Telegram Web
“Waraanni guyyaa 12 xumuramuu ibsa”- Doonald Tiraamp

Pirezdaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Israa’elii fi Iraan waliigaltee dhukaasaa dhaabuu taasisuu waliigaluu isaanii ibseera.

“Israa’elii fi Iraan kaayyo dhumaa amma harkaa qaban erga fixatanii booda sa’aatii 6 keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa 12’f taasisuuf guutuun guututti waliigalaniiru “ jedhaniiru.

Haaluma kanaan waraanni kun akka dhumatetti akka laakka’amu ibsaniiru.

“Iraan akkaata walii galteetiin, waliigaltee dhukaasa dhaabu ni eegaltii “ kan jedhan Tiraamp “Israa’el sa’aatii 12ffaatti itti aanti “ jedhaniiru.

Sa’aatii 24ffaatti “Waraanni guyyaa 12” xumuramuu isaa hawaasa Addunyaaf ni ifooma, qaamonni lachuu waliigaltichaaf kabajamanii, wal kabajanii akka hojjatan ibsaniiru.


@tikvahethafaanoromoo
Yugaandaan Al-ergii bunaan Itoophiyaa caaluun Afrikaa irra tokkoffaa ta’u ishee ibsite

Yugaandaan Itoophiyaa caaluun Afrikaa irra buna al-ergiin adda duree ta’uu Ministeerri Qonnaa, Beeyladaa fi Qurxummii Yugaandaa beeksise.

Ji’a Caamsaa keessa qofa buna toonii kuma 47,606 ol gabaa idil-addunyaatiif erguu ishee kan ibsame yoo ta’u, sadarkaa lammaffaa kan qabdu Itoophiyaan ammoo baatii Caamsaa keessa buna toonii kuma 43 fi 481 gabaa idil-addunyaatiif ergitee akka turte ministeerichi ibsa kaleessa waxabajjii 24, 2025 baaseen beeksiseera.

Yugaandaan baatii Caamsaa keessa gurgurtaa bunaa irraa doolaara miiliyoona 243 ol akka argatte kan gabaafame yoo ta’u, yeroo darbe jechuunis Waxabajjii 2024 hanga Caamsaa 2025tti doolaara biiliyoona 2.09 ol akka argatte himama. #AS

@tikvahethafaanoromoo
Baankiin biyya alaa fi Invastaroonni iyyannoo isaanii baankii biyyaalessaf dhiyeessuu ni danda'u:- Baankii Biyyaalessa

Itoophiyaan tajaajila baankii, baankii biyyoota alaaf banaa taasisuu ishee ifa goote jirti.

Waggoota kurnan sadan darbaniif invastaroota Itiyoophiyaa qofaaf kan ture tajaajilli baankii kaleessa irraa eegalee baankota biyya alaa fi invastarootaaf ifatti banamuu isaa Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Dhaabbatichi baankonni biyya alaa fi invastaroota damee kanarratti bobba’uu barbaadan Guyyaa kaleessaa irraa kaasee iyyannoo isaanii Baankii Biyyaalessaatti dhiyeessuu akka danda’anis beeysiseera.

Bulchaa Baankiin Biyyaalessaa obbo Mamoo Mehret tiin durfamu ibsa baaseen invastaroota biyya alaa hayyama baankii argachuu fi haaromsuuf qajeelfama baaseen beeysise.

Qajeelfamni haaraan kun haal-duree dhaabbileen biyya alaa Itiyoophiyaatti waajjira bakka bu’ummaa banuuf guutuu qabanis tarreessa.

Qajeelfamni kun bu’aa “marii bal’aa” Baankiin Biyyaalessaa bara darbe qooda fudhattoota adda addaa waliin taasise ta’uu dhaabbatichi ibsi baaseen beeysiseera.

Mootummaan Itiyoophiyaa damee baankii baankota biyya alaa fi invastarootaaf cufamee ture banuuf erga qophaa’ee booda waggaa sadii dura tarkaanfii fudhate.

@tikvahethafaanoromoo
Laammileen Itoophiyaa Maayinamaaritti harka hidhattootaa turan hunduu gara biyyaa deebi'an

Lammiileen Itoophiyaa Maayinamaar kaampii yakki saayibarii itti gaggeeffamu keesaa miliquun harka hidhattootaa turan hunduu gara biyyaatti deebi'uun himame.

Koreen maatiifi maddeen Taayilaand akka mirkaneessanitti, lammiilee Itoophiyaa 751 harka hidhattootaa kan turan yoo ta'u, hunduu gara biyyaatti deebi'aniiru.

Haa ta'u garuu kaampii yakki saayibarii itti gaggeeffamu keessaa bahuu kan hin dandeenye lammiilen Itoophiyaa 42 ammayyuu haala rakkisaa keessa akka jirantu himama.

Inumaayyuu lammiilee Itoophiyaa kaampii yakka saayibarii keessatti hafan keessaa "tokko gamoorraa of darbachuun du'eera" jedhame.

Lammiileen Itoophiyaa gara biyyaa deebi'an Maayinamaar keessatti kaampii yakki saayibarii itti gaggeeffamu keessaa miliquun hidhattoota biyyattii Dimokiraatik Karan Benovalant Aarmii (DKBA) fi Boordar Gaard Foors (BGF) jedhaman harka turuu himameera. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
Kolombiyaatti sababa sigiggaa lafaatiin namoonni 22 lubbuun isaani darbe

Bulchiinsa Beelloo fi Altoos keessatti balaa tasaa kanaan hanga ammaatti namoonni 8 akka hin argamne bulchiinsi naannichaa beeksiseera.

Sigiggaan lafaa kun sababa roobaa cimaatiin kan muudate ta'uu ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo
Yuunivarsitiin Finfinnee barattoota isaa yeroo 75ffaa guyyaa har’aa ebbisisaa

Yunivarsitiin Finfinnee barattoota digrii jalqabaati hanga digrii 3ffaatti barsiisa ture yeroo 75ffaaf ebbisiisa.

Yunivarsitichi guyyaa har'aa barattoota digrii jalqabaa 3334, digrii 2ffaa 2859 fi  digrii 3ffaa 352 walumaagalatti barattoota 6849 ebbisiisaa jira.

Baga gammaddan!

@tikvahethafaanoromoo
Gaazexeessituun hojii irraa ari’amte beenyaan doolaara 45,511 murtaaye.

Gaazexeessituun waa'ee Gaazaa gabaasuu isiitiin hojiirraa ari’amteef beenyaan doolaara Ameerikaa kuma 45 fi 511 murtaayuufiin gabaafame.

Manni murtii Federaalaa Awustiraaliyaa gaazexeessituun Dhaabbata Biroodkaastiin Awustiraaliyaa Antooneet Laatof gabaasa waraana Gaazaa ilaalchisee Human Rights Watch akkaawuntii inistaagiraamii isii irratti qooddeetti murteesse.

Itti aansuunis ilaalcha siyaasaa fi sanyii isii irraa kan ka’e duula waraana Israa’el mormite jechuun hojii raadiyoo isii irraa ari’amte.

Gaazexeessituun kun gabaasa kanaaf haqa malee hojiirraa ari'ame jechuun himannaa dhiyaate injifatte.

Gaazexeessituun kun dogongoraan hojii irraa ari’amte jedhamteef beenyaan Doolaara Ameerikaa kuma 45 fi 511 kan murteeffameef tahuu gabaafameera. #SkyNews #WT

@tikvahethafaanoromoo
Qormaata marsaa duraa kutaa 12ffaa kennuuf qophiin xumuramee- Tajaajilicha

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa kennuuf qophiin xumuramuu isaa fi barattoonni waraqaan qoraman buufataalee qormaataa gahaa jiraachuu Daayrekterri Tajaajilla Madaallii Barnootaa fi qormaata Dooktar Isheetuu Kabbadaan himaniiru.

Barattoota Interneetiin qormaata fudhataniif ammoo dhimmi Siistama qopheessuu xumuramuu eeraniiru.

Tajaajilli Elektirikaa fi Teeleekoomii akka adda hin cinne Humna Elektirikaa fi Itiyoo Teeleekoomii waliin tumsaan hojjetamaa jira jedhan.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Waxabajjii 23, 2017 eegalee kennamuuf qindeessitoonni giddugala itti ramadaman gahuu isaanii himaniiru.

Hojiin hannaa fi walirraa warabuu qormaataa guutummaatti hambisuu dandeessisu hojjetamuu kaasuun,dhaabbileen qindoominaan hojjetaa akka jiran dubbatan.

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 8, 2017tti kennama. #FBC

@tikvahethafaanoromoo
Gatiin gurgurtaa boba’aa haaluma tureen itti fufa.

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa ji’a Adoolessaa guyyaa har’aa waxabajjii 21, 2017 irraa eegalee gatii baatii waxabajjii gurguramaa tureen akka gurguramu ibsameera.

Maddi:- Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa

@tikvahethafaanoromoo
2025/06/28 21:23:17
Back to Top
HTML Embed Code: