Telegram Web
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
hin jedhamu!

ani kana booda abdi tokkollee hin qabu, jiraadhee maalan fayyada?, osoon du'ee naaf boqonnaadha jettee kan yaaddu gowwaa akkamiiti ati? hin jedhamu akkas! Guyyaan kuni darbuun isaa hin hafu! nii dabarsa uuman keenya, ati kana amanuun maaf sitti ulfaata? lafa dheeraa konkolaatadhaan πŸš—, konkolaachisa Dandeetti isaa hin beekne waliin deemtee hin beektu, iddoo deemuu barbaaddu sana konkolaachisaan kuni akka nagaadhan achiin si gahu kan amante, uuman kee rakkoo kana keessaa akka si baasu amanuun maaf sitti ulfaate?

Amani uumaa kee🫡🏼
dhageessee?

nagaatti
@oro_motivate
yeroo gaariiπŸ’”
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Itti agarsiisi

Yeroo baay'ee namoonni tokko tokko yoo ati kolfituπŸ˜‚πŸ˜… yeroo si argan wanta boosssu itti hin fakkaatu, wanta gadditu itti hin fakkaatu, halkanii guyyaa wanta kolfitu itti fakkaata. Haa ta'u malee keessa kee kan beeku sii fi uuma kee qofa. Icciitii Jireenya keetii nama kamiifuu ibsuun sin barbaachisu. Namoonni jireenya kee kan tilmaaman akka ilaalcha fi dandeettii isaanitti qofa. Kun immoo jireenyaf eenyummaa kee akkasumas gatii kee ibsuu hin danda'u.
Gatii kee kan beeku suma qofa. Leenci leencummaa isaa eenyumaafuu hin ibsu.
Gochaan itti agarsiisaπŸ’ͺ🏽 kanaafuu ati eenyumaa kee namoonni kallattii gara garaatin jajal'isanii odeessanis tasumaa hin yaadda'in, waa'ee eenyumma keeti namaaf hin ibsin gochaan itti agarsiisi.

jaalatamtoota maatii
@oro_motivate
halkan bareeddu qabaadhaa
Hordoftoonni Amantaa muslima hundi keessan
Eid Mubarak πŸ™πŸΌ

Ayyaana ajaa'ibaa gammachuudhan guuttame isiniif hawweera πŸ™πŸΌ
@oro_motivate
Forwarded from Oro Motivate (Nan)
Of biti

Qorumsi jireenya keetii guyyaadhaa gara guyyaatti sitti cimaa Jira ta'a, abdi kutuurraa kan ka'e guyyaan sitti dukkanaa'uu danda'a. kana booda jireenyi koo dhumeera/dhaabbateera haala si jechisiisu keessa seenun kaayyoo kee addaan kutuu dandeessa. dhugaa qabda rakkoon kee cimaadha ta'a.
garuu ciminni rakkoo keetti cimina keetii gadi.
kana anaa miti kan jedhe Uumaa keeti!
Amantan kee Muslim ykn Christian ta'uu danda'a.  Uumaan si rakkisuuf gara dachee tanaa akka sin ergine yoo amante dhuguma dhugaan sitti hima rakkoon jireenya keetii hanga xurii/dirty qeensa keetii sitti hin ulfaatu! kanaafi Namoonni  tokko 1 osoo waan nyaatan dhabanuu kan abbaa qabeenyaa caalaa gammadanπŸ’ƒπŸΌπŸ•ΊπŸΌ, osoo rakkatanuu kan kolfanπŸ˜‚. kana hubachuuf seenaa abbootii amantii, uumaa isaanitiif of wareeganii ilaali.

ilaa nama koo mee of bitii jiraadhu. namoonni bar of bituurra darbanii nama bitaa jiru! ati mee of qofa biti! yoo ati kee ta'uu hin dandeenye jireenya kee guutuu rakkoo qofa keessumeessaa jiraatta!

baay'en isin jaaladha
ani @oro_motivate
jireenya mi'aawwaa
isiniif hawweera πŸ™πŸΌ
Itti fufi

Namoota beektu hunda keessaa cimee kan sirriitti hojjatu si ta'uu qaba. Waa'ee carraa qabeessa ta'uu hin yaadin. Wanta ajaa'ibaa kan hojjattu carraaqqii addaan hin cinnee yoo taasisteedha. Moo'ataa ta'uuf miirri mi'aawwan sitti dhagahamuu baatullee, hagamillee sitti hadhaa'us wanta eegalte nuffii tokko malee itti fufuudha. YaadadhuπŸ§β€β™‚Gootni kan moo'ate qofaa miti, moo'achuuf kan carraaqqii cimaa taasisus Guuta.
kanaafuu itti fufiπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈ

Jaalatamtoota maatii
   @oro_motivate
halkan addaa isiniif hawweera
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Erga kana isiniif qoodun koo barbaachisaa haa ta'u, dogoggora haa ta'u hin beeku!
Garuu kuni rakkoo hiriyaa kootiti.
grade bareedadhaan university irraa eebbifamus, hojii dhabee rkkachaan jira naan jedhe,

ilaa obboloota koo gara jireenya keessaniitti fiduun, jireenya keessan keessatti akkamittiin akka fayyadamtan yoo hin beekin qabxii 100/100 fiduu qofti jireenya keessaniif gahaa miti! step 20 ykn 30 deemun x ykn y argachuun keessan, history/Geography sammuutti qabachuun keessan, gaaffii barsiisatiif deebii hunda qabaachun keessan wabii isiniif hin ta'u. waan barattan sana practically beeku, yoo kana hin taane, ogumma biraa cinaatti barachuun dirqama!
mindaan hojjattoota mootumma hagam akka nama gammachiisu hojjattoota mootummaa haqummaadhan hojjatan gaafadha.
kana jechuun koo hin baratinaa jechuu koo miti! maal jechuu akkan barbaade isiniif gala! Barnoota barachaa ogummaa ofiin of qacaruu dandeessan cinaatti baradhaa. kana barachuuf bilbilli barreeffama kana ittiin dubbisaa jirtan gahaadha!
akkuma argaa jirtan, yeroo amma kana cimina caalaa Gamnumaatu nama jijjiira. barataan ati class keessatti gargaara turte konkolaatadhaan deema, ati kophee jijjiirachuun sitti ulfaata! inni TikTok ykn social media irratti beekkamtii qaba, ati gandi keetu hundi sin beeku. You Guys be intelligent!

kaanaf maaltu filatamaadha?
guyyaa guyyaan sa'aatin osoo ati itti hin fayyadamin gubatu wayii nii jira, nan beeka nii jira! yoo hin jiraatin immoo sa'aatii film fi social media fayyadamtu irraa deqiqaa 15 hir'isuun kitaaba business, interview ykn podcast ilaaluu eegali! yeroon booda seenan kee nii jijjiirrama!

Yoon dogoggore dhiifama
halkan agaariiπŸ™πŸΌ
@oro_motivate
halkan gaarii
Obbolaawwan lama turan:

inni tokko kan hawwaasni jaalatu, kan maatii isaa fi ollaa isaa waliin walii galuun jireenya isaa moo'atee jiraatudha. yeroo baay'ee Namoota abdii kutuun araada addaa keessatti kufaniif gorsa kennuun beekkama.

Inni tokko immoo waan isin ajaa'ibu araada addaa keessatti kufuun, kan hawwaasni jibbu, ollaadhan kan walii hin galle, haadha mana isaa ganamaa galgala reebudhaan kan rakkisuudha.

guyyaa tokko isaan lamaanuu iddoo tokkotti yaamun gaaffii wal fakkaataa gaafatan.
gaaffichis akkas jedha
jireenya akkanaa akka jiraattaniif sababni keessan maali? kan jedhu ture.
inni haadha manaa isaa reebu sun akkas jechuun deebiseef
abbaa kooti! yeroo daa'ummaa kootii yeroo hunda dhugee machaa'un harmee too ganamaa galgala rebuudhan rakkisaa ture. anis isan ilaalaa guddadhe akkamittiinan dhugaatii irraa bilisa ta'uu danda'a? isatu jireenya koo balleesse.
jechuun deebiseef

inni sunis gaafatame,
innis abbaa kootu akkan akkas ta'u na taasise. yeroo daa'ummaa kooti abbaan koo dhugaatii dhugee galee harmee too reebudhaan rakkisaa ture.
yeroo sana ani gochaa isaa kana ilaalen tasumallee haadha manaa too akkan hin raabne fi dhugee akkan hin machoofne waadaa ofiif gale. kaanaf jireenya koo isatu akkas taasise jechuun deebiseef.
rakkoon obbolaa kana lamaan quunname wal fakkaataa ture. garuu deebii isaan rakkoo sanaaf deebisantu gargari.

michuu koo jireenya kee kan balleessuu rakkoo si quunnamee miti, deebii ati rakkoo si quunname sanaaf deebistuudha.
baadiyyaattan dhaladhe hin jedhin, baadiyyaadhaa ka'ee kan iddoo hundi hin geenye gahe baay'etu jira.
maatin koo harka qalleeyyidha hin jedhin, waan uffatuuf waan nyaatu dhabee kan abbaa warshaa meeqaa ta'ee baay'etu jira
barumsi naaf hin galu hin jedhin, Thomas Edison ambuulii (bulb) πŸ’‘ kan hojjate,  barumsi siif hin galu jedhanii erga mana barumsaatii ari'anii booda
Har'aan booda rakkoo si quunname faarsaa kufaatif harka hin kennin.
ati bar waan siin alaa namni kamiiyyuu hojjachuu hin dandeenye hojjattee akka deemtufi malee, teessee rakkoo si quunname akka faarsituuf miti kan uuman kee gara dachee tana si erge

jaalatamtoota maatii
@oro_motivate
halkan addaa qabaadhaπŸ™
Gammaddii jiraadhu

Gammachuu kee haala jireenya kee waliin wal hin qabsiisin. Gammaduuf rakkoon dhabamuun dirqama miti; Yeroo rakkoo keetii kolfaan dabarsuu fi gaddaan dabarsuun filannoo keeti. Namoonni baay'en yeroo haala gaarii keessa jiran qofa gammadan. Ati garuu, yeroo hundumaa uumaa keeti fi namummaa kee qofatti
gammadi.

Addunyaan ati keessa jiraattu dachee tana osoo hin taane, sammuu kee keessa waan ta'eef, Yeroo keessi kee gammadu, Addunyaan tun waan ati gammaddeef si waliin kolfiti. sammuu kee keessa jiraachuu yeroo eegalte, Wanti ati rakkisaadha jettee yaadde salphaa taΚΌuu isaa nii hubatta. Gaaffin jireenya keetii deebii dhabee tures deebii siif argachuu eegala. Sana booda Namoonni baay'en madda gammachuu keetii baruuf si kabaju, si dhaggeeffatus. Namoota baay'ee biratti iddoo gudda argatta. Hojii keetin nii ajaa'ibsiifatamta. ilaa fira koo   rakkina dachee tanaa dhiistee sammuu kee keessa jiraachun eenyummaa kee yeroo barte uummamuun kee qofti si gammachiisa.

Gammachuu hunda isiniif hawweera
@oro_motivate
Daawwitii milkaa'inaa
Haala haasa'a/dubbii kee ykn wantoota ati gootu ilaalanii, namoonni akka Gowwaatti si ilaaluu danda'u, sitti kolfuus danda'u, eessayyuu hin geessu jechuunis yaaduu danda'u!
Kana gochuuf mirga guutuu qabu!

Sittan hima na dhageessaa🧏🏼!
Si'irraa wanti eeggamu gamna akka taate afaanin isaanitti himuu miti! kaayyoo keetif gadi jettee, hawwii kee milkeessun eenyu gowwaa akka ta'ee gochaan itti agarsiisii!

Jaalatamtoota maatii
@oro_motivate
halkan mi'ooftuu isiniif hawweera
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Barnoota barattee,
maatin (haatif abbaan) kee barnoota hin baranne yoo ta'e, beekkumsi ati barnootarraa argatte immoo, maatin kee barnoota akka hin baranne beekun, isaan tuffachuu yoo ta'e, dhuguman siin jedha ati hin baranne!

Siif jedhee awwaara kan dhuguu, aduun kan nyaatu, Siif laachuf ibiddi kan xuxxu, ija nama meeqaa kan dandeessu harmee teetii fi abbaa kee hin kabajju taanan, eessa baratte jedhamta?
Faayidaan rifeensa keeti sirriitti kan siif galu, yeroo faaxun sirraa fixxe qofa! har'a yeroo sirra jiru itti gammadi, kunuunfadhus

jaalatamtoota maatii
@oro_mitivate
yeroo addaa
isiniif hawweera
π™œπ™–π™‘π™–π™©π™–πŸ™πŸΌπŸ™πŸ»πŸ™πŸΌ

π‘¦π‘’π‘Ÿπ‘œπ‘œ π‘šπ‘–π‘–π‘Ÿπ‘Ÿπ‘– π‘˜π‘’π‘’ π‘œπ‘™ π‘π‘Žβ„Žπ‘’π‘’ 𝑓𝑖𝑖 π‘”π‘Žπ‘‘π‘– 𝑏𝑒'𝑒 π‘‘π‘Žπ‘›π‘‘π‘’π‘’π‘ π‘ π‘’π‘’ β„Žπ‘Žπ‘Ÿ'π‘Žπ‘Žπ‘› π‘”π‘Žβ„Žπ‘’π‘’π‘› π‘˜π‘’π‘’ π‘€π‘Žπ‘›π‘‘π‘Ž π‘ π‘Žπ‘™π‘β„Žπ‘Žπ‘Ž π‘šπ‘–π‘‘π‘–.
π‘œπ‘“ π‘—π‘–π‘—π‘—π‘–π‘–π‘Ÿπ‘’π‘‘β„Žπ‘Žπ‘Žπ‘“ π‘šπ‘’π‘Ÿπ‘‘π‘’π‘’π‘ π‘ π‘–π‘‘π‘’π‘’ π‘–π‘šπ‘Žπ‘™π‘Ž (π‘‘π‘’π‘’π‘šπ‘ π‘Ž) π‘’π‘’π‘”π‘Žπ‘™π‘’π‘’π‘› π‘˜π‘’π‘’ π‘€π‘Žπ‘›π‘‘π‘Ž π‘ π‘Žπ‘™π‘β„Žπ‘Žπ‘Ž π‘‘π‘Ž'𝑒𝑒 π‘šπ‘–π‘‘π‘–.

π‘šπ‘–π‘™π‘˜π‘Žπ‘Ž'π‘–π‘›π‘Ž π‘π‘Žπ‘Ÿπ‘π‘Žπ‘Žπ‘‘π‘’π‘’ π‘˜π‘Žπ‘› π‘’π‘’π‘”π‘Žπ‘™π‘’ π‘›π‘Žπ‘šπ‘œπ‘œπ‘‘π‘Ž π‘π‘Žπ‘Žπ‘¦'π‘’π‘‘β„Žπ‘Ž. π‘”π‘Žπ‘Ÿπ‘’π‘’ π‘–π‘šπ‘šπ‘œπ‘œ π‘šπ‘’π‘Ÿπ‘‘π‘’π‘’π‘ π‘ π‘’π‘’ β„Žπ‘Žπ‘›π‘”π‘Ž π‘šπ‘–π‘™π‘˜π‘Žπ‘Ž'π‘–π‘›π‘Ž π‘–π‘ π‘Žπ‘Ž π‘π‘–π‘Ÿπ‘Ž π‘”π‘Žβ„Žπ‘’π‘‘π‘‘π‘– π‘˜π‘Žπ‘› π‘–π‘šπ‘Žπ‘™π‘’ π‘›π‘Žπ‘šπ‘œπ‘œπ‘‘π‘Ž π‘šπ‘’π‘Ÿπ‘Žπ‘Žπ‘ π‘Ž.
π‘›π‘Žπ‘šπ‘œπ‘œπ‘‘π‘Ž π‘šπ‘’π‘Ÿπ‘Žπ‘Žπ‘ π‘Ž π‘˜π‘Žπ‘›π‘Ž π‘˜π‘’π‘’π‘ π‘ π‘Žπ‘Ž π‘–π‘ π‘Ž π‘‘π‘œπ‘˜π‘˜π‘œ π‘‘π‘Ž'𝑒𝑒 π‘¦π‘œπ‘œ π‘π‘Žπ‘Ÿπ‘π‘Žπ‘Žπ‘‘π‘‘π‘’ π‘”π‘Žπ‘™π‘Žπ‘›π‘›π‘– π‘šπ‘’π‘Ÿπ‘‘π‘’π‘’π‘ π‘ π‘Žπ‘‘β„Žπ‘Ž. π‘—π‘’π‘β„Žπ‘Ž π‘”π‘Žπ‘™π‘Žπ‘‘π‘Ž π‘—π‘’π‘‘β„Žπ‘’ π‘Žπ‘˜π‘˜π‘Ž β„Žπ‘–π‘› π‘‘π‘Žπ‘”π‘Žπ‘›π‘›π‘’.
π‘ π‘Žπ‘π‘Žπ‘π‘›π‘– π‘–π‘ π‘Žπ‘Ž π‘€π‘Žπ‘›π‘‘π‘– β„Žπ‘’π‘›π‘‘π‘’π‘’ β„Žπ‘Žπ‘“π‘’π‘’ π‘”π‘’π‘¦π‘¦π‘Žπ‘Ž β„Žπ‘Žπ‘Ÿ'π‘Žπ‘Ž π‘‘π‘Žπ‘›π‘Ž π‘”π‘Žβ„Žπ‘’π‘’π‘› π‘˜π‘’π‘’π‘‘π‘’π‘’ β„Žπ‘’π‘¦π‘¦π‘Žπ‘šπ‘Ž π‘’π‘’π‘šπ‘Žπ‘Ž π‘˜π‘’π‘’π‘‘π‘–π‘‘π‘–π‘–π‘›π‘–.
π‘˜π‘Žπ‘›π‘Žπ‘Žπ‘“ π‘šπ‘–π‘™π‘˜π‘Žπ‘Ž'π‘–π‘›π‘Ž π‘¦π‘œπ‘œ π‘π‘Žπ‘Ÿπ‘π‘Žπ‘Žπ‘‘π‘‘π‘’ π‘˜π‘Žπ‘› π‘Žπ‘Ÿπ‘”π‘Žπ‘‘π‘‘π‘’π‘’π‘“π‘–π‘  π‘˜π‘Žπ‘› β„Žπ‘–π‘› π‘Žπ‘Ÿπ‘”π‘Žπ‘›π‘›π‘’π‘’π‘“π‘–π‘  π‘”π‘Žπ‘™π‘Žπ‘‘π‘Ž π‘—π‘’π‘β„Žπ‘Žπ‘Ž π‘–π‘šπ‘Žπ‘™π‘Ž π‘˜π‘’π‘’ 𝑖𝑑𝑑𝑖 𝑓𝑒𝑓𝑖.
π‘˜π‘Žπ‘› π‘π‘Žπ‘Žπ‘™π‘’ π‘π‘Žπ‘‘β„Žπ‘Žπ‘Žπ‘“π‘Žπ‘šπ‘‘π‘Žπ‘Žπ‘‘π‘–

β„Žπ‘Žπ‘™π‘˜π‘Žπ‘› π‘’π‘’π‘π‘π‘–π‘“π‘Žπ‘šπ‘‘π‘’ 𝑖𝑠𝑖𝑛𝑖𝑖𝑓 β„Žπ‘Žπ‘€π‘€π‘’π‘’π‘Ÿπ‘ŽπŸ™πŸ½πŸ™πŸ»
@oro_motivate
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
2025/06/12 14:00:49
Back to Top
HTML Embed Code: