Telegram Web
Sirna walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa!

Sirni walharkaa fuudhinsaa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa haaromsaan boodaa sirnoota garaa garaatiin geggeeffamuu eegaleera.

Jala bultiin sirnichaa kaleesssa Guraandhala 25, 2017 ALI kan eegale yoo ta'u, hanga Guraandhala 30 akka turu ibsameera.

Sirna kanaan Gadaan Fullaasaa yeroo gadoomaa isaanii jiloota gaggeeffachuu qaban geggeessuun gooroo marmaaruun xumuuratanii baallii gara Gadaa Mardiidaa ni dabarsu.

Haaluma kanaan Guyyoo Boruun Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa haaromsaan booda ta’uun Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo harkaa baallii akka fudhatan ibsameera.

Jila Baallii fi sagantaan Abbootii Gadaa baallii kennaniifi baallii fuudhan keessummoonni garaagaraa dhufanii itti dubbisan torbee kana hanga Gurraandhala 30 kan gaggeeffamu ta'a.

Sagantaan xumura keessummoonni gurguddoon biyya keessaafi alaa Ardaa jilaa Badhaasaatti argaman akka gaggeeffamu waajjirri kominikeeshinii godina Booranaa beeksiseera.

@tikvahethafaanoromoo
Kaffaltoonni gibiraa 62 idaa ofirraa qaban biyyaa akka hin baane dhorkaman

Kaffaltoonni gibiraa lakkoofsaan 62 ta’an gibira birrii biiliyoona 3.2 kaffaluu qaban hin kaffalle biyyaa akka hin baane ajajni dhorkaa bahuu Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi ibsa baaseen, kaffaltoonni gibiraa kunneen idaa gibira birrii biiliyoona 3.2 guddina misoomaa magaalattiif oolu ofirra kan qabanii fi irra deddeebiin akka kaffalaniif gaafatamanis kaffaluudhaaf hayyamamaa ta’u dhabuu isaaniitin murtoon kun darbuu ibseera.

Haaluma kanaan akkaataa Labsii Bulchiinsa Gibiraa Lakk. 983/2008, Keewwata 44 Keewwata Xiqqaa 1-3 jalatti aangoo dhaabbatichaaf kennameen, akka isaan biyyaa hin baane gochuuf odeeffannoo isaanii gara Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Federaalaatti dabarsuu isaa beeksiseera.

@tikvahethafaanoromoo
#NGAT

Galmeen iyyattoota Qormaata biyyaalessaa seensa Sagantaa Digirii Lammaffaa (NGAT) Gurraandhala 27 hanga Bitootessa 1/2017tti gaggeeffama.

galmaa’uuf
HTTPS://NGAT.ETHERNET.EDU.ET

Gaaffii galmee waliin walqabatu kamiifuu sa’aatii hojiitti imeelii [email protected] ykn lakkoofsa bilbilaa 0920157474 (Enatnesh Gabeyyoo fi 0911335683 (Faasil Tsaggaayee) ibsa gaafachuu akka dandeessan ibsameera.

Qormaataaf 'USER NAME' fi 'PASSWORD' karaa poortali galmeetiin kan ergamu yoo ta'u, kaffaltiin galmee 750 karaa Teeleebirrii qofaan akka kaffaltan jedhameera.

Ministeerri Barnootaa yeroo qormaatichaa galmee booda akka beeksisu ibseera.

#MoE

@tikvahethafaanoromoo
TIKVAH AFAAN OROMOO
Sirna walharkaa fuudhinsa Baallii Gadaa! Sirni walharkaa fuudhinsaa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa haaromsaan boodaa sirnoota garaa garaatiin geggeeffamuu eegaleera. Jala bultiin sirnichaa kaleesssa Guraandhala 25, 2017 ALI kan eegale yoo ta'u, hanga Guraandhala…
- Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gurraandhala 30/2017 gaggeeffama.

-"Sirna kana irratti irratti hirmaattonni 400,000 ol ni eegama" Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Booranaa

Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii marsaa 72ffaa Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo fi Guyyoo Boruu gidduutti Guraandhala 30/2017 ALI gaggeeffamu irratti hirmaattotni kuma 400 ol akka hirmaatan Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Booranaa Aadde Alamiituu Qaamphee himaniiru.

Sirna kanarratti aadaa fi duudhaan hawaasa Booranaa akka mul'isuuf qophii barbaachisaa taasisuu himaniiru.

Haaluma kanaan agarsiisa aadaafi duudhaa sirna walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa eeggatee gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Ayyaanichi kan hundumaa waan ta'eef hundumtuu akka daawwatu waamicha dhiyeessaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
#March8

Guyyaan Dubartoota kabajama jira!

Guyyaan Dubartoota Addunyaa "March 8" akka Addunyaatti yeroo 114f akka biyya keenyaatti yeroo 49ffaaf mata duree "mirga walqixxummaafi gahoominaa dubartoota hundaaf" jedhuun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti sagantaa garaa garaan kabajamaa jira.

Sagantaa kana irrattis Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahman dabalatee hooggantoonni Olaanoo Federaalaafi Naannoo, Magaalaa Shaggar Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi dubartoonni magaalaa Shaggar bakka argamanitti kabajamaa jira.

@tikvahethafaanoromoo
TIKVAH AFAAN OROMOO
- Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gurraandhala 30/2017 gaggeeffama. -"Sirna kana irratti irratti hirmaattonni 400,000 ol ni eegama" Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Booranaa Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii marsaa 72ffaa Abbaa Gadaa Kuraa…
Abbaan Gadaa Guyyoo Boruu Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa ta'uun Baallii fudhatan

Guyyaa har'aa Abbaan Gadaa Booranaa 71ffaan Kuraa Jaarsoo Abbaa Gadaa Booranaa 72ffaa Guyyoo Boruuf baallii dabarsanii kennaniiru.

Sagantaan Walaharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaan Guraandhala 25,2017 irraa eegalee taateewwan garaagaraan gaggeeffamaa turuun kan yaadatamudha. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo
"Daballiin Taariifaa irratti taasifame hin jiru ":- Tajaajila Elektiriika Itoophiyaa

Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa baatii Eebila dhufurraa eegalee fooyyessi taariifaa haaraan hojiirra ooluufi odeeffannoon jedhu odeeffannoo sobaa ta’uu beeksiseera.

Fulbaana 2017 irraa eegalee haala hawaasarra dhiibbaa hin uumneen sirreeffama taariifaa baatii sadi sadiin hojiirra oolaa jiruun ala fooyyessi taariifaa haaraan kan hin jirre ta’uu ibseera.

@tikvahethafaanoromoo
Qurxummii Hidha Abbayyaa irraa oomishameen birrii biiliyoona 1.4 ol argamuu ibsame

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irraa guyyaatti giddugaleessaan oomisha qurxummii kiiloogiraama 14,646 argamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Naannoo Beenishaangul Gumuz beeksise.

Naannichatti bara baajata 2017 ALI ji’oota saddeet keessatti qurxummiin toonii 3,700 omishamuu isaa Hogganaan Ittaanaan Damee Bineensotaa Biraanuu Itichaa ibsaniiru.

Qurxummii omishame keessaa dhibbeentaan 95 Hidha Abbayyaa irraa akka argame himaniiru. Haaluma kanaan, guyyaatti giddugaleessaan qurxummii kiiloogiraama 14,646 akka omishamu himan.

Naannichatti qurxummiin kiiloon tokko qarshii 400n gurguramaa jiraachuu kan eeran hogganaan ittaanaan biirichaa, qurxummii Hidha Abbayyaa irraa omishamerraa birrii biliyoonni 1.4 ol argamuu beeksisaniiru.

Oomisha qurxummii naannichaan alatti gara Finfinnee fi magaalota naannichaa birootti ergamaa jiraachuus himan. #EPA

@tikvahethafaanoromoo
#USAID

Madaalli torbaan jahaan booda Ameerikaan sagantaalee USAID dhibbantaa 83 ta'an haquu ishee ministeerri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Roobiyoo fuula X isaani irratti beeksisaniiru.

"Kontiraatonni 5,200 baasiin doolaara biliyoonaan itti bahu addaan citaniiru" kan jedhe ministirichi " isaanis faayidaa biyyaalessaatiif bu'aa kan hin qabnee fi gariin ammoo kan miidhaniiyyu" jedhuun ibsaniiru.

Dhibbantaan 18 hafe ammoo (Sagantaalee 1000tti dhiyaatan) dippartimantii isteetiin hogganamuun kan itti fufu ta'a jedhaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
Balaa Tiraafikaan lubbuun namoota 6 darbe

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii bakka addaa annaanoo jedhamutti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuun ibsame.

Balichi Konkolaataan deddeebisaa Uummataa Aanaa Gindabarat irraa gara Magaalaa Giincitti Imalaa ture garagaluun kan mudatee dha.

Balichaan Lubbuun namoota 6 kan darbe yoo ta’u, namoota 16 irra immoo miidhaan qaama cimaa fi salphaan qaqqabuu ragaan Kominikeeshinii Aanaa Daandirraa argame ni mul’isa.

Namoonni miidhaan irra qaqqabe Hospitaala Jalqabaa Giincitti yaalamaa jiraachuun eerameera.

Ka’umsi balichaas qoratamaa jiraachuun ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
Lammiilee Itoophiyaa haala rakkisaaa keessa turan 32 Maayinamaar irraa gara biyyaatti deebi'an.

Lammiileen haala rakkisaa keessa turuun gara Taayilaanditti ce'an 133 keessaa 32 gara biyyatti akka deebi'an yoo ta'u, 43 ammoo galgala kana kan deebi'an ta'uu ministeerri dhimaa alaa Itoophiyaa ibseera.

Warra hafan 58 ammoo deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
2025/03/11 01:50:44
Back to Top
HTML Embed Code: