Warning: Undefined array key 0 in /var/www/tgoop/function.php on line 65

Warning: Trying to access array offset on value of type null in /var/www/tgoop/function.php on line 65
- Telegram Web
Telegram Web
Channel photo updated
Forwarded from Deleted Account
maqaa abbaa kan ilmaa kan hafuura qulqulluu waaqa tokko
Dubbii amantaa
Kaayyoo barnoota dubbii amantaa
👉 namni waaqa waaqeffatuu fi tajaajilu akka beekuuf yoha 3፥11
👉kan beekus akka jaallatuuf. Maat 22፥37
👉kan jaallatus akka tajaajiluuf

Amantaa
Amantaan maali?
Yeroo baayee jechootni Amataa fi Amantii jedhan akka tokkootti yookaan akka adda addaatti yoo hiikamanii fi ibsaman ni muulata
❖Wal fakkeenyiifi garaagarummaa jechoota lamaanii
☩ Amantaa; dhaabbata balaa seeraafi sirna qabu kan waliinii kan tae yaa baayatus yaa xiqqaatus of jalatti hordoftoota kan qabu jechuudha.
amantaan nuti hodofnu kan waliinii akkasumas araara kiristoosifi jireenya bara baraa kan barsiistu dha. isheenis kitaaba qulqulluu bu
uura kan godhattee doogimaa fi qannoonaa mataa ishee kan qabdu qulqulleettii kan taate amantaa keenya Ortodoksii Tawaahiddoodha. yihuu 1፥20
Qulquulluun phaawlos galaa 6፥10 irratti namootni amantaa waliinii keessa jirru hundi maatiiwwaan amantaa ta'uu keenya ibsee jira
Amantii ; yaada kan tokkoon tokkoon keenyaa jechuunis amantaa tokko jala kan jirru dhimma amanuufi amanamuuti.
☩ namootni baay
een gaaddisa amantaa tokko jala osoo jiranii sadarkaa amantii gara graa qabu.angoo fi kabaja adda addaas qabu.
☩ kabajniifi aangoon kunis kan murtaa'u hammamtaafi qixa amantii isaaniitini. 1qoro 15፥41
☩Amantiin nama tokkoo ni cimas (ni dabalas) akkasumas ni hir
ata (ni laafa). Luqa 17፥5 '' amantii nuuf dabali "
Mar 9፥24 " nan amana amanuu dhiisuu koo gargaari. "
👉 hiika jechoota lamaanii galmee jechootaatiin
Amantaa ; amanuu, amanamuu,amantii,abdii gonka tae,aadaa waaqeffannaa,yaada laphee gadi fagootiin kan hubatamu.
Amantii;amantaa, amanuu, amanamuu,amansiisaa, amanamummaa. jechuudhaan hiikaniiru
kana irraa ka
un hayyoonni mana kiristaanaa keenyaa baayeen isaanii garaagarimmaa akka hin qabnetti barsiisu.
kanarra ka
uun Amantaa(Amantii) iddoo lamatti qoodanii ilaaluun ni danadaama
☩ 1 Amanuu
☩ 2 Amanamuu
❖ Amanuu ; jechuun
Ijaan ilaalanii gurraan dhagahanii lapheen yaadanii waliigala qaamolee miiraatiinis ta
u dhagahuufi tuttuqanii qorachuun kan hin dandaamne fageenya kan qabuufi hubachuufis gadi fagoo kan ta'e :ni ta'a ni raawaatama jedhanii fudhachuufi waaqayyo jira ni jiraata hunda kan qabu hunda kan bituudha jedhanii lapheedhaan gadhi fageenyaan fudhachuufii yaaduu yaadicha beekuunis mirkaneeffachuu eeyyamuu jaalachuu ittiin boonuu abdii godhachuu jechuudha
❖ Amanamuu ; yaada laphee gadi fagootiin kan amanan afaaniin ragaa bahuu dubbachuu jaalataniifi eeyyamanii gammachuun qulqulleessuu galateeffachuu hojiin muul
isuu waaqeffachuu jilbiinfachuu bitamuu gibira dhiyeessuu jechuudha
Itti fufa
( Yaa`ii mooraa caamooo)
👉 Share godha
Forwarded from Deleted Account
Kan itti fufe
❖ Qabxiilee Amantaan Ittiin Ibsamu
☩☩☩☩ Amantaan Maali?
1Daandii(karaa) dha
Amantaan duruma jalqabarraa walitti dhufeenya namaafi waaqayyo gooftaa jiraataa bara baraati
Waaqayyoon jalqaba uumuuni fi ajaja kennuun lammaffaas bakka badee barbaaduun sagalee namaa dhageessisee fi imala gara namaatti taasise dha kanaafis Amantaan karaa(daandii) waaqayyoo jedhama ( uma 3፥9)
namni waaqa wajjiin waaqnis nama wajjiin kan itti wal arganiidha " Amantaa jechuun amantee daandii irra deemtu. Deemtees sirriidhaan biyya itti galtu yookaan bakka jireenyaa bara baraati jechuudha. "( kitaba kukuha-haymanot fuula 113)
Daandiin waaqayyoo kun tokkodha kanaaf amantaanis tokkodha (eefe 4፥5

2kan kennameedha.
Amantaa namni kamiyyuu qoratee falaasaman kan argateefi kan hojjete addunyaafis kan beeksise miti.
Amantaan ifa bahudha ifas kan bahe waaqayyodha.
Duuka bu'ichi yihuudaanis Amantaan kan kennamte akka taate akkasumas tokkittii qofa akka taate nuuf ibseera. (yihu lakk 3)
3 kan fudhatanidha
Kan kenname yoo ta'e fudhachuun dirqama
Kan fudhannu yemmuu jennu amantiidhaani malee beekumsa foonii isa murtaa'aa ta'een qorannee kan irra geenyu (kan fudhanu) miti.
Amantiin miiraa oli miira qaamolee miiraa keenyaan mirkaneeffachuu ni dandeenya. Waaqayyo immoo hafuuradha hojiileen isaa hundi hojiiwwan hafuurawaati (raawwatamanii kan argamaniidha) yoha 4፥24 kanaafuu filannoon qabnu callisnee fudhachuudha
Dhimmi biroo immoo sammuun keenya daangaa qaba waaqayyo garuu daangaa hin qabu kanaaf waaqayyoofi ogummaa isaa daangaa hin qabne qorannee irra gahuu hin dandeenyu
Kiristaanummaa keesaatti beekkumsi amanuu dursu hin jiru
Beekanii amanuu osoo hin ta'in amananii beekuutu dursa akka abbaa keenya abrahaam jechuudha.
Amantaan beekkumsaa oli. Amantaan beekkumsaan keessumayyuu beekkumsa namaatiin hin qoratamu maaliif? yoo jenne
A ☩ beekkumsi hundi gonka miti
Beekkumsi ilma namaa yoomillee gonka miti
Qulqulluun phaawuloos 1qoro 13፥9 irratti daanga'ummaa beekkumsa keenyaa ibseera
Hammi beekkumsa mataa keenyaatii gonka kan ta'u erga duunee kaanee booda akka ta'e ibseera 1qoro 13፥12
B☩ beekumsi hundi kan haqamu waan ta'eef

Beekkumsi addunyaa kanaa hundi ka'umsi isaa waliigaltee namootaati.yeroo tokkotti namoonni walii galanii "dhugaa" kan jedhaniin yeroo biraatti immoo walii galtee isaanii qo'annoofi qorannoodhaan diiguudhaan "soba"jechuu ni danda'u
Fkn ijoollummaa keenyaan baay'inni pilaaneeti 9 jennee baranne terre ar'a gara 11 fi isaa ol akka ta'an ni ibsama. Kunis beekkumsi bara tokkoo beekkumsa bara biraatiin jijjiirramuu (bakka bu'uu) isaa nutti agarsiisa.
Namni tokko beekkumsa qofaan nama guutuu ta'uu hin danda'u amantiis dabalatee malee eefe4፥13
Qulqulluun phaawuloos akkas jedhe "daa'imummaa keetirraa kaastee iyyasuus kiristoosiin amanuun ogummaa fayyinni ittiin argamu siif kennuu kan danda'an kitaabota qulqullaa'oo beektee jirta. " amanuudhaan beektee jirta jedhamuu isaa ni hubanna 2xiimoo 3፥15
Fayyinni yeroo hunda kan argamu amanuudhaani malee beekuudhaanii miti. Gooftaanis wangeela isaatiin namoora rakkoo baay'eerraa yemmuu oolchu "amantiin kee si fayyiseera "jechuun dubbateera
4hojiitti kan hiikkamuudha
Hojiin kun hojii gaarii yoo ta'u gaarii kan jechisiisu jaalala waaqayyoofi jaalala namaa irratti hunda'uun namaafi waaqayyo jaallachuun kan hojjetamu waan ta'eefi dha.
Namni gaaddisa amantaa jala jiru amantii qaba jedhamee kan madaallamu hojii amantaan isaa eeyyamuuf hojjetee argamuufi argamu baachu isaatiini. Akkuma qulqulluun ya'iqoob nu hubachiisutti amantaa hojiirraa adda baasanii agarsiisuun hin danda'amu. Amantaa garuu hojiidhaan agarsiisuun ni danda'ama. Ya'i 2፥18
Karaa biraatiin Hojiin gaarii amantaadhaan raawwatamu hundi amanuu qofa osoo hin taane amanamuu keenya ibsa jechuudha
Walumaagalatti amantaan hojii hin qabne hojiinis kan hin ibsamne hin jiru. Hin jiraatus 1xiimo 1፥18 maat 25፥30 yoha 5፥29
Forwarded from Deleted Account
"Amanta malee waaqayyo gammachiisuun hin danda'amu " kan jedhamuuf amantaa waan qabnuuf qofa osoo hin ta'in amantaa keenya kana hojiidhaan yoo ibsinedha. ibro 11፥6
Hojii malee amantaa agarsiisuun hin danda'amu ya'i 2፥26.
5 meeshaa wanta hin muul'anne muul'isudha
Amantan wanta abdii godhannu kan nuuf mirkaneessu dha wanta hin argines kan nutti mul'isudha ibro 11፥1
Muuseen yeroo sanitti ogummaa fi sammuu fooniitiin mul'achuun hafee yaadamuun kan hin danda'amne kabaja isa boodaa dursee kan arge amantaadhaani.
Muuseen erga guddatee booda ilma ilma fara'oon akka hin jedhamne amantiidhaan ni dide. Yeroodhaaf gammachuu cubbuudhaan argamurra ummanta waaqayyoo wajjiin gidiraa fudhachuu filate. Gatiiwwan isaa(kaffaltiisaa,bu'aasaa,kabaja isa boodaa) xiyyeeffanoodhaan waan hubateefidha. ibro11፥24
Egaa amantaa keenyaan kan dhokate guddifnee kan fagaate dhiheessinee kan boruu akka har'aatti kan ilaallu yoo ta'e amantaa keenya hojii gaariidhaan guddisuufi dagaagsuun akka nurraa eegamu gonkuma illee dagachuu hin qabnu 2pheex15፥19
Galanni waaqayyoof haa ta'u

❖( Yaa'ii mooraa caamoo)❖
DUBBII WAAQAYYOO
Mataduree waa'ee waaqayyoo itti qo'annu dha
Kutaa kanattis kan ilaallu eenyummaa waaqayyoo, ibsamoota isaa fi amaloota isaati.
✟ jiraachuu waaqayyoo
Barnoonni waa'ee jiraachuu waaqayyoo itti qo'annu kuni afaan gi'iiziitiin "hallewe" (ሀለወ)" jecha jedhu irraa kan argame yemmuu ta'u hiini isaas jiraachuu jechuudha.
❖jiraachuu amantaatiif bu'uurri isaa jiraachuu waaqayyooti amantaan jiraannaan waaqayyo jira jechuudha
❖ Baay'een isaanii "yeroo waaqayyoon argamutti barbaadaa yoo dhiyaatee jirus waamaa." Isa 55፥6 jedhamaa dhiiba'inna isaaniitiin qoratanii beekuu dadhabuudhaan qofa waaqayyoon hin jiru jechuu barbaadu "dhibaa'aan laphee isaatiin waaqayyo hin jiru jedha." Akkuma jedhame. Far 52፥1 nuti kiristaanonni addugnaa baay'een isaanii humni tokko jira jedhanii osoo itti hin amanin kan waaman ofiisaatii argamsiisaa kan hin qabne barri waggaan guyyaaniifi ji'i kan hin lakkaa'amneef dur irraa bara waggaa ji'aafi guyyaa dersee kan ture uumamtoota hunda kan uume kan bulchuufi boodas sirnaan kan dabarsu waaqayyo waaqa bara baraati in ture jira ni jiraatas jennee ni amanna.
❖ Waaqayyoonis jiraachuu isaa karaalee gargaraatiin nuuf ibsee jira
✟ A seera uumamaatiin ( uumama addunyaatiin)
✟ B sagaleedhaan ( jechaaf jechaan nama waliin dubbachuudhaan)
✟C dubbachiisuu hafuura qulqulluutiin kitaaba qulqulluu barraa'aniin
✟ A) Seera uumamaatiin
Uumamtoonni waaqayyo isaan uume ykn hojiinsaa jiraachuusaa ragaa ni bahuuf.
Akkuma ogeessi ijaarsaa tokko gamoo hojjeteen beekkamu jechuudha.
Akkasumas uumama uumr hunda kennaa isaatiin kan sooru fi kan bulchu waaqayyo tokko qofa.
Waaqummaansaa uumama addunyaarraa jalqabee hojjetamaniin akka beekame qulqulluun phaawuloos nuuf ibseera. Roomee 1፥20.
Hojii 14፥17 irrattis ofiisaa ragaa malee akka hin dhiisne nuuf ibsee jira
Faar 19፥1, maar yis boq 1 keyya 2 ibro 1፥13
✟ B) sagaleedhaan ( jechaaf jechaan) nama waliin dubbachuudhaan
Waaqayyoon akka fakkeenyaafi bifa isaatti kan uume ilma namaa wajjiin jechaaf jechaan dubbachuun of ibseera
Uma 2፥16 abbaa keenya addaam wajjiin
Uma 9፥1 noohiifi ilmaan isaatti
Ba'u 33፥11 raajicha muusee wajjiin fuula fuulatti waliin ni dubbata ture.
Ba'u 3፥14 . ....
✟ C) Dubbachiisuufi kakaasuu hafuura qulqulluutiin kitaaba qulqulluu barraa'aniin
✟ Kitaaba qulqulluu bannee fuula jalqabaarraa kaasnee dubbisuu osoo jalqabnee " waaqayyo jalqabatti samiifi lafa uume " dubbisa jedhu qofa yoo ilaalle salphumatti waan sadi nu hubachiisa 1) samiifi lafti jiraachuu isaanii
2) uumaafi argamsiisaan isaanii waaqayyo ta'uu isaa.
3) samiifi lafti kan uumaman kan argama ta'uu isaanii
Kanaafuu addunyaan kun tasa canacala ifaa tasa kan argame osoo hin ta'in waaqayyoodhaan kan uummame ta'uusaa ni amanna jechuudha.
✞ Erm 51፥15, mul'a 10፥5, faar 23(24)፥3, faar101(102)፥ 25 faar 145(146)፥ 1 caqasawwan kunniin waa'ee waaqayyoo Waaqummaasaa akkasumas uumaa ta'uusaa nuuf ibsu.
Barnoota amantaatiin ibsitoota waaqummaa
A) ✞ Inni isaan biroo kan qoratu uumama biraatiin kan hin qoramne kan hin daangeffamne hafuura hin muul'anne hundumarratti aangoo kan qabu mootii hundaa gaggeessaafi bulchaa hundaa ti. iyyoob 36፥26
B) ✞ inni hunda osoo fidee osoo argamsiisee yoo dabarse malee isaaf kan isa fiduufi kan dabarsu kan hin bara baraan kan jiraatu dha. Mu'a 4፥8-12
C) ✞ inni jalqabaafi xumura (kan jiruufi kan jiraatu) kan ta'e akkeenya isaatiin tokkimmaafi sadummaa kan qabu kan duraafi kan boodaati. Mul'a 22፥13 isa 43፥10
D) ✞ inni kan muul'atuufi kan hin muul'nne hunda aangoofi dandeettii isaatiin gorsaa tokko malee kan argamsiisedha. Isa 40፥12-14
Amaloota ( Akkeenyummaa) Waaqayyoo
❖ Akkeenya waaqayyoo yoo jennu qabeenya isaa qofa kan ta'e eenyumarraayyuu kan hin fudhanne uumama biraaf kennaan osoo kennee kan jalaa hin hir'anne fi kan hin qoratamne jechuudha.
❖ Akkeenyi waaqayyoo qulqulluu kan biraa wajjiin makaa, dabalama,haqamaafi laaqama kan hin qabne tokkittii dha.
❖ Waaqayyo akkenya isaatiin tokkummaafi sadummaa kan qabu ta'ee kan hin geeddaramne, kan hin daangeffamne, iddoo hunda kan jiru, qulqulluu(abbaa dhugaa),kan bara baraa, kan isa dhibu kan hin qabneefi kkf dha.
❖ Ulfinniifii galanni hunduu waaqayyoof haa ta'u. ✞
( ✟ Yaa'ii mooraa caamoo )
2025/01/22 07:04:32
Back to Top
HTML Embed Code: