ODUU:
Israa’eel Gaazaatti guyyoota 60’f dhukaasa dhaabuuf waliigalte.
Israa’eel Gaazaatti guyyoota 60’f dhukaasa dhaabuuf haala duree dandeessisan raawwachuuf waliigalte jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.
Ameerikaan waraanaa Gaazaatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin hojjechaa jirti jedhan Pireezidaanti Tiraampi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Hamaas waliigalticha akka fudhatu abdiin qaba jedhan.
Hamaas yaadicha yoo hin fudhanne garuu rakkichi caalmaatti cimuu akka danda’u hubachiisan.
Israa’eel adeemsa dhukaasa dhaaburratti waliigaluu ishee mirkaneessuu baattus aanga’oonni Hamaas garuu waraanicha dhaabuuf ulaagaan guunnan waliigaluuf qophii ta’uu dubbachuu BBCn gabaaseera.
Ministirri Dhimma Alaa Israa’eel Geeddiyoon Saa’ar gama isaaniin, gama mootummaan ugguramtoota gadi lakkisiisuuf fedhii olaanaan jiraachuu eeruun, carrichatti sirnaan fayyadamuun murteessaa ta’uu kaasan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

Magaalichatti barattoonni qormaata kutaa 6ffaa sadarkaa magaalaa fudhatan % 95 kutaa itti aanuutti darban.
Magaalaa Finfinneetti barattoota qormaata kutaa 6ffaa sadarkaa magaalaa bara 2017 fudhatan keessaa % 95 kutaa itti aanuutti darban jedhe Biiroon Barnootaa magaalichaa. Biirichi bu’aa qabxii qormaata kutaa 6ffaa sadarkaa magaalaa har’a ifoomseera. Barattoota qormaaticha qoraman kuma 79.34 keessaa kumni 75.85 qabxii darbiinsaa argachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee himan.

ABDII SABAA
ODUU: Du’a Qananii Addunyaan shakkamee hidhaarra kan ture Artist Adu’aalam Gosaa ji’a sadii booda gadhiifamee jira. Du’a jaalallee isaa kan turte shamarree Qananii Addunyaan shakkamee ji’a Bitootessa darbe poolisii magaalaa Finfinneen kan to’atame Artist…
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Du’uu Qananii Addunyaan walqabatee yeroo ammaa fuula TiikTookii Ishee duraanii irratti viidiyooleefi suuraawwan gadhiifamaa kan jiran yommuu ta’u , abbaan gadhiisaa jiru maaloo nu deeggaraa ergaa jedhu dabarsee jiraachuu odeessaaleen nu qaqqaban mullisaa jiru.
Akkuma viidiyoo armaan olii irratti mullatutti ragaawwan Qananiin Addunyaa miidhaa garaa garaa simachaa turuu, toora miidiyaa hawaasummaa Tiiktookii irratti gadhiifamuu itti fufee jira.
Du’a Qananii Addunyaan shakkamee hidhaarra kan ture Artist Adu’aalam Gosaan Kibxata, Waxabajjii 10, 2025 wabiidhaan hidhaarraa gadhiifamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Akkuma viidiyoo armaan olii irratti mullatutti ragaawwan Qananiin Addunyaa miidhaa garaa garaa simachaa turuu, toora miidiyaa hawaasummaa Tiiktookii irratti gadhiifamuu itti fufee jira.
Du’a Qananii Addunyaan shakkamee hidhaarra kan ture Artist Adu’aalam Gosaan Kibxata, Waxabajjii 10, 2025 wabiidhaan hidhaarraa gadhiifamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Marsaan_Jalqabaa_Xumurame
Qormaatni seensa dhaabbiilee barnoota ol'aanoo saayinsii uumamaa marsaan jalqabaa guyyaa 3diif kennamaa ture nagayaan xumurame.
Marsaan jalqabaa qormaatichaa rakkoo sistamaa fi dhadhaabbachuu ifaa irraa kan hafe qorumsichi nagayaan xumure.
Barattoonni qoramaa turaniis nagayaan gara iddoo irraa dhufanii galuu eegalanii jiran. Marsaan 2ffaa qormaatichaa barattoota saayinsii uumaamaa boru irraa eegaluun guyyoota sadiif kennamuu kan itti fuufu taha.
Qormaatni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa kun online fi waraqaan kennamaa itti fuufun hanga Adoolessa 08/2017 tti kan xumuramu taha.
Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

#GERD 🇪🇹
" Fulbaana keessa roobni yeroo dhaabbatu Hidha Haaromsaa ni eebbifna!!! "
Ministirri Muummee Abiy Ahmad (Dr.) waa'ee Hidha Haaromsa Guddichaa irratti "Hidhi Haaromsaa dhumeera. ni eebbifna. osoo hin eebbifamin 'yoo ni jeeqne' jedhanii yaadan hin milkaa’u" jedhan.
Akka muummichi ministeeraa jedhanitti “Hidhi Haaromsaa amma akka hin eebbifamne wanti dhorku hin jiru. Boru yeroo ganni xumuramu ni eebbifama.
Biyyoota gara gadiitiif dhaamsi ani qabu, Hidhi Haaromsaa Sudaaniif eebba, Hidhi Haaromsaa Masriif eebba. Tasumaa isaan hin miidhu. Misoomni Itoophiyaa keessa jiru guddina isaaniiti. Anniisaan Itoophiyaa keessatti argamu ollaa hundaaf dhaqqaba.
Qabeenya waloo keenyaati;”

Taphataan Liivarpuul Diyaagoo Zhoottan du'aan addunyaa kanarraa boqate
Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaleessa Poorchuugaalii fi Liivarpuul Diyaagoo Zhoottan balaa konkolaata isa muudateen du'e.
Tibbana cidha isaarra kan ture dargaggeessi ganna 28 kun, balaa konkolataa Ispeen kutaa Zaamooratti isa muudateen du’uudha kan himame.
Obboleessi isaa Andiree jedhamus balaadhuma konkolaataa kanaan du'uun himameera.

ODUU: Taphataan Liivarpuul Diyaagoo Zhoottan du'aan addunyaa kanarraa boqate Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaleessa Poorchuugaalii fi Liivarpuul Diyaagoo Zhoottan balaa konkolaata isa muudateen du'e. Tibbana cidha isaarra kan ture dargaggeessi ganna…
ODUU:
Ministirri Muummee Biriitaaniyaa Keer Istaarmar fi Kiristiyaanoo Roonaaldoo du'a Diyaagoo Zhootaaf gadda itti dhagahame ibsan
Taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul Diyaagoo Zhootaa balaa konkolaataatiin du'uu isaa hordofee namoonni hedduun gadda itti dhagahame ibsaa jiru.
Dursaan garee biyyaalessaa Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoo maatii, haadha warraa, ijoollee fi deeggartoota Zhootaaf jajjabina hawweera.
Taphataan sarara fuulduraa Al-Nasr Roonaaldoon, garee biyyaalessaa Poorchuugaal keessatti Zhootaa wajjin taphateera.
Ministirri Muummee Biriitaaniyaa Keer Istaarmar, taphataan lammii Poorchugaal akka tasaa du'uu isaatti gadda itti dhagahame ibsaniiru.
Taphattoonni fi deeggartoonnis du'aatii tasaa Diyaagoo Zhootaatiin gadda itti dhagahame ibsaa jiru.
Obboleessa isaa quxisuu wajjin kan du'e Diyaagoo Zhootaan, abbaa ijoollee sadii ture.

Araenaal taphataa akkaan barbaadamu Maartiin Zuubimeendiin tibbana mallatteeffate
Arsenaal sarara gidduurratti utubaa amantaa irra godhatu waan argate fakkaata.
Yeroo ammaa kana addunyaarratti taphataa ittisa sarara gidduu jira jedhamu, Maartiin Zubimendii, Riyaal Soosidaan irraa Paawondii milyoona 60n fudhateera.
Waliigalteen kun Amajji darberraa kaasee eeggamaa kan turedha.
Taphataa sammuun guddaan kennameefidha jechuun dubbate gaazexeessaan Ispeen Roobertoo Ramaajoo.
Zubimendiin dirree keessatti wantoota namoonni kaan arguu hin dandeenye arga jedheera gaazexeessichi.
Taphataa idil-addunyaa Ispeen kan ta'e Zubimendiin, yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 26 guuteera.
Taphataan kun bara darbe Liiverpuul fudhachuuf isa gaafatee jennaan didee, amma morkii shaampiyoonummaa Piriimiyer Liigiin masaanuu isaa kan ta'e Arsenaalitti makameera.
Arsenaal keessatti Zubimendiin Dekilaan Raayisii fi Maartiin Odegaard waliin ta'uun, sarara gidduurratti jara sadan eegaman jedhamuuf jiru.

Lakkoofsi namoota balaa lolaa Teeksaasin du’anii 82 qaqqabe
Lakkoofsi namoota balaa lolaa Ameerikaa bulchiinsa Teeksaasitti mudateen du'anii 82 qaqqabeera.
Namoota lubbuun darban keessaa 28 daa’imman ta’uun ibsameera.
Balichaan namoonni hedduunis achi buuteen isaanii dhabamuufi hojiin lubbuu baraaruu itti fufuu aanga’oonni bulchiinsichaa eeraniiru.
Akka Tajaajilli Raaga Haala Qilleensaa biyyattii beeksisetti, bakkeewwan giddugaleessa bulchiinsa Teeksaasitti hangi roobaa olaanaan ni eegama.
Kana hordofee sa’aatiiwwan itti aananitti balaan lolaa walfakkaataan mudachuu akka danda’u tajaajilichi akeekkachiisuu CNN gabaaseera.

Aanaa Gursumitti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 6 darbe.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe.
Balaan kun konkolaataan deddeebisaa uummataa aanaa Gursum magaalaa Funyaan Biraa irraa imaltoota fe'ee gara magaalaa Jijjigaatti imalaa ture Baajaaji waliin walitti bu'uun kan mudate ta'uu Waajjira Poolisii Aanaa Gursumitti Itti Gaafatamaan Kutaa Ittisa Yakkaa Itti Aanaa Inispeektaraa Turii Dirribaa FMC tti himaniiru.
Balichaan lubbuun namoota Baajaajii keessa turanii 6 battalumatti darbeera.
Ka’uumsi balichaa ariitiin konkolaachiisuu akka ta’ee himameera.