Warning: Undefined array key 0 in /var/www/tgoop/function.php on line 65

Warning: Trying to access array offset on value of type null in /var/www/tgoop/function.php on line 65
12309 - Telegram Web
Telegram Web
Allaahu Akbar
#RECORD Haaraan galmaa'e
Ramadaana 27ffaa muslimoota miliyoonona 3.4
#masjidalharam 🕋
#Makkah 🤍
Allaahu Akbar
Muftii Sheyik Usaamaa Al-Rifaa’ii Perezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa #Syria fi Dura Ta'aa Waldaa Hayyoota Al - Shaam ta'uun Muudaman

Spider Media : Ramadan 29,1446 AH
Bara 1944 Damaasqoo keessatti kan dhalatan Sheyik Usaamaan barnoota isaanii hanga sadarkaa 2ffaatti achuma #D #Damascus tti baratan.

Itti fufuun Yuunivarsitii Damaasqootti Saayinsii Afaan barachuun bara 1971 eebbifaman.

Sheyik Usaamaa Al-Rifaa’ii sana booda Damasqoo dabalatee bakkoota garaa garaatti hojii da'awaa bal'aa kan hojjatan yoo ta'u dhaabbilee Islaamaa garaa garaa keessas tajaajila turuu Spider Media n Rama*lla#ah irraa odeeffate.

Haaluma kanaan mootummaan ce'umsaa Sooriyaa dhiheenya sirna abbaa irree Alasadiin duurfamu cabsuun aangoo qabateefi Ahmad Al Sharaan hoogganamu Muftii Sheyik Usaamaa Al-Rifaa’ii Perezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa #Syria fi Dura Ta'aa Waldaa Hayyoota Al - Shaam gochuun isaan muudeera.

© #Amartemam

Nu hordofaa:
Telegram channel https://www.tgoop.com/spidermediaa
>#SpiderMedia
Sagantaan Ifxara Waliinii Magaalaa Dambii Dollootti gaggeeffame

Spider Media : Ramadan 29, 1446 AH
Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun Sagantaan Ifxaara waliinii magaalaa Dambi Dollootti gaggeeffamee jira.

Saganticha irrattis hooggantootni sadarkaa garaagaraa magaalaa Dambii Dolloo fi hordoftootni amantaa Islaamaa akkasumas harka qalleeyyiin daandii irra jiraatanis sirnicharratti hirmaataniiru.

Sirna kana irratti kantiibaa magaalaa Dambi Dolloo kan ta'an obbo Girmaa Dangalaa akka jedhanitti hawaasni Musiliimaa magaalaa keenyaa baga jala bultii guyyaa kabajamaa kana geessan jechuun, baatiin ramadaanaa baatii nagaa labsu jedhan.

Hirmaattoonni sagantichaa yaada kennaniin bulchiinsi magaalaa Dambii Dolloo haala kanaan sagantaa Ifxaara Daandii irraa qapheessee nu faxarsiisuu isaaf hedduu gammanneerra jechuu isaanii raadiyoo hawaasa Yunivarsiitii Dambi Doolloo irraa odeeffanne.

© #Amartemam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Telegram channel https://www.tgoop.com/spidermediaa
>#SpiderMedia
2025/05/18 21:04:26
Back to Top
HTML Embed Code: