Telegram Web
Channel created
OBOMBOLEETTII
----------------------
Jaalatamuu malee jaaladhee hin beeku ani kanaan duraa
Dhibee nama jaalatee amma reefu yoonan argaa jiraa
Jaalatamuu dideen jaaladhee kunoo mankaraaraa
Egaa gahaniit arguu qaqqabeen argaa jira waan maraa
Naa nahi naa nahi naa rifadhu maaloo yaa bajigaa kiyyaa
Bareeda akka asheeta birraa
Naa nahi naa nahi naa rifadhu maaloo
Sitti na maraache qabaan na dadhabeera sirraa
Ya qaxaleekoo sitti hajameeraa jaalala keetiin sitti maraadhee
Gadi qabaan na dadhabeera sirraa(x5)
-------------------------------
Kan haalakoo kana argeet raajame raajiin halaalaa
An sii safuu jedhe yaa safuu sii safuu humna jaalalaa
Ajaja isaa jalan jira jaalalasaatiin na hiitee
Oboomboleettidha miliqee baqachuufis ulfaatee
Oo-boomboleettii(x3)
Daraan ulfaata humnisaa akka qilleensa qarmammeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Natti moggaasise maqaan ani hin qabne akka dhabeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Na gachisiiseera safuu durba dunbush kana ba’eettii
Oo-boomboleettii(x3)
Didanuu naan nama hin dimokraatawu Gadaatti
---------------
Akkan ta’un dhaba gaafan ija kiyyaan isa laalee
Ciniinsifadhee danuu har’ammoo natti caalee
Garaa hin jabaatiin ya jabaa qaxalee Oromtiichaa
Hanga yoomiin tura jaalala kee laboobeen guggubaachaa
Oo-boomboleettii(x3)
Daraan ulfaata humnisaa akka qilleensa qarmammeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Natti moggaasise maqaan ani hin qabne akkan dhabeettii
Oo-boomboleettii(x3)
Na gachisiiseeraa safuu durba dunbush kana ba’eettii
Oo-boomboleettii(x3)
Didaanu naan nama bitaa hin dimookraatawu Gadaattii

@s1ako
Ittiiqaa Tafarii - Galma dhugaa
⚫️🔴⚪️
Dubbitu dubbii dhalcha,
Dubbii tuttuqxanii dubbii dhalchitanii
Ummata xiiqii keessa galchitan,
Kan dhugaaf dhiigaa turetu
harras haara hin galfanne,
Haati ilmoo bobbaafattee naga jira jettee
keessi ishee boqonnaa hin arganne. (2x)
Albeen diinaa kaleessa nu murte
Cophaa dhiiga keenyaa hordoftee
hadhas nubiraa hin hafne,
Aarsaa goototaaf humna rabbiin hafne,
Akka deemsa isheetiif silaa yoona qaata duguugamne,
Qomoo koo wal malee fira hin qabnu,
Ofi eegi akka si hin raasne qilleensi sobaa yommuu bubbisu,
Carraa argannaan kutaan si kukkutu asii si waliin shubbisu obboleeyyan kee dhiiga boochisu.
Lallaba gowwaa firatu qaana'a
ni waama deebii hin dhaggeeffatu,
Lallaba gowwaa firatu qaana'a
adda hin kutu deebii hin dhageeffatu,
Calaqqisa hangaasuu qomoo koo dadammaqi
rimaa gaangee kun nama hin baasu. (2x)
Bar waa hundi irra dibaa.
Gubbaa calaqqisaa keessi hin bilchaanne
bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa.
Gubbaa calaqqisaa keessi summiidha
bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa.
Obsineerra obsa obsa keessa darbee gabbara fakkatu,
Ofi eeggadhu kaleessas otoo tuffattu kan teessumatti jibbite lafaa kaatee sitti sirbitu. (2x)
Gubbaa calaqqisaa keessi bukoodha
bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa,
Gubbaa calaqqisaa keessi duwwaadha
Bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa.
Addeessii fi urjiin walii galanii hurrii fi duumessa michoomfatanii biiftuu baha dhoorkuuf dhaadatanii,
Biiftuun yeroo ishee baha hin ooltu isaanis guyyaa hin muldhatni.
.
Galma dhugaa ijaarsi isaas haa ulfaatu
Abdii irraa hin kutu kan imaanaa baatu.
Galma dhugaa karaan isaas haa fagaatuu
abdii irraa hin kutu kan imaanaa baatu. (2x)
Galma dhugaa bu'aa bahiis haa qabaatuu
abdii hin irraa hin kutu kan imaanaa baatu.
Galma dhugaa qorees haa qabaatuu
abdii irraa hin kutu kan imaanaa baatu.
Bar waa hundi irra dibaa.
⚫️🔴⚪️
@s1ako
Channel photo updated
Hacaaluu Hundeessaa- Jirra
@oromic music lyrics & reacts

Kan Barreesse: .Sinnishaw Mullataa

......
Oh...ho.. Ho..ho..ho..ho . Oh...ho..
Ho..ho..ho..ho
Oh...ho.. Ho..ho..ho..ho aha ha ha ha ha
haa..
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Jirra bullee barii arguuf
Garaa nu ballisee yaa nuhii.. Yaa nuhii
Yaa nuhii.. Yaa waa irraanfachuuf
Yaa waa irraanfachuuf
Yaa waa irraanfachuuf yaa nuhii/4
Tafkiidhaaf utaalchoo..ooo
Geergoodhaaf miliqqee..ee
Xaddee kuttee hin baaneef
Waayyuudhaaf rasaasa
Allaattiidhaaf koochoo
Allaattiidhaaf koochoo.ooo
Qocaadhaaf dhagaacha
Kennaa maaltu dida
Jirra hunda baachaa
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Kunoo har'allee jirra
Yaa..a...a..a.. nu'ii
Nan mammaaka
Na mammaaksisa
Uumamni seera uumaa dabse
Raajii bara kanaan raajaka
Erga buqqeen dhagaa cabsee
Nan mammaaka na mammaaksisa
Raajii bara kanaa yaa jamaa
Boolla keessa teessee boolla qotti
Dhaala abbaashee ilmoon rirmaa
Shiran shiranii
Garaaf qalbii kiyya hatanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa citaa
Maal godheen an sirraa citaaaa
Si fudheen Gincii koo lixa
Si fudheen Gullisoo lixa
Si fudheen Dadar koo lixa
Si fudheen Shaallaa koo lixa
Si fudheen Shukkutee lixaa
Si fudheen Sabbataa lixa
Si fudheen Awwadaayi lixa
Shira shiranii
Isaanoo nu doorsisanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa cita
Maal godheen an sirraa citaaaa
Si fudheen Ajjee koo lixa
Si fudheen Sarboo koo lixa
Bulee Horaa koon siin lixa
Si fudheen Naqamtee lixa
Si fudheen Machaaraa lisa
Si fudheen Shaashee koo lixa
Si fudheen Machaaraa lixaa
Si fudheen Baabbichee lixa
Si fudheen Najjoo koo lixa
Si fudheen Ammayya lixa
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Jirra bullee barii arguuf
Garaa nu ballisee yaa nuhii.. Yaa nuhii
Yaa nuhii.. Yaa waa irraanfachuuf
Yaa waa irraanfachuuf
Yaa waa irraanfachuuf yaa nuhii/5
Baayyinni rakkoodhaa furmaata mataansaa
Har'een ba'aa diddeeti taate harre diidaa
Qambar sadii cabseeti..
Qambar sadii cabseeti qotiyyoon gafarsaa
Hammeenyi ulee mataas injiraan ajjeesa
Hammeenyi ulee mataas injiraan ajjeesa
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Jirra.. Jirra..jirraa....jirra
Jirra..jirra..jirraaaa
Kunoo har'allee jirra
Yaaaaaa...a...a...a. Nuhii
Nan mammaaka na mammaaksisa
Uumamni seera uumaa dabsee
'In mullata deemi naan jedha
Dukkana dukkanatti ibsee
Nan mammaaka na mammaaksisa
Raajii bara kana yaa jamaa
Boolla keessa teessee boolla qotti
Dhaala abbaashee ilmoon rirmaa
Shiran shiranii
Garaaf qalbii kiyya hatanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa cita
Maal godheen an sirraa citaaaa
Si fudheen Meettaa ko lixa
Si fudheen Horroo koo lixa
Si fudheen Walisoo lixa
Si fudheen Ginniir koo lixa
Si fudheen Roobee koo lixa
Si fudheen Leemman koo lixa
Si fudheen Sulultaa lixa
Shira shiranii
Isaanoo nu doorsisanii
Akkan sirraa cituuf yaadanii
Maal godheen an sirraa cita
Maal godheen an sirraa citaaaa
Si fudhen Dodolaa lixa
Si fudheen Begii koo lixa
Si fudheen Jalduu koo lixaa
Si fudheen Maqii koo lixa
Si fudheen Gaalessa lixa
Liiban Cuqqaalaan siin lixa
Si fudheen Gindoo koo lixa
Dambi Doolloo koon siin lixa
Si fudheen Amboo koo lixa
Si fudheen Cillimoo lixa
Si fudheen Finfinnee lixa
Si fudheen Shaggar koo lixa
Si fudheen Oromiyaa lixa
Biyya Abbaa kootiin siin lixa
Si fudheen Oromiyaa lixa
Biyya abbaa kootiin siin lixa
Si fudheen..
Biyya abbaa koo..
......
2025/02/27 04:03:19
Back to Top
HTML Embed Code: