Forwarded from Hamdi abdujabar
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
Omishuuf dhaloota
Eenyumma ofii beekhuu
Khan arra jiraata
Boru nuuf akheekhuu
Eeysaan khaane khalee
Arra eeysan cabnee
Dubbisuudha malee
Nuti mee maal dhabnee
Join π
@bishaara_4
Eenyumma ofii beekhuu
Khan arra jiraata
Boru nuuf akheekhuu
Eeysaan khaane khalee
Arra eeysan cabnee
Dubbisuudha malee
Nuti mee maal dhabnee
Join π
@bishaara_4
Forwarded from Hamdi abdujabar
CR7 CR7 CR7
Siiiuuuuu!
Namni jaalattu β€οΈ
@hamdi_abdujabar
@hamdi_abdujabar
ππππππππ
Join & share
Siiiuuuuu!
Namni jaalattu β€οΈ
@hamdi_abdujabar
@hamdi_abdujabar
ππππππππ
Join & share
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
Addunyaan jaaladhu keessa namootaan an akkaan jaaladhu hedduutu jira, addunyaa bariif dhiiti isii natti toltu keessa namoota haalaan natti tolantu jira. Jiraachuu koo akkaan jaaladhu kan na godhan, yeroo dadhabina koo argan jajjabina kan naaf tahan. Yeroo khufuuf ka'etti kan na deeggaran, namoota gaarii hedduutu jira. Ati isaan keessa nama tokkoo siin dinqisiifadha akkasuma hedduun si jaaladhaa.β€οΈ
Jaalalti miidhaa miti
Miidhagina malee !π₯°
Join
@bishaara_4
Jaalalti miidhaa miti
Miidhagina malee !π₯°
Join
@bishaara_4
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
Hojii teetitti amani !
Yeroo hundaahuu hojii teetti amanuu qabda. Shabaabummaan yeroo itti humna qabdu waan ta'eef, humna tee bakka hin taanetti hin qisaasin. Yeroo qabdu hunda hojiidhaan dabarsi.
Sa'aatii 24 qabna. Ummata adii(Faranjii) fi ummata gurraachaaniis waluma qixa qabna. Kuni kennaa Rabbiin kheenya {S.W} wal qixxeysee nuuf kenneedha. Garaagarummaa kan uumu garuu akkaataa nuti itti fayyadamnu qofa.

Oduu gammachisaa jiraattoota magalaa jaalala Dirree Dhawaa maraaf markazni keenya markazni nuru Shamsii firii laffaati waggaa guutu itti laffa'aa ture Eeyibisee As baasuf halduree isaa hunda xumuree jira Hunda kenya Akka dhufnee ijoollee Abdii boru taate tana Akka walin Eeybisnuf guyyaa Alhadaa jechunis 9/6/2017 galma mana barnoota Addisuuti Isin Eegaa jira hin Hafinaa khottaa walin ha Eeybisnuu
@hamdi_abdujabar
@hamdi_abdujabar
@hamdi_abdujabar
@hamdi_abdujabar
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
Dubartootaaf...
Dubartummaan hundee dhala namaatiif oomishtuudha. Barsiiftuu, leenjiftuu, qartuu fi akeektuu xurree qajeelloo dhaloota hegereeti. Akka fakkeenyaattii mee haadha ykn ummii teenya tan nu dueeyse haa fudhannu, osoo ifii hin baratin hamilee nutti hortee, osoo ifii sadarkaa guddoo hin gahin nama sadarkaa guddoon nu gahuuf roobaa fi caama keessa mudhii nutti hidhatee fuulduratti akka deemnuuf hamilee nutti horaa nu jajjabeeysaa tureedha. Gehee isiin dhaloota hegereetiiif bahattu gaafa laaltu xiqqo malee dhiirumaan isii qixxeessita. Dubartummaan kennama Rabbiin uumamaan siif kenneedha. Of hin tuffatin.
Ati arra dubartii taatee addunyaa tana irratti dhalattee arkkamuun tee carraadha. Garuu maaliif akka addunyaa tanarratti as baate ifin dagatin. Nyaatteetuma dhuguu qofaaf Rabbi sin uumne. Ati nama dhalootaaf fakkeenya gaarii tahuudha. Sadarkaan ati arra irra jirtu tan boruu sin daangeessitu quba qabaadhu. Boru dhaloota akkam oomishuuf arra dubartii akkami ati βοΈ Mee if gaafadhu. Barnoota amantii irraa hubannoo fi muuxannoo hangam takka akka horatte jirtu if xiinxali. Barumsa idilee ( academy) irraa hoo hangam takka akka if dura tarkaanfattee jirtuufi sadarkaa akkam irra akka geeyse if qoradhu.
Arra ati if qofaan jiraachaa jirta sitti fakkaachuu danda'a. Boru garuu hawaasaa fi biyya guutuuf akka jiraattu ifin dagatin. Duuba namni hawaasa fi biiyti hegeree eeggattu adeemsa akkam irra akka deemuu qabu yaadi. Ani dubartiidha, dhiiruma tokko kan qabeenya qabu laaleetiin itti heerumee ilmaanuma dhadhalaaf isaatu itti laffa'ee guddiifata jattee yaada kee hangatti hin gabaabsin. Atumti mataan keetuu yoo nama baratee barumsa diin-islaam ykn ilmii shari'aa islaamaa fi barumsa idilee (academy)tiin sadarkaa namni irra gehuu qaburra geeyse fakkeenya gaarii dhalootaaf taate qabadhu. Waa barachuu, waa dubbisuu, waa barreessuun kaayyoo tantee tahuudha qabdi. Akkasuma dhalootattiis dabarsitee waa guduunfuuniis si ni laallatti. Namni karaa tolatti nama yaamu ( Da'awaa namatti godhu) dhiira qofaa miti hubadhu. Gehee akkanaa keessaasi qooda guddaa akka qabdu beeki. Yeroon tee tan arra ati qabdu jaalalaa bu'aa hin qabnee fi wantoota jireenya kee kan hegereetiiif faayidaa siifii dhaloota siin sababaa tehee si keessaan si booda dhufuufiis hin qabne irraa fagaadhu. Yeroo arra bareeddu harkkaa qabduu fi keessa jirtu tanatti fayyadami. Fuuluma dhiiraa jijjiraa ooluu, qabeenya dhiiraa kajeelaa turuu, jaalala bu'aa hin qabneen yeroo tee gubuu fi kkf irraa fagaadhu gudeey!!
Gaabbii boruutiin dura arra yerotti fayyadami...!!
Kedir Mohamed βοΈ

β€ Jaalallee nuuf tiiysi β€
Namni nu jaallannu
Miidhamuu isaa mannaa
Bakka isaa nu tahuudha
Ifii itti gammanna
Laalaan jaalallee dhaa
Onnee madeeysitii
Tan ifii laaftuudha
Wal'annaan ni deemti
Yaa rabbi jaalalleewwan
Kheenya ati nuuf eegi
Si malettin himnu
Laalaa teenya beekhi
Dhukkuboota jalaa
Ahlii nuuf baraari
Boruus firdawsitti
Qallaalee nuuf jaari

Waan hin qabne niin qaba hin ji'in, wanta ifii keetiif hin mijjeeffatin isaaniif mijjeessuufiis jattee hin liqeeffatin.
Wanta si biratti argan waliin itti dhihaadhu, jaalalti osoo hin fakkeessine arkkattu hundarra humna qaba. Yeroof si duubatti si gunguman illee dhumarratti warri si waliin tahuu jaalatu fakkeessaa takka maletti si waliin tahan!!
Kedir Mohammed βοΈ
Join π
@bishaara_4
Wanta si biratti argan waliin itti dhihaadhu, jaalalti osoo hin fakkeessine arkkattu hundarra humna qaba. Yeroof si duubatti si gunguman illee dhumarratti warri si waliin tahuu jaalatu fakkeessaa takka maletti si waliin tahan!!
Kedir Mohammed βοΈ
Join π
@bishaara_4
Forwarded from Hamdi abdujabar
MIRKUZ DIRRE DHAWAA DHUFEE JIRAπββββ‘οΈ
Urjii bahaa giiftii gammoojjii fi Ityoophiyaa xiqqoo tan taate magaalaa Dire Dhawaa galma dargaggootaa kan koongoo meedaa kessa argamutti guyyaa alhadaa February 23 ganama sa'atii 3:00 irraa jalqabee kan gaggeefamu yoo tahu MIRKUZ 30, Halluuwwan Ramadaanaa 6ffaa qabatee dhufee jira. β³
Warri Dirre qophiidhaa?
π΄ MIRKUZ 3β£0β£
π Dirre Dhawaa galma dargaggootaa
π Alhada Feb 23
β³ Baallamni keenya kan eeggame taha βοΈ
π MIRKUZ 30 π
π Halluuwwan Ramadaanaa 6ffaaπ΄

Addunyaa tanarratti obboleessa yookin obboleettii dhimmi kee yaachisu qabaatun waan guddaadha. Yookin ati yeroo hunda cabbii khophummaa keessatti sitti qorraa jiraatta. It's heavy feeling!
Arif AhmedβοΈ
Join π
@bishaara_4
Arif AhmedβοΈ
Join π
@bishaara_4
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
Mee akkasi yaadi !π
Yeroo baayyee yaada irra daddeebi'amee yaadamuutu hojiin deeggaramee dhugooma waan teheef. Mee akkasi yaadi.
Guyyaa tokko bakkiniin amma jiruufi akkanniin amma itti jiru khunis jijjiiramuuf taa'a. Itti gaafatamummaa hedduutu narra jiraatuuf taa'a. Akka dhunfaatti, akka hawaasummaatti, akka biyyaatti kanaaf, an haalliniin amma irra jiru haala fuuldura kiyyatti itti gaafatamummaa Khana akkaan ba'adhuuf na qopheessaa jiruuu ? Je'ii ammaa amma of gaggaafadhu. Itti gaafatamummaa yeroo jennu roga tokkoo lama qofaan hin ilaalin.
Atiin haadha manaa taate akka haadha manaatti itti gaafatamummaa hedduu sirra jiraa yaadadhu. Abbaa manaatiif jaartii gaarii taatee isa nama jabaa goote ilmaan saatiif fakkeenya kan tahu ummataaf kan tolu godhurratti eenyullee caalaa geheen tee akka taate hin irraanfatin.
Atiin haadha ilmoo taate itti gaafatamummaa hedduu sirra jiraa beekhi. Hegereen hawaasaatii fi biyyaa harka kheerratti akka tehe firra quba qabaadhu guddisaa saanii tolchi.
Atiin arra barsiisaa taate itti gaafatamummaa hedduun akka dhalootattis tehee akka biyyatti akka sirra jiru yayyaadadhu. Barattoota khee maal naa dhaban diiqiqa 40 tana barsiisetin adda baanaa jette hin laaffisin.
Atiin arra barataa taate barataa Amantiitiis tehee khaan Khan boru kharaa sirrii namatti garsiisu qabu beekkumsa kheetiin isaan tajaajiluu khan qabu ati akka taate beekhi ifirratti hin talisoomin. Khan baratu jiru ati tahuus khan barattuuf mataa khee qofaafi miti hubadhu.
Atiin arra daa'ii taate .....
Atiin arra hojjataa taate ....
Atiin arra daldalaa taate .....
Atiin arra barreessaa taate ...
Atiin arra barataa taate ...
Hunda kheessanirra mata mataa kheessanitti akka itti gaafatamummaan isinirra jiru beekhun barbaachisaadha.
Niyaa gaarii qabaannee fuulduratti haa tarkaanfannuu !π

Ofiif si hammatti
Yoo ijaan si agartee
Jaalaltummaan sanuu
Silaa si jaalattee
Ni dubbatti ture
Qabamu jaalalaan
Lafti irra deemte
Osoo beeyte afaan
Ajaa'iba jaalalaa
Kan dabre taarika
Inni biraa deemuuf
Booche gufuun mukhaa...
Ψ§ΩΩΩΩΩΩΩΩΩΩ ΩΩ Ψ΅ΩΩΩΩ ΩΩΨ³ΩΩΩΩΩΩΩΩΩ Ω ΨΉΩΩΩΩΩΩ ΩΩΩΨ¨ΩΩΩΩΩΩΩΩΨ§ Ω ΩΩΨΩΩΩ ΩΩΩΩΨ―Ωβ€οΈ

Kitaaba dubbisuun if guddisuu. Sammutti bilchina horuudha. Dhaloota waa dubbisuu fi hubatu nuhaa godhuu.
Join
@bishaara_4
Join
@bishaara_4
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
1.6K Gahuuf nama 1 qofaatu hafe...π€
Insha'allah Soomana dura 2000k seenu qabnaππ€
Join π
@bishaara_4
Insha'allah Soomana dura 2000k seenu qabnaππ€
Join π
@bishaara_4
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
"ΩΩΩ
ΩΩΩ ΨΉΩΩΩΨ§ ΩΩΨ£ΩΨ΅ΩΩΩΨΩ ΩΩΨ£ΩΨ¬ΩΨ±ΩΩΩΫ₯ ΨΉΩΩΩΩ Ω±ΩΩΩΩΩΩ Ϋ Ψ₯ΩΩΩΩΩΩΫ₯ ΩΩΨ§ ΩΩΨΩΨ¨ΩΩ Ω±ΩΨΈΩΩΩ°ΩΩΩ
ΩΩΩΩ"
Join π
@bishaara_4
Join π
@bishaara_4
Forwarded from Bisharo Abdi official (Suheyla)
Yoo namaaf daangaa darbitee hedduu dhiphatte, yoo yaada namni alaa sii kennurra dhaabbattee murtii fudhatte,yoo jiruu tee nama biraa wajji waldirgomsiistee jiraachuu jalqabdeefi yoo namni hundi natti duulaa jira jettee ufitti murteessitee nama shakkuu jalqabde,bakki ati irraa kaatee geettu tokkollee hinjiruu gadi dhaabbadhu.
Eeee
Namni hundi dhimma ufiitiif raatahaa jiraa beeki, namni hundi dhimma ufiitiif si barbaadaa hubadhu namni hundi uf dursa malee si quba hinqabuu gadi taa'i.
ila.
Bilbila waggaa tokkoof sii bilbilame keessaa,nama meeqatu hujii sii arge jedhee sitti bilbile laali,nama meeqatu qarshii sii kenna jedhee sitti bilbile argi, nama meeqatu bilbilaan du'aa'ii sii godhe taajjabi, nama meeqatu karaa irra hinjirtuu taa'i jedhee si gorse xiinxalli,nama meeqatu hamiifi komii namaa sirraa dhoorge mee taajjabi,meeqatu manatti sitti dhufee si gorfate laali,nama meeqatu gurra kee sii tikse daawwadhu,nama namooma qabu qubaan lakkooftee argattaa,ka gorsaafi qorsa sii tahu xinnoodhaa cal jedhii hujii keetitti lixii kurraaza namaa dhiisii ol bahii aduu ufiifi namaafis iftu tahi.
Yaaaa
Namni jiruu kee sii jiraatu tokkollee hinjiruu beeki, waan ati irra jirturratti yaadni kennama malee,ufii yaada gaariifi hujii gaarii burqisiisee kan itti si affeeru hinjiruu dhiisi,ufumaa uf affeeltee nyaata ormaa tahuu irraa uf qusadhu.
Obbolaa
Namni gariin,kanuma namni dhalachuu isaatuu hin beeknetu namni maal naan jedha jedhee murtii sirrii hin taane fudhatee fiigaa taajjabi,gabaa isa bittu tokkollee osoo hin qabaatin,ufumaa gabaa uf taasisaa oolaa xiinxalli,dubbii qofaan akka waan hujiin dhiphateetti uf cinqee yeroon itti dhiphataa oolaa hubadhu.
Jaaloo
Ka bakka kee bu'u'ka akka kee tahu heddutu jiraa. ana malee lafti dukkana jechuu dhiisii,ifaa jireenyaa mataa keetiitiif duungoo naannoo kee sii ibsu qabsiifadhu.
Hey
Baatiin Ramadaanaa dhuftu tuni,kan karoora kee itti bocattu,kan kaayyoo kee itti murteeffattu,kan galma bira gahuuf deemtu itti murteeffattu,kan ijjannoo kee waggaa murtii irra geettu akka siif taatu torbee kana keessa itti qophaawii eeggadhu
Yooooo
Waggaa dhufu,barnootni kee,qabeenyi kee,jaalalli kee,ilmaan kee,maatiin keetiifi hubannaafi bilchini kee dhibbantaa hangamiin akka guddachuu qaban murteessi,murtii qofa osoo hin taane,humnaafi ga'uumsa kee wajji sakatta'ii hujitti galuu yaali.
Santu Seera!
Baatii Ramadaanaa ta Barakaa qabdu Rabbi nuu haa taasisu.
Ustaz Sufian Ousman βοΈ

Mataa keetii wajjiin qabsaawi!!
Qabsoon jabduun kan mataa ifiitii wajjiin qabsaawaniidha. Kan mataa keetii wajjiin qabsooytuutu qabsoo jabduu ja'ama. Bakka yaadde san gahuuf yoo mataa keeti waliin qabsooyteedha. Nama meeqaatu osuma fedhii isaa jala daddeemu kaayyoo isaa biraa hafe, nama meeqa kan mataa isaatii wajjiin qabsaa'ummaan tunuu galuufii diddee jireenya isaan hin malle keessatti kufe. Qabsoo hoggaa ja'an qawwee fudhatanii diinaan loluu qofaa miti; mataan kee kun yoo ati itti fayyadama wallaalte diina kee sitti taha, akkasitti beeka. Ee matuma keetiin baana. Yoo itti qabsooytee kaayyoo kiyya biraaniin gaha jattee murattee lafaa kaate ammoo diina kee osoo hin ta'in daandi guddina jireenya keeti siif ta'a.
Beekkumsa, durummaa, beekkamtiis tehee wantoota kan kan fakkaatan argachuuf hawwita. Garuu taa'anii hawwuu qoftiin akka wanti Kuni tokko hin dhufne numa beeyta. Qabsootti yoo kan galtu taate ammoo yaadoota teessee hawwaa turte san hojiin ni guy-tokko numa mirkanneessita.
Yeroo hedduu akka abjuu qabdu dubbatta maaliif hin qabsooyne ree...!? Abjuu tee dhugoomauu yoo barbaadde (Fight for your dreams) qabaachuu kee bartee jirta taanaan milkeessuuf ifaaji.
Arra ati if laali mee sadarkaa akkam irra jirta ? Sadarkaa Kam irra gahuu barbaadda ? Abjuu ni qabdaa ? Milkeesuuf hoo hawwii ni qabdaa ? Maal godha ree hawwuu qoftiin yoo mataa keetii waliin hin qabsooyne, bu'aa bahii guddaa keessa dabrteeti wanta armaan oliitti si gaafadhe sanitti gahuu dandeessa. Kanaaf mataa keenya waliin qabsaa'uun galma barbaanne san biraan nu gehaa!!
Teesse hawwuu miti, sossohii hojiin mullisi!!π«‘
Joinπ