Telegram Web
Bareduu tiyyaa tan jirtuu
Manaa maadamii ani
Nagayaan qabaa atii
Nagayaami 😂
Join👎
@zamanoota
@zamanoota
Forwarded from Qadde Naik Oro officials
Maansaa muusaa ykn maqaan sirriin muusaa keeyitaan maansaa 10ffaa kan ta’ee dha. Maansaa jechuun “Sulxaana (mootii)” jechuu dha. Muusaan impaayeraa baldha afrikaaa yeroo sanaa kan taatee maalii keessatiii mootii akkasumas abbaa qabeenyaa beekkamaas ture. Maansaa muusaan bara 1280 akka dhalatee himama. Muusaa keettaan akka ragaaalee bocaa fi wantoota adda addaa maalii keessattii argameen maansaa muusaa jedhamuun beekkama. Akaakayyuun maansaa muusaa abu-bakar kan jedhamuu oboleessaa hundeessaa maalii sundiyaataa keettaatii. Maaansaa muusaan wanta addunyaa irrati beekkamuu keessaa tokko deemsa gara makkaa ykn hajjii godhudhan beekkama. Akkka ragaleen tokko tokko ibsuttii namichi kun bara 1324-1325 jidduutti hajjii akka taasisee agarsiisa. Yeroo kanattii namoota 60,000 fi garboota (slaves) 12,000 tokkoon tokkoon isaanii warqii Kg 1.8 ulfaatuu qabatanii isa waliin gara makkaatti akka imalan dubbatama...
☆Join☆
✯┄┅┅✿❀ @qadee143
Forwarded from Qadde Naik Oro officials
Wahee mansaa musaa KUTAA 2FFA fi isaa xumuraa gababinan 👎

Amalaa mansaa musaraa Wanti nama ajaa’ibsiisuu immoo namoota rakkatan kharaa inni irra demuu irrati yoo arge warqii sana kannaafii bira dabra ture. Maansaa muusaan sababni hajjii taasiseef akkuma beekkamuu seera amanti islamaa hordofuu qofa osoo hin taanee barnoota tokko tokkos warroota amantaa achi jiran irraa baratuufis ture. Namni kun amantaa islaamaa babaldhisuu keessattii shooraa guddaa taphaate jiraa

Inumaahuu wanti nama aja’ibu guyyaa jimaata jimaataa yeroo hundaa masgiida tokko tokko ijaaruun beekkama. Maansaa muusaan masgidotaa fi madarasah (bakka itti baratamu) hojjechuun beekkama. Keessattuu magaala timbuktuu fi gaa’oo keessattii. Akkasumas yuunivarsiitii (madarasah) saankooree bara isaa keessa ijaarame. Yuunivarsiitii amma warri adiin ittiin boonan kana jalqaba kan ijaarsise gurraacha kana ta’uu isa hangam akka beekan hin beekuu ani. Akkasumas qabeenya doolara biiliyoona 400 qabaachuun addunyaa irrattii hanga har’a qabeenyaan tokkooffaa nama ta’ee dha. Garuu warroonni adiin ‘Augustus cesar’ qarshii doolaara ‘0.1 trilion’ qaba jedhamus hanga ammaattii ragaan hin jiru. Guyyaan ykn barri maansaa muusaan du’ee hayyoota hedduu birattii falmisiisaa kan ta’e yommuu ta’uu garuu kan hayyoonnii baayyeen itti amanan bara 1337ttii akka ta’ee dha.

Join godhudhan nu hordofaa 👉@qadee143
@qadee143
@qadee143
Seena bareedu tana dubbisaa mee.
Obbolleeyyan lamaatu ture obbolleeyyan kun lamaanu bultii jaarratani jiraatu iddoon isaan jireenyaf jiraatan biyya addaa addaati .obbolleeyyan lachuu ilmaan qabu jireenya isaani fooyyeessuf ilmaan isaani jiraachisuf carraaqu dha'alaa qabeenya abbaan isaanif kaayee waan hin qabneef isaan lamaanu addaan faca'anii oso jiraatani biyyaa jiraatan saniti lafaa midhaani oomishaa namu ni qaba haatahu obbolleeyyan laman keessa tokko àkka malee rakkate ilmaan waan nyaachisu dhabe obbolleessa kiyya kan biyya biraa jiruu sani irraahin midhaan ilmaan kanaaf fidee dhufa jadhe harree isaa irrati dooniyaa midhaani fe'ate qajjeele obbolleessan deeme Wal arkan obbolleessis isa arguuf heedu gamade harree isaa wajjiin jirtuuf àkka haajaf dhufe beeke fuula gaariin simatee waliin Mana seenani harawaaca xiqqo laaleefi eerga hiraata nyaatan booda jaartiin isaatis ra'ee eelmiteefi hooja irra keessef sababaa rakkoo hamtuu qabaniif jiaa lama duraa horii tokkicha qaban kan eelmamuu gurguranii midhaan bitatanii sanumaa fi waan tokko tokkon arra gahaan .haatayu osumaa halkan ta'a jirani obboleessi kan akana jadhen yaabo akkati ilmaan natti rakatee midhaan yoo boolaa qabaate naaf feeta ja'eetin dhufe jadhen obbolleessis abshiir midhaan guutudha hin yaadin subii siif faaeetin akkasiti deemta takka hin yaadin ja'een akkasiti gamade tasgabaahe obbolleessis obbolleessa kiyya kha natti haajame dhufe kana akkamitin mufachiisa jadhet akkana jadhe male ifiifu waan nyaatan Mana hin qaban . osuma waliin ta'ani halkan wallakaa ga'e obbolleessi ini abbaan. Mana khun gad bahee àkka malee boohe Yaa rabbii kiyya nan qanyesin ati hin dhabdu Yaa khan nàma sattaru na sattari jadhe boohe .fuula dhiqate ool seene yeroo tana obbolleessi khan ni huurkite sa jadhe gaafate lakki fuulan dhiqadhe bar àkka nàma muugu tanan jadhen subiin gesse amma anis nin deema haa feadhu midhaan jadheen .obbollessis hayye jadhe boolla midhani ta midhaan keessa dhume joolleetu itti kufa takka banuf
Akkuma karaa boola midhaani tan midhaan keessa hin jirree abdii rabbiitin Yaa rabbii nan qaanyeessin jacha waliin deeman akkuma boola midhan keessa hin jirre ta joolleetu itti kufa jadhani cufani turan banan .akkasiti yeroo Banu rabbiin midhaan guutef akkasiti hamdi rabbii galchee obbolleessi obbolleessara milkaahe fuula gaariitu milkii rabbii fidaa rabbiin nuhaa milkeessu ♥️

Join👎 share
@zamanoota
@zamanoota
@zamanoota
Murte Sheka:
Aampoolii:
Aampooliin waan osoo ibidda itti hin kheenye hanga feete turtus ifumaan liph jettee gubattuudha. Takka gubannaan immoo lamada deebitee ifuun hin jirtu. Ifiin gubatuu diddus powerri yoo irra guddate gubachuun isii laazimoota.😃
@zamanoota
Forwarded from Qadde Naik Oro officials
Barreeffama gabaabaa armaan gadii khana obsaan dubbisaa
-------------------------'''''''''''''-------------------------------------------------
Umar Mukhtaar Rabbi Rahmata haa godhuufii gaafa du'uuf deemu namtichi waraana xaaliyaan tokko akkana je'eeti gaafii isa gaafate

Warana xaaliyaanin lolteeti jirtaa?

Umar Mukhtaar: Ee loleetin jira

Namticha waraanaa: Ummata Liibiyaa qabsorratti khakhaasteti jirtaa?

Umar Mukhtaar: Akka ajaa'ibatti

Namticha waraanaa: Qixaaxni khee akka du'a tehe ni beeytaa?

Umar Mukhtaar: Ee nin beekha

Namticha waraanaa: Waan jechaa jirtu ni beeytaa?

Umar Mukhtaar: Ee nin beekha shakkii takkaan maletti

Namtichi waraanaa: Bara meeqaf xaaliyaanin lolte?

Umar Mukhtaar: Waggaa 20

Namticha waraanaa: Waan daleyde khanaaf sheenan sitti dhagahamteeti jirtii?

Umar Mukhtaar: Biyya tiyyaa fi ummata khiyyaafin lolee tanaafuu sheenan natti dhagahamtu hin jirtu

Namticha waraanaa: Akka amma du'uuf deemtu ni beeytaa?

Umar Mukhtaar: Ee nin beekha

Abbaan mana murtii waraanaa Umar Mukhtaar laaleti qixaaxa nama akka kheetii khanarra gahu arguuf dhiifaman si gaafadha je'een

Umar Mukhtaar garuu kharaan jireenya itti xumuran kha khana caalu hin jiru je'een

San booda abbaan mana murtii yaada Umar Mukhtaar jirjiirsisuu fedheeti yoo waraana kheetitti xalayaa barreessitee akka isaan xaaliyaanin hin lolle goote freedoma siif khenneetin gad si dhiisa je'een

Hoggaa tana Umar Mukhtaar abbaa mana murtii achi laalee quba shahaadaakhana ol qabee akkana je'een

Qubni guyyarraa Rabbiin tokko je'ee ragaa bahu..... Qubni sun jechoota khijibaa inuma hin barreessu

Nuti Rabbi malee waan biraa takkatti harka hin khenninu

Nuti takkaa numa injifanna ykn numa duuna

Je'eeniti san booda fannifamee du'e Leenci barahaa Umar Al Mukhtaar...... Rabbi Rahmata haa godhuuf.

Share
Join👎
@qadee143
@qadee143
@qadee143
Murte Sheka:
Itoophiyaa kheysatti bareedaa tahuu kan kee kan siif himan yoo magaala kheysatti, waa hattee qabamte qofa.

# Wahii mucaa bareedaa khanaatu hattuudhaa amma? Siin ja'a namni hundi.
@zamanoota
Forwarded from ANSAR ONE TUBE (+61403367962 MAME JALALAA)
📝((As wr wb ))MALLATTOO RĀSŪŪLĀĀ ۞ﷺ۞JAALLACHUU]]Dubbisaa #share godhuun obbolleewaan kessaan Keeyritii shaarakaa Wal Yäädachisaa 📢
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
🕳Mallattoon Rāsūūlāā۞ﷺ۞ Jaallachuu
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
Waan inni ajajeen buluu/Ajajasaa godhuu
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
Waaninni erra dhowwerraa fagaachuu
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
Karaasaaniirra deemuu ykn sunnaasaanii hordofuu
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
Waan Rasuulli ۞ﷺ۞ Rabbirraa fidee ittiin dhufe hojiidhaan argamsiisuudhaan ykn itti hojjachuudhaan jiraachisuu
Fkn
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
➠Lubbuu ofii,
➠Qabeenya ofiitiifi
➠Maatii ofii hundarra Rāsūūlāā۞ﷺ۞ jaallachuudha
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
Aklaaqa Rasuulaa۞ﷺ۞ Qabaachuu ykn Horachuu
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
Akkamitti yoo jette
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
➠Duree,
➠imaama,
➠hoogganaafi
➠karaa laallatanii deeman
💡Qur'aana💡 godhachuudhaani.
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
➠Rasuularratti Rahmata۞ﷺ۞ buusuu hin erraanfatinaa/hin dagatinaa
⊰::::::::::::::::::::::::⊰✯⊱:::::::::::::::::::::::::::::::⊱
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
🕳Asumaan fb follow godhaa Jzkl 📣
عاتكه حسينby
➨ ♕ Śãłłäłłààhù Àłééhí Wåśśàłłàm
‏﷽
﴿إنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلى
النَّبِيِّ يَا أَيُّهَاالَّذِينَ آَمَنُوا صَلُّوا
عَلَيْهِ وسَلِّمُوا تَسْليمًا ۝
صٌَـــلَِّ وََِّسَـــلَّـِمَْ عٌَلَـَے َّسَيِِّـــدِِنِْأّ مَُحٌَمََّـــدٍِﷺ۞
صٌَـــلَِّ وََِّسَـــلَّـِمَْ عٌَلَـَے َّسَيِِّـــدِِنِْأّ مَُحٌَمََّـــدٍِﷺ۞
صٌَـــلَِّ وََِّسَـــلَّـِمَْ عٌَلَـَے َّسَيِِّـــدِِنِْأّ مَُحٌَمََّـــدٍِﷺ۞

╰━━⦁━━⤊⤊⤊⤊⤊⤊━━⦁━━╯
Sura An-Naba' 78:31

إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ مَفَازًا

Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.


Rabbiin warra Isa sodaate milkaahu nuhaa godhu ♥️
Share waliif godha join page kana
Forwarded from ANSAR ONE TUBE (Mohammed)
Rahmata Rabbiitiin Jannata Seenan Moo Dalagaan Jannata Seenan?

Namoonni hedduun waan Rabbiin dalagaa jedhe osoo hin daleyne, waan Rabbiin hin dalaginaa jedhe ammoo dalagaa, akkasuma Salaatallee osoo hin salaatne akki Jedhan “wanni jannata nama naqu/galchu dalagaa teenya osoo hin tahin Rahmata Rabbiiti” jedhan. Jechi isaani kun sirriidha. Garuu wanni beekuu qabnu namni Rabbiin Rahmata godheefii jannata galchu sun nama akkami ? Yookaan ammoo Rahmata Rabbii warra akkamtu arkata?
Gaafii tanaarratti qur’aanni akkana jedha:

وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ
“Ajaja Rabbii godhaa(raawadhaa), ajaja ergamaa Rabbiitis godhaa! Akka Rahmata arkattaniif (Rahmanni isiniif Godhamuf)”
Suuraa Al Imraan aayata 132

. وَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ وَأَطِيعُوا الرَّسُولَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ

“Salaata Dhaabaa (Salaataa), Zakaa Kennadhaa akkasuma ajaja Ergamaa Rabbii godhaa(raawwadhaa)! Akka Rahmata arkatanniif(Rahmanni isiniif Godhamuf).” Suuraa Nuur Aayata 56

Kanaafuu osoo sirritti hin hubanne of sobuu hin qabnu!

Rabbi warra ajaja isaatiifi ajaja ergamaa isaa hunda dalagee; Rahmata arkatee; jannata seenu Nuhaagodhu!

WAL KAKAASU KARRA RABII RASULLIRATI
Amaantaan Islaamaa dandii janatatii Kanaf barachun nubarbachisaa wanbeynuraa walbrsisnaa
https://www.tgoop.com/walkakaasukaraarabirasulirati
Forwarded from ANSAR ONE TUBE (+61403367962 MAME JALALAA)
Obboleysa kiyya / Obboleytii tiyya 🌹🌹

🌺 Ji'a Ramadaanaa Jalqabnee Allhamdulilah warra nagaahan xumuru nuhaagoodhuu Rabbiin
🌺Namni wajjiin jiru Cufti Walitti mufachuun isaanii Hafiinsa hin qabu !! Akka ummanni keenyaahuu Ja'u "Arrabaa fii Ilkee nuu walitti Gufatan" 🌿🌿🌿

🌺Ati humaa tokko natti Hin balleessine , garuu an Gama kiyyaan Akkanumatti Dhiifama siin Je'eetin jira !! Atis Waanin sitti balleesse cufa Dhiifama naaf godhi !! Jechoota fii gochoota garii Keessatti Yoon daanga sitti dabre Dhiifama Naaf godhi . 👉Hammeenyaa fii miti Anuma harkaa Taateeti !! 🌹🌹🌹

🌺Obboleeyyan kiyya !! Ji'a Ramadaanaa kana Dhiifama waliif godhuun haa simannuu .... An nama muslimaa Kan natti Balleesse kanin beekuu fii kanin hin beyne Cufaafuu Dhiifama godheetin jira , Atis Akka rabbiin Dhiifama siif godhuuf jecha nama muslimaa Cufaafuu Dhiifama godhi !! 💥💥💥💥💥

🌺Rabbiif jecha Waanin si jaaladhuufin siif erge, Atis Ergaa tana nama jaalattu Cufaafuu ergi .... Anis Yoo rabbiif jecha na jaalatte Deebisii naaf ergi .. 😄😄

SHARE waliif godhaa .... jzk
Sura An-Nahl 16:128

إِنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوا۟ وَّٱلَّذِينَ هُم مُّحْسِنُونَ

Dhugumatti, Rabbiin warra Isa sodaataniifi warra toltuu hojjattan wajjin jira.
Forwarded from ANSAR ONE TUBE (Zamano Mix) via @like
♻️Wantoonni salaata keessatti jibbaman
maal fa'aa ?
Dubbisii hiriyottan keetiifi dabarsuu hin dagatiin

➫Raka'aa lamaan duraa keessatti faatihaa qofa irratti gabaabbachuu.
➫Faatihaa irra deddeebi'anii qara’uu,Yoo haajaadhaaf irra deddeebi'an garuu homaa rakkoon qabu.
➫Haajaa malee salaata keessa olii gadi mimildhachuu.
➫Ija lamaaniin dunuunfatanii salaatuu.
➫yeroo sujuudaa ciqilee lamaan Afatanii salaatuu.
➫Salaata keessa sochii adda addaa heddummeessuu.
➫Kalee qabatanii salaatuu.
➫Uffata(fooxaa )dacheedhaan gahanii salaatuu.
➫Afaanitti haguuggatanii salaatuu.
➫Imaama dursuu.
➫Qubbiin harkaa walitti diruu.
➫Rifeensaa fi uffata qabuu (gadi dhiifamuu dhoorguu).
➫Bakka nyaanni qophaa’etti salaatuu.
➫Osoo fincaan nama qabee jiru(cinqaa jiru)salaatuu.
➫Salaata keessa ijaan samii ilaaluu.
Itti fufa...............
Kana qofa miti
Salwataa busaa Ergamaa Rabbii irrattii Jzk
Forwarded from ANSAR ONE TUBE (Zamano Mix) via @like
RASUULLI KEENY S•A•W AKKANA JA'AN
===============================

☆ Wanti sadii nama halaakti
☆ Wanti sadii nagaya nama baafti
☆ Wanti sadii dilii namarraa buufti
☆ Wanti sadii sadarkaa namaaf idaati

☆ SADEEN NAMA HALAAKTU
•••••••••••••••••••••••••••••••

= Akkaan qorqoduu.
= Fedhinnaa lubbuu jala deemuu.
= If ajaa'ibuu

☆ SADEEN NAGAYA NAMA BAAFTU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

= aaraa fi gamnachuu keeysattiis haqatti murteeysuu
= hiyyuummaa fi durummaa keeysattiis jiddu galeeysa taatee argamuu.
= keeysaa fi gubbaan RABBI sodaachuu.

☆ SADEEN DILII NAMARRAA BUUFTU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

= salaata boodaan salaataa biraa teeysee eeggachuu.
= yaroo lubbuun hin feene (yaroo akkaan
qabbanaa) wuduu'a hoongaan geeysee wadda'achuu.
= salaataa jama'aa wajjiin salaatuuf Tarkaanfii fudhachuu.

☆ SADEEN SADARKAA NAMAAF IDAATU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

= miskiina nyaachisuu.
= salaamtaa facaasuu.
= hugguu namni rafu halkan kaatee salaatu.

• YAA RABBI WAAN JIBBITU HUNDARRAA NU FAGEEYSI WAAN JAALATTU HUNDA NU DALEEYSISI YAA ALLAAH!!!!!
WAL KAKAASU KARRA RABII RASULLIRATI
Amaantaan Islaamaa dandii janatatii Kanaf barachun nubarbachisaa wanbeynuraa walbrsisnaa
Share godha ♥️
Rabbiin janataa fi jaartii
Bareedu isiniif haa khanu💥
The owner of this channel has been inactive for the last 11 months. If they remain inactive for the next 18 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
2025/02/16 10:29:00
Back to Top
HTML Embed Code: