Telegram Web
Forwarded from Kaachuu Promotion via @Kaachuuyebot
Gaaffii Ajaa'ibaa

Sirritti itti yaaduun deebisaa. Lafa kana irra dhiira moo dubaratu caala umrii dheeraa jiraata? Hubachiisa Aveereejiin jechuu keenya gaaffichi.
Miila kaasaa,
darsa raasaa
Ennaa adeemtu, simbiratu waca
Danaankee; qalbii jigaa hamaca!

Mormaa hamma qeensaa,
Koomee hamma rifeensaa
Guca bareedinaa hunduma qabda
Dukkana keessattuu ni miidhagda!

Anikee,
Yoon qaamakee ilaalu,
‘booni booni’ na godha
Yoon yaadakee ilaalu,
‘boo'i boo'i’ na godha!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Akkan fedhee
Si dagadhu
Argaa kiyya
Na baqadhu!

Wal jaallachuun
Erga hin mallee
Wal jibbina
Walii gallee!

Halaalatti
Waldheessina
Gabaa jibbaa
Wal geessina!

Isa kaanoo
Natti aari
Kanaan illee
Illee na gargaari!

👇👇👇👇
@Michuu_ko
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Ani...
Akka lukkuu lafa hin haadhu
Akka risaattan barrisa
Samii keessas lafa gubbaas
Hunduu banaadha karrisaa

Filannoo kooti hundumtuu
Lafa haadhuun samii keessi
Maarree ofiikootiifimmoo
Gurri koo hamaa dhageessii

Gad deebi'ee hin funaanu
Kosii keessaa raammoof raqa
Samii gubbaatti ol ba'een
Bakka miidhagaa san dhaqa

Kosii keessi naaf hin malu
An hin fedhu raammoo nyaachuu
Ol fagaadheen balali'a
Hin fedhu dacheerra kaachuu

✍️ MARTINAAN SIRAATAA
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Jannataa gurguruu

Hin dhuftuu ishee nii beekaa
Hin dhuftii isheemmoo eegaa
Isheen immoo
Jaalalaa isaa saraaritiin bachiftee
Sararitii immoo Bararii nyaachiftee
Barariin sunis

Deemtee uffaata isaa mana godhatte
Qaama isaa ciruun namicha mo'aatte

Ollaan gaarummaa gurba bobeessaa
Jannata gala jedhee walitti odeessaa

Ammas intaallii

Dubbii jara sana dhaggeefachaa
Shira mana waaqattii qindeefachaa.

Gumgummii mamii gumgumaa addee
Ammas jannatta jalaa gurguruu yaddee

By Tokicho Taye
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Chaanaalota Teeleegiraamii namoota bituu barbaaddan hundaaf

14k Members
5k Members
2k Members

@Walaloo_bot irratti nu dubbisuu dandeessu. Namootni gurguruu barbaaddanis liinkii chaanaala keessanii nuuf erguu dandeessu.
"Borutti mana keessa👇

Diinqa kee dhirsa keetti aanfannaan
Qaayya Ultee Kofa keetti aarfannaan

Ulfooftullee Ilma deecha
Kabajamtee Diinqa teecha

Har'atti👇
Jaarsa dhabuutu Jaarii si dhaansisa
Waarsaa dhabuutu #Dhaalaa si dhabsiisa

Gaaddisni Manjii
Garaan si Majii

Har'atti atuu burree
Baratti atuu #Surree"

Jenneen intala teenya👇

Ulfooftee gubaa baatteen
Beeloftee #Kutaa nyaatteen

Cabsii Taliilaa
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Ilaamee Giiftiikoo,

Ana garbichakee- ayyaannikee fidnaan,
Ana garbichakee- afaan dubbii didnaan,

Ilaamee akkas godhi...
Ixaana ayyaanakeen- ONNEE kiyya uli
abbeentaan siif laadha- ati keessa buli.

Yoos,
Yeedaloo jaalalaatin miirrikoo shubbisa
Yoos,
Afaan dubbii didus- miirri afaan baasee, dirqiin si dubbisa!

© Abraham Solomon
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Amalli kee kaanitti bitaa;
Ana keemmoo isatu bita!

Calleensa kee dhaggeeffadhee,
Addeessa kee dhugeeffadhee;

Tasgabbii keetti madaqee,
Ariitii koo ofirraa haqee;

Aarii keetiin of adabee,
Kolfa keetti of sababee;

Gochoota kee jechaan ibsee,
Karoora koo keetiin kiphsee;

Akkan eegetti dhabu sirraa;
Akkan seeqetti waliin jirraa!

#AnSiiF 🖋 🖤
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Baay'een keenya,

Akkatti gubannu
Beeknee hin dubbannu
Fixannee hin himannu
Himannee hin fixannu!

Akkuma gaafasiiti har'a
Hin sirreeffannu miira
Suma yaadna
Inuma aadna.

Gubaa garaa,
Dhibee baraa,
Yeroo maraa!

Namni qaroo dhabe, maaliin tasgabbaa'a?
Aarii muddaan qabee waa sagal hakaa'a
Yaadaan labneerra
Malas dhabneerra
gadduu...gadduu... harquu... harquu
Dhugaakee imimmaanni hin argu
Xaxamneerra dadhabneerra
Ofii keenyas taajjabneerra!

Gubaa garaa,
Dhibee baraa,
Yeroo maraa!

Otoo carroomtee, maal jetta laata?
Hireen keenyas haqakee fakkaata!
*
2024
Kanaa'ol Badhaadhaa
Hacaaluu Hundeessaa yaadachaa
@Walaloon_Jaalala
NAAF KAKACHIISAA!
Tarii jaalalakootu
Qabaatemoo xurii
Ishiitu jijjiirrate
Ilaalcha ishii durii?

Osoo anaan oodduu
Gabaatti haasofti
Waayee jiraachuukoo
Yoo yaaddu ni qaanofti

Ollaatti wacuudhaaf
Tasa yeroo hin dhabdu
Anatti hasaasuuf garuu
Sakoondii tokko hin qabdu

Ani osoon hin qabne
Badiin ishii hale
Waanuman jibbamuuf
Garuu nan wallaale

Badii ishiin agartee
Ittiin na jibbitu
Mee naaf gaafadhaa
Sinitti haa himtuu

Jedhaa naaf gaafadhaa
“Maali badiin isaa?”
Yoon badii qabaadhe
Jiraachuufaan dhiisa!
Waanta ishiin jettemmoo
Naaf kakachiisaa!

#Bilisummaa_Shibbiruu✍🏻
Join @BarruuWalaabu
Osoon ishii eeguu
Umuriikoo gubee
Tuffii ishiin naaf qabdu
Namummaakoo hube

Eerga filannoon ishii
Haala irratti hundaa’ee
Fooliin dhaba kiyyaa
Eerga itti ajaa’ee

Ishii eegaa hin hafu
Gitakoon barbaaddadha
Kulkula onnee kiyyaa
Taa’een wal’aannadha

Lammataa deebi’ee
Dura ishii hin dhaabadhu
Maqaadhuma ishiiyyuu
Tasa hin yaadadhu

Silaa ani jaaladhus
Naaf hin qabduu dhiimmaa
Anis deemeen jiraa
Nagaa itti naaf himaa!

#Bilisummaa_Shibbiruu✍🏻
Walaloon Jaalala pinned Deleted message
Chaanaalota gurgurtaaf dhiyaatan

1. 15k members
2. 7k members
3. 5k members
4. 5k members

Namootni bitachuu feetan @Walaloo_bot irratti nu dubbisuu dandeessu.

Namni chaanaala gurguramu kan miseensa 30k ol qabdanis @Walaloo_bot irratti nu qunnamaa
Ilillii fi simbirroo!

Simbirroo koo! Anatu si hawwatee
Bareeda koo dhodhoosee
Foolii koo sitti urgeessee
Ofitti si dhiyeesse
Eenyummaa koon, anatu si macheesse

Garuu...
Maal godharee?
Ariitiin ani ittiin ofitti si dhiyeesse
Urgaa koo, bifa koo, mi'aa koo_
hunda fudhatee
Anarraa si fageesse

Taliilee
Walaloo erguuf 👉 @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
Dhiira gaafa xiiqii
Uummataaf dubbattu
Qallayyoo Hundeessaa
Gaanfuree Guddattuu…
Har’as akkuma barre
Hidhii xuuxna teenyee
Gumaafi dhugaa nyaachaa
Waggaa afur geenye!

@Waloo_Leta
Erga sanaa Ani...
Nagaan dhaame waloomatti,
lagaafi gandi wal goomatti.
Wal qusadhee, banuu'n jiilu, qaawwa balaa,
badii booddee, boo'uun... iyyuun, naaf amala!

Erga sanaa...
Ofan dhiiba cinaachaani,
obbolummaan ilaalchaani.
kan mannaagu, xiqqoo ciisnaan, cinaachisaa,
daban raaga, bakka'n jirren, jiraachisa!

Doofaan gurrisaa arraba,
afaan fuggisoo lallaba.
Hayyuun kiyyas, hin soroorsu oduu doofaa,
jibbamuurra, birkii baasee, waliin oofa!

Erga sanaa...
Billaa qaraan wal eeggachaa,
jal'aaf karra banee galchaa,
Wal soqolee, majaa ripheef, yoon akeeku,
sitti duuluun, bu'aa dhufe, yaadee'n beeku!

Eeyyee...
Wal laalessuu, utuu'n dhiisin, waariif guyyaa,
waggaakeetti, dungoo ibseen, waliin iyya,
nan taajjabin, argii dhiisi, qaalii kiyya!

Aga Guda NL ✍️🙏
@Walaloon_Jaalala
Gara dhumaatti deemaa jira.
Warreen kitaabota #Falaasama_Jireenyaafi #Amantii_Qorachuu (Ooshoo) iyyaafachaa jirtan maraaf:-

#Finfinnee
Atobistera mana kitaabaa Elellee
0911641066

Lagaharree GGAO fuuldura Waltaanaa bira
0964419683

#Buraayyuu_Maaramii
Bulchiinsa magaalaa fuuldura Baankii Bunnaa cina mana Kitaabaa Yoomiyyuu
0912841550

#Buraayyuu_Kattaa
Ana bira jira
0929428759

#Bishooftuu
Gamoo Hiwoot fuuldura, Mana Uffata aadaafi diizaayinii Furtuunaa
0911741446

#Ambo
Gamoo Hacaaluu gubbaa mana maxxansaa Kush
0913238525

#Naqamte
Ifaa Balaay biraa argattu
0985251828

@Walaloon_Jaalala
2024/07/01 04:43:02
Back to Top
HTML Embed Code: