tgoop.com/samishayee/2
Last Update:
OBOMBOLEETTII
----------------------
Jaalatamuu malee jaaladhee hin beeku ani kanaan duraa
Dhibee nama jaalatee amma reefu yoonan argaa jiraa
Jaalatamuu dideen jaaladhee kunoo mankaraaraa
Egaa gahaniit arguu qaqqabeen argaa jira waan maraa
Naa nahi naa nahi naa rifadhu maaloo yaa bajigaa kiyyaa
Bareeda akka asheeta birraa
Naa nahi naa nahi naa rifadhu maaloo
Sitti na maraache qabaan na dadhabeera sirraa
Ya qaxaleekoo sitti hajameeraa jaalala keetiin sitti maraadhee
Gadi qabaan na dadhabeera sirraa(x5)
-------------------------------
Kan haalakoo kana argeet raajame raajiin halaalaa
An sii safuu jedhe yaa safuu sii safuu humna jaalalaa
Ajaja isaa jalan jira jaalalasaatiin na hiitee
Oboomboleettidha miliqee baqachuufis ulfaatee
Oo-boomboleettii(x3)
Daraan ulfaata humnisaa akka qilleensa qarmammeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Natti moggaasise maqaan ani hin qabne akka dhabeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Na gachisiiseera safuu durba dunbush kana ba’eettii
Oo-boomboleettii(x3)
Didanuu naan nama hin dimokraatawu Gadaatti
---------------
Akkan ta’un dhaba gaafan ija kiyyaan isa laalee
Ciniinsifadhee danuu har’ammoo natti caalee
Garaa hin jabaatiin ya jabaa qaxalee Oromtiichaa
Hanga yoomiin tura jaalala kee laboobeen guggubaachaa
Oo-boomboleettii(x3)
Daraan ulfaata humnisaa akka qilleensa qarmammeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Natti moggaasise maqaan ani hin qabne akkan dhabeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Na gachisiiseeraa safuu durba dunbush kana ba’eettii
Oo-boomboleettii(x3)
Didaanu naan nama bitaa hin dimookraatawu Gadaattii
@s1ako
BY Hiri ya sa
Share with your friend now:
tgoop.com/samishayee/2