Telegram Web
Tokkummaa Mootummootaa Angawoonni Isaa 7 Itiyoophiyaa Gadhiisanii Ba’uu Mirkaneesse
https://www.voaafaanoromoo.com/a/tokkummaa-mootummootaa-angawoonni-7-itiyoophiyaa-ba-uu-mirkaneesse/6258188.html

Angawoota gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa 7 kanneen Itiyoophiyaan biyya ishee keessaa akka ba’an jette yeroo ammaa  ba’u isaanii jaarmayichii  addunyaa Wiixata kaleessaa mirkaneessee jira. 



Hojjattoonni Tokkummaa Mootummootaa torba Itoophiyaa dha akka bahan murteeffamuu ilaalchisee deebiiwwan qaamonni adda addaa kennan


Nageenya isaaniif jecha achii baafamuu isaanii dubbii himaan Tokkummaa Mootummootaa Faaraah Haaq kan ibsan yoo ta’u, dhimmi ilaalacha duraa itti laannuu hojjatonni keenyaa nagaan gara hojii isaanii deemuu danda’uu isaanii mirkaneessuu akka ta’e oduu gabaaastoota biraa gaaffii dhiyaateef deebii kennan.Kana gochuu hin dandeenyu taanaan, tarkaanfii kanneen biroo fudhachuu qabna jedhan Haaq. 


Kamiisa darbee mootummaan Federaalaa kan Mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad akka biyya gadhiisanii ba’aniif yeroo sa’atii 72  ykn guyyaa 3 kennuun isaa ni yaadatama.Kanaafis sababaan kennamee dhimmi biyyatti keessa seenana akkasumas himannaalee kka biroo irratti dhiyaatan keessaa gargaarsaa fi meeshaa qunnamtii Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) kennan kan jedhu ture.
Gargaarsa Nyaataa Afaarii fi Amaaraatti Kan Raabsiine Ta’uus Kan Tigraay Keessaa Amma Iyyu Danqamaa Dha: WFP 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/gargaarsa-nyaataa-namoota-amaaraa-fi-afaar-keessaa-buqahaniif/6258202.html

Jaarmayaan Sagantaan nyaata addunyaa kan Tokkummaa Mootummootaa(WFP) bulchiinsa naannoo Afaar fi Amaaraa keessatti namoota sababaa walitti bu’iinsii baballachuun rakkataniif gargaarsa nyaataa marsaa duraa raabsu xumureen jira jedha. 


Ta’uus garu,  gargaarsa dhala namaa bulchiinsa naannoo Tigraay dhaqqabsisuuf sochiin ta’u,  amma iyyu danqaan waan jiruuf jecha raabsii gargaarsaa iddoo sanatti gaggeeffamuu qabu duubatti akka hafuu gochaa jira jedha sagantaan nyaata adduyaa. 


Erga Hagayya 15 bara 2021 jalqabee bulchiinsa naannoo Affaarii fi Amaaraa keessatti namoota kuma 300 ta’aniif jaarmayichii  nyaata raabsee jira.  


Tigraay keessatti erga caamsaa 27 jalqabee gargaarsii nyaataa marsaa lammataa uummata Miliyoona 2.4f kanneen Tigraay Kaaba-dhiyaa fi Tigraay Kibbaa keeessaaf raabsamuun ibsamee jira. 


Gabaasaaleen mirkanii hin qabnee kan kutaalee sadeen irraa argaman akka jedhanti, dhabamuun wabii nyaataa dabalaa kan jiru yoo ta’u, kunis maatiin manaa fi qe’e isaanii barbadoofnaan dheessuu isaaniin akka ta’e, sagantaa nyaata addunyaa keessatti, Daayreekteera biyyoota kutaa Afrikaa Bahaa kan ta’an Maaykil Daanfoord ibsanii jiru.  


Baatii waxabajjii dabree akkuuma  tilmaamamee, uummanni kuma 400 yeroo ammaa kanatti haallii beela fakkaatu akka isaan mudatuu kan beeksisee yoo ta’u, gargaarsa nyaataa ga’aa dhaqqabsisuuf yaaliin jiraatuus  haallii jiru amma akkaan yaaddeessa ta’a deemuu beeksisee jira. 


Bulchiinsa naannoo Afaarii fi Amaaraa keessattis uummanni kuma hedduun manaa fi qe’e ofii irraa godaanuu fi qabeenyaan isaanii barbada’uun ibsamee jira. 


Maraafu jedha jaarmayaan sagantaa nyaata addunyaa, walta’iinsaa fi deggersa guutuu paartilee walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban biraa argannee, uummata gargaarsa barbaaduu mara hatattamaan dhaqqabuun dadhabamnaan, Itiyoophiyaa gama kaabaa balaa hamaatu eeggata jedha. 
Libiyaa Keessatti Yakka Waraanaa fi Gocha Gara Jabinaatu Gaggeeffame: UN
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yakka-waraanaa-liibiyaa-keessaa-/6258226.html

Erga bara 2016 kaasee Libiyaa keessatti yakka waraanaa fi gocha gara jabinaatu dhala namaa irratti rawwatamuu qorannaa Tokkummaan Mootummootaa Wiixata kaleessaa baasee hubachiisee jira. Gama kaaniin ijoollee looltummaa irratti bobbaasuu gaggeeffamaa jira jedhe. 


Dhimma Libiyaa keessaa qorachuuf kan hundeeffame gareen walabnii kaawunsilii mirga dhala namaa kan Tokkummaa mootummootaan kan hundeeffame akka jedhutti, godaantonni Awurooppaa dhaqqabuu fedhan  bakka itti hidhaman keessatti dararaan akka irra ga'u, kana malees namoota seeraan ala nama deddebisan harkatti akka dararaman ibse. 


Yeroo hidhaa keessa turfamanis, haallii achii keessa jiru sukanneessaa fi dararaan kan irra ga’u ta’u ibsee jira. Libiyaa keessatti yakkii waraanaa gaggeeffamuu isaaf amanuu haallii nama dandeesisuu akka jiran, kunis hidhaa keessatti hokkarri gaggeeffamuu keessumaa godaantoota irratti, yakki gara jabinaa dhaqqabuu agarsiisa jechuun qorannaan kun ibsa baaseen hubachiise. 


Kana malees ijoollee looltummaaf funaanuu fi wal waraansa keessatti akka hirmaatan gochuu, akkasumas dubartoota bebbekamoo ta’an eessa butee isaanii dhabamsisuu fi  seeraan ala ajjeesuun gagggeeffamaa ture jedha gabaasnii ba’e. 


Gareen kun bara 2019 hundeeffame. 
Marii Angaawota Amerikaa Fi Farnsaayii
https://www.voaafaanoromoo.com/a/marii-angawota-amerikaa-fi-farnsaayii-/6258240.html

Ministeerri hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan, gara Faransaayti eega imalanii booda, Kibxata har’a Prezidaantii Fransaayii Immanuel Makron waliin hariiroo jiru foyyeessuu irratti dubbatan. 


Kunis Amerikaa Briteen fi Awustraaliyaan  miichooma nageenyaa tolfachuun isaanii falmii eega kaasisee booda. 


Angawaan Amerikaa tokko oduu gabaastootaaf akka ibsanti, walgahiin isaanii kun sagantaa Bliinkan irra kan hin turree fi daqiiqaa 40 kan fudhate ta’u fi lameenuu projeektii waliin qabaachuuf malan kan dhuma baatii kanaa prezidaant Maakroon fi prezidaant Baaydiin yeroo wal argan labsuuf deeman irratti mariin kun dubbachuun ibsamee jira. 


Bliinkan dursanii gaafa Kibxataa ministeera haajaa alaa Faransaayii fi gorsaa waa’ee nageenyaa kan Farnsaayii waliin dubbatanii turan.  


Jaarmayaa walta’iinsa dinagdee fi misoomaa, walgahii kaawunsilii ministeerootaa Paariis keessatti qabu, Bliinken dura teessummaan kan gaggeessanii fi haasawaa kan dhageesisan ta’uun beekamee jira. 
Caffeen mootummaa Itiyoophiyaa Muudamaa Ministeerota 22 raggaasiseera
https://www.voaafaanoromoo.com/a/muudamaani-ministeerota-raggaasisifame/6259829.html

Muumeen ministeeraa Mootummaa Itiyoopiyaa Abiyyi Ahimad namootta  22 kaabinee mootummaa isaaniitiif flatan mana maree ykn caffee biyyattitti dhiheesanii muudama isaanii raggaasifataniiru.


 Miseensota kaabinee kana keessaa miseensonnii paartilee mormitootaa itti makamaniireu. Akkuma kanaan Doktoor Biraanuu Naggaa partii IZAMA irra ministeera Baruumsaa,


Obbo Bellexee Molla paartii ABIN Irraa Ministeera Inooveshiini fi tekinooloojii, Obbo Qajeelaa Mardaasaa dhaaba Adda Bilisumma Oromoo irraa Ministeeraa Aadaa fi Ispoortti ta’anii Muudamaniiru.


Bulchaa mootummaa yeroo nannoo Tigiraay kan turaan Doktoor Abrahaam Balaay Ministeeraa itisaa ta’anii akka hojjatan muudhamaniiru.


Gabaasin kun oduu booddee baldhinaan dhihaata.
Qondaallii Mootummaa Sudaan Kibbaa miidiyaa irratii dhaadatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/qondaallii-mootummaa-sudaan-kibbaa-miidiyaa-irratii-dhaadatan/6259860.html

Yaadin haanga’aan mana maree mootummaa Sudaan Kibba tibbana kennan Mirga gaazexxeesota biyyatii  kan ukaamsuudhaa jechuudhaan  gareen mirga midiyaa Sudaan Kibbaa balaaleffateera.


Mana maree mootummaa sudaan kibbaati koree dhimma odeeffannoo nammi hoggananu, kan  Paul Youane Boonjuu jedhaman, hojjattoonnii midiyaa biyyatti mindaa miseensota caffee biyyattii dabalatee baasii mana maree irratti, ittu mootummaan tole hin jedhin Yoo gabaasan  eeyyamin hojii isaanii harkaa fudhatamuu qaba jedhaniiru.


 Miseensonni  garee miidiyaa biyyatti  jechaa kan balaalffatan akka jedhaniitii yaadin Paul Youane Boonjuu, uummanii  waa’ee mootumma odeeffanno akka hin arganne waan taasisuudha  jechuudhaan qeeqaniiru.


 Maayikil Duukuu daarekteerrii waldaa guddina midiyaa Sudaan Kibbaa dhimma kana irratti yaadaa kennaniin, miseensonnii mana maree, dhimma isaanii irratti gabaasa dhihaatu dhaabsisuu hin danda’anu jedhaniiru.


 Sudaan kibbaa keessatii yeroo ammaa gaazexessoonni 3 hidhamanii buufannii raadiyoo tokko haanga’ota mootummaatiin cufameera.


Akka madaallii walabummaan preesii adduunyaa bara 2021 tti karaa walabummaa preesiitin biyyi Sudaan kibbaa biyyiittan 180 keessaa 139ffaa irratti argamti.
Ministeerri Dhimma alaa U.S waa’ee walgahii Faransaayi keessati taasifame dubbatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ministeerri-dhimma-alaa-us-waahee-walgahii-faransaayi-/6259891.html

Walgahii ministeerotaa Dhaabbata walta’iinsaa fi Misooma diinagdee isa biyya Faraansaay keessatii deemaa ture irrati kan hirmaatan  Ministeerrii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antonii Bilinken walga’iichii dhimma irratii maryachaa ture keessa waa’een vaayiresii Koroonaa, waa’een haala jijjirama qileensaa fi itti fayyadama tekinoloojii ammaayaa ijoo akka ta’an dubbataniiru.


Ergaa walga’ichii guyya hara’a xumuramee booda Antoonii Biliinken Ministeeraa dhimma alaa Itaaliyaa Lu’iijii Di Maa’iyoo, ministeera dhimma alaa Speeyin, Josee Manu’eel Albaares fi itti aantuu presidaantii fi ministeera dhimma alaa Kolombiyaa Maartaa Luciyaa Raamireez wajiin dhuunfaadhaan marii taasisuun isaanii gabasameera.


Dubbi himaan miisteera dhimaa alaa yunaayitid Isteets Niid Praayis akka jedhaniitti Antoonii Bilinken dhimma filanno Sadaasa dufu Liibiyaa keessatii taasisamuu fi , waa’ee rakkinaa siyaasaa fi namoomaa Itiyoophiyaa keessa jiru irratii Ministeera dhimma alaa Itaaliyaa wajjin marii tasisaniiru.


 Sochii  namoottan afgaanistaanii baasu keessatti gahee Itaaliyaanii fi Ispeen taphataniif Antoonii Bilinkeen galata dhiheessu isaanii gabaasameera.
Kaanadaan Baqattootaa Afgaanistaan simachaa jirtti
https://www.voaafaanoromoo.com/a/kaanadaan-baqattootaa-afgaanistaan-simachaa-jirtti/6259899.html

Mootummaan biyya Kaanaada baqattootaa Afgaanistaanii buqa’anii biyyatii keessa qobachaa jiran hooteelotaa keessaa boqochiisaa akka jirttu hangaa’onii biyyatii ibsaniiruu.


 Akka haanga’onni jedhanitti, Yeroo amma dhibeen Kooviid 19 dambalii Afuraffaan waan kanadaa keessatii baballachaa deemaa jiruuf baqattoota Afgaanistaanii iraa kaanadaa seenaa jiran hawaasatti makuun hin barbaadamne.


 Akka gaabasi dhimmi irrati bahe jedhuuti erga ji’a Hagayya darbee Taalibaan Afgaanistaaniin qabate as yeroo jalqabaatiif baqattoonni magaala Toorontoo galan guyyaa 14 fi hoteelota 5 keesaa akka turan taasifamaniiru.


Guyyaa 14 booddee talaallii fudhatanii hawaasatti akka makaman taasifamu jedhameera.


 Kaanaadaan namoottan Afgaanistaan irra buqqa’n 40,000 akka fudhattu beeksisuun ishee gabaasameera.
Golli Naga-eegumsaa Har’a Waa’ee Itiyoophiyaa Irratti Dubbachuuf Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/golli-naga-eegumsaa-waahee-itiyoophiyaa-irratti-dubbachuufi-/6259903.html

Itiyoophiyaan aangawoota gargaarsaa gameeyyii kan Tokkummaa Mootummootaa 7 biyya ofii keessaa baasuu ishee kan ilaaleen barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees har’a gola naga eegumsaaf ibsa kennu. 


Mootummaan mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad  Fuulbaana 30 hojjattonni gargaarsaa 7sa’atilee 72 keessatti biyyatti akka gadhiisanii ba’an eega labsee booda, Gollii naga eegumsaa waa’ee Itiyoophiyaa irratti ennaa wal ga’u torban tokko keessatti inni ammaa kun yeroo lammataaf ta’u isaati. 


Hojjattoota gargaarsaa kana baasuun, haala gad adeemaa jiru keessatti kallattii sirrii hin taanee qabachuuf tarkaanfii dabalataa fudhatamee jechuun tokkummaa mootummootaatti Ambaasaaddarri Ayeer Laand Jeraaldiin Byrne Naason kan dubbatan yoo ta’u mootummaa isaanii bakka bu’uun walgahiin kun akka gaggeeffamu gaafatan. 


Isaanis akka jedhanti, aangawoota gargaarsaa kana iddoo isaanti deebifamuun barbaachisaa ta’u, akkasumas hariiroon tokkummaa Mootummootaa fi itiyoophiyaa gidduu iddotti deebi’uu qaba jedhan. 


Kun hariiroo akkaan barbaachiisaa dha jechuun oduu gabaastotaaf ibsanii,wanni uumamee  haala yeroo ammaa keessa jiraachuu feenu miti jedhan.Falmiin haala hin jirree keessatti gargaarsa dhala namaa dabaluun danda’amu ilaaluuf jirra jedhan. 


Itiyoophiyaan hojjattoota koo biyya ishee keessaa baasuuf deggersa seeraa hin qabdu jedha Tokkummaan Mootummootaa. 






 
Itiyoophiyaan Ragaa Badii Dalagamee Naaf Haa Dhiyeessitu: Muummicha Barreessaa Tokkummaa Mootummootaa
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itiyoophiyaan-ragaa-naaf-haa-dhiyeessitu-antoniyoo-guteeres/6261206.html

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa mootummaan Itiyoophiyaa angawoonni gargaarsa namoomaa torba biyyattii keessaa baafamuuf kan itti himataman galmee mul’isu ykn ragaa qabatamaa akka dhiyeessu roobii kaleessaa gaafatanii jiran.


Erga ambaasaadderri Itiyoophiyaa Tayyee Atsqesillaasee, lakkoobsa namoota gargaarsa barbaadanii miliyoona tokkoon ol guddisan, du’a namootaa hin dhaqqabne gabaasan himannaa jedhu dabalatee waahiloota isaanii irratti himannaa dhiyeessanii booda, Antooniyoo Guteres gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa duratti dhiyaachuu dhaan haala kana dura hagas hin barataminiin mul’inatti ibsa kennanii jiru.


Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa bal’aa qabna.
Dhibeen Dheengee Jedhamu Naannoo Dirree Dhawaa Keessatti Ka’e
https://www.voaafaanoromoo.com/a/dhibeen-dheengee-jedhamu-naannoo-dirree-dhawaa-keessatti-ka-e/6261214.html

Magaalaan Dirree Dhawaa faca’inni dhibee qaama ho’isu kan Dheengee jedhamu Itiyoophiyaa gama bahaa keessatti ka’uu gabaasee jira. Hooggantuun biiroo eegumsa fayyaa bulchiinsichaa Lemlem Bezaabih VOAf akka ibsanitti magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dhibeen kun argamuu mirkaneessaniiru.


Bara 2017 fi 2018 keessa dhibeen kun Itiyoophiyaa gama bahaa keessatti ka’ee ture. Lemlem akka jedhanitti faca’ina dhibee kanaa to’achuuf hojjetamaa jira.
Mannii maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii guyyaa kaleessaa dhimmaa Itiyoophiyaa irrati marii taasisee ture
https://www.voaafaanoromoo.com/a/mannii-maree-nageenyaa-mootummoota-gamtoomanii-kaleessa-geggeeffame-/6261752.html

Mannii maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii guyyaa kaleessaa dhimmaa Itiyoophiyaa irrati marii taasisee ture.  


Walgahiin sun waamame brreessaa muummee mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Gutereziin. Sababni isaamoo Wa’ee hojjatoota gargaarsa namoomaa Mootumaan Itiyoophiyaa torban darbe biyyaa akka bahan taasiseedhaa. 


Walgahii kana irratti Itiyoophiyaa dabalatee bakka bu’oonnii biyyootaa 13 hirmaataniiru . keniyaan Niijer, fi biyyi  Karibiyaa tokko ( A3+1) Tuniziyaadhaan bakka bu’anii yaada isaanii dhiheesan. 


 Biyyoottan biroo miseensonii mana maree nageenyaa darabee darabeedhaan yaada isanii kennaniiru. 
Yunaayitid Isteets fi Taalibaan marii taasisan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/yunaayitid-isteete-fi-taalibaan-marii-taasisan/6266243.html

Egaa U.S Afgaanistaanii baatee gareen Taalibaan biyyattii  deebisee qabatee as yeroo jalqabaatiif Yunaayitid isteet fi Taalibaan Kaataar keessatti wal arganii marii taasisaniiru.


Dubbi himaan garee Taalibaan Suhail Shaheen walga’ichaan dura akka jedhanitti, walti dhufeenya Diplomaasii fooyyesuudhaaf dhimmoottan faaydaa qabeessa ta’an iftoominaan akka ka’n dubbataniru.  


 Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa yunaayitid  isteets Niid Praayis ibsa dilbata kaleessaa kennaniin akka jedhanitti, mariin Taalibaanii wajjin taasifame ifa qabeessaa fi beekumsaa irratti kan hundaa’edha jedhaniiru.


Taalibaan hojii isaatiin malee haasaa isaatiin madalamuu hin qabu kan jedhan Niid Praayis, dhimmi nageenyaa fi shororkeessumaa, akkasumas waa’een lammiilee U.S fi froottan isaanii Afgaanistaanii baasu , waa’een mirga namoomaa dhimmaa mirga dubartootaa fi ijoollee durbaa ijoo marii akka  ta’e himaniiru.Yeroo ammaa ijoolewwan Miiliyoona tokko ta’an akka balaa beelaatiif saaxilamuuf deeman U.S ibsitee jirti. Walgahiichii kan jalqabee sambataa darbe maagaa Dohaa keessatti.
Ogeessonnii Diinagdee 3 badhaasaa Noobeelii Moo’an
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ogeessonnii-diinagdee-3-badhaasaa-noobeelii-moo-an/6266333.html

Beektonii Diinagdee lammiilee Yunaayitid isteets  3 badhaasaa Noobelii baranaa moo’aniiru.


 Beektonii kun dhimmi  galii ykn kaffaltii gadi aanaa hojjattootaa , dhimmi godaantotaa fi baruumsaa dinagdee irratti faayiidaa inni qabu tilmaamudhaaf akkaataa ykn mala kanaan duraa hojii irra olaa ture karaa Saayinsiidhaan degerameen qoratanii dhiheesuu isaaniitiif badhaasa kana kan moo’uu danada’an jedhameera.


Badhaasa guyya har’a labsame  kana kan moo’an Yuuniversitii Kaalifoorniyaa Berkileyi irraa Deevid Kaard, Jooshuwaa Angriist Insititiyuutii Tekinoloojii masaachuseet irra yemuu ta’an, Gu’ido Imbeens immoo universitii Staanfoord irraa akka ta’e beekameera.
Pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden Badhaasa Kabajaa Biyyaaleessaaf Siviloota 20’f Waayit Haawusiitti Kennuuf Jiran  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7922239.html

Badhaasa Meediliaayaa pireezidaantii kan lammiilee kana namoota fudhachuuf jiran keessatti Miseensi kongireesii Benii Toomsan fii miseesni Kongireesii duraanii Eliisabeet Cheenii kan qorannoo halleellaa gaafa Amajjii 6 bara 2021 Kaappitool irratti raawwatame hoogganan tarreeffamaniiru. Tiraampi kan filannoo bara 2024 kan moo’atee fi ji’a kana keessa aangoo fudhachuuf jirummoo namoonni kunneen lamaan warra hidhamuu qaban jedha.


Ibsi Waayit Haawuus irraa ba’e waa’ee badhaasa kabajaa...
Itiyoopiyaan Uummata Volkaanoon Mudachuu Mala Sodaa Jedhuun Naannoo Kirikirri Lafaa Itti Dhaga’ame Keessaa Uummata 80,000 Baasuun Ibsame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7924760.html

Mootummaan Itiyoopiyaa kirkira lafaa Afaar, Oromiyaa fi naannolee Amaaraa keessatti mudatetti aansee namoota 80,000 ta’an bakka kirikirri itti mudate keessaa basaa kan jiru ta’uu beeksise.


Yoo xiqqaae erga Jimaata kaleessaa qabee kirikirri lafaa yeroo sadii Itiyoopiyaa keessatti mudatee jira.


Kirkirri lafaa inni boodanaa naannoo Awaas Fantaallee kan Affaarii fi naannoo Oromiyaa gidduu jiru keessatti akka sa’aatii biyyaatti ganama sa’a 3:52tti dhaqqabe. Xinxalli qorannaa dachee kan...
Kaalifoorniyaa Keessatti Hojjetoonni Balaa Ibiddaa Dhaamsan Ibidda Haaraa Ka’uu Maluuf Qophii Cimaatti Akka Jiran Ibsame  
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7936545.html

Namoonni ibidda dhaamsan Kaalifoorniyaa keessaa  humna namaa fi meeshaalee haaraa cimsaan deeggaraman Kibxata har’a ibidda bosonaa haaraa ykn hammaataa dhufuu danda’u Kaalifoorniyaa kibbatti mudachuu danda’uuf qophaa’anii jiru.


Kunis akeekkachiisa qilleensa cimaa fi haala gogiinsaa ykn caamnii jiru gidduutti.


Tajaajilli raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaa akka jedhetti, qilleensi Kibxata har’a sa’aatii tokkotti km 100 ol fiiguu ta’uu danda’a, kunis naannoo bal’aa Kaalifoorniyaa gama...
Sababaa Balaa Ibiddaa Los Aanjeles Mudateen Namoota Qehee Ofiirraa Buqqa’aniif Gargaarsawwan Hedduun Taasisanaa Jiru
https://www.voaafaanoromoo.com/a/7936600.html

Namoottan sababa  balaa ibiddaa Aanjeles mudaateen qabeenyaa isaanii dhabaniif, warreen soda balaa ibiddaa kanaan qe’ee isaanii dhisanii baqatan kumaatamaan lakkaawamanuuf yaaliin gargaarsaa hedduun taasifamaa jira. Dhimma kana irrati gabaasaa Jeniyaa Daalootiin bakka namoottan kun keessa qubatanii jiraan wiirtuu walgahii Pasadinaa irraa VOAdhaaf ergame Bafiqaaduu tu dhiheessa.
Ibiddi Bosonaa Kaalifoorniyaa Los Angeles Keessaa Amma Illee Hin Dhaamin Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ibiddi-bosonaa-kaalifoorniyaa-los-angeles-keessaa-amma-illee-hin-dhaamin-jira/7937972.html

Akeekkachiisni Roobii har’aa akka agarsiisutti naannoo Los Anjeles keessatti ammas qilleensi cimaan haala qilleensaa goggogaa waliin walitti makamee ibidda bosona babal’isuu mala.  Namoonni abidda dhaamsan ibidda naannichatti walduraa duubaan ka’ee fi kanaan dura yoo xiqqaate namoota 25 galaafate waliin wal’aansoo qabaa jiran.


Kibxata qilleensi laaffataa ta’us, Tajaajilli Haala Qilleensaa Biyyaalessaa naannichi ammallee hanga Roobii  waaree boodaatti qilleensa cimaaf akka saaxilamu...
2025/02/05 11:11:46
Back to Top
HTML Embed Code: