Telegram Web
Itiyoophiyaan iddoowwan waraanni Ertiraa to'attetti sarbamni raawwatamaa jira jechuun UNtti himatte.

Itiyoophiyaan waraanni Ertiraa ammallee naannawwan daangaa Itiyoophiyaa to'atee akka jiruufi sabamoota sukkanneessoo raawwataa jiraachuu ilaalchisee gabaasaaleen bahaa jiraachuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti himatte.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoamaniitti bakka bu'aan Itiyoophiyaa Amabaasaaddar Tsaga'aab Kiibabawu ''sarbamoonni mirga namoommaa sukkanneessoon naannawa daangaatti akka raawwataman gabaasaaleen bahuu'' itti fufuu dubbatan.

Ambaasaadar Tsaga'aab kana kan dubbatan mana maree mirga namoomaa UN, aangoo ogeessa addaa haala qabiinsa mirga namoomaa Ertiraa irratti hundeesse dheerreessuu ilaalchisuun sagalee kennuun dura ture.

Amabaasaadar Tsagaa'ab tarkaanfii Ertiraan fudhataa jirtu kan walitti dhufeenna biyyoota lamaanii balleessu qofa osoo hin taane ''kallattiidhaan kan Itiyoophiyaarratti haleellaa kaasuudha'' jedhan.

Amabaasaadarichi yaadasaanii kanaan Ertiraatti haalli qabiinsa mirga namoomaa irratti xiyyeeffachuun gabaasa baase akka waabiitti eeraniiru.

Gabaasni kunis Dhaabbata Biyyoota gamtoomanii jalatti mirga namoomaa kan hordofu, Mahaamad Abdalsalaam Baabiikar kan qindaa'e yoo ta'u, Mana Maree Nageenna UNtti yaa'ii dhiheenna gaggeeffamaerratti dhiyeessanii ture.

Waraanni Ertiraa bakkeewwan Tigraay to'ate keessaa ajjeechaa fi miidhaa saala dabalatee, sarbamoota mirgaa raawwataa jiru ta'u gabaasni kun kaaseera.

Gochoota Tigraayiitti raawwatamaa jiru jedhaman kan akka ajjeechaa seeraan alaa, hidhaa akka tasaa, miidhaa saalaa, ukkaamsuufi ugguruu, namoota nagaa dirqiin buqqaasuun akka itti fufe gabaasa ''haala qabiinsa mirga namoomaa Ertiraa'' jedhuun baherratti hammatameera.

Kana malees, saamichi, qabeennaa barbadeessuu, dararaa, haala sukkanneessaan namoota qabuufi daa'imman dabalatee dargaggoota humnaan waraanaaf leenjiisuu kanneen jedhan gabaasicha keessatti hammatameen jira.

@tikvahethafaanoromoo
❀29πŸ‘3πŸ‘3πŸ‘Ž1πŸ₯°1
Ameerikaan turtii Viizaa lammiilee Itoophiyaa gara ji'a sadii gadi buufte

Ameerikaan yeroo viizaa lammiilee Itoophiyaatiif kennaa turte kan waggaa lamaaf ture amma baatii sadiitti gadi buusuu beeksiiftee jirti.

Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu beeksiisa hara Adooleessa 10, 2025 toora Facebook isaarratti maxxanseen, sababa Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa jijjirama imaammataa baaseen iyyattoota baqattoota hin taanerratti murtee darbe ta'uu ibseera.

Kana malees, viizaa kanaan dura kennamuun yeroo garaa garaatti seenanii bahuun kan danda'amu yoo ta'u, amma garuu yeroo tokkicha qofaa kan ittiin seenamee bahamu (single entry) taasifamuu beeksifte jirti.

Akka imaammata Ministeera Dhimma Aalaa Ameerikaa haraa kanaatti, Adooleessa 8, 2025 irraa kaasee hojiirra kan oolfamu yoo ta'u, garuu ammoo viizaa yeroo kanaan dura argatame kan hin ilaallanne akka ta'e dabaluun beeksiisera.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa biyyoota Afrikaa kan akka Naajeeriyaafi Gaanaa irratti haaluma walfakkaatuun yeroo viizaa imaltootaa baatii sadiitti gabaabachuu kaleessa beeksiisunsaa ni yaadatama.

@tikvahethafaanoromoo
❀15πŸ‘7
Itiyoophiyaatti damee faayinaansii dijitaalaatiin odeeffannoo lakkofsaan:-

Baankiin biyyoolessaa bu'aa damee faayinaansiin argame ifa yeroo godhu baayinni akkawuntii dijitaala kan waggaa tokko ture irraa %16 dabaluun miliyoona 222.1 gahuu ibseera.

Gurgurtaan dijitaalaan gama isaatiin %68 dabaluun biliyoona 3.02 gahuun, jijjiirraa maallaqaa karaa dijitaalaa kanaan taasifame %87 dabaluun birrii tiriliyoona 12.5 gahuu ibseera.

Baankichi, baayinna ATM %18, baayinna Maashinii POS %35 akkasumas lakkofsa bakka bu'oota maallaqa moobayilaa %56 dabaluu isaa beeksiseera.

Lakkoofsi bakka bu'oota maallaqa mobaayilaa guddinna %56 dabaluun bakka bu'oota maallaqa mobayilaa 508,367 jiraachuu beeksiseera.

Walumaa galatti liqA dijitaala ilaalchisee birriin biliyoona 27 gahuu isaa kan ibse yoo ta'u, qusannan dijitaalaa ammoo birrii biliyoona 8 gaheera jedheera.

@tikvahethafaanoromoo
❀21πŸ‘6πŸ”₯2πŸ₯°1
Miidiyaa hawaasa irraatti gibirri kaawamuuf jira!

Yuutubii, Tiktookii fi galii kalaqa qabiyyee dijitaalaa biroo irraa argamu irratti gibirri %15 irratti kaawamuuf jira.

Itoophiyaatti labsii galii gibira waggoota 9f hojiirra oola ture fooyyessuuf wixinee labsii baheen, galii qabiyyee dijitaalaa irraa argamu irratti gibirri dhibbeentaa 15 akka kaffalamu dandeessisu keewwanni xiqqaan keessatti hammatameera.

Akkaata wixinee fooyya’iinsa labsichaa yaadameen galiin miidiyaa hawaasaa kanneen akka: Yuutubii, Feesbuukii, Inistaagiraamii, TikTok fi waltajjiiwwan biroo odeeffannoo interneetiin raabsamuun, Daldala interneetii irratti raawwatamu fi Galii ispoonsara irraa argamu fi kkf. irraa argamu of keessatti kan hammateedha.

Wixineen labsii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti irratti mari'atamaa jiru kunis, sochiin dinagdee kunniin bifa idileetiin kan raawwataman yoo ta'e, galiin argamu galii hojii daldalaa jalatti kan hammatamuu fi gibirris kan itti kaffalamu ta'a.

Garuu, halduree wixinichaan ka'amu kanneen hin guunnee galii waliigalaa irraa %15 gibira akka kaffalan ni taasifamu jedhameera.

Itti dabaluunis, kalaqtoonni qabiyyee dijitaalaa waltajjiiwwan kaffaltii mijeessan, gabaasni kaffaltii maallaqaa kaffalame, tokkoon tokkoon kalaqtoonni qabiyyee dijitaalaa erguu akka qaban kan dirqamsiisuudha.

Haaluma kanaanis, namoonni lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) baafachuu, galii isaanii ibsuu fi dirqama gibiraa biroo ba’uuf qophii ta’uu qabu jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo
❀35πŸ‘8πŸ‘Ž8πŸ₯°3😒3πŸ‘1
Biyyoonni godaantota ishee hir'isuu hin dandeenye deeggarsi Gamtaa Awuroppaa irraa argatan addaan cituu danda'a jedhame.

Gamtaan Awurooppaa lakkoofsi godaantota Afrikaa irraa gara ardichaa seenan yoo hin hir'annee deeggarsa Afrikaaf kennu addaan kutuu akka danda'u gabaafame.

Komishiniin Awurooppaa karoora baajata waggaa 7 irratti akka ilaaleen, Afrikaan deeggarsa Gamtichaa irraa argattu akka addaan hin cinne yoo barbaaddee godaantota ishee hir'isuu qabdi jedheera.

Akkaata karoorichaatiin biyyoota lakkofsa godaantota hin hir'ifne irraa deggarsi taasifamu addaan cita.

Akkaata giddu gala Wilfireed Maartiinsitiin bara 2023tti namoota gara Awurooppaa seenan miliyoona 2.5 keessaa dhibbeentaan 17 ykn 470,000 kan ta'an Afrikaa irraa yoo ta'an lakkoofsi kunis kanneen karaa seeraan seenan qofan kan mul'isuudha.

Akkaata odeeffannoo dhaabbanni godaantota idil-Addunyaa baaseen bara 2025 qofatti godaantonni seeraan alaa kuma 68 ol karaa seeraan alaan gara Awurooppaa yoo seenan 900 ol ammoo lubbuun darbanii jiru.

Godaantonni hedduun Afrikaa irraa karaa Meeditiraaniyaatiin kan seenan yoo ta'u, biyyoonni naannawa Meeditiraaniyaa jiran yeroo bayyee godaantotaan qorama turuu gabaafameera.

@tikvahethafaanoromoo
❀22πŸ‘6πŸ”₯2😒2πŸ₯°1
Daandiin Qilleensa Emireetsii maamiltoota irraa kaffaltii Kiriptoo-karansiin fudhatuuf jira.

Daandiin qilleensaa Emireets guddichi kun waliigaltee kaffaltii kiriptoon fudhachuu isaa dandeessisu Cryoto.com waliin mallatteessuu kan ibsame yoo ta'u bara dhufu gara hojiittis ni seena jedhameera.

Daandiin Qilleensicha walii galteen kunis dargaggoota teeknoloojiin hawwatoo ta'anii fi maamiltoota karaa mallaqa dijitaalaatiin kaffaluu barbaadaniif kan yaadameedha jedheera.

Yunaayitid Arab Emireetis yeroo ammaa giddu gala gurgurtaafi bittaa maallaqa dijitaalaa yoo taatuu, kaffaltiin mana barnoota, Tiraanispoortii fi kaffaltiin manaa Kiriptoo-karansiin akka kaffalamu heyyamuu ishee kan yaadatamuudha.

Daandiin Qilleensaa naannawatti argaman Kiripto-karansii akka filannootti fudhataa kan jiran yoo ta'u, Ayir Arabiyaanis kaffaltii tikeetii imalaa kiriptoo-karansiin fudhachuu akka eegaluu himeera.

Source: Al Arabiya

@tikvahethafaanoromoo
❀11πŸ‘5πŸ‘3πŸ₯°2
#HIV_AIDS

Ameerikaan deeggarsa dhaabuu ishee irraa kan ka'e hanga bara 2029tti namoonni miliyoona 4 ol HIV AIDS waliin walqabatee du’uu akka danda'an DhMG beeksiseera.

Sababa Ameerikaan deeggarsa dhaabuu isheetiin hanqinna uumamee yeroodhaan yoo hin guutamne jijjirama HIV irratti galmaa'ee waggoota 10'n akka of duuba deebisuu ibseera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Ameerikaan deeggarsa dhaabu isheetiin bara 2029tti dabalataan namoonni miliyoona 6 dhibee kanaan qabamuu akka danda'an akeekkachiiseera.

Namoonni Edisii kanaan qabamanii fi du'an waggaa 30'n booda sadarkaa gadi-aanaa irra gaheera kan jedhe yoo ta’u, Ameerikaan deeggarsa dhaabuun hojii hojjatame gara duubaa deebisa jechuun sodaa qabu ibseera.

DHMG deeggarsi adda cituu isaatiin biyyoonni galii gadi aanaa fi g/g qaban akka miidhamanii fi haalli isaas walitti bu'iinsa, jijjiirama haala qilleensa  fi haa dhabuu diinagdee waliin walitti dabalamuun rakkoo kana xaxamaa godha jedhaniiru.

Source: Al Jazeera

@Tikvahethafaanoromoo
πŸ‘6😒6❀3πŸ₯°2
"Waliin itti fufuuf furmaata barbaachisa"- Chaayinaa

Beejiingii fi Waashingitan haala yeroo amma jiruun walitti dhufeenyaa isaanii itti fufsiisuu akka hin dandeenye ministeerri dhimma alaa Chaayinaa Waang Yuu dubbataniiru.

Waang Mootummaan Ameerikaa, Chaayinaan biyya" Kaayyoo kan qabdu, yaada gadi fagoo" kan qabdu akka taate ni hubatu jedhee yaada jedhaniiru.

Ministirichis dabalataan walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii " waliin itti fufsiisuuf furmaata barbaachisa" jechuun dubbataniiru.

@tikvahethafaanoromoo
πŸ‘16❀10πŸ‘Ž2πŸ₯°2πŸ‘2
Magaalli Finfinnee baajata bara 2018 Birrii biliyoona 350 ol raggaasise

Bulchiinsi magaala Finfinnee baajata bara 2018 Birrii biliyoona 350 mana maree magaalicaaf dhiyeessee manni marichaa raggaasiseera.

Baajanni bara 2018'f darbe kun isa bara darbee waliin yoo wal bira qabamu Birrii biliyoona 108 ( %45'n) caalmaa qaba.

Baajanni kun ammoo gibira irraa Birrii biliyoona 238, galii manneen mana qopheessaa irraa Birrii biliyoona 56, galii gibiraan alaa birrii biliyoona 46 ol, fandii daandiiwwanii irraa birrii biliyoona 1.8 deeggarsa biyyoota alaa fi fandii irraa birrii biliyoona 6.98 tahuu ibsameera.

Baajata ragga'e keessaa %70.35 baajata kaappitaalaaf, %26.22 baajata idileef, akkasumas %3.43 of eeggannoof akka tahu ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
πŸ‘16❀12πŸ‘Ž2
Magaalichatti dhaabbileen mootuummaa filataman hanga guyyaa dilbata walakkaatti tajaajila kennuuf

Magaala Finfinneetti dhaabbilee kutaa bulchiinsaan filatamanitti guyyaan hojii idilee dheeratuu biiroon pablik sarvisii fi misooma qabeenya namaa Finfinnee  beeksiseera.

Biirichi akka beeksisetti, barbaaddonni tajaajilaa dhaabbilee filatamanittu Wiixataa hanga Sanbata, ganama 2:30 hanga 11:30 fi Dilbata hanga 6:30tti tajaajila argachuu akka danda'an ibseera.

Tajaajilichis gidduu gala waajjiraalee ka'ee kutaa bulchiinsa fi aanooletti kan gadi bu'u ta'a jedheera.

Guyyoota jedhametti dhaabbileen tajaajila kennan:-

- Biiroo daldalaa

- Biiroo Galiiwwanii

-Biiroo bulchiinsa misooma lafaa

-Ejensii odeeffannoo fi galmee qabiyyee lafaa

- Abbaa Taayitaa to’annaa heeyyama ijaarsa

- Biiroo hojii gamtaa fi Pablik sarvisii fi misooma qabeenya namaa fi dameelee waajjiiraa yeroo jedhametti tajaajila kan kennan ta'uu beeksiseera.

@Tikvahethafaanoromoo
❀12πŸ‘7πŸ”₯2😒2
"Bara Faranjoota 2026tti Xiyyaarota elektirikaan dalagan lama ni galchina" Daandii xiyyaara Itoophiyaa

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa Bitootessa 17/2017tti dhaabbata idil-addunyaa Archar Aviyeeshin jedhamu waliin waliigaltee mallateessu isaa ni yaadatama.

Waliigaltichis daandiin xiyyaara Itoophiyaa fi Archar Aviyeeshin xiyyaarota elektrikiin dalagan, tajaajila Tiraanispoortii qilleensa irra akka ooluf yoo ta'u, imala konkolaataan daqiiqaa 60-90 fudhatu gara daqiiqaa 10tti gadi hir’isuuf akka ta'e yeroo sanatti beeksifamee ture.

Haaluma kanaan Waliigaltichi maal irraa akka gahe kan gaafate Tikvah Itoophiyaa, Hojii gaggeessa xiyyaarichaa Obbo Masfin Xaasoo iraa deebi argateera.

Hojii Gaggeessaan olaanaan deebii kennaniin " Bara Faranjoota 2026tti xiyyaarota lama elektiriikiin dalagan ni galchin, irra heddumminaan imala0 iddoowwan turistiitiif itti fayyadamna jenne karoorfannee jirra " jedhaniiru.

Daldala Ii-koomersii babal'isuu ilaalchisee daandiin xiyyaara dhaabata idil-addunyaa Amaazoonii fi Alibaaba akkasumas kan biyya keessa " Zaman Gebaya" waliin hojjataa jira? Sochiilee akkamii adeemsisaa jira?

Gaafilee kanniin obbo Masfiniin kan gaafanne yoo ta'u, Daandiin Xiyyaarichaa Sochiilee gar-tokkee taasisaa akka jiruu fi garuu ammas baay'ee akka isa hafu eeraniiru.

Dabalataan Obbo Masfin " Nuti hanga ammaa Ii-Komersiin sadarkaa adunyaatti hojachuu mf wantoota barbaachisoo ta'an qopheessinee jirra.

Qophiin kunis qaamaa Tiraanispoortii fi Loojistikii qofa kan hojjatuudha, nuti Ii-Koomersii keessa hin seennu, Ii-Koomersi dhaaba daldala dalagan kan birooti nuti ammoo tiraansipoortii ariifachiisuu dha jedhaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
❀29πŸ‘4πŸ‘3πŸ₯°2πŸ‘Ž1πŸ”₯1😒1
Yaa'i Gadaa Arsii geggeeffamaa jiru irratti seeronni gurguddoon 6 lallabamanii jiru.

Yaa'iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Dhaddacha Guutaa, hara laangaanootti geggeeffamaa jiruun seeronni gurguddoon saafuufi duudhaatti ganamaatti dhaloota qajeelchu lallabamee jira.

Haaluma kanaan Dhaddacha deebisuu ilaalchiisee Dhaddacha odaa rooba jala jiran 20 hojii eegaluu akka qaban, dhaddachi hunduu wal qixa akka ta'eefi baalliin bakkatti deebi'ee darbuu akka qabu lallabameera.

Fuudhaaf heeruma ilaalchisee gabbarri hafuu akka qabuufi kanneen biroos lallabameera.

Godaansa seeraan alaa ilaalchisee shamarran karaa seeraan alaa faddaalaan gowwomfamanii biyyaa bahaa jiru waan ta'eef yoo lubbuun darbe faddaalaan murtii kanaan kan itti gaafatamu ta'uun lallabameera.

Safuufi safeeffannaa ilaalchisee ragaan sobaa walirratti bahuun bayyachaa waan jiruuf hafuu akka qabuufi aadaafi duudhaa ofii ganamaatti deebi'amuu akka qabu akkasumas jaalli akka malee akka hafuu qabu lallabamee jira.

Nageenya ilaalchisee nagaan boorahuu hafee hunduu nagaaf dursa kennu akka qabuuf hunduu waamichaa nagaa abbootii gadaafi hawwan siinqee dhagahee gara nagaatti dhufuu akka qabu lallabamee jira.

Qabeenya uumamaa ilaalchisee biqiltuun dhaabamuufi kunuunsuu akka qabu lallabamuun yaa'ichi xumuramee jira. #WT

@tikvahethafaanoromoo
❀52πŸ‘12πŸ‘6πŸ”₯4
2025/07/14 18:35:02
Back to Top
HTML Embed Code: