Telegram Web
ODUU:

Du’a Qananii Addunyaan shakkamee hidhaarra kan ture Artist Adu’aalam Gosaa ji’a sadii booda gadhiifamee jira.

Du’a jaalallee isaa kan turte shamarree Qananii Addunyaan shakkamee ji’a Bitootessa darbe poolisii magaalaa Finfinneen kan to’atame Artist Andu’aalam Gosaa Kibxata, Waxabajjii 10, 2025 waaree booda wabiidhaan hidhaarraa gadhiifamuu abukaatoon isaa hime.

Abukaatoon isaa Obbo Liiban Abdii akka jedhanitti, qorannoon poolisii gaggeessaa ture erga xumurameen booda Abbaan Alangaa guyyaa 15 kennameef keessatti himata waan hin banneef ol’iyyannoo qaama bilisa baasuu  gaafataniin maamilli isaanii wabii qarshii 50,000n gadhiifameera.

Haata’u malee galmeen guutummatti cufamuu akka hin mirkanoofne himan. “Abbaan Alangaa guyyaa kennameef keessatti himata hin banne, yookaan bu’aan qorannoo poolisii himata banuuf gahaa mitii jedhee galmee hin cufne. Kanaaf murtiin abbaa alangaatu eegamaa jira” jedhan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
623👍105💔55😢43👏23🥰9😁9🤯7😱6🔥5
#Exit_Exam

Barsiisota leenjii yeroo bonaa hordofaa turan keessaa namoonni 5,521 ta’an qormaata bahiinsaa ni fudhatu jedhameera. ~Ministira Barnootaa

Barsiisonni kunneen leenjii yeroo bonaa kan kan gara garaa dhaabbilee barnootaa olaanoo mootummaa keessatti hordofaa turan. Leenjii kana booda, qormaanni bahinsaa isaaniif kan kennamuu ni taha jedhamee ibsameera.

Qormaanni kun Waxabajjii 10/2017 A.L.A. tti, kutaalee qormaataa 35 keessatti kan gaggeeyfamu akka tahe itti gaafatamaa ol’aanaa dhimma akkaadaamikii Ministeera Barnootaa Dr Eebbaa Mijeenaa ibsanii jiru.

Barsiisoonni barnoota sagantaalee 24 irratti leenji’an qormaata kana akka kana akka fudhatan himamee jira.

Barsiisoonni yeroo gara bakka qormaataa deemaniitti kaardii eenyummaa biyyooleessaa (ID) ofii qabachuu qabuus jedhamee jira. Akaksumaas Akkaataa qajeelfama qormaataa Ministira Barnootaa qopheesseen sirnaan of qopheessuu fi qajeelfama kabajuu qabu.

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
490👍83😁47🥰24😱6🤯4👏3😢2🙏1
ODUU:

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaan Waxabajjii 22, 2017 gaggeeffama.

Guyyaa Yaadannoo Wareegamuu waggaa 5ffaa fi Badhaasaa Haacaaluu Hundaassaa marsaa 4ffaa ilaalchisee Boordiin Faawundeeshinii Haacaaluu ibsa kenneera.

Faawundeeshinichi gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabameera jedhe boordichi.

Hojiileen kunneen ogeeyyii fi abbootii murtee kan calalaman ta’uu eerame.

Adeemsi filannoos % 90 ogeeyyiin, % 10 ammoo ummataan ta’uu boordichi ibsa kenneen himeera.

Badhaasni umurii guutuu fi addaas ni jiraata jedhe boordichi.

Sirboonni badhaasaaf dhiyaatan sirboota Bitootessa 22,  2016 hanga hanga Bitooteessa 21, 2017tti hojjetaman ta’u jedhame.

Har’aa eegalee kaadhimamtoonni miidiyaalee hawaasummaarratti waan dhiyaataniif ummanni sagalee akka kennu faawundeeshinichi waamicha dhiyeesseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
1459👍86🥰17🤯17👏8🙏4😱1💘1
ODUU:

Xiyyaarri Hindii imaltoota 242 fe’ee imalaa ture kufe.

Xiyyaarri Hindii  Ahimadaabaad irraa imaltoota 242 fe’ee gara Landanitti imalaa ture kufuun gabaafame.

Xiyyaarri Booyiing 787- 8  Hindii buufata xiyyaaraa Ahimadaabaad irraa akkuma ka’een kufuu BBCn gabaaseera.

Imaltoota xiyyaarichaan imaalaa turan keessaa 169 lammiilee Hindii, 53 lammiilee Ingiliz, 7 lammiilee Poorchugaal, 1 lammii Kaanaadaafi lammiileen biyyoota biroos akka turan ibsameera.

Miidhaa balichaan  qaqqabe ilaalchisee odeeffannoon dabalataa hanga ammaatti hin ibsamne.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
😭624403👍70💔52😢41🔥28😨26😱25🤯19👏9
ODUU:

US Ameerikaan misaa'ela Iraan Israa'eliiti dhukaafte irraa qolachuuf Israa’el tumsuu beeksifte.


Waraanni US Ameerikaa misaa’ela Iraan Israa’elitti dhukaafte irraa qolachuuf gargaareera jedhan qondaaltonni Ameerikaa lama.

Iraan galgala kana Misaa’ela Baalistikii 150 ta’an Israa’elitti dhukaasuun himameera.

Misaa’eloota Iraan dhukaafte kanaan magaalaa Tel Aviv, bakkeewwan adda addaatti ibidda qabate dhaamsuuf hojjettoonni ittisa balaa ibiddaa bobbaafamuun tattaaffii gochaa jiru jedhameera.

Haleellaa misaa’elaa Iraan kanaan yoo xiqqaate lammiileen Israa’el 40 kan miidhaman ta’uu fi isaan keessaa ammoo namni lama akka malee midhamuu, TRTn gabaaseera.

Haleellaa Iraan raawwatte kana booda ibsa kan kennan Ministirri Ittisaa Israa’el Izraa’el Kaatiz, Iraan sarara dimaa waan dabarteef kanaaf ammoo gatii ni baafti jechuu isaanii, BBCn gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
386👏70😁58😭45👍36
Oduu

Waxabajjii 7/2017

Godina jimmaa aanaa saqqaa coqorsaa Ganda bakkee guddootti jiraattootni rakkoo neetwoorkiif rakkachuu dubbatan.

Bara neetwoorkiin ammayyaa biyya keenya walgahee jirutti jiraattoonni godina jimmaa aanaa saqqaa coqorsaa Ganda bakkee guddoo rakkoo neetwoorkiif jecha bilbilaan waldubbisuu dadhabnee gaaraaf muka gubbatti dararamaa jirra jechuun komii isaanii miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himan.

Ganda bakkee guddoo tti sararri ibsaafi bishaanii erga diriire bubbulee haa jiraatu malee hanga ammaatti hawaasni gandicha tajaajila ibsaa fi neetwoorkiif akka dheebochaa jiran dubbatan.

Bara teekinooloojiin magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa hunda walgahu jirtu kanatti nuti jiraattootni gandichaa rakkoo neetwoorkii hamaa keeysa jirra jedhan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
249👍42😁15😢7🤯6
ABDII SABAA
ODUU: US Ameerikaan misaa'ela Iraan Israa'eliiti dhukaafte irraa qolachuuf Israa’el tumsuu beeksifte. Waraanni US Ameerikaa misaa’ela Iraan Israa’elitti dhukaafte irraa qolachuuf gargaareera jedhan qondaaltonni Ameerikaa lama. Iraan galgala kana Misaa’ela…
ODUU:

Misaa'ela Iraan kallattiidhaan giddu galeessa Israa'elitti dhukaafteen namoonni lama jalaa ajjeefamuu Israa’el beeksifte.

Misaa'elli Baalaastikii Iraan halkan edaa kallattiidhaan giddu galeessa Israa'elitti dhukaafte yoo xiqqaate nama lama jalaa ajjeessuu Israa’el beeksifte.

Haleellaa miisaa’ela Iraan kanaan kanneen ajjeefaman malees yoo xiqqaate lammiileen Israa’el 20 miidhamuudha kan gabaafame.

Israa'el 20 haa jettu malee namoonni haleellaa kanaan miidhaman 40 akka ta'an beeksifteetti.

Iraan gama isheetiin haleellaa Israa’el ishee irratti raawwatteen qondaaltota waraanaa buleeyyii dabalatee namoonni 78 jalaa ajjeefamuu beeksifteetti.

Kanneen ajjeefaman malees lammiileen ishee 320 ol miidhamuudha kan eerte.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
491😭112👍62😁46😢33👏28💔14🥰13🔥11🫡11
ODUU:

🇮🇱 Israa'el ganama kana lixa Iraan haleeluu ibsite, dirooniiwwan Iraan torba rukuttee buuste.

Israa'elii fi Iraan qilleensarraan wal haleeluu itti fufaniiru. Erga halkan edaa Iraan misaa'eloota hedduu gara Israa'elitti dhukaastee booda sochiin waraanaa Israa'el kutaalee Iraan keessatti dabalaa jiraachuu dhagahaa jirra.

Humni waraanaa Israa'el ganama kana haleellaa qilleensaa ''iddoo kuusaa fi misaa'eloonni Iraan irraa dhukaafaman,'' irratti raawwachuu ibseera.

Kuusaan misaa'elaa kun Lixa Iraanitti kan argamu ta'uu waraanni Israa'el karaa toora Telegram ibse.

Humni waraanaa Israa’el dirooniiwwan nam-maleeyyii (UAV) torba osoo gara Israa’el balal’iaa jiranii rukutee buusuus ibseera.

Dirooniiwwan kunneen humna qilleensaa fi humna galaanaa biyyattiitu buuse jedhe waraanni Israa’el.

Daawwadhaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
413😁64👍47😨21🕊13👏9🔥8🥰3🤯3
ODUU:

Tiraamp mormuudhaan US Ameerikaatti hiriirtonni kumaatamaan daandiitti bahan

Magaalota US Ameerikaa garaa garaa keessatti Pirezidaant Donaaldi Tiraamp irratti mormiin bahame.

Hiriira mormii kanas garee ''No kings'' jedhamutu qopheesse.

Waashingitan Diisiitti Tiraamp agarsiisa waraanaa geggeessuun guyyootaan booda hiriirri mormii imaammata godaantotaa mormu taasifameera.

Seera baaftonni, hoggantoonni gamtaalee fi rogeeyyiin magaalawwan Niiw Yoork, Fiilaadeelfiyaa fi Iyuustan jiran alaabaa US Ameerikaa mirmirsaa fi dhaadannoo Tiraampiin mormu agarsiisaa turan.

Agarsiisni waraanaa Sanbata kana gaafa guyyaa dhalootaa Tiraamp irratti hundaahuun waraana US Ameerikaa waggaa 250ffaa ilaalchisuun qophaaheera.

Mormiin kamiyyuu agarsiisa kanarratti mul'annaan humna cimaadhaan deebiin ni kennamaaf jechuun Tiraamp akeekkachiisaniiru.

Akka qindeessitoonni jedhanitti, mormitoonni miiliyoonaan lakkaawwaman hirmaataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
287👍209👏21🤯18🔥14🤬10👌5🆒5❤‍🔥4😱3🥰2
ODUU:

Pirezidaant Erdogaan Siiriyaan waldhabdee Israa’elii fi Iraan keessa akka hin seenne dhaaman


Pirezidaantiin Turkiyye Resip Xayyib Erdogaan Siiriyaan waldhabdee Israa’elii fi Iraan gidduu jiru keessa akka hin seenne dhaamaniiru.

Pirezidaant Erdogaan marii bilbilaan pirezidaantii Siiriyaa Ahimad Al-Shaaraa waliin waa’ee walitti bu’iinsa Israa’eelii fi Iraan, dhimmoota naannoo akkasumas idil-addunyaa irratti mari’ataniiru.

Marii isaanii irratti Siiriyaan nageenya daangaa cimsuu fi humni ittisaa ishee saffisaan deebii kennuu akka danda’u gochuu akka qabdu ibsaniiru.

Keessattuu Pirezidaantichi waldhabdee biyyoota lamaan gidduu jirutti fayyadamuun sochii gareewwan finciltootaa naannicha keessatti raawwataman ciminaan ilaalamuu akka qabu ibsun isaanii gabaafameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
270👍31😁18👏15😭9🥰1
ODUU:

“Hanga dhumaa afuura keenyaatti birmadummaa Iraan ni eegsifna”– Shuumii Itaamaajorii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Iraan

“Loltoota keenya jagnoota lubbuu isaaniif hinseesne waliin hanga dhumaa afuura keenyaatti birmadummaa Iraan ni eegsifna” jedhan Shuumiin Itaamaajorii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Iraan Mejer Jeneraal Amiir Haataamii.

Mejer Jeneraal Amiir Haataamii, itti gaafatamummaa itti ramadaman bahuudhaafis qophii ta’uu ergaa qoodaniin eeraniiru.

Hoggantoota waraanaa Iraan haleellaa Israa’eliin guyyoota muraasa dura ajjeefamaniif gadda itti dhagahames ibsaniiru.

Haleellaa Israa’eliif deebii quubsaa kennuudhaaf tarkaanfiiwwan fudhatamaniif kutannoo qabaachuus eeran.

Kana malees humni ittisa Iraan waan isarraa eeggamu guuttachuudhaan dandeettii loluu isaa cimsachuuf kan hojjetu ta’uu, Mejer Jeneraal Amiir Haataamii himuu isaanii, tajaajilli oduu Iraan gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
463😁73👍42🔥29😢14🤯3
ABDII SABAA
ODUU: “Hanga dhumaa afuura keenyaatti birmadummaa Iraan ni eegsifna”– Shuumii Itaamaajorii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Iraan “Loltoota keenya jagnoota lubbuu isaaniif hinseesne waliin hanga dhumaa afuura keenyaatti birmadummaa Iraan ni eegsifna” jedhan…
Imbaasiin Ameerikaa Israa’el keessatti argamu Misaayilii Iraaniin barbadaa’uun gabaafame.

Addunyaan ija itti deebisee kan jiru baha giddu galeessaatti waraana abbootii humnaa lamaanii Iraaniifi Israa’el haala yaaddeessaa irra ga’ee jira.

Gabaasa dhiheenya ba’een Imbaasiin Naannoowwan Gamtoomanii Ameerikaa barbadaa’uu gabaafameera.

Muummichi Ministeera Israa’el Neteniyaahuun bu’uurota Iraaniin barbada’an kan daawwatan yommuu ta’u, “Kanaafitu Iraan Humna Nuukileera akka isheen hin qabaanne barbaanne, osoo qabaattee waan ishiin gootu ilaalaa” jechuun dubbataniiru.

Israa’el gama isheetiin haleellaa jabaa taasisti jedhamee eegamaa jira.

Tibba kana haleellaa Israa’el eegalteen waraana eegalame kana addunyaan gurraaf qalbii kennee hordofaa jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
297👍55😭23👏18🔥15🤯8🕊3
ODUU:

US Itoophiyaa dabalatee lammiilee biyyoota 36 irratti uggura imala kaa'uufi Jedhame.

Bulchiinsi Traamp Itoophiyaa,Masrii fi Naayijeeriyaa dabalatee lammiileen biyyoota 36 Ameerikaa akka hin seenne dhorkuuf yaadaa akka jiru sanadni keessoo Ministeera Dhimma Alaa Rooyitars fi Waashingitan Poostiin argan ni mul’isa.

Sanadni Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon mallattaa’ee fi dippilomaatotaaf kan qophaa’e kana irratti  biyyoota 36 lammiileen isaanii ugguruuf yaadame kan tarreefaman yoo ta’u akkasumas sirreeffama biyyoonni kunneen uggura kana keessaa ba’uuf godhuun irraa eegamu tarreesse of keessatti hammateera.

Sanadni kun biyyoota lammiileen isaanii uggura imala guutuu ykn gartokkee ta’e adda baasuun rakkoo isaan mudatu kaa’uun biyyoonni kunneen uggurri kun hojiirra ooluu isaa dura Ulaagaa fi sirreeffama barbaachisaa ta’e akka godhan ji’a lama akka kennamu hubachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
241😁71👍20😢14🤯10😱7🔥5🥰3👏1
ODUU:

Qormaata hannarraa bilisa gochuun dhaloota dorgomaa ta’e horachuuf murteessadha Jedhan Piroofesar Birhaanuu Naggaa.

Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa hannarraa bilisa gochuun dhaloota bu’aa qabeessaa fi dorgomaa ta’e horachuuf murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan.

Adeemsa kenniinsa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 ilaalchisee qaamolee nageenyaa waliin mariin taasifameera.

Hoggantoonni Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa,Komishinaroonni Poolisii Federaalaa, hoggantoonni Biiroolee Bulchiinsaaf Nageenyaa naannolee, bakka buutoonni Bulchiinsa Odeeffannoo biyyaalessaa fi Pireezidaantiwwan Yuunivarsiitiwwan maricharratti argamaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuun qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa xiyyeeffannoon kennuun dhaloota fooyya’aa horachuuf ta’uu eeruun, qormaaticha hannarra bilisa gochuun dhaloota dorgomaa fi bu’aa qabeessa ta’e uumuun murteessadha jedhan.

Kana milkeessuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka bahatan gaafataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
273👍36😁19🏆10👏9🤯6🤩4😭1
ABDII SABAA
Imbaasiin Ameerikaa Israa’el keessatti argamu Misaayilii Iraaniin barbadaa’uun gabaafame. Addunyaan ija itti deebisee kan jiru baha giddu galeessaatti waraana abbootii humnaa lamaanii Iraaniifi Israa’el haala yaaddeessaa irra ga’ee jira. Gabaasa dhiheenya…
“Israa’eliin humna Nuukileeratiinan barbadeessa” paakistaan.

Humna Nuukileeraa hidhattee kan jirtu Paakistaan Israa’el Tehraan irratti humna Nuukileeraa fayyadamnaan Israa’eliinan barbadeessa jette.

Qondaalli Iraan Jeneraal Muhsin Reezeen Paakistaan Israa’el humna Nuukileera fayyadamnaan humna Nuukileeraa irrattin fayyadama jechuu Interviwuu taasifameef irratti himaniiru.

Paakistaaniifi Israa’el biyyoota saglan humna Nuukileeraa hidhatanidha.

Qondaalichi dabaluun addunyaa Islaamaa israa’el irratti akka gamtooman paakistaan dhaamuu dubbatan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
454😁82👍67🤯19💔19😱18😢12😭7🥰5
ABDII SABAA
“Israa’eliin humna Nuukileeratiinan barbadeessa” paakistaan. Humna Nuukileeraa hidhattee kan jirtu Paakistaan Israa’el Tehraan irratti humna Nuukileeraa fayyadamnaan Israa’eliinan barbadeessa jette. Qondaalli Iraan Jeneraal Muhsin Reezeen Paakistaan Israa’el…
Oduu Ammee

Beenjaamiin Neetaniyaahuun naannoo qilleensa Teehraan to’achuu beeksisan.

Ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ibsaniin Neetaniyaahuun Samaayii Teehraanii to’anneerea jedhan.

Israa’el bakkoota barbaachisoo haleeluun kan baanu ta’a jechuu ishee miidiyaaleen gabaasaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
399😁83👍56😱30🥰18🔥14🙏10🕊10😢8👏7
ODUU:

Israa'el haleellaa TV Iraan irratti raawwatteen namni du'uun gabaafame

Israa'el haleellaa TV Iraan irratti raawwatteen namni du'uun gabaafameera.

Haleellaa Israa'el gamoo TV mootummaarratti raawwatteen hojjentaan isaa du'uu dhaabbanni Televizhinichi beeksiseera.

Hogganaan TV kanaa Pemaan Jebelii TV mootummaarratti dhihaachuun warqaa dhiigni xuqe agarsiiseera.

TVn Iraan otoo kallattiidhaan tamsaasaa jiruu caccabaan gamoo Istuudiyoo keessatti kufeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
379😢86👍43😁34🤯34😱14🥰10🤝7🤗6🫡3
ODUU:

Ergaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo Pirezidaant Tiraampiif dabarse.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo waraana Israa’elii fi Iraan gidduutti hammaachaa dhufe ilaalchisee Pirezidaantii US Ameerikaa Doonaald Tiraampiif ergaa dabarse.

Baaloon D'Or yeroo shan kan injifate Kiristiyaanoo Roonaaldoo, muddamni biyyoota lamaanii gidduu jiru akka furamu, “nageenyi addunyaaf” ergaa jedhu pirezidaant Tiraampiif erguun isaa himameera.

Pirezidaanti Doonaald Tiraamp gama isaaniitiin, ergaan hineegamne "taphni nageenyaaf” jedhu Kiristiyaanoo Roonaaldoo irraa isaan dhaqqabuu himan.

Uffata Ispoortii garee biyyaalessaa Poorchugaal irrati Roonaaldoo kan mallatteesse Pirezidaantiin Mana Marii Awurooppaa Antooniyoo Koostaatti kennaniiru.

Bakka bu’aan paartii Rippabilikaan ammoo kan Roonaaldoon irratti mallatteesse kana kan harkaa fuudhan yoo ta’u, bakka bu’aan kun yeroo ammaa walgahii G-7tiif Kaanaadaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
362👍12🔥10🕊7🤝6🥰4🤩4🤯1
2025/07/14 10:58:37
Back to Top
HTML Embed Code: