Karaa kamiinuu jireenya koo sii wajjiin dabarsuun yaadaa ture. Garuu naaf hin taane. Atis akkaan sii wajjiin jiraachuu filadhe na dhagahuu malee naaf hin hubanne, naaf hin fudhanne. Siif jechaan lolaa ture. Hangaan ka lolus ka lolamus Anuma tahuu hubadhutti. Boodarras siif jecha ifirratti lola baneetiin ifiin if ajjeesuu mudadhe. Akkaan ajjeefame caalaa harki na ajjeese kiyya tahuun hubadhe. Miidhamni kiyya si jaalachuudha ja'ee jaalalan xiqqeessu. Miidhamuuf ja'ee gatii keetis gadi buusee ifiin sin qixxeessu. An sii wajjiin jiraachuun filannoo kiyya tahus, Ati anaa wajjiin jiraachuun filannoo keen turre. Jaalala keeysatti filannoon, Onnee lamaaniin yoo waanuma takka filatan qofa tolti. Tahuu baannaan onneen takka miidhama godaannisa hamaa miidhamuuf, dhiiga ifiif dhabdee onnee jaalatte soorti.
Jireenya keeysatti wanti akka malee si gubu, akka malee si aarsu, nama wajjiin jiraatturra gaafa SOBA dhagahuu jalqabduudha. Sobni san yoo nama amanturraa tahe daranuu miidhamni isaa guddaadha. Fayyuun kee nama hunda amanuu dhiisuudhaan akka waan tahuu sitti fakkaata. Hunda caalaa, Sobni san gaafa nama jaalatturraa tahe si ajjeessa. Du'a jaalalaaf duutu osoon taane du'a jaalalaan if awwaaltuudha. Du'a jireenya jaalalaa keeysatti if wallaaltuudha. Sobni gaafa nama jaalatturraa tahe, nama san akka nama 2tti yaaduu jalqabda. Isa kaleessaafi isa addaan baasuuf teetiif if dhabda. Caba nama sanii kaleessa suphitee fayyifteen gaafa miidhamni dhufu maraatummaa namni sirratti hin beeyne maraatta. Tunis jaalala. dandahuudha malee maal gootagaa...
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
Jaalala keeysatti, yeroo namni ati jaalattu dhugaa sitti hime ni jaalatta. Garuu dhugaan san, akka si jibbu kan dubbatu yoo tahe, maal goota? Dhugaa jibba nama sanii Moo Soba jaalala nama saniitiin miidhamaa jiraachuutu sitti tola? Akka dhugaa sitti himus jaalattee, dhugaan san akka jaalala siif qabu siif ibsu yaaduun miidhama jalqaba ati if miituudha. Miidhama dhugaa nama jaalattuu saniitiin hidhamaa mataa keetii taata. Guyyaa kanarraa jalqabuun gaaffiin seeran qabne sammuu tee si nyaata. Tunis jaalala. Jaalalti seeratti hin bultu ja'an mitiiree... Maal gootagaa.
Callisaan yoon si jaaladhe, dhiibbaa jibba keetiin hin miidhamu. Calliseen si jaaladha. Yoon kophaa si jaaladhe Ana malee namni tokkolleen sin dhuunfatu. Kophaa tiyyaan si jaaladha. Yoon fageenyarraa waa'ee kee yaade, dhukkubbii keessa kiyyaatiin irraanfadha. Fageenyarraan si dinqisiifadha. Yoon mul'ata kiyya keessatti si jaaladhe, Ati dhuman qabdu. Mul'ata kiyya keeysattiin Si jaaladha. Tunis jaalala. Maal goonagaa... Hireedha!
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
Akkamiin if ganu?
Gaabbiidha Moo gaaffiidha?
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
Gaabbiidha Moo gaaffiidha?
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
Osoo waan biraa taatee niin dhiisaan ture. Garuu ONNEE TIYYA. Akkamiin dhiisuun taatiree? Gaabbiidha!
Nama Rabbiin "Ati warra jannataati" ja'een malee namni si caalu hin jiru!
Jaalala keeysatti wanti ati nama jaalattuuf godhuu hin dandeenye jecha "Godhuu hin dandahu" ja'u qofa. Osoo jaalattuu gaafa hin dandahu jechuu jalqbdu, dandeettiin jaalachuu keetii dhumuu isaa hubadhu. Jaalachuunuu dandahuudha. Jaalalti waan jaalatan beekanii, jaalachuu jalqabuudha. Jaalalti waan jaalataniif wareegamanii argamuudha.
Respect for love❤️
~~~~~~
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
Respect for love❤️
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00
https://www.tgoop.com/nuredin_00