Telegram Web
You remain forever in our heart! We never and ever forget you our hero!
Lemma is always our number one choice! Let's stand together and deserve what we should deserve! Never and ever show mercy to your enemy!
Kabajamtootaaf jaallatamtoota maatii @joinGalaaJireenyaa kan taatan hundaaf:

~ Nageenyi keenya bakkuma jirtanitti isin haa dhaqqabu jechaa sagantaa dabalataa bifa haaraafi qindaa'aa ta'een namoota bebbeekamoo ogummaa garaagaraa qaban waliin ta'un isin biraan gahuuf qophii xumurreetii jirra.

~ Sagantaaleen dabalataa kunniinis kanneen armaan gadiiti:

1. "Sagantaa Torbaan Dhiifamaa" jedhu dhaabbata argaa-dhageettii FIB(Finfine Integrated Broadcasting) waliin ta'uun kallattiin kan isin bira gahu ta'a.

2. "Sagantaa Fayyaa Keenya Haa Eeggannu" jedhu ogeeyyota fayyaa waliin ta'uun kan isiinif dhiyaatu ta'a.

3. "Iccitii Milkaa'ina Namoota Bebbeekamoo Addunyaa Tokko Tokko" karaa qopheessitootaa fi taatota garee "CAAYAA VINE ykn Hundeessitoota Dhaabbata Oro-Wood" waliin ta'uun kan isin dhaqqabu ta'a.

4. "Sagantaa Abdii Dhugoomte" jedhu bifa Asoosamaan kan isinif dhiyaatu ta'a.

5. "Maloota rakkoo battaluma nu qunnametti furuuf nu gargaaran" karaa Ogeeyyii Xiin-sammuu ni dhiyaata.

6. "Sagantaa Addaa" kan ergaa jaalalaa, iyyaafannoo, galateeffannaa, afeerraa sirbaa fi qeeqa toora @joinGalaaJireenyaa irratti qabdan hundaa karaa @Yordi143 fi @Yonathan7939 nu dhaqqabsiisuu dandeessu.

πŸ‘‰ Galanni keenya guddaadha bakka jirtanitti koronaarraa of eeggadhaa!

πŸ‘Œ Akka isin jaallannu isinuu beektu, oolmaa gaarii isiniif haa ta'u!
πŸ™ Nageenyi keenya bakkuma jirtanitti isin haa dhaqqabu jechaa akkuma yeroo darbe sagantaa dabalataa eegaluuf waadaa isiniif galleen waadaa keenya kabajnee guyyaa borii tokko jennee eegaluuf jirra.

πŸ‘‰ Maarree isiniis maatiin garee chaanaala keenyaa nu waliin ta'uun dhaabbata hundeeffamarra jiru "Dhaabbata Oro-Wood" jedhamu cina dhaabbachuun akka milkeessitan kabajaan isin gaafanna!

πŸ‘‰ Sagantaalee keenya guyyoota torbaniin akka armaan gadiitti qoodne jirra:

πŸ‘Œ Guyyaa Wiixataa = Sagantaa Fayyaa Keenya Haa Eeggannu!

πŸ‘Œ Guyyaa Kibxataa = Sagantaa Iccitii Milkaa'ina Namoota Bebbeekamoo Addunyaa Tokko Tokko!

πŸ‘Œ Guyyaa Roobii = Sagantaa Maloota Rakkoo Battaluma Nu Mudatetti Furuuf Nu Gargaaran!

πŸ‘Œ Guyyaa Kamisaa = Sagantaa Abdii Dhugoomte!

πŸ‘Œ Guyyaa Jimaataa = Sagantaa Addaa!

πŸ‘Œ Guyyaa Sanbata Duraa = Sagantaa Quba Qabduu!

πŸ‘Œ Guyyaa Sanbata Guddaa (Dilbataa) = Sagantaa Torban Dhiifamaa!

πŸ‘‰ Galanni keenya guddaadha! Bakka jirtanitti koronaarraa of-eeggadhaa!

❀️ Akka isin jaallannu isinuu beektu, halkan gaarii isiniif haa ta'u!

πŸ—£ Wal argi toora @joinGalaaJireenyaa haa ta'u!

πŸ™ Galatoomaa! Hiriyyoota keessaniif share gochuu hin dagatiinaa!
πŸ—£ SAGANTAA TORBAN DHIIFAMAA

πŸ‘‰ Ilmi namaa jiruuf jireenya isaa keessatti dhalatee hanga lubbuun darbutti gochoota gaariis badaas dalaguun Addunyaa kanarraa godaana.

πŸ‘‰ Hariiroo isaa guyyaa guyyaa keessattis akkuma gammachuun jiru walitti bu'insiis inuma jira.

πŸ‘‰ Walitti bu'iinsi hariiroo gaarii namootni waliin qaban booressuun garaa fi qalbii isaanii walirraa fageessa.

πŸ‘‰ Kun immoo yaadaan akka walirraa fagaatan, akka amantaa walirraa dhaban, akka guyyaa rakkoo fi gidiraa wal utubanii jala wal hin dabarsine taasisa.

✍ Seerri uumamaa jiruuf jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaa ta'e tokko jira.

✍ Seera kanaaf yoo ajajamne:

- jireenya keenya keessatti hin jeeqamnu
- namootan walitti hin buunu
- hiriyyoota dhugaa hedduu nuuf gumaacha

✍ Garuu seericha cabsinaan walitti bu'iinsa dhuma hin qabne keessa galla.

πŸ—£ Seerichis kunoo isa kana......................itti fufuuf ammuma kana @joinGalaaJireenyaa cuqaasuun maatii tooricha ta'aa!

πŸ‘‰ Galanni keenya guddaadha! Bakka jirtanitti koronaarraa of-eeggadhaa!

❀️ Akka isiin jaallannu isinuu beektu, oolmaa gaarii isiniif haa ta'u!

πŸ™ Galatoomaa! Hiriyyoota keessaniif qooduu (share) gochuu hin dagatiinaa!
Dhukkuboota baay'inaan lubbuu balleessuun sadarkaa 1ffaa haga 10ffaa jiran (Top ten killer diseases).
**************************
Akka "ADDUNYAATTI" baay'inaan lubbuu namaa balleessuun sadarkaa 1ffaa - 10ffaa kan jiran:
1ffaa: Dhukkuba onnee (ischemic heart disease)
2ffaa: Dhukkuba istirookii (stroke).
3ffaa: Dhukkuba sombaa kan yeroo dheeraa (Chronic obstructive lung disease)
4ffaa: Infeekshinoota Ujummoo qilleensaa gara gadii (lower respiratory tract infections)
5ffaa: Dhukkuba sammuu kan Alzheimer’s jedhamu (namoota umuriin raagan baay’inaan kan hubu).
6ffaa: Kanserii sombaa fi kaanserii tiraakiyaa (Ujummoo qileensaa kan qilleensa gara sombaa geessu).
7ffaa: Dhukkuba sukkaaraa (diabetes mellitus).
8ffaa: Balaa tiraafikaa (road accidents).
9ffaa: Dhukkuboota teessisaa fidan (diarrheal disease).
10ffaa: Dhukkuba Tiibii (tuberculosis).
*****************
Akka "BIYYA ITOOPHIYAATTI" baay'inaan lubbuu namaa balleessuun sadarkaa 1ffaa haga 10ffaa jiran:
1ffaa: Dhukkuboota daa’imman ji’a tokkoo gadii (neonatal disease)
2ffaa: Dhukkuboota teessisaa (diarrheal disease)
3ffaa: Infeekshinoota Ujummoo qilleensaa gara gadii (lower respiratory tract infections)
4ffaa: Dhukkuba Tiibii (tuberculosis)
5ffaa: Dhukkuba onnee (ischemic heart disease)
6ffaa: Istirookii (stroke)
7ffaa: Dhukkuba HIV/AIDs
8ffaa: Dhukkuba dadhabuu tiruu (Cirrhosis)
9ffaa: Infekshinii sammuu (Meningitis)
10ffaa: Hir’ina nyaata pirootinii (protein energy malnutrition)
**************
β–  Odeeffannoo ergaa gabaabaaf 7719 irratti 'OK' jettanii erguun galmaa'uu dandeessu.
β–  Toora telegram keenyaan nu hordofuu yoo barbaaddan https://www.tgoop.com/DrGurmessa subscribe godhaa.
**************
Fayyaan Faaya
Forwarded from Adane Likuma
πŸ—£ GOSOOTA JAALALAA
(TYPES OF LOVE):

πŸ‘‰ Jaalalli araada (suusiidha). Kanaaf guutuu ta'ee hin argamne. Jaalalli si'eessituu matasaa qaba. Ishiin ammuma itti baay'attu fi keessaa hir'attu amala jaalalaa jijjiirti.

πŸ‘‰ Jaalalli yoo xiqqaate miira, walitti dhiyeenyaa fi iftoomina waliif qabaachuu gaafata.

✍ Jaalalli gosuma tokko kan qabu ta'uyyuu haala namaatiin gargar hiramuu danda'a:

1. Jaalala Obbolummaa/Affectionate Love

πŸ‘‰ Jaalalli gosa kanaa waliin jireenya fi walitti dhiyeenya irraa madda. Kabaja waliif qabaachuutu mul'ata. Jaalala hiriyyummaati. Darbee gara jaalala biraattis guddachuuf carraa qaba.

2. Jaalala Ho'aa/Romantic Love

πŸ‘‰ Namootni gosa jaalala kanaan kufan boca qaamaa ilaalaniitidha. Haala deemichaa, dhaabbii qaamaa, hawwannaa qaamaa ishii/isaa ilaalanii jaalalatti seenu.

πŸ‘‰ Warri jaalala gosa kanaa keessa seenan ulagaalee kanneen akka sabummaa, amantaa fi k.k.f dhimma hin qaban. Boca/shape qofa irratti waan jaallataniif namni biraa akka ilaalu hin fedhan. Inaaffan kan guutamanidha. Wal dhoksuu barbaadu. Osoo danda'amee wal liqimsanii yeroo ofii barbaadan qofa dirreetti wal baafatanii itti tola.

3. Jaalala Miiraa/Passionate Love

πŸ‘‰ Warri jaalala kanaan qabaman warra miiran hogganamaniidha. Jaalalli isaanii kan turus amma miirri isaanii qorrutti fi wal qunnamtii saalaa jalqabaa booda laafaa deemuu danda'a. Sirumaayyuu yoo ture jibbisiisaadha.

4. Jaalala Amansiisaa/Logical Love

πŸ‘‰ Jaalala karooraan gaggeeffamudha. Irra caalaatti inniif isheen waan wal fakkeessu qabaachuu qabu.

πŸ‘‰ Umurii, hojii, saba, amantaa fi k.k.f ilaalcha keessa kan galchanidha. Mi'aa baay'ee qabaachuu baatus hin nuffisiisu. Wanti bitaa namatti galu muraasadha.

5. Jaalala Sababaa/Casual Love

πŸ‘‰ Jaalala dhimmi ykn rakkoon walitti isaan fiduun uumamudha. Warra rakkoo, iccitii ofii walitti himatanidha. Akka oolmaatti hin lakka'amu.

6. Jaalala Gowwaa/Foolish Love

πŸ‘‰ Waanuma xiqqoo arguun warra jaalalaan kufanidha.

πŸ‘‰ Suura qofa arguun, barreeffama qofa dubbisuun ykn sagalee qofa dhaga'uudhan warra jaalalatti seenanidha. Fkn: Jaalala karaa Facebook.

7. Jaalala Tarkaanfataa/Possessive Love

πŸ‘‰ Jaalala beekamtiidhaaf taasifamudha.

πŸ‘‰ Jaalallee nama beekamaa ta'uuf dhamaatii gaggeeffamudha. Garuu nama san biratti nu tuffachiisuu hin oolu.

8. Jaalala Oolmaa/Unselfish Love

πŸ‘‰ Namoota rakkoo ykn miidhaa tokkorraa nu baraareef tole jechuudha.

πŸ‘‰Jaalalli nama sanii nu qabee osoo hin taane, oolmaan inni/ishiin nuuf oolte waan nutti ulfaatuuf of dabarsanii laachuudha.

9. Jaalala Taphaa/Game Playing

πŸ‘‰ Daa'imti yeroo dhoqqee keessa gangalattee of daallessitu homaa ittii hin fakkaatu. Kun jaalala jedhamuu baatus fedhii ofii ba'uuf kan taasifamudha.

πŸ‘‰ Dheebuu fedhii foonii ba'uuf kan itti seenamudha.

πŸ‘‰ Gosti jaalala kanaa jechoota hawwatoo fi mimmi'aawoon kan guutaman, kan salphaatti onnee baqaqsanii seenanidha.

10. Jaalala Duwwaa/Empty Love

πŸ‘‰ Jaalala homaa hin qabnedha.

πŸ‘‰Jaalalli kun waanuma salphaan osoo homtuu hin uumamiin, siifan du'a, siifan maraadhe, simalee jireenyi naaf hin taatu jedhanii sobaan garaa wal guutudha.

11. Jaalala Of-ittummaa/Selfish Love

πŸ‘‰ Jaalala of jaallannaa irraa maddudha.

πŸ‘‰ Amma qabeenyi jiru qofaatti kan turudha. Gaafa waa jiru ho'ee mul'ata.

πŸ‘‰ Faayidaa ofii karaa ittiin guuttatan barbaaduu malee jaalalli hiriyaa kan isa hin dhiphisnedha.

12. Jaalala Hiriyyummaa Dheeraa/Companion Love

πŸ‘‰ Jaalalli kun hawwii dheeraa kan qabudha.

πŸ‘‰ Irra caalatti jaalala kanaaf dubaratu saaxilama. Daftee jaalala ho'aa keessa seenun bultii ijaarrachuuf fiigdi. Dhala argachuufis hedduu sardamti.

πŸ‘‰ Jaalala ilmoo warra qabanidha.

13. Jaalala Hanga Du'aa/Consummate Love/Enduring Love

πŸ‘‰ Jaalala umrii dheeraa qabudha. Jaalala uumaafi uumamti jaallatudha. Jaalalli dhugaanis isa kana.

πŸ‘‰ Warra wal jaallachuun hanga lubbuun darbitutti waliin turanidha. Jireenya isaanii keessatti lachuu wal qixa dhama'u. Warra jaalalaan kufan osoo hin taane warra jaalalaan ijaaramanidha.

___ XUMURAMEERA ___

πŸ‘Œ Qopheessaan @Yonathan7939

πŸ‘‰ Maddi toora Garri Garam

πŸ™ Galata argadhaa!
πŸ—£ Dhukkuba Vaayirasii Tiruu/Hepatitis Virus:

πŸ‘‰ Dhukkuba Vaayirasii Tiruu ( Hepatitis Virus) jechuun maal jechuudha?

πŸ‘‰ Dhukkubni kun lubbuu namoota hagamii galafataa jira?

πŸ‘‰ Namootni dhukkuba kanaaf saaxilamoo ta'an namoota akkamiiti?

πŸ‘‰ Dhukkubni kun karaa kamiin daddarba?

πŸ‘‰ Dhukkubni kun mallattoo akkamii agarsiisa?

πŸ‘‰ Of-eeggannoon dhukkuba kanaaf taasifamuu qabu maal fa'adha?

πŸ‘‰ Furmaatni nama dhukkuba kanaan qabameef taasifamu maali?

✍ Waa'ee dhukkuba balaafamaa kanaa beeknee lubbuu keenya balaarraa haa baraarru!

πŸ—£ Guyyaa boruu, ganama sa'a 3:00 irratti nu eegaa!

πŸ™ Halkan gaarii!
πŸ—£ Dhukkuba Vaayirasii Tiruu/Viral Hepatitis:

πŸ‘‰ Dhukkubni Tiruu kan "Viral Hepatitis" jedhamu gosoota vaayiresii shan (Hepatitis A, hepatitis B, hepatitis C, hepatitis D fi hepatitis E virus) jedhamaniin kan nama qabu yoo ta'u, rakkoo tiruu yeroo dheeraa kan fidan hepatitis B fi C qofaadha.

πŸ‘Œ Dhukkubni kun lubbuu namoota hagamii galafataa jira?

πŸ‘‰ Yeroo ammaa vaayiresiin sodaachisaa fi biyya keenya keessattis lubbuu hedduu galafataa kan jiru Vaayirasii Tiruu keessaa isa gosa "B" jedhamu kanadha.

✍ Addunyaa keenya irra namoonni gara biliyeena 2 ta'an vaayiresii kanaan kan qabaman yoo ta'u,

~ hedduun isaanii ittisa qaamaa (immunity) dhiiga keessa jirun lolamanii badu.

~ Gara miliyoona 300 ol kan ta'an Vaayirasii hepatitis B'n qaama isaanii keessatti argama. Kanneen keessaa walakkaa miliyeenaa kan ta'an waggaa tokko keessatti sababa vaayirasii kanaan lubbuun isaanii ni darba.

πŸ‘‰ Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu argamni vaayirasii kanaa akka dhaabbanni ittisa fi to'annoo dhukkubootaa (CDC) gabaasetti dhibbeentaa 10 hanga 20 ta'a.

πŸ‘‰ Kana jechuun namoota 10 keessaa namni 1 vaayirasii kana of keessaa qaba. Nama biraattis dabarsuu danda'a. Kun hagam akka inni baay'inaan argamuu fi hagam akka of eeggachuu qabnu nutti mul'isa.

πŸ‘Œ Namootni dhukkuba kanaaf saaxilamoo ta'an:

~ Namoota Mana Yaalaa keessa hojjetan, ogeessota fayyaa dabalatee ( dhangala'aa qaama dhukkubsataa keessaa bahuuf saaxilamoo waan ta'aniif)

~ Namoota wal qunnamtii saalaa namoota adda Addaa hedduu waliin taasisan (multiple sexual partners).

~ Dubartoota Mana Bunaa keessa galiif jecha wal qunnamtii saalaa dalagan (commercial sex workers) fi k.k.f.

✍ Vaayirasiin hepatitis B akkuma vaayirasii HIV karaan namaa namatti daddarbuu isaa walfakkaatus dandeettiin daddarbuu isaa kan vaayirasii HIV harka 50 oliin caala.

πŸ‘Œ Karaalee daddarbiinsa Dhukkuba Vaayirasii hepatitis B:

πŸ‘‰ Vaayirasiin hepatitis B kun karaan ittiin daddarbu inni guddaan karaa wal qunnamtii saalaa fi meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuudhaani.

πŸ‘‰ Akkasumas haadha irraa daa'imatti (yeroo da'umsaa fi gadameessa keessatti), dhangala'aan kamiyyuu qaama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti faca'uun ni daddarba.

✍ Hub: Vaayirasiin hepatitis B akkuma vaayirasii HIV karaa wal fakkaataa haa daddarban malee carraan nama irraa namatti daddarbuu vaayirasichaa kan HIV caalaa baay'ee olka'aadha!

πŸ‘Œ Mallattoo dhukkuba vaayirasii hepatitis B:

πŸ‘‰ Vaayirasiin hepatitis B nama tokko erga qabatee booda waggoota dheeraadhaaf mallattoo tokkollee osoo hin agisiisiin dhokatee jiraata.

πŸ‘‰ Yeroo kana namootni vaayirasii kana qaban (baataan) gara nama biraatti dabarsu.

πŸ‘‰ Waggoota dheeraa erga nama keessa turee booda suuta suutaan seelota tiruu hojiin ala taasisa. Kanneen biroo ammoo kaanserii tiruu (hepatocellular carcinoma) qabsiisa.

πŸ‘‰ Vaayirasiin kun dhukkuboota kana erga namatti fidee booda, mallattoowwan miidhamuu ykn dadhabuu tiruu argisiisan kanneen armaan gadii mul'isa:

~ Qaamni guutummaa guutuutti (keessattuu garaan) dhiita'uu,

~ Haalluun ijaa gara keellootti jijjiiramuu,

~ Haalluun fincaanii gara bifa coca cola fakkaachuu,

~ Nyaata jibbisiisuu,

~ Balaqqamsiisuu,

~ Dhaqna gubsiisuu fi k.k.f.

πŸ‘Œ Of eeggannoo taasifamuu qabu:

1. Namoota dhukkuba kanaan qabaman ykn mallattoo dhukkuba kanaa qaban harka duwwaa tuttuquu irraa of qusachuu.

2. Talaalliin hepatitis B virus fudhachuun haga dhibbeentaa 90 umrii guutuu dhukkubicha namarraa dhorkuu danda'a.

πŸ‘‰ Talaalliin kun keessattuu namoota Mana Yaalaa keessa hojjetaniif namoota wal qunnamtii saalaa namoota hedduu waliin taasisaniif baay'ee barbaachisa.

πŸ‘‰ Talaalliin kun daa'immaniif akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira. Namoota umriin sadarkaa daa'immanii ol ta'eef garuu kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti waan argamuuf fudhachuu hin dagatiinaa.

3. Akka tasaa talaallii kana osoo hin fudhatiin dhiiga nama dhukkuba kanaan qabameen walitti buutan, qorichi sa'a 72 keessatti fudhachuu qabdan (immunoglobulin) waan jiruuf hatattamaan Mana Yaalaa deemuun dirqama.

πŸ‘Œ Furmaatni nama dhukkubichaan qabameef taasifamu maali?
πŸ‘‰ Namni Vaayirasiin kun dhiiga isaa keessa jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu isaa hin beekne qoratamuun of beekuun isa jalqabaati.

πŸ‘‰ Keessattu namootni armaan olitti vaayirasii kanaaf saaxilamoo ta'an hatattaman qoratamuun barbaachisaadha.

πŸ‘‰ Namootni qoratamanii dhukkubicharraa bilisa ta'uun beekame talaallii vaayirasii kanaa fudhachuun dirqama.

πŸ‘‰ Namootni qoratamanii vaayirasichi dhiiga isaanii keessatti argame, qorannoon laboraatoorii tiruun hagam akka miidhamee fi dabalataan qorannoon biraa erga taasifamee booda sadarkaa qoricha barbaachisu irra kan ga'anii yoo ta'e, qorichi vaayirasii kanaa gosa garaagaraa waan jiraniif fudhachuun ni danda'ama.

πŸ‘‰ Qorichoonni kunis yeroo ammaa kanatti biyya keenya keessatti waan argamaniif fudhachuun ni danda'ama.

____XUMURAMEERA_______

✍ Maddi:
1. Up-to-date 20.1: Epidemiology, transmission, and prevention of hepatitis B virus infection.
2. Sleisenger and Fordtran's gastrointestinal and liver disease pathophysiology/diagnosis/ management of hepatitis B.
3. Centers for Disease Control and Prevention, Hepatitis B fact sheets.
4. The American College of Gastroenterology 2018 Clinical Guideline: Alcoholic Liver Disease.

πŸ‘‰ Toora Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa (Fayyaan Faaya)

✍ Arsii Yuunivarsiitii Irraa!!!

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!
πŸ—£ Faayidaa Asheetni Boqqolloo Fayyaa keenyaaf qabu beektuu laata?

πŸ—£ Faayidaa Kaarotni fayyaa keenyaaf qabu hoo ni beektuu?

πŸ—£ Hiriyyoota Dhiiraaf:

πŸ‘‰ Amalaaaf dhugaa dubartootaa beektee jaalallee argachuu ykn kan qabdu kunuunsuu ni feetaa?

πŸ—£ Hiriyyoota shamarraniif:

πŸ‘‰ Akkamiin dhiira dhugaan si jaallate beekuu akka dandeessu baruu ni feetaa?

πŸ‘Œ Hin dhiphatiin hunduu siif jira atumti toora @joinGalaaJireenyaa jedhu kana cuqaasuun maatii garee kanaa qofa ta'i siin jedha maatiin garee https://www.tgoop.com/joinGalaaJireenyaa

πŸ—£ Dafii ammuma miseensa maatichaa ta'uun bu'aa jireenyaa irraa dhandhamiin dhaamsa keenya!

πŸ™ Turtii gaarii isiniif haa ta'u!
πŸ—£ FAAYIDAA BOQQOLLOO:

1. Hir'ina dhiigaa akka nu hin mudanneef gahee guddaa taphata. Kunis elementii ayrenii seelii dhiigaa oomishuuf gargaaru hedduu waan of keessaa qabuufidha.

2. Nyaata irraa hafaa (fiber) hedduu waan of keessaa qabuuf sirna bullaa'iinsa soorataa si'eessa, gogiinsa garaas ni dhorka.

3. Qabiyyee "carotinoid" jedhamu kan fayyaa ija keenyaaf gargaaran baay'ee of keessaa qaba.

4. Dhibee mar'umaanii kan "diverticular disease" jedhamu kan dhukkubbii hamaa fi miidhaa guddaa nurraan gahu sirriitti hir'isa.

5. Annisaa carbohydrate xaxamaa (complex) ta'e waan of keessaa qabuuf, daddafee waan hin xuuxamneef takkaa yoo nyaatame yeroo dheeraaf annisaa kennaa tura.

6. Keemikaalota antioxidants jedhaman kanneen free radical qaama keenya miidhan fi kaansaroota tokko tokko fidu jedhamanii shakkaman qaama keessaa hir'isan of keessaa qaba.

✍ Fayyaan Hunda Dursa Fayyaa Keessaan Eeggadhaa!

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!
πŸ—£ AMALAAF DHUGAA DUBARTOOTAA

πŸ‘‰ Dubartiin giddu galeessan si'a 3 yoo sobdu, dhiirri si'a 6 ol sobuu danda'a. Dhiirri soba kana fayyadamuun dubartii gowwomsuu danda'a.

πŸ‘‰ Dubartiin guyyaatti jechoota dhiirri fayyadamu dachaa dhiirri fayyadamuun ol fayyadamti. Kanaaf gocharra oduu jaallatti.

πŸ‘‰ Dubartiin dhiira jaallattu tokko osoo hin ciisin dura waa'ee isaa ni yaaddi, guyyaa dhiira baay'ee waliin ooltus isa osoo hin yaadiin hin ciistu.

πŸ‘‰ Giddu galeessan dubartiin bara jireenya ishee keessatti lipiistikii #Kiiloo 2-3 ta'u nyaata waliin ni soorratti.

πŸ‘‰ Dubartiin dhiira caalaa umriidhan turti. Sababni isaas sirni imuniitii (Immunity System) dubartootaa suuta tirachuu isaati. Naannoo hanga waggaa 10'nii caaluu dandeessi.

πŸ‘‰ Dubartootni yeroo abjootan dhiira caalaa sirritti miira keessa seenanii abjootu. Akkasumas dubartiin dhiira caalaatti haalluu garaagaraa gargar baaftee arguu dandeessi.

πŸ‘‰ Qaamni dubaraa hamma qaama dhiiraa alkoolii hin dandamatu. Kanaaf dhiira caala dhukkuba tiruutif ni saaxilamti.

πŸ‘‰ Darbee darbee dubartootni parsantii 2 (2%) gadi ta'an harma 3 qaban ni uumamu.

πŸ‘‰ Hammuma guddachaa deemtu hawwatamummaan dubaraa dabalaa deema. Dubartiin deesse ykn qoricha da'umsa ittisu hin fudhanne dhiira ni hawwatti.

πŸ‘‰ Dubartiin ijoollee baay'ee deesse, warra xiqqoo da'an caala umriin turuu dandeessi. Kana malees carraan isaan jireenya isaanii keessatti dhukkubaaf saaxilamuu gadi aanaadha.

πŸ‘‰ Dubartiin baay'ee balaa dhufuuf itti gaafatamummaa hin fudhatan. Sababni isaas sammuun dubartii carraan murtii murteessuu cimaa waan ta'ee fi dubartiin waan hunda qusannaa fi of eeggannoon raawwatti.

πŸ‘‰ Waan dubartootni dhiira caala dafqan fakkaachuu danda'a. Dhugaan jiru garuu dhiironni dubartoota caala dachaa lamaa oliin akka dafqanidha.

πŸ‘‰ Bareedina fuula dubartootaf ho'i humnaa olii aduurraa argamu gahee qaba.

πŸ‘‰ Dubartiin bara jireenya ishee keessatti yeroon isheen daawwitii keessatti of ilaaluun gubdu yoo walitti ida'ame giddu galeessan guyyaa 5'tti tilmaamama.

πŸ‘‰ Dubartiin tokko tokko fakkeessituudha, kanaaf bitaa akka sitti hin galle of eeggadhu. Hammam iyyuu bareedduu ta'uu baattus dhiira dhaabbii bareedaa qabuun ni harkifamu.

πŸ‘‰ Dhiira jaallattu yoo dubara biraa biratti agartu akka malee gubatti, gubaatin isaayyuu dafee keessaa hin badu. Osoo intalittii qabdee rarraastee itti tola.

πŸ‘‰ Dhiirri isheen garaatti jaallattu cinashee yoo darbe, hedduu gammaddi, gammachuu guddaan of walaalti, amma mana geessutti isa yaaduu hin dhiistu, galtees waan agarte hin irraanfattu.

πŸ‘‰ Dubartootni waan uffatanii oolan yaaduu isaanii qofaaf bara jireenya isaanii keessatti waggaa walakkaa (ji'a 6) maal uffanna jedhanii yaaduun of jalaa gubu.

πŸ‘‰ Yeroo baay'ee dubartiin hiriyaa jaalallee isheerraa jaalalli akka ishee hin qabneef of eegdi. Yeroo hunda waan jaalallee ishee biratti agartuuf onnee akka ishee hin seenne of to'achaa deemti.

πŸ‘‰ Dubartiin tokko tokko jaalallee ykn dhirsa isaanii furdisuu barbaadu. Kana kan godhan jibbaaf osoo hin taane jaalala isaa waan qabaniif bocaa fi dhaabbii bareedaasaa balleessuun ija dubartii biroo irraa tikfatu.

πŸ‘Œ Hubadhu: Waa'ee dubartii jaallattu tokko baruu yoo feete, hiriyaashee dubaraa gaafadhu. Intalli waa'ee matashee kan hin beekne hundaa sitti himuu dandeessi.

____Goolabameera_________

✍ Maddi:-

~ 13 Unusual Facts About Females That Are Totally True.

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ FAAYIDAA KAROOTNI FAYYAA KEENYAAF QABU:

πŸ‘‰ "Carrots will help you to see in the dark." jedhu warri adii. Kana jechuun, "Kaarootiin dukkana keessatti arguu si dandeessisa." jechuudha.

πŸ‘‰ Kaarotiin keessumaa osoo hin bilchaatiin dheedhiin isaa yoo nyaatame, vaayitaminota fi albuudota (minerals) hedduu kan qaama keenyaaf barbaachisan baay'ee of keessaa qaba.

πŸ‘‰ Faayidaalee fayyaa kaarotii keessaa kan mirkanaa'e muraasni:

1. Kaarotiin Vit.A of keessaa qaba. Vit A immoo rakkoo jaamummaa kan hir'ina vit A'tiin dhufu nurraa ittisa.

2. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu keenya (immune system) keenyaaf gargaarsa guddaa godha.

3. Nyaata ulfaatina keenya hir'isuuf nyaataman keessaa isa tokkodha. Kunis daddafnee akka hin beelofne ittisuu fi kaalorii xiqqoo kennuudhaani.

4. Kaarotii yeroo yerootti irra deddeebinee yoo nyaanne cooma badaa qaama keessaa "cholesterol" jedhamu gadi buusuun dhukkuboota rakkoo sanaan dhufan nurraa dhorka.

5. "Antioxidant" fi "Fiber" hedduu of keessaa qabaachuudhaan haala bullaa'insa soorataa ariifachiisa.

____XUMURAMEERA_______

✍ Fayyaa Keenya Cimsinee Haa Eeggannu!

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
πŸ—£ Baga Nagaan Bara Haaraa 2013 Geessan!!!

πŸ‘‰ Kabajamtoota maatii keenya baga bacaqii Gannaa ofkaltanii booqaa Birraatti nagaan ceetan!

πŸ‘‰ Barri kun kan nageenyaa, jaalalaa, guddinaa fi tokkummaa isiniif haa ta'u!

πŸ™ Ayyaana Gaarii!!!
πŸ—£ DHIIRA DHUGAAN SI JAALLATE!!!

πŸ‘‰ Hundumatti si beeksifata. Sirriitti si kunuunsa, gammachuu keetiif dhiphata.

πŸ‘‰ Wanti kee hunduu kan isaatiin wal simata. Ati akka isaa qofa taatetti si lakkaa'a.

πŸ‘‰ Yeruma hunda si jajjabeessa. Ija keessa si ilaala. Waa'ee kee sirriitti baruu barbaada.

πŸ‘‰ Carraa argannan si haammachuu barbaada. Yeroo ijaan walirra buutan itti tola.

πŸ‘‰ Si argachuu isaatti nama carraa qabeessa of godhee hundatti odeessa. Namaan yeroo wal si barsiisu miira gammachuutiini!

πŸ‘‰ Hojii isaa keessa harki kee akka seenu eeyyama. Isatu yeroo hunda dursee siif bilbila.

πŸ‘‰ Yeroo hunda si waliin dabarsuu jaallata. Waanuma fedheetti sitti hin inaafu.

πŸ‘‰ Waan ati gaafatte kamiyyuu siif guutuf duubatti hin jedhu. Waan qabu hundayyuu sitti hin hambifatu.

πŸ‘‰ Siif jedhee fageenya dheeraa ni imala. Waan fedhe balleessitu mufii malee dhiifaman bira darba.

πŸ‘‰ Ilaalchi kee isa biratti bakka guddaa qaba. Oduu kee hunda seeqee taphata.

πŸ‘‰ Waanuma si biratti argame qofaaf gammachuun itti dhaga'ama. Akka hiriyaatti si ilaala.

πŸ‘‰ Osuma waa hin godhiifin callisee si waliin taa'u isaatti gammada. Kabajaan ofitti si qabata.

πŸ‘‰ Uffattee, dhiiftee jaalalli isaa sitti hin hir'atu. Si waliin yoo ta'u amala dhugaa isaa mul'isa.

πŸ‘‰ Waan nama biraa biratti taasisu, si fuuldurattis ni raawwata. Waan kophaatti si waliin taasisu, nama birattis hin qaana'u.

πŸ‘‰ Guddina kee hawwa. Rakkoo kamiyyuu keessaa si baasuf yeroo hunda qophaa'adha. Ana jechuu dhiisee ana fi si'i jedha.

✍ Dhumarra yeroo inni jaalala keen waxalamee harka siif kennu akka si jaallate beekta!

πŸ‘Œ Hubachiisa: Dhiiroonni hundi dirqama ulaagaa armaan olii hunda guutuu hin qaban.

πŸ‘‰Kanaaf gaaffii jaalalaa dhiira siif dhiyeesseef ulaagaa mataa keen mirkaneeffachuun "Tole" isaaf jedhi!

πŸ‘‰ Osuma feetuunii sobdee diddee yeroo wal irratti hin fixiinaa!

____GOOLABAMEERA_______

πŸ™ Oolmaa Gaarii!!!

@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
@joinGalaaJireenyaa
2024/10/01 16:26:51
Back to Top
HTML Embed Code: