Itoophiyaan humna elektirikii gara Taanzaaniyaatti erguu eegalte
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf karaa Keeniyaa gara Taanzaaniyaatti humna elektirikii yaaliin erguu eegaluu ishee Humni Elektirikii Itoophiyaa beeksiseera.
Waliigalteen dhiyeessii humna elektirikii biyyoota lamaanii erga mallattaa'ee ji'oota muraasa lakkoofsisuu kan himan daarektarri Qajeelcha Korporeet Kominikeeshinii Obbo Mogos Mokonnin, Sararri daddabarsaa humna meeggaa waattii kuma lama gama Itoophiyaan ijaaramee jira jedhaniiru.
Sararichaan amma kan darbaa jiru meeggaa waattii 200 ta’uu eeruun, sararri kun ijaarsi dabalataa osoo hin raawwatamin humna dabalataa dabarsuu akka danda’u ibsaniiru.
Yaalichi adeemsarra jira kan jedhan Obbo Mogas, gurgurtaan humna elektirikii ifatti hanga ammaatti akka eegalamne dubbataniiru.
@tikvahethafaanoromoo

❤29👎17👍7🥰1😢1
Itoophiyaatti Kaffaltoonni gibiraa kuma 46 gibira hin kafalan - MM Abiy Ahmad
Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Adoolessa 03, 2025 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaa keessatti kaffaltoonni gibiraa kuma 46 ta’an sababoota garagaraan gibira akka hin kaffalle dubbatan.
Gama qaala’insa jireenyaa biyyattii ilaalchisee fooyya’insa diinagdee maakroo hojiirra oolaa jiruun walqabatee hawaasa galii gadi aanaa qabu irratti gibirri baay’achuu fi dhiibbaan uumamuu miseensota mana marichaa irraa gaaffii ka’eera.
MM Abiy deebii kennaniin, hawaasa galii gadi aanaa argatu irratti dhiibbaan uumamuu akka hin oolle amanuun, dhiibbaa kana salphisuufis mootummaan tumsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Haata’u malee namoonni humna otoo qabanii sababoota garagaraa eeruun gibira hin kaffalle jiraachuus kaasaniiru.
“Itoophiyaa keessa kaffaltoonni gibiraa kuma 46 gibira hin kaffalan” kan jedhan MM Abiy, namoota hayyama daldalaa erga argataniin booda gibira kaffaluuf dirqama qaban keessaa kanneen sirnaan kaffalan dhibbeentaa 37 qofa ta’uu dubbataniiru.

❤39👍9👎7
Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa waliigaltee Doolaara biiliyoona 1 mallatteessan
Itoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyye'iinsa diinagdee tumsuudhaaf waliigaltee deeggarsa Doolaara biiliyoona 1 mallatteessaniiru. Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Baankii Addunyaatti Daayrekterri damee Itoophiyaa Maariyaam Saaliim mallatteessan.
Deeggarsi maallaqaa kun Baankiin Addunyaa fooyye'iinsaa diingadee Itoophiyaa tumsuuf murannoo qabaachuu agarsiiftuu ta'uu himameera.
Baankiin Addunyaa fooyya'iinsaa Diinagdee Itoophiyaa tumsuuf sagantaalee hojiirra oolchu keessaa deeggarsi maallaqaa fi yeroo turtii liqaa dheereessuun isaan tokko ta’uu eerameera.
Damee faayinaansii tasgabbeessuu, dorgomtummaa daldalaa guddisuu, tajaajiloota hawaasummaa waaraan mirkaneessuu fi kanneen biroon dhimmoota ijoo akka ta’e ministeerichi ibseera. #AS

❤24👍18👎3👏3
Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa badhaasa Artist Andu'alam Gosaaf kenne haqeera.
Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa ''eeruu fi yaada uummata irraa argameen'' badhaasni Artiist Andu'aalam Gosaaf kenname ''dogoggora'' jechuun haquusaa ibsa miidiyaa hawaasa irratti har'a Waxabajjii 28, 2017 baaseen beeksiseera.
Faawundeshinichi ibsa isaa keessatti sirna badhaasaan dura dhimma Andu'aalam hordofaa kan ture himuun xalayaa 'seera qabeessa' qaama dhimmicha qoraturraa argateen badhaasicha kennuuf akka murteesse himeera.
Haa tahu malee badhaasicha hordofee ''eeruu fi yaada uummata irraa argame irratti hundaa'uun ''murteen keenya dogoggora akka ture boordi faawundeshinichaan mirkanaa'eera,'' jedhe.
Artist Andu'aalam Gosaa kaadhimaansaa Qananii Addunyaa du'uu hordofee shakkamee ji'oota sadiif mana hidhaa erga tureen booda abbaan alangaa himannaa waan irratti hin banneef wabiin baatii tokko dura mana hidhaatii gadhiifamuun isa ni yaadatama.
Badhaafamuun artistii Andu'aalem miidiyaa hawaasaa irratti jalqaba torbee kanarraa jalqabee falmii guddaa kaasee jira.
Gareeleen ''hojiisaatu badhaafame'' jechuun falman kan jiran yoo tahu, kaan ammoo nama ajjeechaa kaadhimaasaan shakkamee ture badhaasuu mormaniiru.
Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa 'dogoggora uumameef uummta keenya dhiifama gaafachaa badhaasni Andu'aalamiif kenname ture kan haqame ibsina,'' jedheera.

👍55👎27❤15😢4🔥3👏2
🇵🇸🇵🇸 Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 190 ol Filisxeem biyya walabaa ta'uushee beekamtii kennaniiru.
Biyyoota addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)dhaan beekamtii qaban 193 keessaa Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 143 Filisxeem biyya walabaa ta'uusheef ifatti beekamtii kennaniiru.
Biyyoonni Afrikaa, Baha Giddu Galeessaafi Eshiyaa hedduunsaanii Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.
US dabalatee biyyoonni akka UK, Faransaayi, Kanaadaa, Jarman, Awustiraaliyaa, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi biyyoonni Awurooppaa hedduunsaanii garuu Filisxeem biyya walabaa ta'uusheef beekamtii hin kennine.
Haata'u garuu, Caamsaa 23, 2024, biyyoonni Awurooppa sadi: Ispeen, Ayirlaandiifi Noorweey waliin ta'uun ibsa kennaniin Filisxeemiif ifatti beekamtii kennaniiru. Kunis wal-dhabdee Israa'elifi Filisxeem jaarraa ol ta'eef furmaanni Filisxeem biyya walabaa of dandeesse yoo taate qofaadha kan jedhuuni.
Biyyoonni Awurooppaa sadan waliin ta'uun biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu hordofee Israa'el ambasaaddarootashee Ispeen, Ayirlaandifi Noorweey irraa gara biyyaatti waamuun ishee kan yaadatamuudha. #BBC

❤76👍4
Naannoo Affaaritti, hawwata tuuriizimiif kanneen oolan bishaan danfaa hedduutu keessatti argama.
Alaloo Bad (Bishaan Danfaa), aanaa Dubtii, dhiheenya magaalaa Samaraatti argama.
Bishaan kun garmalee danfaa waan ta’eef, Foon affeeluu akka danda’utu himama.
Kanaafuu namoonni bishaan danfaa keessa seenanii dhiqachuu waan hindandeenyeef, dhibee garaa garaa irraa fayyuuf aaruma isaa qofatti fayyadamu.
Baayyinni namoota Alaloo Bad daawwatan yeroo yeroon dabalaa dhufuu isaatiin, dargaggoota naannoo sanaatiif carraa hojii uumeera. #WT

❤33👍9🥰2👎1
Miseensonni BRICS daballii taarifaa fi haleellaa Iraan irratti gaggeeffame balaaleeffataniiru.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni miseensota BRICS ibsa waloo Dilbata kaleessaa baasaniin, daballii taarifa Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kaa’an qeeqaniiru.
Kana malees haleellaa Waxabajjii 13 eegalee Iraan irratti raawwatame kan seera idil-addunyaa fi Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsu” jedhan balaaleffataniiru.
Kana hordofee Pirezidaant Donaald Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social gubbaatti maxxansaniin biyyoonni imaammata BRICS “faalla fedhii Ameerikaa dhaabatu” deeggaran irratti taarifa dabalataa 10% akka irra kaa'an akeekkachiisaniiru.
Yaa’ii miseensota BRICS dhuma torban darbe Biraazil, Riiyoo Dii Jeneriyoo keessa eegale irratti pireezidaantoonni Chaayinaa fi Raashiyaa kan hin hirmaanne yoo ta’u, Ministirri Muummee Abiy Ahimad, Ministira Muummee Hindii Naarendiraa Modii, fi Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaaposaa fa’a argamaniiru. #AS

❤32👍14
#AcademicCalendar
Magaalichatti bara barnoota 2018'f galmeen barattoota haaraa fi duraa, akkasumas raabsaan kitaabaa Adoolessa 1 hanga Hagayya 23, 2017tti akka adeemsifamu beekameera.
Biiroon.barnoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee karoora barnoota 2018 guyyaa kaleessaa ifa godhuun, waajjiraalee barnootaa kutaa bulchiinsota 11'f erguu isaa beeksiseera.
Haaluma Kalaandaraa kanaan galmeen barattootaa Adoolessa 1 hanga Hagayya 23/2017tti ni adeemsifama.
Barsiisonni mana barumsa isaanitti agamuun gabaasa kan godhanii fi yaa'iin waliigala barsiisotaa kan godhamu Hagayya 28 fi 29/2017 akka ta'u eereera.
Hagayya 24 hanga Qaam'ee 5/2017 tti ammoo barattoota kutaa 7ffaa fi 9ffaa Finfinneen alaa dhufaniif galmeen kan itti adeemsifamuudha.
Barumsi bara barnootaa 2018 kan eegalu Fulbaana 5/2018 jedhameera.
@tikvahethafaanoromoo @tikvahorobot

❤15👍2🔥1👏1
"Manneen barsiisotaa kuma 30 ol ni ijaarama":-BBO
Naannoo Oromiyaatti bara baajata 2018tti yeroo tajaajila lammummaa gannaatti manneen barsiisotaa baadiyyaa kuma 30 fi 444 ni ijaarama jechuun tajaajila kanaanis birrii biiliyoona 66 ol hojii irra akka oolu Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himaniiru.
Damee barnootaatiinis bara 2017 manneen barnootaa mootummaa bu’uura boruu kuma 4 fi 420 ijaaramuu eeruun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 777 ijaaramuu isaanii himaniiruu.
Dabaluudhaaniis Manneen barsiisotaa 10,181 ijaaramuu fi paarkiiwwan dijitaalaa 309 ijaaramuus ibsaniiru.

❤32👍2🥰1👏1
Sa'udiin lammiilee Itoophiyaa fi kaan du'aan adabuu Aminastiin balaaleeffate
Sababa himannaa yakkaa qoricha sammuu hadoochaniin walqabatee Sa'ud Arabiyaan waggoota dhihoo asitti adabbii du'aa jabeessaa dhufuu ibsuun dhaabbati mirga namoomaa balaaleeffate.
Aminastii Intarnaashinaal gabaasa haaraa baaseen, waggoota kudhan darban biyyattiin lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiilee alaa 1,816 du'aan adabdeetti jedhe.
BBC'n kana dura maatii namoota duuti itti murtaa'e dubbisee, yaaddoo guddaa keessa akka jiraniifi birmannaa gaafatanii turan.
Gabaasni bahe namoota du'an keessaa tokko sadaffaa kan ta'an himata qoricha hadoochu qabatanii argamuun jedheera.
Kanneen keessaammoo 7% lammiilee alaati jedheera dhaabbatichi. #BBC
@Tikvahethafaanoromoo

❤19👍5😢3
Abbaan Umrii 97 qormaata kutaa 12ffaa fudhataa jiru!👏
Abbaan ganna 97 barataa Maannoo Magasoo yunivarsitii Arbaa Mincii, kaampaasii Abbayaatti qormaata bahiinsa kutaa 12ffaa fudhataa jiru.
Fedhiin barnootaaf qabanii fi gaabbiin dura ture akka barataniif sababa ta'uu kan himan abbaan kun, umriin dabaluun barumsa akka nama hin dhorgine ibsaniiru.
Ijoollee dhaabbata mootummaa keessa dalagan kan qaban yoo ta'u, barumsa isaani itti fufuuf fedhii akka qabanii fi qabxiin yoo dhufeef yunivarsitii seenanii barachuu fedhii akka qaban ibsaniiru.

👍19❤8👎7👏5🔥1
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa bara kana Labsiiwwan 49 raggaasisuu ibseera.
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa bara hojii isaa bara 2017tti labsiiwwan isaaf dhiyaate 56 keessaa labsiiwwan 49 raggaasisuu beeksise.
Manni marichaa raawwii bara hojii 2017 gabaasa adeemsa hojii irratti ibsa baaseen labsiiwwan ragga’an 49 keessaa 34 koree dhaabbiif ergamuun marii ummataa erga gaggeefamee booda dubbisa lammataa irratti raggaasifameera jedhe.
Labsiiwwan 15 ammoo marii ummataa osoo hin dhiyaatiin dubbisa lammataaf dabarsuun raggaasifameera jedhe.
Labsiiwwan mana marichaaf dhiyaatan 56 keessaa torba akka hin raggaasifamne kan ibse dabalataanis labsiiwwan bara 2016 irraa eegalee dabarfaman 2 bara hojii mana marichaa bara 2017 xumurame keessatti akka hin raggaasifamne beeksiseera; Labsiin sun maal akka ta’e garuu hin ibsne.
Walumaagalatti labsiiwwan 9 gara bara baajata 2018tti kan darban ta’uu gabaasa baajata mana maree bara 2017 itti aanaa Af-yaa’ii mana marichaa Aadde Loomii Badhoon dhiyaate irratti ibsameera.
Itti dabaluudhaanis Ministiroonni dhaabbilee hojii raawwachiiftuu yeroo aangoo isaaniitti gabaasa raawwii karoora ji’oota jahaa, sagal fi 11 qaamaan mana mareetti dhiyaatuun gaaffilee fi yaada miseensotni fi ummanni ka’aniif deebii fi ibsa akka kennan godhamuus Manni marichaa beeksiseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bara 2017 bara aangoo isaa keessatti walgahii idilee 43 fi walgahii addaa 3 gaggeessu isaa Odeeffannoon mana maree irraa arganne ni mul’isa. #AS

❤3👍1