Telegram Web
Eebba Marsaa Jalqabaa kanarraa hinhafinaa! Fuula Tiktok kiyya, https://www.tiktok.com/@fedho09?_t=8j1NUDxzu45&_r=1 irratti galgala sa'a 4tti seenaa hordofaa! Namoota barachuu barbaaddaniif ciicata gaarii ta'a jedheen yaada!

TikTok
Fedhasaa on TikTok
@fedho09 11.7k Followers, 3610 Following, 43.9k Likes - Watch awesome short videos created by Fedhasaa
Channel name was changed to «Tajaajila Gorsaa Afaan Oromoo Simboo»
Dhugaakoo falmadhuu?
“Sobni irra deddeebi’amte dhugaa fakkaatti” jedhama. Dhugaa fakkaatti malee garuu sobni dhugaa ta’uu hindandeessu. Sobni wacaan gabaa daneeffattus, gaaftokko golgolooftee dhugaaf bakka gadi dhiifti. Ta’us, saffisni isheen dhugaa ukkaamsuuf gootu libsuu ijaatti addunyaa walga’a. “Amma dhugaan gadi jettee kophee hidhattutti sobni addunyaa marsitee deebiti!” jechuun sunis haqa kana haqoomsa.
Dubbii tibbana narratti haasa’amu irratti callisuun kiyya firootakoo mufachiise. Kaan isaanis akka natti guunguman taasise. Ani garuu dhugaan qabu falmachuu sodaadhee ykn wal’aalee osoo hintaane, abidda boba’aa jirutti beenzila hindabaluun callise. Callisuun kiyya kunimmoo akka waanan isa naan jedhame keessaa harka qabuu fakkeesse. Dubbichi deemee deemee gara ogummaakoo qaqqabe. Utaalee maatiikoo biras ga’e. Bakka hojii kiyyaa akkan ariyamuuf narratti barreeffame. Carraan barumsa kiyyaas akka haqamu ifatti gaafatame. Turees garuma lubbuukoottuu dhufe. Namni dhimmi qorannoo dhiisee jiruu dhuunfaakoo balleessuuf abbales ifatti ofmullise. Ammatti dhimmi nama dhuunfaa tuffadhee dhiisuukoo naaf beekaa! Yaada irratti qofaan dubbadha! Waan jedhame kanarratti yaadan qabun gabaabsee ibsa. Sana dura garuu gumaacha kiyya kaleessaa isin yaadachiisa.
Fedhasaan eenyu? Afaan Oronmoo guddisuuf ifaajiin inni taasise jiraa? Gumaacha kanaaf badhaasa akkamii argate? Gaaffilee kannneen gaggabaabsee isiniif deebiseen ijoo qorannoo duula bane kanaatti deebi’a.
Ani Fedhasaan nama Oromoof waa gumaachedha jedheen of amana. Mee gama qorannoo Afaan Oromoofi kitaabaatiin waanuma xiqqoo jedha. Ani kennaa walaloo barreessuufi wantoota kalaqanii seenessuu ijoollummaa kiyyattan qaba. Manni barumsaa ani kutaa 1 kaasee baradhe (Manni Barumsaa Gurraacha Hallataa, Oromiyaa Lixaa Aanaa Haaruu Ganda Gurraachaatti kan argamtu) ragaa kana hanga yeroo dhiyootti kuusee akka qabu nan beeka. Achiis barnootakoo sadarkaa 2ffaa xumuree yommuun yuunvarsiitii Jimmaa galu, carraan kiyya Seera barachuu naga’ee ture. Haata’u malee, Fooklooriifi Ogbarruu Oromootu baname yommuu jedhan, sana dhiiseen achitti deebi’e. Sunis sababa lama: Waan Ogbarruufi Oromummaa kana sirnaan beekuu waanan fedhii qabuufi Barnootni Seeraa nurratti waggaa 5 ta’uu ture.
Akkasiin warshaa Oromummaa keessa seenee morodamee ba’e. Achitti milkaa’ina akkamii akkan galmeesse ijoolleen nawaliin jiran ragaadha. Barsiisonnikoo naqaran sunis uggaayyuu onneerra najiru. Achuma osoon jiruun kitaaba barreessuu jalqabe. Achii eebbifamee Yuunvarsiitii Wallaggaa gale. Wagguma sana keessa qorannoo Afaan Oromoo irratti hojjechuuf wixineesse. Waggaa sana keessa siminaara qorannoo qophaa’erratti nama yeroo jalqabaaf Afaan Oromoo irratti yaada qorannoo dhiyeesse anaafi Dr. Aliimaa Jibriil turre. Akkamitti dhaabbata Federaalaa keessatti Afaan Oromoon qorannoo dhiyeessitu gaaffiin jedhus nurratti ka’e. Sanaafis deebii quubsaa laannee dabarre.
Adeemsa waggaa tokkoo booda waanuman qabu walitti fiffideen kitaaba maxxanse. Dukkana Barii Jalaafi Subii ture kanan yeros maxxanse. Sababa sanaaf rakkoo hagas hinjedhamnen keessummeesse. Achiin Mana kitaabaa baneen ummanni magaalaa Naqamtee akka kitaaba dubbisu jajjabeesse. Sanattis yeroon milkaa’uu jalqabu ariyatamni hamma hinqabne narratti taasifamee… hanga kitaabni kiyya guutummaansaa saamamuutti ga’e. sanan namoonni natti siqeenya qaban beeku. Guutummaan kitaaba kiyyaa saamames ani hojiikoo ittuman fufe.
Qorannoo Afaan Oromoo haala addaddaa keessa taa’ee hojjechaa barnootakoos ittuma fufe. Rakkoo Afaan kanatti deemus ifoomsaa osoon deemuun rakkoon jiru kana furuu kan danda’u argadhe. Sunis tokkoofi tokko AKKAADAMII AFAAN OROMOO hundeessuu akka ta’e dubbachuu jalqabe. Hagayya 1, 2018 Mootummaa Naannoo Oromiyaaf xalayaa banaa barreesseen dhimmicha hubachiisuuf yaale. Turees sanuma qorannoon tumse. Pirojeektii Qorannoo kootii Yuunvarsiitii Wallaggaf dhiyeesse. Yuunvarsittiinis kora irratti qopheessuun mariin hayyootaa akka taasifamu godhe. Anis caasaa akkamiin akka hundaa’uu qaburratti ibsa bal’aa kenne. Waraqaan dhiyeesses fudhatama argate.
Achumatti, Akkaadaamii Afaan Oromoo Dr. Hayilee Fidaa akka hundaa’uufis yaada dhiyeesse yuunvbarsiitichi fudhate. Akkasiin Akkaadaamiin sun dhaabbate; hojii hojjeteera ta’eef hinhojjennee waanan beeku hinqabu. Ani barumsarra waanan jiruuf hinhordofne jechuu kiyya. Yeroon sana qopheesse bakka tokkottuu Fedhasaan kana nuuf gumaache namni naan jedhe jira natti hinfakkaatu. Garuu, wanti naan jedhan Fedhasaan Pirojeektii hojjetee qarshii miliyena 1.5tti yuunvarsiitiitti gurgurate jedhanii odeessan. Oduun oduudha waan ta’eef ani ittuman dhiise. Ani qarshiin ijaan arge yoo jiraate gaafa kora Sanaa Finfinneerraa deemee waanan waraqaa dhiyeesseef durgoo qarshii kuma tokkoofi dhibba torbaafi shantama (1750) naaf kenname.
Waan qarshii kanarratti xiqqoo waa jedheen darba. Hanga har’aatti, ani qasrhii fudhee qorannoo hojjedhee hinbeeku. Yeroo tokko dhaabbata ani maqaa dha’uu hinfeene tokkotu qorannoo tokkoof qarshii kuma sadii naaf ramade. Animmoo qarshii sana fudhachuu dideen kiisa kootii baasee qorannoon sana hojjedhee galche. Namoonni waan qarshii kanaaf wanti na shakkaniif ofii isaaniitii qarshii argatan malee waan hinhojjenneefidha. Ani garuu hanga yoonaayyuu qarshii dhaabbata kamiiyyuu fudhee ykn fundi argadhee waanan hojjedhe hinqabu. Kaka’umsa mataa kiyyaan daabboo ijoollee kiyyaarra kuteen hojjedha. Kun haqa Waaqayyo/Rabbi beeku! Ummanni kiyya Oromoonis akka naaf beeku barbaada.
Oduu tibba kanaarrattis dhugaan qabu falmadhuu?
Akkuman duraan kaasee asce’e, ani qorannoo Afaan Oromoo kana jabeessee qabeen ture. Maaltu akka deemu jalqa bu’een hordofa. Miidhaafi dhiibbaa irra ga’aa jiruufi itti as adeemus barreessaa dubbachaan ture. Furmaannis maal ta’uu akka qabu inuman akeeka. Sababa kanaaf dhimmi Kanaan walqabatu yoo jiraate namoonni anatti barreessu, nibilbilus.
Akka Kanaan waggoota lamaan kana dura waan hahhaaraa arguu jaqlqabe. Namoonni qubee Afaan Oromoo kanarraa adda ta’e walbarsiisaa akka jiranis bira ga’e. Achumaan dookmentii barbaachisu walitti qabachuu jalqabe. Odeeffannoo kanan argadhu miidiyaa hawaasaatiin waan ta’eef baasii baay’ee nan baasisu sana hojjechuun. Osoon jedhuun QUBEELEE HAARAWAA uumamanii jiran sagal (9) ta’u arguu danda’e. Waan deemaa jiru kanas bifa qorannootti deebisee xinxaluu jalqabe. Qubeelee namoota lamaan uumaman dokmentii guutuu argachuu hindandeenye. Haata’u malee, kan namoota 7 guutuusaa argadheen ragaalee sana xiinxale. Waan kun hayyootaan qorannoo addaddaa akka irratti adeemsifamuufis gara mariitti fiduu yaade. Akkuma amalakoos qorannookoo fudheen Yuunvarsiitii Wallaggaa deemee muummee Afaan Oromoo dubbise. Waan qoradhe kanas akka maatii kiyyaatti yaada akka naaf gabbisan kutaa muraasa qorannoo Sanaa sa’a walakkaaf dhiyeesse.
Suni, adeemsa qorannooti; waan hojjette namoota ogummaa sana qabaniif dhiyeessuun akka. Yaadni qorannoo sana tumsu kakaafameetu argannoo qorannichaa gabbifama. Booda dhimmicharratti korri qophaa’ee mariin waliigalaa taasifama ture silaa. Anis sanuman taasise. Kanan dubbise Muummee Afaan Oromooti. Haala sana isaan qindeessinaan sadarkaa kolleejjiitti dhiyaate. Waltajjii marii sanarratti garuu wal hubannoon hinturre. Namoonni akka waanan jaatanii qorannoo hojjedhee qarshii argadheetti kan yaadanis achi keessa jiru turan. Sanaaf ragaan amma dubbachuu hinbarbaanne ofarkaa qaba. Ta’us, namoonni achi keessa jiran “Fedhasaan Qubee jijjiire! Wallaggatu waltajjii kenneefii innimmoo achirratti labse!” jechuun yaada summawaa warra silayyuu dubbii natti barbaadaa jirutti ergan. Jarrimmoo dookmentii isaan bira jiruun walqabsiisanii beenzila itti firfirsuu jalqaban. (Waa’een Kuullee kan ho’eef kanaafidha. Qubeeleen akka sanaa 8 hafanii jiru). Waanan hinjedhin akka waanan jedheetti qindeessan. Akkasiin abiddi sun boba’e. Sanan keessatti namoonni dhugaakoo hubatan muraasnis hindhabaman; jiru.
Waa’ee lagaafi amantiin Oromoo qoqqoodanii dudubbachuutu waltajjii sanarra ture. Sunimmoo na’aarse! Isan aariin dubbadhemmoo dhiyeessii isaati jechuun viidiyoo sana kutanii addunyaarra naannessa. Yuunvarsiitiin oolmaa gurguddaa walbiraa qabnus ija natti diimeffate. Waan hedduutu raaawwatames! Akki qorannoo silaa akkasii? Dogoggori qorannoo keessatti uumamuu mala. Suni garuu dirree feesbuuk irratti gadi hinba’u. Achuma gola beekumsaatti miicamee qulqullaa’a. Akki qorannoo akkasi!
Icciittiin yuunvarsiitiis akkasiin gadi ba’uun hinmalle. Akkuma inni kun gadi ba’e inni kaanis gadi ba’uu danda’a waan ta’eef kun irra deebiin ilaalamuu qaba.
Ani warra na himatanitti fuula feesbuukiin falmuu nan dhiise; ammas hinfalmu. Qorannoon hojjedhus hayyama namaan osoo hintaane, tarii nifayyada jedhee waanan itti amanen hojjedha. Yoo fudhatama argate ishoo! Yoo ta’uu baates rakkoo hinqabu; waraqaatu kufa. Asitti garuu dhugaakoon himachuu dhufe. Ammas taanaan waan namni dhuunfaa naan jedhe jechaa hinjiru. Waanan hojjedheefi silaa ta’uu qabun hime. Maatiin yoo nama gane homaa gochuun hindandaa’amu!
Dhimma qarshiin walqabatee, kaleessas yeroon wixinee dhaabbata Akkaadaamii Afaan Oromoo Dr. Hayilee Fidaa barreessee wallaggaaf kenne qarshii miliyena 1.5 itti argate naan jedhaa turan. Harras waan walfakkaataatu jedhame. Qorannoo kanaaf ani ofiikoon baasii barbaachisu baase. Daataa interneetaa, yeroo kiyyaafi dhamaatii sammuukoo hanga waraqaa xixiqqoo pirinti gochuutti dhaabbanni nagargaare hinjiru. Akkasitti naaf haahubatamu!
Horaa bulaa!
Fedhasaa Taaddasaa
Yooyyaa harka fuune!
Haala jiru hundaa karaa yutuubii kanaa kanan isiniif ifoomsu taha. Kana malees, dhimma Afaan Oromoos tahe ogbarruu irratti barumsan qoodu asirratti argattu! Itti dhiyaadhaa!
🙏🙏🙏👇👇👇👇
https://youtu.be/n0GmX5SQhWQ?si=Jlh48sUMdexEOVq6
2025/03/12 17:47:48
Back to Top
HTML Embed Code: