyina nama isin wajji konkolaataa keessa jiruu himi,saa'aa konkolaataan itti rakkoo keessa galtee himi,bifaafi hojjaa dheerina konkolaachisaa sanaa ibsi,daandii konkolaataan irratti dhaabbatte ibsi,yoo gaaffii keessaniif deebii wal-fakkaataa deebisuu baattan, hundi keessanuu kuftanii jirtuu beeki jedha.

Yaaa!
walii galanii soban malee,walqixa dhugaa jirtu ibsuu waan hin dandahiniif,hunduu wal_fudhatanii kufan.

Jaaloo
Kan si wajji sobe hundi,si wajji daandii dheeraa qaxxaamura seetee dhugaa irraa hin maqin,inni har'a siif rage,boru sirratti raguun isaa shakkii tokko hin qabuu beeki,imala kee gabaabsataa deemi malee,konkolaataa dogongoraa yaabbatte taanaan,daftee irraa bu'uu baradhu.

Nyaata hin bilchaatin irra,sammuu hin bilchaatintu summiidha.
2024/11/29 11:00:39
Back to Top
HTML Embed Code: