Telegram Web
ODUU

Naannoo Oromiyaatti barattoonni onlaayiniin qoraman wiirtuulee garaagaraatti shaakalaa jirachuun ibsame.

Naannoo Oromiyaatti bara kana barattoonni qormaata biyyaalessaa Kutaa12ffaa onlaayiniin qoraman wiirtuulee garaagaraatti akkaataa itti fayyadama kompiiwuteraa fi teeknooloojichaa shaakala eegaluu Biiroon Barnootaa Naannichaa ibse.

Naannichatti bara kana barattoonni kumni 200 fi Kuma 30 fi 974 qormaata biyyaalessaa kan fudhatan ta’uu Sadarkaa Hogganaa Itti Aanaa Biirootti Gorsaa Olaanaan Biirichaa himan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Qacarrii

Barsiisaa Anatomy (Human)

Barsiisaan gosa barnootaa Anatomy online bareechee barsiisuu danda’uufi viidiyoo bareedaa qopheessuu danda’u karaa @AbdiiSabaaDm nu qunnamuun galmaa’uu ni danda’a.

Lakkoofsa nama barbaannuu nama tokko qofa.

Barsiisonni yeroo nu qunnaman , maqaa isaanii, muuxannoofi kaka’umsa online barsiisuuf qaban, sadarkaa barnoota isaaniitiifi “Sample Video” karaa @AbdiiSabaaDm nuuf ergitu.

Dandeettii Barsiisuu, hubannaa, ibsaafi qulqullinni qopheessii viidiyoo , qacaramuuf wantota murteessoodha.

Namni dorgomuu danda’u nama ulaagaa armaan olii guutu mara.

Odeeffannoo dabalataaf @AbdiiSabaaDm nu qunnamaa .

Galmeen ka xumuramu May 23/2025 ALA!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
Qacarrii Barsiisaa Anatomy (Human) Barsiisaan gosa barnootaa Anatomy online bareechee barsiisuu danda’uufi viidiyoo bareedaa qopheessuu danda’u karaa @AbdiiSabaaDm nu qunnamuun galmaa’uu ni danda’a. Lakkoofsa nama barbaannuu nama tokko qofa. Barsiisonni…
#Update
Qacarrii

Barsiisaa Human Anatomy (Gross, Embryology), Veterinary Anatomy, physiology, Pathology, Biochemistry, Microbiology fi barnoota fayyaa hafan.

Barsiisaan gosa barnootaa armaan olii online bareechee barsiisuu danda’uufi viidiyoo bareedaa qopheessuu danda’u karaa @AbdiiSabaaDm nu qunnamuun galmaa’uu ni danda’a.

Lakkoofsa nama barbaannuu gosa mara irratti nama dorgomee injifate tokko tokko.

Barsiisonni yeroo nu qunnaman , maqaa isaanii, muuxannoofi kaka’umsa online barsiisuuf qaban, sadarkaa barnoota isaaniitiifi “Sample Video” karaa @AbdiiSabaaDm nuuf ergitu.

Dandeettii Barsiisuu, hubannaa, ibsaafi qulqullinni qopheessii viidiyoo , qacaramuuf wantota murteessoodha.

Namni dorgomuu danda’u nama ulaagaa armaan olii guutu mara.

Odeeffannoo dabalataaf @AbdiiSabaaDm nu qunnamaa .

Galmeen ka xumuramu May 23/2025 ALA!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Asbeks Giddugala Aappii Teelegiraamaa (Telegram App Center) irratti Tarraa’uun Beekkamtii Argate.

Waltajjiin dijitaalaa saffisaan guddachaa jiru kan fayyadamtoonni yeroo fi dandeettii isaaniin maallaqa akka argatan gargaaruufi tajaajiloota hedduu kennuuf qophaa'e, guyyaa har'aa Telegram App Center irratti tarreeffamuun milkaa'ina guddaa galmeessee jira.

Telegram App Center irratti Tarreeffamuun Asbeks kun kalaqa teeknooloojii Asbeks fi hirmaannaa fayyadamtootaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane , Asbeksiin fayyadamtoota addunyaa Teelegiraamaa biratti bal’inaan akka fudhatamuufi yeroo xiqqaatti akka sadarkaa addunyaatti guddatuuf balbala bana.

Asbeks erga hundeeffamee kaasee meeshaa galii salphaa bira darbee gara sirna bal’aa ta’etti guddateera,

Amaloota ijoo yeroo ammaa Asbeks irratti argaman kanneen akka:
• Tajaajila Sammuu namtolchee AI: Asbeks AI , chaanalaa Teelegiraamaa Automate taasisuu.

• ID Ogummaa Mirkanaa’e: Waraqaa eenyummaa mirkanaa’ee fi qoodamuu danda’u kennuudhaan amanamummaa ogeessotaa guddisuu.

• Hojii ofii Uumuun hojii namoota siif hojjetan badhaasuu.

• Namooti kaffalanii akka sitti haasa’an taassisuun yeroo ofii salphaatti maallaqatti jijjiiruu.

• Fayyadamtoonni hojiiwwan gabaabaa irratti bobba’uudhaan maallaqa argachuufi kkf fa’i.

Asbeks Addunyaa dijitaalaa keessatti gara waltajjii murteessaatti dagaaguun saffisaan bilchaachaa jira — tarreefamni har’aa immoo tarkaanfii murteessaa gara egeree isaa babal’achaa jiruutti kan geessudha.

@ASBEKSPLATFORM hordofaa.

Asbeks Telegram App Center irratti argachuuf hidha kana fayyadamaa.
👇
https://www.tgoop.com/tapps_bot/center?startapp=app_asbeks

ASBEKS WALIIN FUULDURATTI.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:Murtiin Du'aa itti murtaa'e.

Haatii fi abbaan buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daa’imarratti raawwatame dhoksuuf yakka ajjeechaa raawwatan du’aan adabaman

Magaalaa Dirre Dhawaatti Haadhaa fi Abbaa Buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daa’ima guddattuurratti raawwatame dhoksuuf wayita yaalaan yakka ajjeechaa raawwatan du’aan akka adabaman itti murtaa’eera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi dhimmoota yakkaa ramaddii 4ffaa Dirre Dhaawaa murtoo kana dabarsuu ibsameera.

Himatamtoonni Haannaa Bayyanaa fi Biruuk Alamuu jedhaman seera yakkaa Mootummaa Federaalaa bara 1996 bahe keeyyata 32 muraa 1 A fi keeyyata 539 muraa A jalatti tumame darbuun yakka kana raawwatan jechuun abbaan alangaa himata 4 irratti dhiyeesseera.

Himatamtoonni kunneen daa’ima yakki guddeeddii irratti raawwate akka haadhaa fi abbaatti kunuunsii fi jaalala kennuufii osoo qabanuu haala suukaneessaa fi gara jabina qabuun yakka guddeeddii irratti raawwatame dhoksuuf jecha yakka ajjeechaa cimaa raawwachuu isaaniin himatamaniiru.

Shakkamtoonni kunneen dhimmoota ittiin himataman arfaniinuu badii raawwachuu isaanii abbaan alangaa ragaa sanadaa fi namaan irratti mirkaneesseera.

Manni murtichaas dhaddacha har’a ooleen himatamtoonni du’aan akka adabaman itti murtaa’eera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Dr. Teediroos waraanni Gaazaa akka xummuramuuf imimmaan buusuun watwaatan.

Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos waraanni Gaazaa keessatti geggeeffamaa ture akka dhaabbatu gaafatan.

Dr Teediroos , walgahii waggaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Kamisa darbe gaggeeffame irratti; Waraanni furmaata waaraa hin fidu; Israa'elis ni miidha jedhan.

Wanti ummanni Gaazaa yeroo ammaa itti jiru natti dhagahama kan jedhan Doktar Teediroos, waraanni Bu’aa kan hin qabnee fi sodaachisaa tahuu ibsaniiru.

Nyaataa fi meeshaalee yaalaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun sirrii miti jedhan.

Waliigaltee akka dhufu ni gaafadha kan jedhan Hogganaan kun, Nageenyi bu'uun Israa’eliifis ta’e Falasxiinotaaf gaariidha jechuun ibsaniiru.

Daarektarri balaa tasaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Maayikeel Raayan akka jedhanitti, Gaazaa keessatti namoonni miiliyoona 2.1 ta'an ''balaa du'aa'' keessa jiru jedhan.

Beela dhaabuu qabna kan jedhan Daarektarri kun, itti dabaluunis sirni fayyaa haala sirrii ta’etti deebi’uu qaba jedhan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lammiileen Falasxiin Gaazaa keessa jiran hanqina nyaataa, bishaan, meeshaalee yaalaa, boba’aa fi bakka jireenyaatiin rakkataa akka jiran ibseera.

Hospitaalota Gaazaa keessatti argaman 36 keessaa 19 qofati hojjechaa kan jiran yoo tahu, hojjettoonni isaa ''haala yaaduun hin danda'amneen'' hojjetaa akka jiran Dhaabbanni fayyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibsa baaseen ibseera,

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Vaayirasiin Maariyyee Jaldeessaa Itiyoophiyaatti mul'achuu Ministeerri Fayyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksisan.

Dhibeen kun naannoo Oromiyaa magaalaa Mooyaaleetti mul'achuu ibsameera.

Ministeerri Fayyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Vaayirasii Maariyyee Jaldeessaa (Mpox) jedhamu kana ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Daa'ima umrii guyyaa 21 irratti kan mul'ate yoo ta'u, qorannoo gaggeeffameen haati daa'imattis dhibichaan qabamuu mirkanaa'uu eerameera.

Haatii daa'imaa fi daa'imti dhibichi irratti mul'ate bakka tursaa qophaa'etti galuun yaalli godhamaafii kan jiru yoo ta'u, hanga ammaatti lamaanuu haalli cimaan kan isaan hin mudanne ta'uu ibsichi eereera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
#kutaa12ffaa Guyyaan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoomeera. Sagantaan qormaata Xumura Barnoota Sadarkaa Lammaffaa Itiyoophiyaa / Kutaa 12ffaa bara 2017 ifoome. Akkaataa sagantaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyoolessaa beeksiseen qormaanni…
“Qophiin Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 xumurame “- Daayrektera Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa.

Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa obbo Esheetuu Kebbedee akka jedhanitti, qophiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 xumuramee jira.

Yeroo baay’ee qormaanni yeroo gaggeeffamu hanni qormaataa fi gowwoomsaan ni jiraata; kana hambisuuf mootummaan bara 2014 irraa eegalee barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa manneen barnootaa itti barataniifi yunivarsiitiiwwan keessatti akka fudhatan taasiseera.

Barattoonni meeshaalee sagalee ykn viidiyoo waraabbii hanna qormaataa fi gowwoomsaa keessatti gargaaruu danda’an kamiyyuu fayyadamuun dhorkaadha. Kanaan walqabachuunis sakatta’iinsi cimaan akka taasifamuu fi kanneen qabaman irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru Dayirekterichi.

Barattoonni qormaata kana toora interneetii irratti fudhatan manneen barnootaa isaaniitti shaakala akka jiran kan ibsan Dr. Eshetuun, barattoonni qormaata kana waraqaa irratti fudhatanis hubannoo barbaachisaa ta’e akka argataniif tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.

Qormaata kana milkaa’inaan xumuruuf qabeenyi qormaatichaaf barbaachisu sakatta’amuun humna namaatiif leenjiin kennamaa jiras jedhan Dr Esheetuun.

Dabalataan hoggantoota Biiroo Barnoota Naannolee fi hoggantoota yunivarsiitii waliin tumsi cimaan taasifamaa akka jiru Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa obbo Esheetuu Kebbedee himaniiru.

Akkaataa sagantaa Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa biyyoolessaa beeksiseen qormaanni kun Waxabajji 23/2017 hanga Adoolessa 8/2017tti kan kennamu ta’uu beeksisuun keenya ni yaadatama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Saayintistoonni Pilaaneetii haaraa Cabbiidhaan haguugamte argachuu beeksisan

Saayintistoonni Pilaaneetii haaraa kan Pilaaneetii Piluutoo irra fagoo jirtu argataniiru.

Pilaaneetiin haaraan kun aduu irraa baay'ee waan fagaatteef Cabbiidhaan haguugamuu isheeti qorattoonni sirna Urjii kan beeksisan.

Pilaaneetii haaraan kun yeroodhaaf “2017 OF201” jedhamtee moggaafamuun ishees eerame.

Odeeffannoon NASA irraa argame akka agarsiisutti, Pilaaneetiin xiqqaa Teleskooppii ammayyaa fayyadamuun argamte kun, qorannoo dabalataaf ulaa saaqa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa adeemsa keessa furuuf hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech Abeebeen barsiisota bulchiinsa magaalichaa waliin mari’ataniiru.

Mootummaan hojiilee damee barnootaa cimsan hedduu hojjechaa akka ture yaadachiisuun, akka fakkeenyaattis sagantaa nyaata barattootaa eegalchiisuu, faayidaa barsiisotaa guddisuu, qulqullina barnootaa akka deeggaraniif galteewwan garaagaraa dhiyeessuu eeraniiru.

Gaaffii mana jireenyaa barsiisotaa adeemsa keessa furuuf waldaaleen 350 gurmaa’uun kumni 9 ol qusannaa eegaluu ibsaniiru.

Gaaffiwwan barsiisota irraa ka’an sadarkaa sadarkaan furuuf mootummaan tattaaffii taasisaa jira jedhaniiru.

Wantoota gaggaarii adeemsa hojiilee keenya keessa galmaa’an akka ka’umsaatti fudhachuun hanqinoota sirreessaa dhufuu keenyaan hojiileen misoomaa akka magaalichaafi biyyaatti galmaa’an dhugoomuu danda’aniiru jedhan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu Ganda tokkummaa biyyaatti bokkaa cimaa kaleessa gaafa guyyaa 18 /9/2017 halkan keessa naannoo sa,aatii 3:00tti roobeen Saawwan hedduun miidhamuu maatiin miidiyaa @Abdii_Sabaa bakkicharraa gabaasaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
Qarshii 10,000 Injifadhaa! Asbeks badhaasa garaa garaa kennuun hojjettoota isaa jajjabeessa. Amma immoo, nama marsaa kana tokkoffaa ta’eef qarshii 10,000 ulaagaa tokko malee badhaasa! Marsaan kun adda – ulaagaa tokko malee, namni 1ffaa ba’e ni injifata.…
Qarshii 10,000 Injifadhaa!

Asbeks badhaasa garaa garaa kennuun hojjettoota isaa jajjabeessa. Amma immoo, nama marsaa kana tokkoffaa ta’eef qarshii 10,000 ulaagaa tokko malee badhaasa!

Marsaan kun adda – ulaagaa tokko malee, namni 1ffaa ba’e ni injifata. Namoonni Sadarkaa 2 haga 50ffaa akkuma duraatti qarshii isaanii baafachuu danda’u. Ammallee eegallaan carraan injifachuu keessanii ballaadha!

Viidiyoo Ergaa injifattoota marsaawwan darbanii! 🫴
🔵 https://www.tgoop.com/ABDII_SABAA/18032
🔵 https://www.tgoop.com/ABDII_SABAA/18160

Injifachuuf 1ffaa ta’uu qofa gaafata!

Eegalaa – Asbeks kuufachaa Qarshii 10,000 mo’adhaa!

Eegaluuf @asbeksplatform hordofaa!

Akkaataa itti eegalan

@asbeksplatform seenuun maxxansa jalaa hidha Start Now jedhu cuqaasuun Asbeks eegaltu. Akka Asbeks keessan isiniif banee bakka “Earn Asbeks” jedhu tuqxu sanbooda wanta isiniif dhufu cuqaastu! Sanbooda Asbeks keessanitti deebitu.

Bifa kanaan erga Asbeks walitti qabattanii Claim ka jedhu tuquun Asbeks kuufattan galmeeffattu.

Sadarkaan keessan hamma Asbeks qabdaniin osoo hin taane amma isin “Earn Asbeks” click gootaniin “Reward Clicks” keessaniin isiniif kaawwama!

CARRAA GAARII!

#Asbeks Waliin Fuulduratti!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Chaayinaatti warshaan Keemikaalaa dhohe lubbuu namoota shanii galaafachuun himameera.

Dhohinsa warshaa Keemikaalaa Chaayinaa bulchiinsa Shaandog keessatti mudateen, kanneen du’an malees namoonni 19 miidhamuu fi namoonni 6 ammoo ammallee bakki isaan gahan dhabamuu Zhinuwaan gabaaseera.

Miidhaan dhohinsa kanaan gahee fi sababni isaa maal akka ta'e qoratamaa jiraachuun ibsameera.

Poolisiin amma daandii gara warshichaatti geessu cufuudha kan himame.

Lafti hektaara 47 ta’u kun konkolaattota poolisiitiin marfamee kan eeggamaa jiraachuudha kan eerame.

Warshaan keemikaalaa bara 2019 hojii eegale kun, qoricha farra aramaa fi keemikaalota yaalaaf oolu akka omishu himameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Sooressi addunyaa kanaa Elon Maask bulchiinsa Tiraamp gadhiisuun isaa ibsame.

Eloon Maask bulchiinsa Doonaald Tiraamp keessatti caasaa baasii mootummaa hir'isu hogganuun hojii mootummaa Federaalaa baayyee hir'isuun booda Waayit Haawus gadhiisuuf ta’uu beeksise.

Maask miidiyaa hawaasummaa dhuunfaa isaa X irratti ergaa qoode kanaa, Tiraamp hoggansa Damee Bu'aa qabeessummaa Mootummaa (Department of Government Efficiency - DOGE) akka gargaaaru carraa isaa kennuu isaaniif galateeffateera.

Roobii kana galgala Waayit Haawus Maaskiin akka hojjetaa addaatti geggeessuu jalqabuusaa BBCn gabaaseera.

Gaheen hojiisaa kan yeroo murtaahaa ta’us, hojii gadhiisuunsaa kan dhagahme garuu guyyaa tokko dura Maask seera wixinee Tiraamp qeequun booda jedhameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2025/05/29 23:37:57
Back to Top
HTML Embed Code: