Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa F-35 doolaara miiliyoona 80 oliin bitame kufuun dhagayame
Paayileetiin xiyyaarichaa osoo hin kufin balaa kanarraa of baraaru danda'eera. Humna guddaa addunyaa kan taate Ameerikaan buufata qilleensaa waraanaa ammayyaa Alaskaa qabdi.
Buufatni humna qilleensaa kun Ellison kan jedhamu yoo ta'u, xiyyaaronni waraanaa qaaliifi ammayyaa ta'an kan itti argamuudha. Kanneen keessaa xiyyaaronni waraanaa ammayyaa F-35 54 dirqama biyyaalessaaf qophaa’aniiru.
Xiyyaarri waraanaa F-35 tokko shaakala leenjii irratti kufee ibiddi ittiqabamuu isaa AP gabaaseera.
@tikvahethafaanoromoo

👍13🔥2
"Galmee mana barumsaatif waraqaa eenyummaa dijitaalaatu barbaachisa" :-Mootummaa
Itoophiyaatti bara barnootaa dhufu irraa eegalee galmee mana barumsaaf waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa akka barbaachisu mootummaan beeksisee jira.
Kanaan dura galmee manneen barnootaatiif kan tajaajila ture ragaa dhaloota daa’imaa dhiyeessuun akka ture kan beekkamuudha.
Haaluma kanaan bara 2018 irraa eegalee karoorri haaraan daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii ol ta’e ID dijitaalaan galmaa’uu fi baayoomeetirii akka kennamu kan hayyamu ta’uu ibsameera.
Daarektarri Olaanaa Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta’an Yodaahee Zamikaa'el, barbaachisummaa waraqaa eenyummaa dijitaalawaa naannoo mana barumsaa keessatti qabu olaanaa ta'uu dubbatan.
Mootummaan bara 2030tti waraqaa eenyummaa Faayidaa namoota miliyoona 90f kennuudhaaf kan karoorfate yoo ta'u, yeroo ammaa kana namoonni miliyoona 11.4 ol waraqaa eenyummaa kana argataniiru.

👍41👎6🥰2
Ameerikatti xiyyaarri imaltootaa fi helikooptarri waraanaa qilleensarratti walitti bu'uun kufaniiru.
Balaan kun kan muudate walakkaa magaalaa Washingitan laga Potomak jedhamutti irratti dha.
Xiyyaarri PSA Airlines Bombardier CRJ70 jedhamu kun imaltoota 60 fi balalistoota 4 kan qabu yeroo buufata xiyyaara qubatuuf jirutti helikooptara waraana namoota 3 qabatteen walitti bu'uun balaan kun muudateera.
Balaa kana hordofuun buufanni xiyyaara biyyaleessaa Roondaald Reegan wayita namoonni deeggarsa yeroo muddamaa kennanitti balalii hunda addaan kuteera.
Hojjattoonni lubbuu baraartoota iddotti argamuun hojitti kan jiran yoo ta’u, haga amma wanti argame hin jiru.
Polisii naannichaa fi qondaaltoota federaalaa dabalatee ejansiiwwan hedduun ergama lubbu baraarsaa keessatti hirmaataa jiru.
Lakkoofsi namoota du'anii hanga ammaa hin ibsamne.

👍19😢3❤2👏2
#TulluuBoollo
Maashinni maallaqni sobaa ittiin hojjetamu, maallaqa sobaa waliin to'atame
Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Bachoo Magaalaa Tullu Boolloo Ganda Burqaa keessatti Amajjii 17 bara 2017 shakkamtooni lama maallaqa sobaatiin bittaa osoo raawwatanii eeruu hawaasaatiin Birrii kuma 43 fi 200 waliin to'atamuun isaanii ni yaadatama.
Poolisiin Aanaa Bachoo qorannoosaa itti fufuun Bulchiinsaa Magaalaa Walisoo Gandaa Ayyeetuu sakattoo mana jireenyaa Shakkamtootaatti raawwateen maashinaa maallaqa sobaa ittiin hojjetan piirintaara gosa adda addaa lama, maallaqa soba abba dhibba lamaa fi dhibba tokko walumatti Birrii kuma 75 fi 250 akkumaas qalamaa bifa adda addaa afur waliin to'achuu beeksiseera.
Namoonni biroon yakka kana keessaa harka qaban lamas to'atamuu Komishinii Poolisii Oromiyaarraa odeeffanne. #OBN

👍41🥰2
#OduuAmmee
Lubni Balay Mokonniin fa’aan hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman Manni Murtii Olaanaa Federaalaa itti murteesse.
Manni Murtichaa Ramadii Lidataa Dhaddachi 3ffaa Dhimma Yakkoota Malaammaltummaa Daddachaa har’a ooleen, Luba Balaay Mokonniin invastimantii qonnaarratti kan bobba’e Iyyaasuu Indaalee, hojii koomishiniirratti kan bobba’e Barakat Mulaatuu fi Alamganaa Saamu’eel akkasumaas Hoji Gaggeessaa Niimoonaa Waldaa Daldalaa Dhuunfaa Itti Gaafatamnii Isaa Murtaa’e Abarraa Margaa irratti himannaa baname ilaaleera.
Himatamtoonni ajajni kaffaltii kamuu utuu hinkennamne, himatamtootaaf kaffaltiin garaagaraa akka raawwatuuf, sanada kaffaltii sobaa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 karaa himatamaa 1ffaan baankiif dhiyachuu eeruun himatamtoota lameen hojii malaammaltummaa gowwoomsaa cimaan himachuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan himatamaa
👉 1ffaa Luba Balaay Mokonniin hidhaa cimaa waggaa 5 fi maallaqa Birrii kuma 10’n akka adabaman.
👉Himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaa ammoo tokkoon tokkoo isaanii hidhaa cimaa waggaa 3 fi baatii 3’n akkasumas Birrii kuma 3’n akka adabaman itti murteesseera.

👍32😢4❤1👎1
Obbo Birhaanuu Adeelloon Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga namoomaa Itiyoophiyaa ta’uun mudaman
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 17ffaa gaggeesseen, Obbo Birhaanuu Adeelloo Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa taasisuun mudameera. Obbo Birhaanuunis sirna kakuu raawwataniiru.
Dabalataan, Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii barnoota waliigalaa raggaasiseera.

👍32😢5❤2
#Naiimaa #Liibiyaa
Shamarreen Liibiyaatti ugguramte dararamaa turte maallaqa Kuma 700'n gadhiifamte
Shamarree lammii Itoophiyaa baatii saddeet dura barumsa adda kuttee kan caaluuf magaalaa Shaashamannee irraa ka’un godaansarra otoo jirtuu Liibiyaatti harka hidhattoota buutee dararaan irratti raawwatamaa ture Na'iimaa Jamaal birrii 700,000 kaffalamee gadhiifamte.
Kanneen ishee ugguran dolaara 6,000 (birrii 750,000) kaffaltan malee kanaan achi ''suuraa reeffa ishee isiniif ergina'' jechuun viidiyoo ergaa, maatii dorsisaa turan. Maatiinis maallaqa gaafatame kaffaluun akka itti cimuu himuun birmannaa gaafatanii turan.
Na'iimaan erga hiikamtee booda turtii BBC waliin taasifteen lammiileen Itoophiyaa ishee waliin ugguraman baay'ee ta'u eeruun, isheefi kaan muraasni kaffalameef qofti gadhiifamuu dubbatte.
Haala hidhaa keessa dabarte yeroo himtu, “baay'ee tokko ulfaata. Reebichi, beeluunis wanta baay'eetu jira. Nyaanni hin jiru. Guyyaatti si'a tokko qofa nyaanna,” jette.
Waggaa darbe barnoota kutaa 11ffaa adda kuttee gara Liibiyaa deemuu kan yaadachiistuu Na'iimaan, “wanta keessa darbe yoon yaadadhu hedduun gaabba” jetti. Itti dabaluun, “[Namoonni] osoo biyya isaanii keessa taa'anii wayya. Hiriyyoonnikoo karaarra du'aniiru” jette.
Maddi:-BBC
@Tikvahethafaanoromoo

👍35❤9🥰3🔥2
#Finfinnee
Hoggantoota 8 dabalatee hojjettoota 74 irratti tarkaanfii fudhachuu isaa biiroon galiiwwanii magaala Finfinnee beeksiseera.
Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee toora bilbilaa bilisaa 7075 fayyadamuun yaada ummata irraa argame irratti hundaa’uun ji'oota jahan darban keessatti hoggantoota 8 dabalatee hojjettoota biirichaa 74 irratti tarkaanfii hanga hojiirra ari’utti fudhachuu Hogganaan Waajjira Biiroo Galiiwwanii Finfinnee Obbo Adaana Sulee ibsaniiru.

👍33❤4
Itoophiyaatti hakimoonni sababa mindaa isaanii gaafataniif hidhaman jiraachuu Waldaan Ogummaa Fayyaa Itoophiyaa ibse
Naannolee tokko tokkotti hakimoonni sababa mindaa isaanii gaafataniif hidhaman jiraachuu isaanii fi gaaffiin isaanii osoo hin furamiin dhiibbaa hedduu jalatti hojjechaa akka jiran waldichi ibseera.
Kana malees, hakiimota biratti hoji dhabdummaan dabalaa dhufuu isaatiin alatti, kanneen “sababii dhukkuba adda addaatiin yaala fayyaa hatattamaa barbaadan, dafanii yaala sirrii argachuu waan hin dandeenyeef lubbuu isaanii dhabaa akka jiran” ibseera.
Waldichi rakkoowwan kanneen irratti qondaaltota waliin marii akka gaggeesse eeruun, “guddina rakkoo kanaa yoo ilaalle, ammallee qooda fudhattoota hedduu irraa deebii qabatama barbaada” jechuun cimsee ibseera.
Waldichi kana kan ibse yaa’ii waggaa ogummaa fayyaa 61ffaa fi agarsiisa fayyaa idil-addunyaa Gurraandhala 14-15 finfinneetti adeemsifamu ilalchisuun ibsa baasee kessattidha.

👍25❤1👎1👏1
Binnaalf Andu’aalam Ameerikaatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun kakuu raaawwatan
Ministirri Nageenyaa duraanii Obbo Binnalf Andu’aalam Ameerikaatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun kakuu raawwataniiru.
Binnaalf ji’a Sadaasa darbe keessa kan muudaman yoo ta’u, guyyaa ha’raa kakuu raawwachuun xalayaa muudamaa Pireezidaantii Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaasee irraa fudhataniiru.

👍31👏3❤2