Telegram Web
Waamtee na gorfachuuf
Kharaan si dheeratee.
Akkam na hamachuuf
Haalli siif mijatee?

Na wajjiin jiraachaa
Dhibdee anaaf laattee.
Sobdee fakkeyfachaa
Summii na waraantee.

Khaniin sitti himeef
Iccitti koo sana
Akka baaftuuf mitii
Beeki yaa namana.

Meeqa jechaa oola
Hiriyaan yoo ganu.
Ja'ii of gaafadhu
Amanamaa anuu.?

Amanamaa tanaan
Rabbiin sin salphisuu.
Xiyyi adawwiidhaa
Abad sin rakkisu.

YOO SI Tolte lake coment godhi
        JOIN GODHAA ๐Ÿ™
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰@Hamdi_abdujabar
โœ@Ammaar_Mohaammad
#Singitan๐Ÿ’žYOOMUU
::::::::::::::::::::::::::::::::
Singitan๐Ÿ’žyomuu
Situ hunda caalaa.
Arraaf boru illee
Enyuun siin madaala.

Hawwii koo fulduraa
Asheeta koo tiruu.
Si Arkachuun achi
Wanni hafe hin jiruu.

WALAAKKA duniyaaf
Imaanaa guttachuu.
An Jiraachuun hawwe
Jireenya gammachuu

#HAWWII_FULDURAA....
 
Join fi Shere....
๐Ÿ‘‰@Hamdi_abdujabar
โœ@Ammaar_mohaammad
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
#JAALALA_GAR_GAR_MURE
๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”๐Ÿ’”

Jecha naamatu
Maqaa koo balleesse.
Gocha namaatuu
Onnee koo madeessee.

Kijiba naamaatu
Fanjii nattii dhoosee.
Gara wal jaalatu
Gargar nu fageesse.

Soba dhuga godhee
Tabba dharaa guutee.
Jalala kichuu san
Muree gar gar kutee.

Dhugaan ni mullatti
Akkatti waan hafu
Hundaaf rabbii jira
Kan nuuf garaa laafu.

JOIN GODHAA ๐Ÿ™
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰@hamdi_abdujabar
โœ@Ammaar_mohaammad
Forwarded from Ammaar WALALOOโœ๏ธ (Ammaar WALALOO)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Karoorri kee maali
Naaf ibsitaa laataa?
Gaariif moo hamaafi
Maaf itti rarraataa?
Murteessuun ni cima
Kan taaโ€™ee yaaduufi
Harkistee buusuuf moo
Qabattee yaabuufii?

Ayii hiriyaa koo....
Jiruun sii ballataa
Kaznaa birrii guutaa.
Gamoos balloo jaartaa.
Yabbiis ni arkattaa.

Kan feetee galchitaa
Kan feetee Ariitaa.
Rakkana lagatta.
Quufuma arkatta.

Tan feete filattee
Dubartiis ni fuutaa.
Hanga feetee turtuus.
Garuu irraa duuta

Irraa duuta hbb hbbt Ibaada jabeeysi.
Ta yoo dutellee si jalaa hin hafne.

      JOIN GODHAA ๐Ÿ™
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
โœ@Ammaar_Mohaammad
๐Ÿ‘‰@hamdi_abdujabar
Forwarded from Ammaar WALALOOโœ๏ธ (Ammaar WALALOO)
HAATI RAKKOO DESSE
AMMAAS ULFA JA'ANII?

DHAGEEYSANII ISIN
๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚
Gatii kiyya nan beeka!
~~
Natti tolee gammadee
Rakkaadheefis hin boo'u
Nan beeka hundumattuu
Haalaaf barri nan moo'u

Herreega koo nan beeka
Hubadhee hagan baasu
Jette jetteen namootaa
Gonkumayyuu nan raasu

Galma Guddaa dhaqqabuuf
Osoon joorsuu miila koo
Gonkumaa gara galee
Hin odeessu  jiila koo

Gatii kiyyan tilmaamin
Osoo nan beekin teessee
Tarii naan hin maadaalu
Gatiin ati naaf keessee ...

Gatii X fakkeessitee
Herreegnaan siifin ba'uu
Dhimma koo anaaf dhiisi
An beekaa amman ga'uu

Dhimmi kee osoo jiruu
Kan kiyya maaf si jeeqaa ?
Kanuma kee tilmaami
An gatii kan koo nan beekaa!

๐Ÿ‘‰@Ammaar_mohaammad
๐Ÿ‘‰@Hamdi_abdujabar
RABBII KIYYA JABAA

Caala Raaji dhibbaa
Motii Angoo jabaa.
Gargaaraa Dadhabaa
Ani Sumaan qaba.

Motii nama ganne
Kan naman hifanne.
Gargaarsa barbaannee
Gama kee iyyannee.

Ati nuuf gahi mee
Rakkoo hundarrahuu.
Ati na gargarraan
An waa humaa tahuu๐Ÿฅฐ๐Ÿ’ž๐Ÿฅฐ๐Ÿฅฐ๐Ÿ’ฏ๐Ÿฅฐ


JECHI GAARIIN SADAQAADHA
@Ammaar_Mohaammad
@hamdi_abdujabar
Hubattuu kessoo koo
Antuu onnee tiyyaa.
Midhaga jiruu koo
Furtuu rakko tiyyaa.

Naaf jiraadhu lubbuu
Jalaatamtuu Antii.
Si dhabuu dandayuu
Jiraadhu habiibtii.

"Jettaami abjuun" Zaahira rabbi siif haa godhu.

Join godhaa
โœ@Ammaar_Mohaammad
๐Ÿ‘‰@Hamdi_abdujabar
Bakka feete jiraadhu
Rabbii kee sodaadhu.
TOLA saa simadhuu
Shukrii saa galfadhu.

Yooniifi feete
Gammachuun jiraachuu.
Yoomuu hin dagatiin
Inni siif jirachuu.

Namni rabbi qabu
Humaatuu daangesuu.
Gammadi Obboleysoo
Humaatu sin Cibsuu.

JOIN fi Shere godhi
๐Ÿ‘‰@Ammaar_Mohaammad
๐Ÿ‘‰@hamdi_abdujabar
Forwarded from Ammaar WALALOOโœ๏ธ (Ammaar WALALOO)
Garuu nama moo
๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ
Garuu namumaa moo
Beneensaan tokkomnee.
Akkamiin bineensaan
Biyya tokkoo taanee.

Bulguun nama nyaatti
Dur san kan dhageenye.
Edaanuu isaanii
Amma irra geenyee.

Ethiopian tuni
Hedduudha badhaatti.
Bineensa nama fakkatuus
Edaanuu ni qabdii.

Wly
Dubbiifuu hin toluu
Namni kana arkee.
Laata namuumaayii
Wly niin shakkee.

Garuu way fokkinaa
Wanuma akkasii.
Yaa rabbii bineensaan
Gar gar mee nu baasi.

        Salaalee
๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ˜ญ
@Ammaar_Mohaammad
@Ammaar_Mohaammad
"‏ุฃุณู…ุงุกู ู…ู‡ู„ุงู‹ ู…ุง ุนุดู‚ุชู ุณููˆุงูƒู
ุฅู„ุง ุฑูุฏูŠู†ุฉูŽ. ูˆุงู„ุฐูŠ ุณูˆู‘ุงูƒู

ุฅู† ู„ู… ุชุฎู†ู‘ูŠ ุงู„ุฐุงูƒุฑุงุชู ูุฅู†ู†ูŠ
ุฃุญุจุจุชู ุณู„ู…ู‰ ู‚ุจู„ ู…ุง ุฃู„ู‚ุงูƒู

ูˆุนุดู‚ุชู ุจุนุถ ุงู„ุทุงู„ุจุงุชู ูˆุฌุงุฑุฉู‹
ูƒุงู†ุช ุชูˆุงุนุฏู†ูŠ ุนู„ู‰ ุงู„ุดูู‘ุจุงูƒู

ุฃูŠุถุงู‹ ูˆุขู†ุณุฉ ุงู„ุนู„ูˆู… ูˆู‚ุจู„ู‡ุง
ุฌูˆุฑูŠุฉู‹ ุฎูู„ู‚ุชู’ ุจูู„ุง ุฃุดูˆุงูƒู

ูุฅุฐุง ุฃุจูŠุชู ููƒู„ู‡ู†ู‘ ุฑูˆุงุบุจูŒ
ูˆุฅุฐุง ุฑุถูŠุชู ููƒู„ู‡ู†ู‘ ูุฏุงูƒู"

_ุนุจุฏุงู„ู„ู‡ ุงู„ุนู„ูŠ

https://www.tgoop.com/Hamdi_abdujabar
https://www.tgoop.com/Hamdi_abdujabar
CR7 โค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธ
Namummaa...๐Ÿฅน๐Ÿฅน

https://www.tgoop.com/Hamdi_abdujabar
https://www.tgoop.com/Hamdi_abdujabar
Diliin bayyattee
Karaa na cufuu.
Dukkannii taatee
Eysan haa dhuufuu.

Rahmanni kankee
Waanarraan hafuu.
Dirqama narrattii
Toyba daddafuun.

Silaa akka koon
Lubbuu balleeysee.
Sheyxannii darbee
Qilee na gaaeysee.

Namniis na jibbee
Firraa na dheysee.
Madaa ibliisiirratti
Daraan na madeeysee.

""Koooottuu gama koo
Yaaa   gabrichaa.
Ja'ee Kan na waame
Rahmaan koo si bichaa.

Yaa Allaah
๐Ÿ‘‰@hamdi_abdujabar
โœ@Ammaar_Mohaammad
Forwarded from Ammaar WALALOOโœ๏ธ (Ammaar WALALOO)
Uffanni xuraa'ee
Haalaal carraaqachuu.
Gonkuma qanfati
Kun niุนma arkachuu.

Babbareeffatte
Harkaa namaa eeguu.
Kanaatu salphinaa
Jiraan jiruun deegu.

Hin qaanfatin haalaliif dhoqqahu Saahibii
JION GODHAA
@Ammaar_Mohaammad
@Ammaar_Mohaammad
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
#Lingua _Pro_English_privet_school

Iddon ๐Ÿ“ Mana barumsa lagahare sadarka 1ffaa fi 2ffaa keessaa.

Galmee egale jirra
Sa'a barnota  sa'a 11 irra hanga sa'a 12 fi cina  shiftin lammaffa sa'a 12 fi cina irra hanga sa'a 2    odeffanno dabalataf  :- 0901337250 or
                          0936160122
Forwarded from Ammaar WALALOOโœ๏ธ (Ammaar WALALOO)
Ol baasen himadhu
Keysi kiyya boohaa.
Imimmaan jaalala
Mallaarra na looha.

Osoon si jaaladhu
Seenaa kee dhageenyaan.
Qabachuu dadhaabee
Siif cobsee imimmaan.

Hangaan ibsadhurraan
Jaalala siif qabaa.
Jaalala dangoynee
Lubbuun dhaan siif dhabaa.

Sumaaf wareegamtii
Xaahaa onneen tiyya.
Siif fidaa godheera
Yaa Habiibii kiyya.

ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ู…ุญู…ุฏ ูˆุนู„ู‰ ุขู„ู‡ ูˆุตุญุจู‡ ุฃุฌู…ุนูŠู†
2025/07/05 02:16:39
Back to Top
HTML Embed Code: